LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w11 4/1 ful. 21
  • Gaaʼelli Hedduun Kan Diigamu Maaliifi?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gaaʼelli Hedduun Kan Diigamu Maaliifi?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Wal Hiikuudhaaf Ilaalcha Akkamii Qabu?
    Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
  • “Wanta Waaqayyo Walitti Hidhe” Kabajaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • “Wanta Waaqayyo Walitti Hidhe . . . ”
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
w11 4/1 ful. 21

Gaaʼelli Hedduun Kan Diigamu Maaliifi?

‘Fariisonni gara Yesus dhufanii isa qoruudhaaf, “Namni tokko sababiidhuma halleen haadha manaa isaa baasuun seeraa?” jedhanii gaafatan.ʼ—Maatewos 19:3.

NAMOONNI bara Yesus turan tokko tokko, gaaʼelli hamma dhumaatti itti fufuu kan dandaʼu ykn itti fufuu kan qabu taʼuunsaa isaan shakkisiisa ture. Yesus jara kanaan akkas jedheera: “Waaqayyo inni jalqabatti isaan uume ‘Dhiiraa fi dubartii akka uume’ hin dubbifnee ree?” jedhe. Itti dabalees, “‘Sababii kanaaf dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in taʼu.’ Egaa isaan lama miti, foon tokko malee; kanaafis waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin!”a (Maatewos 19:4-6) Waaqayyo gaaʼelli akka itti fufu kaayyoosaa akka taʼe ifadha.

Yeroo harʼaa biyyoota hedduu keessatti, hiriyoota gaaʼelaa hunda keessaa harki 40⁠ni ykn isaa ol kan taʼan wal hiikuudhaan ‘gargar baʼu.’ Gorsi Macaafni Qulqulluun gaaʼela ilaalchisee kennu kan yeroon itti darbedhaa? Gaaʼelli hedduun kan diigamu, qophiin gaaʼelaa hanqina waan qabuuf taʼuu dandaʼaa?

Mee fakkeenya kana ilaali: Haati manaafi abbaan manaa tokko konkolaataa moodeellisaa kan haadha manaafi abbaa manaa kan biraa wajjin wal fakkaatu bitatan. Hiriyoonni gaaʼelaa warri jalqabaa konkolaataasaanii sirriitti qabu, akkasumas of eeggannoodhaan oofu. Kanaan kan kaʼes konkolaataansaanii hin cabne. Hiriyoonni gaaʼelaa warri lammaffaan garuu konkolaataasaanii sirriitti qabuuf yeroofi humnasaanii hin baasne; of eeggannoodhaanis hin oofan. Kanaan kan kaʼes konkolaataansaanii caccabee tajaajilaan ala taʼe. Rakkina uumame kanaaf balleessaan kan eenyuuti? Kan konkolaatichaatimoo, kan abbaa konkolaatichaati? Abbaa konkolaatichaarra itti gaafatamummaa guddaan akka jiru beekamaadha.

Haaluma wal fakkaatuun, gaaʼelawwan hedduun diigamuunsaanii, dhaabbanni gaaʼelaa hamma tokko hanqina akka qabu kan argisiisu miti. Gaaʼelawwan miliyonaan lakkaaʼamaniifi milkaaʼina argatan, kun dhugaa taʼuusaa mirkaneessu. Gaaʼelawwan akkasii, namootaaf, maatiiwwaniifi hawaasaaf gammachuufi tasgabbii argamsiisu. Haataʼu malee, gaaʼelli hamma dhumaatti akka itti fufu yoo barbaadame, akkuma konkolaataa akka gaariitti qabamuufi yeroo hunda kunuunfamuu qaba.

Gaaʼela erga godhattee guyyoonni muraasnis taʼe, waggoonni kudhaniin lakkaaʼaman kan darban yoo taʼe, gorsi Macaafni Qulqulluun gaaʼelli akkamitti qabamuufi jabeeffamuu akka dandaʼu kennu dhugumaan faayidaa qaba. Fakkeenyota fuulawwan itti aananirratti argaman tokko tokko hubadhu.

[Miiljalee]

a Macaafni Qulqulluun, sababii ejjaatiin wal hiikuu ni heyyama.—Maatewos 19:9.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi