Sababii Sobaa Dhiheessuudhaan Of Hin Gowwoomsinaa
HEWWAAN muka dhorkamerraa erga nyaattee booda Waaqayyo, “Wanti ati goote kun maal inni?” jechuudhaan ishee gaafate. Isheenis, “Bofichi na sossobnaanan nyaadhe” jettee deebiste. (Uma. 3:13) Seexanni, bofichi haxxeen Hewwaan Waaqayyoof akka hin ajajamne godhe, yeroo booda ‘bofa bara durii, isa guutummaa biyya lafaa wallaalchisu’ jedhamee waamameera.—Mul. 12:9.
Seenaan macaafa Uumamaarra jiru kun, Seexanni, haxxee akka taʼeefi nama waa naannessee hin yaanne tokko gowwoomsuuf dhugaa jalʼisee akka dhiheessu ibsa. Hewwaan gowwoomsaa Seexanaatiin moʼamteetti. Haataʼu malee, kan nu gowwoomsu Seexana qofa akka taʼetti yaaduu hin qabnu. Macaafni Qulqulluun, ‘Sababii sobaa dhiheessuudhaan of gowwoomsuunis’ balaa akka qabu akeekkachiisa.—Yaq. 1:22, NW.
Of gowwoomsuun hin dandaʼamu jennee yaanna taʼa. Haataʼu malee, Waaqayyo dhimma kana ilaalchisee akeekkachiisa ifa taʼe kan kenne sababii malee miti. Kanaafuu, of gowwoomsuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼeefi sababiin sobaa karaarraa nu maqsuu dandaʼu kan akkamii akka taʼe qoruun keenya gaariidha. Gama kanaan seenaan Macaafa Qulqulluu keessa jiru tokko nu gargaaruu dandaʼa.
Namoota Of Gowwoomsanii Turanirraa Barumsa Akkamii Arganna?
Dh.K.D. naannoo bara 537tti, Qiiros Guddichi inni Faaresiin bulchaa ture, Yihudoonni boojuudhaan Baabilonitti geeffaman Yerusaalemitti deebiʼanii mana qulqullummaa akka ijaaran labsii baasee ture. (Iz. 1:1, 2) Waggaa itti aanutti, akka kaayyoo Yihowaatti, mana qulqullummaa haaraa ijaaruuf hundeesaa kaaʼan. Namoonni biyyasaaniitti deebiʼan kun, Yihowaan hojii ijaarsaa barbaachisaa taʼe kana jalqabumaa waan isaanii eebbiseef gammadaniiru, akkasumas isa jajataniiru. (Iz. 3:8, 10, 11) Haataʼu malee utuu hin turin, ijaarsa isaan geggeessan kanarratti mormiin waan kaʼeef sabichi ni sodaate. (Iz. 4:4) Biyyasaaniitti erga deebiʼanii gara waggaa 15 booda, abbootiin taayitaa Faares ijaarsi Yerusaalemitti godhamu hundi akka dhaabatu abboommii baasan. Abboommii baʼe kana raawwachiisuuf, gurguddoonni biyyaa gara Yerusaalem dhufanii “Yihudoota bira dhaqanii giddiidhaan hojicha isaan in dhaabsisan.”—Iz. 4:21-24.
Yihudoonni qorumsi guddaan kun yommuu isaanirra gaʼetti, sababii sobaa dhiheessuudhaan of gowwoomsanii turan. “Yeroon manni qulqullummaa Waaqayyoof itti ijaaramu hin geenye” ofiin jedhu turan. (Hag. 1:2) Amma Waaqayyo manni qulqullummaa akka ijaaramu hin barbaadu jedhanii murteessan. Karaa fedha Waaqayyoo itti raawwatan barbaaduu mannaa, hojii guddaa inni isaaniif kenne dhiisanii manasaanii bareechuutti kaʼan. Haageen raajichi, Waaqayyo, “Yaa saba ko, manni qulqullummaa koo kun diigamee utuu jiruu isin ofii keessanii mana baʼeessa taʼee ijaarame keessa taaʼuun yeroo isaa tii ree?” jechuudhaan akka isaan gaafate itti himeera.—Hag. 1:4.
Fakkeenya kanarraa barumsa akkamii arganna? Yeroo Waaqayyo kaayyoosaa itti raawwatu ilaalchisee yaada dogoggora taʼe qabaachuun, sochiiwwan hafuuraa goonu barbaachisaa taʼuusaanii akka hin hubanneefi fedhii dhuunfaa hordofuurratti akka xiyyeeffannu nu gochuu dandaʼa. Kana fakkeenyaan ibsuuf, keessummoota eegaa jirta haa jennu. Dhufaatiisaanii eeguunkee, yeroo si bira turanitti wanta isaan barbaachisu isaanii dhiheessuuf hojiiwwan mana keessaa hatattamaan akka raawwattu si kakaasa. Haataʼu malee, ergaan keessummoonni kun dafanii akka hin dhufne ibsu sii ergame. Yeroo kanatti qophii gochuukee ni dhiistaa?
Haageefi Zakaariyaas, Yihowaan yeruma sana manni qulqullummaa akka ijaaramu kan barbaadu taʼuusaa Yihudoonni akka hubatan isaan gargaaruusaanii yaadadhu. Haageen, “Isin, sabni biyyicha keessa jirtan hundinuu . . . jabaadhaatii hojjedhaa!” jechuudhaan isaan jajjabeesseera. (Hag. 2:4) Hojii jalqaban sana itti fufuuf, hafuurri Waaqayyoo akka isaan duukaa jiru amanuun isaan barbaachisee ture. (Zak. 4:6, 7) Fakkeenyi kun, guyyaa Yihowaa ilaalchisee murtoo dogoggora taʼe qabaachuurraa of eeguuf nu gargaaruu dandaʼaa?—1 Qor. 10:11.
Sababii Sobaarratti Utuu Hin Taʼin, Sababii Dhugaarratti Hundaaʼuu
Phexros ergamaan, ergaasaa isa lammaffaarratti sagantaa Yihowaan “bantiiwwan waaqaa haaraa, lafa haaraas” hundeessuuf qabu ibsee ture. (2 Phe. 3:13) Phexros, gaʼiftoonni tokko tokko Waaqayyo dhimma ilmaan namootaa keessa galuudhaan tarkaanfii fudhata yaada jedhurratti shakkii akka kaasan hubachiiseera. Namoonni kun, ‘Wanti hundinuu akkuma yeroo biyyi lafaa uumametti waan jiraatuuf’ wanti haaraan hin dhufu jechuudhaan mormii kaasaniiru. (2 Phe. 3:4) Phexros sababa sirrii hin taane akkasii ittisuu barbaadee ture. Kanaafuu, “Isin yaadachiisee yaada keessan isa qullaaʼaa nan dammaqsa” jechuudhaan barreesseera. Gaʼiftoonni kun sirrii akka hin taane namoota hidhata amantiisaa taʼan hubachiiseera. Waaqayyo kanaan dura dhimma ilmaan namootaa keessa galee tarkaanfii fudhachuudhaan, guutummaa biyya lafaarratti Bishaan Badiisaa fidee ture.—2 Phe. 3:1, 5-7.
Haageenis, Yihudoota Dh.K.D. bara 520tti sodaatanii, akkasumas hojiisaanii dhaabanii turaniif gorsa kana fakkaatu kenneera. “Mee, wanta isin irra gaʼaa jiru ilaalaa!” jechuudhaan isaan gorseera. (Hag. 1:5) Namoonni akkumasaa Yihowaa waaqeffatan dandeettii yaaduusaanii akka kakaasan gargaaruuf, kaayyoo Waaqayyoofi abdii Inni sabasaatiif kenne isaan hubachiiseera. (Hag. 1:8; 2:4, 5) Yihudoonni, abbootiin taayitaa ijaarsa akka dhaaban kan isaan godhan taʼullee, utuu hin turin jajjabina argataniin hojii ijaarsaa itti fufaniiru. Ammas diinonni, hojiin ijaarsaa kun akka dhaabatu gochuuf yaalanis utuu isaaniif hin milkaaʼin hafeera. Abboommiin hojii ijaarsaa akka dhaaban baʼe kan hafe yommuu taʼu, ijaarsi mana qulqullummaa sun waggaa shan keessatti xumurameera.—Iz. 6:14, 15; Hag. 1:14, 15.
Nuhoo Maaltu Nurra Gaʼaa Jira?
Akkuma Yihudoota bara Haageetti turanii, nuyis yommuu rakkoowwan uumaman sodaan nutti dhagaʼamuu kan dandaʼu sitti fakkaataa? Akkas taanaan, hinaaffaa misraachoo Mootummichaa lallabuuf qabnu eegnee jiraachuun rakkisaa taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee wantoonni akka sodaannu nu godhan maalfaʼi? Jalʼina sirna biyya lafaa kana keessatti raawwatamuun kan kaʼe dhiphachuu dandeenya taʼa. Anbaaqom, “Hamma yoomiitti warra humnaan nama irratti kaʼan jalaa nu hin oolchitu?” jechuudhaan gaafateera. (An. 1:2) Namoonni tokko tokko guyyaan Yihowaa akka ture isaanitti dhagaʼamuunsaa, Kiristiyaanni tokko miira ariifannaa dhabuudhaan, jireenya qananii jiraachuurratti akka xiyyeeffatu isa gochuu dandaʼa. Wanti kun akka sirra gaʼe sitti dhagaʼamaa? Sababii akkasii dhiheessaa jirra taanaan of gowwoomsaa jirra jechuudha. Gorsa Caaffata Qulqullaaʼoo, ‘wanta nurra gaʼaa jiru akka ilaallu,’ akkasumas ‘yaada keenya isa qullaaʼaa akka dammaqsinu’ nuu kenname hordofuun keenya baayʼee barbaachisaadha! ‘Sirni biyya lafaa inni hamaan kun yeroon eege caalaa turuusaatti dinqisiifamuun qabaa?’ jennee of gaafachuu dandeenya.
Macaafni Qulqulluun Guyyichi Kan Ture Akka Nutti Fakkaatu Dubbateera
Yaada Yesus guyyaa dhuma biyya lafaa ilaalchisee dubbaterratti mee yaadi! Wanta Yesus waaʼee guyyaa gara dhumaa dubbate ilaalchisee seenaan Maarqos barreesse, Yesus irra deddeebiʼee dammaqoo akka taanu nu gorsuusaa addeessa. (Mar. 13:33-37) Raajiin waaʼee guyyaa Yihowaa Armaagedoonitti raawwatamu ibsus gara gidduusaatti akeekkachiisa akkasii kenna. (Mul. 16:14-16) Akeekkachiisni kun kan irra deddeebiʼame maaliifi? Akeekkachiisni akkasii kan barbaachise, namoonni yeroo dheeraaf kan eegan isaanitti fakkaachuudhaan miira ariifannaasaanii dhabuu waan dandaʼaniifidha.
Yesus dhuma biyya lafaa kana yommuu eegnutti yeroo hunda dammaqoo taʼuun barbaachisaa akka taʼe fakkeenyaan ibseera. Nama hattuun manasaa seenee isa saame tokko caqaseera. Namichi kun akka hin saamamne gochuu kan dandaʼu akkamitti? Halkan guutuu dammaqee eeguudhaan kana gochuu dandaʼa ture. Yesus gorsa, “Qophaaʼoo taʼaa! Ilmi namaa yeroo isin quba hin qabaatinitti in dhufa” jedhu kennuudhaan fakkeenya kana xumureera.—Mat. 24:43, 44.
Fakkeenyi kun guyyichi yeroo dheeraaf kan turu yoo taʼellee, eeguuf qophaaʼoo taʼuun barbaachisaa akka taʼe argisiisa. Matumaa biyyi lafaa inni hamaan kun, yeroo yaanne caalaa akka ture nutti dhagaʼamee garmalee dhiphachuu hin qabnu. ‘Yeroon Waaqayyo jedhe hin geenye’ jennee sababii sobaatiin of gowwoomsuu hin qabnu. Yaanni akkasii fedhii misraachoo Mootummichaa lallabuuf qabnu nu jalaa balleessuu dandaʼa.—Rom. 12:11.
Sababii Sobaarraa Fagaachuu
Sababii sobaa dhiheessuu wajjin haala wal qabateen seerri buʼuuraa Galaatiyaa 6:7rra jiruufi “Hin gowwoominaa! Namni immoo waanuma facaase in galfata” jedhu ni hojjeta. Maasiin tokko sanyiin utuu irratti hin facaafamin yoo hafe salphaatti aramaadhaan guutama. Haaluma wal fakkaatuun, yaada keenya isa qullaaʼaa hin dammaqsinu taanaan, sababiin sobaa sammuu keena keessatti hundee godhachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, ‘Guyyaan Yihowaa akka dhufu kan hin shakkisiisne taʼus, yeroo dhihootti hin dhufu’ jenna taʼa. Guyyichaa wajjin haala wal qabateen ilaalchi keenya jijjiiramuunsaa, sochiiwwan tiʼookraasii keenyarratti akka hin xiyyeeffanne nu godha. Yeroo boodas, sochiin waaqeffannaa keenyarratti goonu hirʼachuu dandaʼa. Achiis guyyaan Yihowaa utuu nuyi hin beekin nutti dhufuu dandaʼa.—2 Phe. 3:10.
Haataʼu malee, yeroo hunda “waan gaarii taʼe, waan isa duratti fudhatamaa taʼe, waan akeeka isaa fiixaan baasus” kan hubannu yoo taʼe, sababiin sobaa nu keessatti hundee godhachuu hin dandaʼu. (Rom. 12:2) Gama kanaan yeroo hundumaa Macaafa Qulqulluu dubbisuun wanta hunda caalaa barbaachisaa taʼe keessaa tokkodha. Caaffanni Qulqullaaʼoon, yoomiyyuu Yihowaan yeroo murteessetti tarkaanfii kan fudhatu taʼuusaarratti amantii qabnu nuu jabeessu.—An. 2:3.
Qayyabachuun, kadhannaa gochuun, yeroo hunda walgaʼiirratti argamuuniifi lallabuun, akkasumas gaarummaa argisiisuun, ‘dhufa guyyaa Waaqayyoo eeggachuuf’ nu dandeessisa. (2 Phe. 3:11, 12) Yihowaan amantii nuti argisiisnu ni hubata. Phaawulos ergamaan, “Yeroo isaatti humna utuu hin dhabin galfachuuf waan jirruuf, ammas kottaa wanta gaarii taʼe gochuutti hin laafnu!” jechuudhaan nu yaadachiisa.—Gal. 6:9.
Dhugaasaa dubbachuuf, amma yeroo guyyaan Yihowaa yeroo gara biraatti darbeera jechuudhaan sababii sobaatiin itti of gowwoomsinu miti. Kanaa mannaa, guyyaan kun waan dhihaateef yeroo itti jabaachuu qabnudha.
[Fakkii fuula 4]
Haageefi Zakaariyaas, Yihudoonni hojii ijaarsaa akka itti fufan isaan jajjabeessaniiru
[Fakkii fuula 5]
Namni tokko hattuun manasaa akka dhufu utuu beekee maal godha ture?