LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w11 7/1 ful. 21
  • “Ilmaan Namootaa Lafa Kana Ni Balleessuu Laata?”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Ilmaan Namootaa Lafa Kana Ni Balleessuu Laata?”
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Weeb Saayitii Keenya—Isa Nuunis Taʼe Namoota Kaan Gargaaruuf Qophaaʼe
    Tajaajila Mootummaa—2012
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
w11 7/1 ful. 21

“Ilmaan Namootaa Lafa Kana Ni Balleessuu Laata?”

● Lafti ennaa samiirraa gadi ilaalamtu dhagaa gati jabeessa halluu cuquliisaafi adii taʼe qabu fakkaatti. Yeroo itti siqanii ilaalan garuu bakki jireenyaa keenya kun mancaʼaa jirti. Maaliif? Deebiinsaa salphaadha: Ilmaan namootaa lafa kunuunsaa hin jiran. Kanaa mannaa faalama qilleensaatiin, bosona mancaasuufi qabeenyashee fixuu dabalatee hammeenya raawwachuu, dhiiga dhangalaasuufi ejja raawwachuudhaan karaa hafuuraafi amalaa ishee mancaasaa jiru.

Haala gaddisiisaa kana ilaalchisee gara waggaa kuma lamaa dura, raajiin dinqisiisaa taʼe Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffameera. (2 Ximotewos 3:1-5; Mulʼata 11:18) Waaqayyo malee, namni kamiyyuu guutummaatti haala kana sirreessuu akka hin dandeenyes raajii dubbateera. Dhimmi xiyyeeffannaan kennamuufii qabu kun, haasaa sabaa mataduree “Ilmaan Namootaa Lafa Kana Ni Balleessuu Laata?” jedhurratti ibsama. Haasaan kun Walgaʼii Koonyaa Dhugaa Baatota Yihowaa, “Mootummaan Waaqayyoo Haa Dhufu!” jedhamuufi jiʼa Caamsaatti Ameerikaatti jalqabamee addunyaa maratti godhamurratti dhihaata.

Atis walgaʼii koonyaa naannoo keetti godhamurratti akka argamtu kabajaan si afeerra. Ibsa dabalataa argachuuf Dhugaa Baatota Yihowaa naannoo keetti argaman gaafadhu ykn qopheessitoota barruu kanaatiif barreessi. Waggaa kanaa jalqabee bakkaafii guyyaan walgaʼii koonyaa itti godhamu Masaraa Eegumsaarratti waan hin baaneef, sagantaa walgaʼichi biyyoota garaagaraatti yoomiifi eessatti akka godhamu ibsu Weeb saayitii www.jw.org jedhamurraa argachuu dandeessa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi