LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w11 7/1 ful. 20
  • Yeroo Gaariin Dhiheenyatti Ni Dhufa!

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yeroo Gaariin Dhiheenyatti Ni Dhufa!
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Abdii Amansiisaa Gara Fuulduraatti Raawwatamu
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Addunyaa Haaraa Waaqayyo Fidu
    Dhugumaan Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?
  • Addunyaa Haaraa Nagaa Qabu Keessa Jiraachuu
    Addunyaa Haaraa Nagaa Qabu Keessa Jiraachuu
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
w11 7/1 ful. 20

Yeroo Gaariin Dhiheenyatti Ni Dhufa!

“Inni jalʼaan yeroo xinnoo booddee achitti hin argamu . . . Warri garraamonni garuu lafa in qabaatu [“indhaalu,” hiika bara 1899] isaanis nagaa guututti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu.”—FAARFANNAA 37:10, 11.

RAAJIIN olitti caqasame kun yeroo raawwatamu arguu barbaaddaa? Arguu akka barbaaddu hin shakkisiisu. Raajiin kun yeroo dhihootti akka raawwatamu amanuuf sababii quubsaan jira.

Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu matadureewwan darbanirratti ibsaman, “guyyoota gara dhumaa” keessa akka jirru ifatti argisiisan keessaa muraasasaaniiti. (2 Ximotewos 3:1-5) Waaqayyo namoonni Macaafa Qulqulluu barreessan hafuuraan geggeeffamanii raajii kana akka barreessan kan godhe abdii akka qabaannuufidha. (Roomaa 15:4) Raajiiwwan kun raawwatamuunsaanii rakkoowwan yeroo ammaatti nu mudatan dhiheenyatti akka badan mirkaneessu.

Guyyoota gara dhumaa booda maaltu taʼa? Mootummaan Waaqayyoo guutummaa ilmaan namootaa bulcha. (Maatewos 6:9) Caqasawwan Macaafa Qulqulluu yeroo sanatti haalli lafarra jiru maal akka fakkaatu ibsan kana hubadhu:

● Beelli hin jiraatu. “Biyyicha keessa midhaan baayʼatee irraa haa hafu, hamma bantii tullootaattis gobbatee haa biqilu.”—Faarfannaa 72:16.

● Dhukkubni hin jiraatu. “Namni tokko illee, ‘Na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru.”—Isaayaas 33:24.

● Lafti ni haaromti. “Lafti duwwaanii fi lafti gogaan in gammadu, lafti onaanis ililchee, akka arfaasee in daraara.”—Isaayaas 35:1.

Wantoonni kun raajiiwwan Macaafa Qulqulluu nama jajjabeessaniifi yeroo dhihootti raawwataman keessaa muraasasaaniiti. Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo gaariin dhiheenyatti akka dhufu baayʼee mirkanaaʼoo kan taʼan maaliif akka taʼe isaan gaafachuu dandeessa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi