Garaa Guutuudhaan Yihowaadhaaf Aarsaa Dhiheessaa
“Waanuma gootan hundumaa . . . akka waan gooftaadhaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa!”—QOL. 3:23.
DEEBIISAA ARGACHUUF YAALI:
Sochii guyyaa guyyaadhaan goonurratti Yihowaa kabajuu kan dandeenyu akkamitti?
Waaqeffannaa keenya keessatti Yihowaadhaaf aarsaawwan akkamii dhiheessina?
Qabeenya keenya Yihowaadhaaf aarsaa goonee kennuu kan dandeenyu akkamitti?
1-3. (a) Yesus muka dhiphinaarratti duʼuunsaa Yihowaan kana booda aarsaa kamiyyuu akka dhiheessinu nurraa hin barbaadu jechuudhaa? Ibsi. (b) Aarsaa yeroo harʼaa dhiheessinu ilaalchisee gaaffii kamtu kaʼa?
YIHOWAAN Dh.K.B. jaarraa tokkoffaatti, aarsaan furii Yesus Seera Musee akka dhabamsiise sabasaatti mulʼisee ture. (Qol. 2:13, 14) Aarsaawwan Yihudoonni jaarraa hedduudhaaf dhiheessaa turan hundi sana booda kan hin barbaachisne taʼuusaanirrayyuu, gatii hin qaban turan. Seerichi “adabduu keenya isa gara Kiristositti nu geessu” taʼuudhaan hojiisaa xumureera.—Gal. 3:24.
2 Kana jechuun garuu Kiristiyaanonni sana booda aarsaa hin dhiheessan jechuu miti. Phexros, “aarsaa hafuuraa isa karaa Yesus Kristos Waaqayyo duratti fudhatamu dhiʼeessuu[n]” barbaachisaa akka taʼe dubbateera. (1 Phe. 2:5) Kana malees, Phaawulos kallattiin jireenya Kiristiyaanota Yihowaadhaaf of murteessan hundaa akka ‘aarsaatti’ ilaalamuu akka dandaʼu ifa godheera.—Rom. 12:1.
3 Kanaaf, Kiristiyaanni tokko wantoota tokko tokko isaaf kennuudhaan ykn isa tajaajiluuf jecha wantoota tokko tokko dhiisuudhaan Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessa. Ulaagaa Yihowaan Israaʼelootaaf baaserratti hundaaʼuudhaan, aarsaan yeroo harʼaa dhiheessinu hundi Yihowaa biratti fudhatama qabaachuusaa mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti?
JIREENYA GUYYAA GUYYAA KEESSATTI
4. Sochiiwwan guyyaa guyyaatti goonu ilaalchisee maal yaadachuu qabna?
4 Sochiiwwan guyyaa guyyaadhaan raawwannu aarsaa Yihowaadhaaf dhiheessinuu wajjin walitti dhufeenya akka qaban hubachuun ulfaataa fakkaachuu dandaʼa. Hojiin mana keessatti, mana barumsaatti, bakka hojiitti raawwannu, akkasumas waa bituufi kan kana fakkaatan akkasumaan yommuu ilaalaman dhimmoota hafuuraa wajjin walitti dhufeenya kan hin qabne fakkaatu taʼa. Haataʼu malee, jireenyakee Yihowaadhaaf kan murteessite ykn dhiheenyatti kana gochuu kan yaaddu yoo taʼe, sochiiwwan guyyaa guyyaatti gootuuf xiyyeeffannaa kennuunkee barbaachisaadha. Nuyi guyyaa keessatti Kiristiyaanota saʼaatii 24ti. Seerawwan buʼuuraa Caaffata Qulqullaaʼoo kallattiiwwan jireenya keenyaa hundarratti hojiirra oolchuu qabna. Kanaaf Phaawulos, “Waanuma gootan hundumaa namaaf utuu hin taʼin akka waan gooftaadhaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan hojjedhaa!” jechuudhaan nu gorseera.—Qolosaayis 3:18-24 dubbisi.
5, 6. Akkaataa uffannaafi amala keenyarratti dhiibbaa gochuu kan qabu maal xiyyeeffannaa keessa galchuu keenyadha?
5 Sochiiwwan Kiristiyaanni tokko guyyaa guyyaadhaan raawwatu tajaajila inni Waaqayyoof dhiheessu keessaa tokko miti. Haataʼu malee, gorsi Phaawulos “akka waan gooftaadhaaf hojjettaniitti garaa guutuudhaan” hojjedhaa jechuudhaan kenne, waaʼee guutummaa jireenya keenyaa akka yaannu nu godha. Haataʼu malee, gorsa kana dhuunfaatti hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti? Yeroo hundumaa amala sirrii argisiisnaa? Yeroo hunda uffannaa seera qabeessa taʼe uffannaa? Sochiiwwan guyyaa guyyaadhaan goonurratti amala keenyan ykn akkaataa uffannaa keenyaan kan kaʼe Dhugaa Baatuu taʼuu keenya dubbachuun nu qaanessaa? Kun matumaa taʼuu hin qabu! Sabni Yihowaa wanta maqaansaa akka arrabsamu godhu kamiyyuu raawwachuu hin barbaadan.—Isa. 43:10; 2 Qor. 6:3, 4, 9.
6 Mee fedhiin ‘gooftaadhaaf garaa guutuudhaan hojjechuuf’ qabnu kallattii jireenya keenyaa hedduu akkamitti akka tuqu haa qorru. Kana yommuu goonu aarsaan Israaʼeloonni Yihowaadhaaf dhiheessan hundi filatamaa taʼuu akka qabu haa yaadannu.—Bau. 23:19.
JIREENYA KEESSANIRRATTI JIJJIIRAMA KAN FIDU AKKAMITTI?
7. Kiristiyaanni tokko of murteessuunsaa maalfaa dabalata?
7 Jireenya keessan Yihowaadhaaf kan murteessitan guutummaatti akka ture beekamaadha. Kana jechuun kallattii jireenya keessan hundaan Yihowaadhaafan dursa kenna jettanii turtan jechuudha. (Ibroota 10:7 dubbisi.) Kun murtoo gaarii ture. Dhimma tokkorratti fedhiin Yihowaa maal akka taʼe yommuu hubattaniifi fedhiisaa wajjin haala walsimuun jiraachuuf yommuu carraaqxan, buʼaansaa baayʼee gaarii taʼuusaa akka hubattan beekamaadha. (Isa. 48:17, 18) Sabni Waaqayyoo amala Barsiisaasaaniirratti waan xiinxalaniif qulqullootadha, akkasumas gammachuu kan qabanidha.—Lew. 11:44; 1 Xim. 1:11, NW.
8. Yihowaan aarsaawwan bara duriitti dhihaatan qulqulluu akka taʼanitti ilaaluunsaa nuuf hiika maalii qaba?
8 Aarsaawwan Israaʼeloonni Yihowaadhaaf dhiheessan akka qulqulluutti kan ilaalaman turan. (Lew. 6:25; 7:1) Jechi afaan Ibrootaa “qulqulluu” jedhamee hiikame adda taʼuu ykn Waaqayyoof qofa buluu yaada jedhu kan dabarsudha. Aarsaan dhiheessinu Yihowaa biratti fudhatama akka argatu yoo barbaadame, aarsichi adda kan taʼeefi dhiibbaa biyya lafaatiin kan hin mancaane taʼuu qaba. Wantoota Yihowaan jibbu kamiyyuu jaallachuu hin qabnu. (1 Yohannis 2:15-17 dubbisi.) Kana jechuun nama ykn gocha Waaqayyo duratti qulqulluu akka hin taane nu godhurraa fagaachuu qabna jechuudha. (Isa. 2:4; Mul. 18:4) Kana malees, iji keenya wantoota qulqulluu hin taane ilaaluusaa akka itti fufu ykn sammuun keenya wantoota akkasiirratti akka xiinxalu gochuu hin qabnu jechuudhaa.—Qol. 3:5, 6.
9. Amalli Kiristiyaanni tokko warra kaanitti argisiisu hangam barbaachisaadha? Maaliif?
9 Phaawulos Kiristiyaanota hidhatasaa taʼan, “Wanta gaarii gochuu, waan qabdan warra kaaniin gaʼuus hin dagatinaa! Waaqayyo aarsaa akkasiitti in gammada” jedhee gorseera. (Ibr. 13:16) Kanaaf, Yihowaan warra kaanitti gaarummaa argisiisuufi namootaaf waan gaarii gochuu aarsaa isa biratti fudhatama qabu akka taʼetti ilaala. Warra kaan akka jaallannu argisiisuun Kiristiyaanota dhugaa taʼuu keenya addaan baasee kan beeksisudha.—Yoh. 13:34, 35; Qol. 1:10.
AARSAA WAAQEFFANNAA KEESSATTI DHIHAATU
10, 11. Yihowaan tajaajilaafi waaqeffannaa keenya akkamitti ilaala? Ilaalchisaa kun dhiibbaa akkamii nurratti gochuu qaba?
10 Karaa beekamaan nuti Kiristiyaanonni namootaaf wanta gaarii itti goonu keessaa tokko “abdii keenya beeksisuu[dha].” Isinoo carraa argattan hunda dhugaa baʼuuf itti fayyadamaa jirtuu? Phaawulos sochii Kiristiyaanaa barbaachisaa taʼe kana ilaalchisee, “Aarsaa galataa Waaqayyoof in dhiʼeessinaa! Aarsichis maqaa isaa beeksisuudhaaf wanta afaan keenya keessaa baʼuu dha” jedheera. (Ibr. 10:23; 13:15; Hos. 14:2) Baayʼinaafi qulqullina saʼaatii misraachoo Mootummichaa lallabuudhaan dabarsinu ilaalchisee barumsi baayʼeen kan kenname siʼa taʼu, akkaataa itti lallabnu fooyyessuufis Walgaʼii Tajaajilaarratti kutaawwan hedduun dhihaataniiru. Gabaabaadhumatti, sochiin karaa dhaabbataa taʼeenis taʼe karaa alidilee taʼeen dhugaa baʼuuf goonu “aarsaa galataa,” jechuunis kutaa waaqeffannaa keenyaa waan taʼaniif aarsaan akkasii hunda kan caalu taʼuu qaba. Haalli keenya garaagara akka taʼe beekamaa taʼus, saʼaatiin misraachicha labsuudhaan dabarsinu yeroo baayʼee dinqisiifannaa wantoota hafuuraatiif qabnu argisiisa.
11 Kiristiyaanonni dhuunfaattis taʼe gareedhaan waaqeffannaadhaaf yeroo waliin dabarsan qabu. Yihowaanis akkas akka goonu barbaada. Yeroo harʼaatti boqonnaa guyyaa Sanbataa eeguun ykn ayyaanota Yerusaalemitti kabajamanirratti argamuuf achi dhaquun akka nu hin barbaachise beekamaadha. Haataʼu malee, ayyaanonni bara duriitti kabajaman kun jireenya Kiristiyaanaa keessatti wanta argisiisan qabu. Waaqayyo yeroo harʼaattis Dubbiisaa qayyabachuuf, kadhannaa gochuufi walgaʼii Kiristiyaanaarratti argamuuf hojii gara duʼaatti geessurraa akka boqonnu nurraa eega. Mataawwan maatiis miseensota maatiisaanii wajjin waaqeffannaa maatii gochuuf dursa fudhatu. (1 Tas. 5:17; Ibr. 10:24, 25) Sochiiwwan hafuuraa keenya ilaalchisee, ‘Qulqullina waaqeffannaa koo fooyyessuu na barbaachisaa?’ jennee of gaafachuun gaariidha.
12. (a) Waaqeffannaa bara durii keessatti aarsaan ixaanaa dhihaachaa ture yeroo harʼaa maalitti fakkeeffamuu dandaʼa? (b) Kun qabiyyee kadhannaa keenyarratti jijjiirama fiduu kan qabu akkamitti?
12 Daawit Mootichi, “Kadhanni koo akka ixaana aarfamuutti . . . si duratti anaaf haa fudhatamu!” jedhee Yihowaadhaaf faarfateera. (Far. 141:2) Mee waaʼee kadhannaa, jechuunis yeroo hunda kadhachuu keefi qulqullina kadhannaa keerratti yaadi. Macaafni Mulʼataa “kadhata warra Waaqayyoof qulqullaaʼanii” ixaana urgaansaa ykn fooliinsaa gara Yihowaatti ol baʼutti fakkeessuudhaan kadhannaawwan fudhatama qaban ibsa. (Mul. 5:8) Israaʼel durii keessatti ixaanni yeroo hunda iddoo aarsaarratti Yihowaadhaaf dhihaatu of eeggannoofi sirriitti qophaaʼuu qaba ture. Aarsaan akkasii Yihowaa biratti fudhatama kan argatu qajeelfama inni baasee wajjin haala walsimuun yoo dhihaate qofa ture. (Bau. 30:34-37; Lew. 10:1, 2) Haaluma wal fakkaatuun kadhannaan keenya garaadhaa yoo dhihaate, Yihowaa biratti fudhatama akka argatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.
KENNUUFI FUDHACHUU
13, 14. (a) Ephafrodixosiifi gumiin Filiphisiiyus Phaawulosiif maal godhaniiru? Phaawuloshoo maaltu isatti dhagaʼame? (b) Fakkeenya Ephafrodixosiifi gumii Filiphisiiyus hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
13 Buusiin qarshii, hojii addunyaa maraatti geggeeffamu deggeruuf kenninu baayʼees taʼu xinnoo aarsaatti fakkeeffamuu dandaʼa. (Mar. 12:41-44) Dh.K.B. jaarraa tokkoffaatti gumiin Filiphisiiyus keessa ture, wanta Phaawulosiif barbaachisu akka isaa geessuuf Ephafrodixosiin Roomaatti ergee ture. Wanti gumiin Filiphisiiyus Phaawulosiif erge qarshii akka ture haalasaarra hubachuun ni dandaʼaama. Gumiin kun Phaawulositti arjummaa akkasii kan argisiise yeroo jalqabaatiif hin turre. Gaarummaa akkasii kan isatti argisiisan, Phaawulos waaʼee qarshii dhiphachuu mannaa tajaajilasaarratti yeroo dabalataa akka dabarsu waan barbaadaniif ture. Phaawulos kennaa kana kan ilaale akkamitti? “Aarsaa urgaaʼaa fi qalma Waaqayyo duratti fudhatamee isa gammachiisu” akka taʼe dubbateera. (Filiphisiiyus 4:15-19 dubbisi.) Phaawulos gaarummaa warri Filiphisiiyus isatti argisiisan baayʼee kan dinqisiifate siʼa taʼu, Yihowaanis dinqisiifateera.
14 Haaluma wal fakkaatuun yeroo harʼaattis, Yihowaan buusii nuyi hojii addunyaa maraatiif goonu baayʼee dinqisiifata. Kana malees, jireenya keenya keessatti fedhii Mootummichaa dursuu keenya yoo itti fufne, wanta jireenyaaf, akkasumas karaa hafuuraas taʼe karaa qaamaa nu barbaachisu hunda akka nuu kennu abdii kenneera.—Mat. 6:33; Luq. 6:38.
DINQISIIFANNAA QABDAN ARGISIISAA
15. Wantoonni Yihowaa akka galateeffattan isin godhan tokko tokko maalfaʼi?
15 Sababii itti Yihowaa galateeffannu lakkoofnee fixuuf yeroon nu hin gaʼu. Jireenya waan nuu kenneef yeroo hundumaa isa galateeffachuu qabna mitiiree? Wanta jireenyaaf nu barbaachisu hunda, jechuunis nyaata, uffataafi mana jireenyaa, akkasumas hafuura baafannu nuu kenneera. Kana malees, amantiin keenya inni beekumsa sirriirratti hundaaʼe abdii nuu kenna. Uumaa waan taʼeef, akkasumas wanta inni nuu godheef Yihowaa waaqeffachuufi aarsaa galataa isaa dhiheessuun keenya kan isaaf maludha.—Mulʼata 4:11 dubbisi.
16. Aarsaa furii Yesusiif dinqisiifannaa akkamii qabaachuu qabna?
16 Akkuma mataduree darberratti qayyabanne, keessumaa kennaa guddaan Waaqayyo ilmaan namootaatiif kenne aarsaa furii Kiristosidha. Kennaan kun karaa Waaqayyo jaalala nuuf qabu itti argisiise isa guddaadha. (1 Yoh. 4:10) Maarree kennaa kanaaf dinqisiifannaa akkamii qabaachuu qabna? Phaawulos, “Namni tokko hundumaaf akka duʼe . . . amannee waan fudhanneef, jaalalli Kristos nu qaba. Egaa warri jiraatan siʼachi isa isaaniif jedhee duʼee, duʼaa kaafameef malee, ofii isaaniitiif akka hin jiraannetti, inni hundumaaf duʼeera” jedheera. (2 Qor. 5:14, 15) Phaawulos yommuu akkas jedhu, gaarummaa Waaqayyoo kan dinqisiifannu yoo taʼe, jireenya keenya Isaafi Ilmasaa kabajuuf itti fayyadamuu qabna jechuusaa ture. Jaalalliifi dinqisiifannaan Waaqayyoof, akkasumas Kiristosiif qabnu, abboomamuu, lallabuufi bartoota gochuuf fedhii kan qabnu taʼuu keenyaan mulʼata.—1 Xim. 2:3, 4; 1 Yoh. 5:3.
17, 18. Obboloonni tokko tokko aarsaa galataa Yihowaadhaaf dhiheessaan kan dabalan karaawwan kamiini? Fakkeenya tokko caqasi.
17 Atoo aarsaa galataa Waaqayyoof dhiheessitu fooyyessuu ni dandeessaa? Namoonni baayʼeen wanta gaarii Yihowaan isaanii godherratti erga xiinxalanii booda, hojii Mootummicha labsuufi sochiiwwan tiʼookraasii kaanirratti hirmaannaa dabalataa gochuuf jecha yeroofi haalasaaniirratti sirreeffama gochuuf kakaʼaniiru. Obboloonni tokko tokko waggaa keessatti jiʼa tokko ykn isaa ol qajeelchaa gargaaraa kan taʼan siʼa taʼu, warri kaanimmoo qajeelchaa taʼuu dandaʼaniiru. Kaanimmoo Mootummichaa wajjin haala wal qabateen hojii ijaarsaarratti hirmaataniiru. Sochiiwwan kun karaawwan gaarii namni tokko dinqisiifannaa qabu itti argisiisu mitii? Tajaajilawwan akkasii kakaʼumsa sirrii taʼeen, jechuunis galateeffannaa qaban argisiisuuf kan raawwataman taanaan, Waaqayyo biratti fudhatama qabu.
18 Kiristiyaanonni hedduun Yihowaa galateeffachuu akka qaban kan isaanitti dhagaʼame siʼa taʼu, kanas godhaniiru. Namoota akkas godhan keessaa tokko Moreenaa jedhamti. Dhimmawwan hafuuraa ilaalchisee gaaffii qabduuf deebii argachuuf amantii Kaatolikii isa keessatti guddatteefi falaasama Eeshiyaa qoruuf yaalii gootee turte. Haataʼu malee lamaansaaniiyyuu deebii quubsaa isheef hin argamsiisne. Dheebuu karaa hafuuraa qabdu kan baate, Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu erga jalqabdee booda ture. Moreenaan gaaffiishee hundaaf deebii Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼeefi jireenyishee akka tasgabbaaʼu godhe argachuusheetiif Yihowaa baayʼee galateeffatti; kanas humnashee guutuu isa tajaajiluudhaan argisiisuu barbaadde. Kanaaf, akkuma cuuphamteen utuu gargar hin kutin qajeelchaa gargaaraa taatee kan tajaajilte siʼa taʼu, akkuma haallishee mijaaʼeenimmoo qajeelchaa taate. Kun kan taʼe waggaa 30 dura siʼa taʼu, Moreenaan ammayyuu tajaajila yeroo guutuu keessatti argamti.
19. Aarsaa Yihowaadhaaf dhiheessitan dabaluu kan dandeessan akkamitti?
19 Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon hedduun qajeelchaa taʼuuf haallisaanii akka isaanii hin heyyamne beekamaadha. Wanti Yihowaa tajaajiluudhaaf raawwannu hammamiyyuu yoo taʼe, hundi keenya aarsaa hafuuraa fudhatama qabu isaaf dhiheessuu dandeenya. Amalli keenya seerawwan buʼuuraa qajeelummaarratti hundaaʼan of eeggannoodhaan akka hordofnuufi yeroo hundaa Yihowaa akka bakka buunu kan argisiisu taʼuu qaba. Amantii qabaachuun kaayyoon Waaqayyoo akka raawwatamu guutummaatti amanamuuf nu gargaara. Misraachichi akka babalʼatu gargaaruudhaan hojii gaarii raawwanna. Wanta garaa keenya keessa guuteefi dinqisiifannaa wanta inni nuu godhe hundaaf qabnuun kakaanee, garaa guutuudhaan Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessuu keenya itti haa fufnu.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 25rra jiru]
Gaarummaan Yihowaa aarsaa galataa dhiheessitu fooyyessuuf si kakaasaa?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 23rra jiru]
Carraa argattan hunda dhugaa baʼuuf itti fayyadamtuu?