LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 1/15 ful. 26-30
  • Luboota Mana Mootummaa Namoota Hunda Fayyadan

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Luboota Mana Mootummaa Namoota Hunda Fayyadan
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ABDII LUBOOTA MANA MOOTUMMAA ILAALCHISEE KENNAME
  • KAKUU HAARAA LUBOOTA MOOTUMMAA ARGAMSIISE
  • LUBOONNI MANA MOOTUMMAA ILMAAN NAMOOTAA HUNDAAF FAAYIDAA ARGAMSIISU
  • LUBOONNI MANA MOOTUMMAA HOJIISAANII NI XUMURU
  • “Mootummaa Lubootaa” Ni Taatu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 1/15 ful. 26-30

Luboota Mana Mootummaa Namoota Hunda Fayyadan

“Isin . . . qomoo foʼamaa dha, luboota mana mootummaa ti, saba qulqullaaʼaa dha, warra dhuunfaa Waaqayyoo taʼanii dha.”​—1 PHE. 2:9.

IBSUU DANDEESSAA?

Luboota mana mootummaa ilaalchisee abdiin kan kenname yoom ture?

Kakuu inni haaraan luboota mana mootummaa kan argamsiise akkamitti?

Luboonni mana mootummaa ilmaan namootaatiif faayidaa akkamii argamsiisu?

1. ‘Irbaanni Gooftaa’ Ayyaana Yaadannoo jedhames kan waamamu maaliifi? Kaayyoonsaahoo maalidha?

YESUS KIRISTOSIIFI bartoonnisaa 12an, Niisaan 14 galgala Dh.K.B. bara 33 yeroo dhumaatiif Ayyaana Faasikaa Yihudootaa waliin kabajaniiru. Yesus, Yihudaa isa gantuu taʼe erga geggeessee booda, ayyaana kan biraa “Irbaata gooftaa” jedhamu hundeesseera. (1 Qor. 11:20) Akkasumas Yesus al lama “Seenaa [“yaadannoo,” NW] kootiif godhadhaa!” jedhee waan dubbateef Ayyaana Yaadannoo, jechuunis yaadannoo duʼa Kiristos jedhameera. (1 Qor. 11:24, 25) Abboommii kanaa wajjin haala walsimuun, Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti waggaa waggaadhaan Ayyaana Yaadannoo ni kabaju. Ayyaanichi bara 2012, Niisaan 14 akka lakkoofsa baraa Macaafa Qulqulluutti ykn Yihudootaatti Kamisa, Amajjii 5 erga biiftuun lixxee booda jalqaba.

2. Yesus wayiniifi maxinoo itti fayyadame ilaalchisee maal jedhe?

2 Luqaas ergamaan wanta Yesus yeroo kanatti godheefi dubbate lakkoofsa lamaan kanarratti walitti qabee ibseera: “Buddeenas fuudhee, Waaqayyoof galata galchee, cabsee isaaniifis kennee, ‘Kun dhagna koo ti [isiniif kan kennamu, kanas seenaa kootiif godhadhaa!’ jedhe. Akkasumas irbaata booddee xooficha fudhatee, ‘Xoofoon kun kakuu isa haaraa dhiiga koo isa isiniif jedhee dhangalaʼuun dhaabatuu dha].’” (Luq. 22:19, 20) Ergamoonni Yesus yaada kana kan hubatan akkamitti ture?

3. Ergamoonni Yesus wayiniifi maxinoo fakkeenyaan ibsame kan hubatan akkamitti?

3 Ergamoonni Yesus, Yihudoota waan taʼaniif waaʼee aarsaa horii luboonni Waaqayyoof mana qulqullummaa Yerusaalemitti dhiheessanii sirriitti beeku turan. Aarsaawwan akkasii Yihowaa biratti fudhatama argachuuf kan gargaaran yommuu taʼan, isaan keessaa baayʼeensaanii dhiifama cubbuu kan argamsiisan turan. (Lew. 1:4; 22:17-29) Kanaaf ergamoonni yeroo Yesus waaʼee qaamasaafi dhiigasaa ‘isa isaaniif jedhee dhangalaʼu’ akka taʼe ennaa dubbatu lubbuusaa isa mudaa hin qabne aarsaa godhee kennu dubbachuusaa akka ture hubataniiru. Aarsaan kunis aarsaa horii caalaa gatii guddaa qaba ture.

4. Yesus, “Xoofoon kun kakuu isa haaraa dhiiga koo isa isiniif jedhee dhangalaʼuun dhaabatuu dha” yeroo jedhu maal jechuusaa ture?

4 Yesus, “Xoofoon kun kakuu isa haaraa dhiiga koo isa isiniif jedhee dhangalaʼuun dhaabatuu dha” yeroo jedhu maal jechuusaa ture? Ergamoonni Yesus raajii waaʼee kakuu haaraa Ermiyaas 31:31-33⁠rratti caqasame beeku turan. (Dubbisi.) Jechoonni Yesus, Kakuu Seerichaa Yihowaan karaa Musee Israaʼelootaaf kennee ture, amma kakuu haaraatiin bakka buusuusaa kan argisiisan turan. Kakuuwwan kun lamaan walitti dhufeenya qabuu?

5. Kakuun Seerichaa Israaʼelootaaf abdii akkamii kan kennu ture?

5 Eeyyee, kaayyoon kakuuwwan kanaa walitti dhufeenya qaba. Yihowaan waaʼee kakuu Seerichaa yeroo sabichatti dubbatu akkas jedheera: “Biyyi lafaa guutummaatti kan koo waan taʼeef, isin anaaf yoo dhageessan, kakuu koos yoo eegdan, saba hundumaa keessaa addumaan dhuunfaa koo in taatu. Isin luboota mootii waaqaa fi lafaa ti, saba qulqullaaʼaa anaaf in taatu.” (Bau. 19:5, 6) Jechoonni kun Israaʼelootaaf hiika maalii qabu turan?

ABDII LUBOOTA MANA MOOTUMMAA ILAALCHISEE KENNAME

6. Kakuun Seerichaa abdii isa kam kan raawwatu ture?

6 Israaʼeloonni walii galtee cimaa Yihowaan abbootiisaanii Nohiifi Abrahaamii wajjin galee ture waan beekaniif, jechi “kakuu” jedhu isaaniif haaraa hin turre. (Uma. 6:18; 9:8-17; 15:18; 17:1-9) Yihowaan kakuu, “Ati waan anaaf abboomamteef, sabni biyya lafaa irraa hundinuu sanyii keetiin in eebbifamu” jedhu Abrahaamii wajjin galee ture. (Uma. 22:18) Kakuun Seerichaas raawwii abdii kanaa keessaa tokko ture. Kakuu kanarratti hundaaʼuudhaan Israaʼeloonni, ‘saba hundumaa keessaa addumaan kan dhuunfaasaa’ taʼuu dandaʼu turan. Kaayyoo maaliitiif? “Luboota mootii,” jechuunis luboota mootummaa Yihowaa taʼu.

7. Yaanni “luboota mootii” jedhu hiika maalii qaba?

7 Israaʼeloonni moototaafi luboota kan beekan taʼus, mootiifi luba taʼuu kan dandaʼe garuu Malkiisedeq nama bara duriitti tureefi Yihowaadhaan muudame tokko qofa ture. (Uma. 14:18) Amma Yihowaan saba kanaaf “luboota mootii” akka taʼaniif carraa isaanii kenneera. Akkuma Caaffanni Qulqullaaʼoon gara boodaatti geggeessaa hafuuraatiin barreeffaman ibsanitti namoonni luboota mana mootummaa taʼanii filataman, lubootaafi mootota taʼuuf carraa argatu jechuudha.—1 Phe. 2:9.

8. Luboonni Waaqayyoon muudaman hojiinsaanii maalidha?

8 Hojiin mootii tokkoo bulchuu akka taʼe beekamaadha. Lubni tokkohoo hojiinsaa maalidha? Ibroonni 5:1, “Angafni lubootaa tokko, qooda namootaa taʼee kennaa fi aarsaa cubbuu dhiʼeessuudhaaf, namoota gidduudhaa kaafamee hojii nama Waaqayyoo wajjin walitti fiduu irra in dhaabama” jedha. Kanaaf lubni Yihowaadhaan muudame tokko, namoota cubbamoo taʼan bakka buʼee aarsaa dhiheessuudhaan Waaqayyoon isaaniif kadhata. Akkasumas Yihowaa bakka buʼuudhaan seera Waaqayyoo isaan barsiisa. (Lew. 10:8-11; Mil. 2:7) Karaawwan kanaan, lubni Waaqayyoon muudame tokko namoota Waaqayyoo wajjin walitti araarsa.

9. (a) Israaʼeloonni “luboota mootii” taʼuuf maal gochuutu isaan barbaachisa ture? (b) Yihowaan Israaʼel keessatti luboota kan muude maaliifi? (c) Israaʼeloonni kakuu Seerichaa jala jiran “luboota mootii” akka hin taane kan isaan godhe maalidha?

9 Kanaaf kakuun Seerichaa Israaʼelootaaf kenname, luboota mootummaa ‘saba hundumaatiif’ faayidaa argamsiisu taʼuuf carraa kan isaaniif banu ture. Haataʼu malee Waaqayyo, “Isin anaaf yoo dhageessan, kakuu koos yoo eegdan,” waan jedheef abdiin dinqisiisaan kun itti gaafatamummaa kan isaanitti fidu ture. Maarree Israaʼeloonni ‘Waaqayyoof dhagaʼaniiruu’ laata? Eeyyee, hamma tokko dhagaʼaniiru. Guutummaattoo isaaf dhagaʼaniiruu? Lakki. (Rom. 3:19, 20) Kana waan taʼeef, Yihowaan Israaʼel keessatti luboota kan muude siʼa taʼu, luboonni kun garuu mootota taʼuu waan hin dandeenyeef, cubbuu namoonni hojjetaniif aarsaa cubbuu ni dhiheessu turan. (Lew. 4:1–6:7) Kun cubbuu luboonni raawwatanis kan dabalatudha. (Ibr. 5:1-3; 8:3) Yihowaan aarsaawwan akkasii kan fudhatu taʼuyyuu, aarsaan warra cubbuu hojjetaniif dhihaatu kun guutummaatti cubbuusaaniitiif dhiifama hin argamsiisu ture. Lubummaan kakuu Seerichaa jala ture Israaʼeloota garaa qulqulluu qabanillee guutummaatti Waaqayyoo wajjin walitti araarsuu hin dandaʼu ture. Kanaan kan kaʼes Phaawulos ergamaan, “Dhiigni korommii fi reʼootaa cubbuu namootaa irraa fuudhuu matumaa hin dandaʼu” jedheera. (Ibr. 10:1-4) Israaʼeloonni seericha waan cabsaniif abaaramoo taʼaniiru. (Gal. 3:10) Kanaaf, luboota mana mootummaa taʼanii guutummaa ilmaan namootaa tajaajiluu matumaa hin dandaʼan.

10. Kaayyoon kakuu Seerichaa maal ture?

10 Kana jechuun abdii Yihowaan “luboota mootii” akka taʼan kennee ture utuu hin raawwatamin hafa jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Isaaf abboomamuuf garaadhaa kan carraaqan yoo taʼe, carraa kana ni argatu; haataʼu malee seericha jala utuu jiranii carraa kana hin argatan. Akkas kan jennu maaliifi? (Galaatiyaa 3:19-25 dubbisi.) Namoonni amanamummaadhaan Seerichaaf abboomamuuf carraaqan, waaqeffannaa qulqulluun akka eegamu gochuu dandaʼu. Seerichi, Israaʼeloonni cubbamoota akka taʼaniifi aarsaa angafni lubootaa isaaniif dhiheessu caalu akka isaan barbaachisu kan isaan yaadachiisu ture. Eegduu gara Kiristositti ykn Masiihicha isa hiiknisaa “Isa Dibame” jedhutti geessu ture. Haataʼu malee, Masiihichi yeroo dhufu, kakuu haaraa Ermiyaas raajiidhaan dubbatee ture hundeessa. Namoonni Kiristosiin fudhatan kutaa kakuu isa haaraa akka taʼan kan afeeraman siʼa taʼu, isaanis “luboota mootii” taʼuu dandaʼu. Mee kun akkamitti taʼuu akka dandaʼe haa ilaallu.

KAKUU HAARAA LUBOOTA MOOTUMMAA ARGAMSIISE

11. Yesus, warri kaaniis kutaa luboota mana mootummaa akka taʼan buʼuura kan taʼe akkamitti?

11 Masiihichi Dh.K.B. bara 29⁠tti, Yesus isa nama Naazireet taʼee dhufe. Umriinsaa waggaa 30 yommuu taʼu, bishaaniin cuuphamuudhaan fedha addaa Yihowaan isaaf qabu raawwachuu akka barbaadu argisiiseera. Yihowaan “Ilma koo isa jaallatamaa” jedhee kan isa waame taʼuusaarrayyuu, dhadhaa ejersaatiin utuu hin taʼin hafuura qulqulluutiin isa dibeera. (Mat. 3:13-17; HoE. 10:38) Dibamuunsaa, Angafa Lubootaafi Mootii ilmaan namootaa isatti amanan hundaaf faayidaa akka argamsiisu isa godheera. (Ibr. 1:8, 9; 5:5, 6) Kanaaf Yesus warri kaaniis kutaa luboota mana mootummaa akka taʼan buʼuura taʼeera.

12. Aarsaan Yesus maal argamsiiseera?

12 Aarsaan Yesus akka Angafa Lubootaatti, cubbuu namoonni isatti amanan dhaalaniif guutummaatti dhiifama argamsiisu dhiheessuu dandaʼu maalidha? Akkuma inni yeroo Ayyaana Yaadannoo duʼasaa hundeesse dubbate, aarsaan Yesus dhiheessu jireenyasaa isa lafarraa mudaa hin qabnedha. (Ibroota 9:11, 12 dubbisi.) Yesus Dh.K.B. bara 29⁠tti cuuphamee Angafa Lubootaa taʼuudhaan erga dibamee kaasee, qorameera, hanga duʼaattis dhiphina addaddaatiin leenjiʼeera. (Ibr. 4:15; 5:7-10) Erga duʼaa kaafamee boodas, gara samiitti deebiʼuudhaan gatii aarsaasaa Yihowaadhaaf dhiheesseera. (Ibr. 9:24) Yeroo sanaa kaasee, Yesus namoota aarsaasaatti amananiif kadhachuufi abdii jireenya barabaraa qabaatanii Waaqayyoon akka tajaajilan gargaaruu dandaʼa. (Ibr. 7:25) Aarsaansaa, kakuun inni haaraan hojiirra akka oolus gargaareera.—Ibr. 8:6; 9:15.

13. Namoonni kutaa kakuu isa haaraa akka taʼan afeeraman abdii akkamii qabu?

13 Namoonni kutaa kakuu isa haaraa akka taʼan afeeramanis, hafuura qulqulluudhaan dibamuu qabu turan. (2 Qor. 1:21) Kakuun kun jalqaba Yihudoota amanamoo taʼan, boodammoo namoota Yihudoota hin taane kan dabalatu taʼeera. (Efe. 3:5, 6) Namoonni kutaa kakuu isa haaraa taʼan abdii akkamii qabu turan? Cubbuusaaniitiif guutummaatti dhiifama argatu. Yihowaan, “Ani yakka isaanii isaaniif nan dhiisa, cubbuu isaaniis deebiʼee isaanitti hin lakkaaʼu” jedhee abdii kennee ture. (Er. 31:34) Cubbuunsaanii guutummaatti waan isaanii dhiifameef, “luboota mootii” taʼuu dandaʼu. Phexros Kiristiyaanota dibamoodhaaf yeroo barreessu akkas jedheera: “Isin garuu qomoo foʼamaa dha, luboota mana mootummaa ti, saba qulqullaaʼaa dha, warra dhuunfaa Waaqayyoo taʼanii dha. Waaqayyo hojii isaa isa jajamaa akka labsitaniif dukkana keessaa, gara ifa isaa isa dinqisiisaatti isin waame.” (1 Phe. 2:9) Phexros asirratti wanta Yihowaan yeroo Israaʼelootaaf Seericha kenne dubbate caqasuudhaan, Kiristiyaanota kutaa kakuu isa haaraa taʼan kan argisiisu taʼuusaa ibseera.—Bau. 19:5, 6.

LUBOONNI MANA MOOTUMMAA ILMAAN NAMOOTAA HUNDAAF FAAYIDAA ARGAMSIISU

14. Luboonni mana mootummaa eessatti tajaajilu?

14 Namoonni kutaa kakuu isa haaraa taʼan eessatti tajaajilu? Lafarratti, ‘hojii isaa isa jajamaa labsuufi’ nyaata hafuuraa dhiheessuudhaan gareedhaan luboota taʼanii tajaajilu. (Mat. 24:45; 1 Phe. 2:4, 5) Duʼanii erga duʼaa kaʼanii boodas, samiirratti Kiristosii wajjin moototaafi luboota taʼanii kan tajaajilan siʼa taʼu, hojii lamaanuu guutummaatti raawwatu. (Luq. 22:29; 1 Phe. 1:3-5; Mul. 1:6) Yohannis ergamaan mulʼataan, uumamawwan hafuuraa hedduun samiirratti teessoo Yihowaatti marsanii argee ture. Isaanis ‘Hoolichaaf’ “faarfannaa haaraa” yeroo faarfatan akkas jedhaniiru: “Ati ofii keetii qalamtee, gosa hundumaa keessaa, afaan hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, saba hundumaa keessaas, namoota dhiiga keetiin Waaqayyoof bitte. Waaqayyo keenyaaf mootummaadhaaf, luboota isaas akka taʼan isaan godhatte, isaanis lafa irratti moʼuuf jiru.” (Mul. 5:8-10) Yohannis mulʼata arge kan biraarrattis mootota kana ilaachisee, “Luboota Waaqayyoo, luboota Kristosis taʼanii, isaa wajjin waggaa kuma tokkoof moʼuuf jiru” jedhee dubbateera. (Mul. 20:6) Kiristosii wajjin taʼuudhaan, luboota mana mootummaa ilmaan namootaa hundaaf faayidaa argamsiisan taʼu.

15, 16. Luboonni mana mootummaa ilmaan namootaatiif faayidaa akkamii argamsiisu?

15 Namoonni 144,000 taʼan warra lafarra jiraataniif faayidaa akkamii argamsiisu? Mulʼanni boqonnaa 21 mandara samii, Yerusaalem Haaraa, “haadha manaa hoolichaa” jedhee isaan waama. (Mul. 21:9) Lakkoofsa 2 hanga 4⁠tti akkas jedha: “Yerusaalem mandarri qulqullittiin isheen haaraan, Waaqayyo biraa bantii waaqaa keessaa, akka misirroo dhirsa isheetiif kuulamteetti, qophooftee utuu gad buutuu nan arge. Yerusaalem mandarri qulqullittiin isheen haaraan, Waaqayyo biraa bantii waaqaa keessaa, akka misirroo dhirsa isheetiif kuulamteetti, qophooftee utuu gad buutuu nan arge. Yommus ani sagalee guddaa tokko nan dhagaʼe; innis teessoo sana biraa, ‘Kunoo, iddoon Waaqayyo buufatu namoota gidduu dha, inni isaan bira buufachuuf jira, isaanis saba isaa taʼuuf jiru; Waaqayyo ofii isaa isaanii wajjin jiraachuuf jira, Waaqayyo isaaniis taʼuuf jira. Inni imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebiʼee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis siʼachi hin jiru!ʼ” Kun eebba guddaadha! Duuti inni booʼicha, gadda, iyyaafi waraansaaf sababa guddaa taʼe ni dhabamsiifama. Kana jechuun ilmaan namootaa amanamoo taʼan cubbuurraa walaba waan taʼaniif guutummaatti Waaqayyoo wajjin araaramu jechuudha.

16 Eebba namoonni kutaa luboota mana mootummaa taʼan argamsiisan ilaalchisee Mulʼanni 22:1, 2 akkas jedha: “Laga bishaan jireenya namaaf kennu, isa bishaan isaa akka cabbii addaatu teessoo Waaqayyootii fi hoolichaa biraa baʼu anatti argisiise. Bishaanichi karaa mandarichaa walakkaa in yaaʼa; lagicha gamaa gamanas muka jireenya namaaf kennu tokkotu dhaabata; mukti kun waggaatti siʼa kudha lama ija waan godhatuuf, jiʼa jiʼaan iji irraa in argama; baalli mukichaas saba biyya lafaa fayyisuudhaaf in taʼa.” Qophiiwwan fakkeenyaan ibsaman kun, “saba biyya lafaa” ykn maatiin ilmaan namootaa cubbuu sababii Addaamiin isaanitti dhuferraa guutummaatti walaba isaan godhu. Dhugumayyuu, ‘wanti duraa darbeera.’

LUBOONNI MANA MOOTUMMAA HOJIISAANII NI XUMURU

17. Luboonni mana mootummaa dhuma waggaa 1,000⁠tti maal xumuru?

17 Dhuma waggaa 1,000⁠tti luboonni mana mootummaa ilmaan namootaa isaaniif bitaman guutummaatti mudaa kan hin qabne akka taʼan gargaaru. Kiristos inni Angafa Lubootaafi Mootii taʼe ilmaan namootaa cubbuurraa walaba taʼan hunda Yihowaatti deebisee dhiheessa. (1 Qorontos 15:22-26 dubbisi.) Haala kanaan luboonni mana mootummaa kun guutummaatti hojiisaanii xumuru.

18. Luboonni mana mootummaa hojiisaanii erga xumuranii booda Yihowaan kan isaanitti fayyadamu akkamitti?

18 Achii boodahoo, Yihowaan miseensota luboota mana mootummaa kana akkamitti isaanitti fayyadama? Mulʼanni 22:5, “Isaan baraa hamma bara baraatti moʼuuf jiru” jedha. Taʼus eenyuurratti moʼu? Kana ilaalchisee Macaafni Qulqulluun waan jedhu hin qabu. Haataʼu malee, jireenyi isaan jiraachaa turaniifi wanti ilmaan namootaa cubbamoo taʼan mudaa akka hin qabne gochuurratti raawwatan, barabaraaf kaayyoo Yihowaa raawwachuusaanii akka itti fufan isaan gargaara.

19. Namoonni Ayyaana Yaadannoorratti argaman maal yaadachuuf carraa argatu?

19 Ayyaanni Yaadannoo duʼaa Yesus Kamisa, Ebla 5, 2012 kabajuuf wal geenyu, barumsa Macaafa Qulqulluu kana yaadachuuf nu gargaara. Kiristiyaanonni dibamoon lafarratti hafan muraasni maxinoofi wayinii diimaa fakkeenyaan ibsamerraa kan hirmaatan siʼa taʼu, kunis kakuu isa haaraa kana keessatti kan hirmaatan taʼuusaanii argisiisa. Wantoonni aarsaa Kiristosiif fakkeenya taʼan kun, mirgaafi itti gaafatamummaa guddaa kaayyoo Yihowaa isa barabaraa keessatti qaban isaan yaadachiisa. Hundi keenya qophii Yihowaan luboota mana mootummaa ilmaan namootaa hundaaf faayidaa argamsiisu akka dinqisiifannu argisiisuudhaan ayyaana kanarratti argamuuf carraaqqii haa goonu.

[Fakkii fuula 29⁠rra jiru]

Luboonni mana mootummaa ilmaan namootaatiif faayidaa barabaraa argamsiisu

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi