LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 1/15 ful. 31-32
  • Miʼawwan Gati Jabeessa Itti Fayyadamaa Turre Kuusuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Miʼawwan Gati Jabeessa Itti Fayyadamaa Turre Kuusuu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • “ALBAMII MAATII” FI “MIʼAWWAN DHALAA” KEENYA
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 1/15 ful. 31-32

Kuusaa Keenya Keessaa

Miʼawwan Gati Jabeessa Itti Fayyadamaa Turre Kuusuu

SABNI Yihowaa dhaala hafuuraa gati jabeessa taʼe qabu. Dhaalli kun barreeffamootarraa qofa kan fudhatame utuu hin taʼin, suuraawwan, xalayoota, seenaawwan dhuunfaa, miʼawwan waaqeffannaa, hojii lallabaafi seenaa keenyaa wajjin walitti dhufeenya qaban kan qabatedha. Haataʼu malee, wantoota madda odeeffannoo taʼan kana kaaʼuufi seenaa keenya isa darbe gad fageenyaan qoruun faayidaa akkamii qaba? Israaʼel durii keessatti mataa maatii kan taʼan ijoolleensaanii “amanannaa isaanii Waaqayyo irra akka kaaʼataniif,” seeraafi hojiiwwan Yihowaa dinqisiisoo taʼan isaan barsiisuu qabu turan.—Far. 78:1-7.

Qorannaan seenaa barreeffamee taʼerratti godhame, kaayyoo Yihowaa raawwachiisuurratti gaʼee guddaa qaba ture. Fakkeenyaaf, mormitoonni manni qulqullummaa Yerusaalem deebifamee akka hin ijaaramne gochuuf yommuu yaalanii turanitti, kutaa biyya Medoon mandara Ahimaataatii ragaan barreeffamaa tokko mana miʼaa keessaa kan argame yommuu taʼu, barreeffamni kun Qiiros Mootichi ijaarsi kun akka geggeeffamu heyyamee akka ture ibsa. (Ez. 6:1-4, 12) Ragaa argame kanaan kan kaʼe fedha Waaqayyoo wajjin haala walsimuun manni qulqullummaa deebifamee ijaaramuu dandaʼeera. Luqaas inni Wangeela barreesses ‘dubbii sana jalqabasaatii jalqabee, tarreetti galchee caafuu’ kan dandaʼe seenaa galmeeffamee taaʼetti fayyadameeti.—Luq. 1:1-4.

Qaamni Olaanaan seenaa tiʼookraasii keenyaaf xiyyeeffannaa guddaa kenna. Obboleessi Miseensa Qaama Olaanaa taʼe tokko dhaala hafuuraa keenya eeguun, barreessuufi dhaloota dhufutti dabarsuun hangam barbaachisaa akka taʼe yommuu ibsu akkas jedheera: “Bakka dhaqaa jirru beekuuf, eessaa akka kaane baruu qabna.” Kana galmaan gaʼuuf, dhiheenyatti waajjira muummee Biruukiliin, Niiwu Yoorki jiru keessatti Koree Barreeffamaa jalatti Dippaartimentiin Kuusaa hundeeffameera.

“ALBAMII MAATII” FI “MIʼAWWAN DHALAA” KEENYA

Yeroon darbaa ennaa deemu baayʼeen keenya yaadannoo maatii keenya ilaallatu guutummaatti kaaʼachuu akka hawwinu beekamaadha. Kutaan Kuusaa Seenaa, muuxannoo obboloota keenyaa iddoo guddaa qabuufi dabalaa deemu eeguuf, akkasumas galmeessee kaaʼuuf hojii guddaa hojjechaa jira. Suuraawwan of eeggannoodhaan Kuusaa Seenaa keessa kaaʼaman “albamii suuraawwan maatii” akka taʼanitti ilaalamu. Barreeffamoonni keenya durii, muuxannoon obboloota keenyaa dinqisiisaa taʼe, akkasumas yaadannoon gati jabeessa taʼeefi wantoonni iddoo guddaa qaban kaan Kuusaa Keenya keessatti walitti qabamu. “Miʼawwan dhaalaan argaman” kun dhaala hafuuraa arganne hubachuufi maatiin hafuuraa keenya gara fuulduraa maal akka fakkaatu amanannaadhaan eeggachuuf nu gargaara.

Mataduree haaraa “Kuusaa Keenya Keessaa” jedhu jalatti wanta Dippaartimentii Kuusaa keessatti argamu akka dubbistu si afeerra. Matadureen kun darbee darbee maxxansa qayyabannaa Masaraa Eegumsaarratti baʼa. Fakkeenyaaf, maxxansa ittaanurratti seenaa fakkiidhaan ibsameefi gaaffii armaan gadii deebisuuf gargaaru maxxansuuf karoorfanneerra: Daawuun Moobaayiliin maalidha? Kan itti fayyadamaa turehoo eenyudha? Faayidaa kennaa kan ture yoomi? Kaayyoo akkamiitiif tajaajilaa ture?

Akkuma yaadannoo suuraa maatii, miʼawwan Kuusaa Keenya keessatti walitti qabaman, waaʼee keenyaafi warra kanaan dura jiraatanii waan hedduu nutti himu. Kana jechuunis, amantiifi ija jabina obboloonni keenya kanaan dura jiraatan argisiisan, gammachuu isaan Abbaa keenya isa samii tajaajiluudhaan argataniifi rakkoo isaanirra gaʼe, akkasumas waaʼee qajeelfama Waaqayyoofi gargaarsa inni yeroo mara sabasaatiif godhu nutti hima. (Kes. 33:27) Yihowaan fedhasaa raawwachuuf, caalaatti tokkummaa qabaachuufi humna argachuuf jecha seenaa jaarmiyaa keenyaa eeguuf carraaqqii walirraa hin cinne goonu akka nuu eebbisu amanannaa qabna.

[Saanduqa/​Fakkii fuula 31⁠rra jiru]

Gad Fageenyaan Qoruu

Barreeffamoota, DVD, barreeffama Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe kaan qopheessuuf, barreessitoonni, ogeessonni fakkii, obboloonni keenya qorannaa godhaniifi warri kaan miʼawwan kuufamanitti fayyadamu. Kanaaf, Dippaartimentiin Kuusaa miʼawwan seena qabeessa balʼinaan argaman, waajjiroota damee, dippaartimentii Betʼel, gumiiwwan, namoota dhuunfaafi dhaabbilee mootummaa keessaa sassaabuudhaan akka gaariitti eeguuf wanta isaanii dandaʼame hunda gochaa jiru. Mee wantoota hojjetaman keessaa hamma tokko armaan gaditti caqasaa:

Walitti Qabuufi Gamaaggamuu: Miʼawwan adda taʼan Kuusaa Keenya keessatti dabalamuusaanii itti fufu. Miʼoonni kun hedduunsaanii kennaadhaan, akkasumas obboloota maatiinsaanii waggoota dheeraadhaaf amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaa turan akka ergisaatti kennaniin kan argamudha. Miʼoota kana akka gaariitti beekuufi walbira qabanii ilaaluun waaʼee seenaa keenyaa, akkasumas waaʼee namoota yeroo sanatti turanii hubannaa qabnu nuu guddisa.

Galmeessuu: Dippaartimentiin Kuusaa miʼoota kuma hedduutti lakkaaʼaman kan qabate yommuu taʼu, isaan keessaa tokko tokko jaarraa tokkoo ol kan turanidha. Miʼoonni kun bifaafi boca garaagara kan qaban yommuu taʼu, gara fuulduraatti itti fayyadamuuf jecha of eeggannoodhaan galmeeffamanii kaaʼamu.

Suphuufi Haala Gaariitiin Eeguu: Kitaabonni dulloomaniifi salphaatti mancaʼuu dandaʼan, akkasumas miʼoonni gati jabeessa taʼan of eeggannoodhaan suphamanii kaaʼamu. Barreeffamoonni, suuraawwan, oduuwwan gaazexaarratti baʼan, fiilmonniifi wantoonni waraabaman kompiitaratti garagalchamaniiru. Kanaaf miʼoonni kuniifi seena qabeessa taʼan kan biroon harkaan asiifi achi fuffuudhuudhaan akka hin mancaaneef jecha karaa kompiitaraa qofa faayidaa akka kennan godhameera.

Kuusuufi Itti Fayyadamuu: Miʼoonni seena qabeessa taʼan akka hin badne, sababa hoʼaafi jiidhaatiin akka hin mancaane gochuuf sirnaan kaaʼamu. Miʼawwan durii gati jabeessa taʼan qorannaa gochuufi itti fayyadamuuf kompiitara keessatti kuufamaniiru.

[Fakkii fuula 32⁠rra jiru]

1. Beeksisa “Footoo Diraamaa oov Kiriʼeeshin.” 2. Maqaa namoota barreeffama ajajatanii. 3. Konkolaataa meeshaa sagalee guddisu qabu. 4. Qola Masaraa Eegumsaa Ebla 15, 1912. 5. Yaadannoo mana hidhaa J. F. Raazarfordi. 6. Maayikirofoonii WBBR. 7. Fonoogiraafii. 8. Shaanxaa kitaabota itti baatan. 9. Yaadannoo dhunfaa. 10. Telegiraamii J. F. Raazarfordiif godhame.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi