Ittiin Baafata
Guraandhala 15, 2012
© 2012 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania. Mirgi abbummaa seeraan eegamaadha.
Maxxansa Qayyabannaa
MATADUREEWWAN QAYYABANNAA
EBLA 2-8, 2012
Dammaqinaan Jiraachuudhaan Fakkeenya Yesus Hordofaa
FUULA 3 • FAARFANNAA: 14, 24
EBLA 9-15, 2012
FUULA 10 • FAARFANNAA: 10, 47
EBLA 16-22, 2012
Hafuura Gaarii Gumii Keessa Jiru Eegaa
FUULA 18 • FAARFANNAA: 20, 28
EBLA 23-29, 2012
Maatii Amantiidhaan Gargar Taʼe Keessatti Gammachuu Argachuu
FUULA 26 • FAARFANNAA: 39, 6
KAAYYOO MATADUREEWWAN QAYYABANNAA
MATADUREE QAYYABANNAA 1 FUULA 3-7
Yesus duuka buutonnisaa dammaqoo taʼanii akka jiraatan kan akeekkachiise maaliifi? Matadureen kun karaa Kiristos yeroo lafarra turetti dammaqinaan jiraachuusaa itti mirkaneesse sadii kan ibsu siʼa, nuyis karaa kana sadaniin akkamitti fakkeenyasaa hordofuu akka dandeenyu qorra.
MATADUREE QAYYABANNAA 2 FUULA 10-14
Tajaajiltoonni Yihowaa bara durii akkamitti ija jabina akka argisiisan qoruun keenya nu fayyaduu kan dandaʼu maaliifi? Gaaffiin kun mataduree ija jabeeyyii akka taanu nu gargaaruuf qophaaʼe kana keessatti deebii argata.
MATADUREE QAYYABANNAA 3 FUULA 18-22
Tokkoon tokkoon keenya amala addaa argisiisnu qabna. Matadureen kun gumii keessatti hafuurri gaariin akka jiraatu gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.
MATADUREE QAYYABANNAA 4 FUULA 26-30
Kiristiyaanonni maatii amantiidhaan gargar taʼe keessa jiraatan guyyaa guyyaadhaan rakkinni isaan mudata. Matadureen kun Dhugaa Baatonni maatii keessatti nagaan akka jiraatu gochuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼeefi miseensi maatii Dhugaa Baatuu hin taane waaqeffannaa dhugaa akka fudhatu gargaaruun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe ibsa.
MATADUREEWWAN DABALATAA
8 Dubbii Waaqayyoo Ija Jabinaan Labsaniiru!
15 Amala Sammuu Keenya Mancaasuu Dandaʼu—Hinaaffaa
23 Naataan—Amanamummaadhaan Waaqeffannaa Dhugaa Deggereera
FAKKII QOLASAARRA JIRU: Hindii, magaalaa Niiwu Deelihiitti obboloota buufata baaburaa guyyaatti baabura 300 ol keessumsiisutti hojjettootaafi imaaltota guutummaa biyyichaa keessaa dhufaniif lallaban
HINDI
BAAYʼINA UUMMATAA
1,224,614,000
BAAYʼINA BABALʼISTOOTA
33,182
GUDDINA BABALʼISTOOTAA
Dhibbeentaa 5