LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 2/15 ful. 3-7
  • Dammaqinaan Jiraachuudhaan Fakkeenya Yesus Hordofaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dammaqinaan Jiraachuudhaan Fakkeenya Yesus Hordofaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • YESUS DAMMAQINAAN AKKA JIRAANNU KAN BARBAADU MAALIIFI?
  • DAMMAQINAAN KADHACHUU
  • HOJII LALLABAARRATTI DAMMAQINAAN HIRMAACHUU
  • YEROO QORUMSI NURRA GAʼUTTI DAMMAQOO TAʼUU
  • ‘Dammaqnee Eeguu’ kan Qabnu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • “Dandeettii Hubannaa Keessanii Eeggadhaa, Dammaqoo Taʼaa!”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Dammaqinaan Jiraachuu Ergamoota Yesusirraa Baradhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • “Kanaafan Ergame”
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 2/15 ful. 3-7

Dammaqinaan Jiraachuudhaan Fakkeenya Yesus Hordofaa

“Dammaqaa, kadhadhaa!”—MAT. 26:41.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

Kadhannaan dhiheessinu dammaqoo taʼuu keenya kan argisiisu akkamitti?

Tajaajila keenyarratti dammaqoo taʼuu keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

Yommuu qorumsi nurra gaʼu dammaqoo taʼuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyuhoo akkamitti?

1, 2. (a) Dammaqinaan jiraachuu ilaalchisee fakkeenya Yesusii wajjin haala wal qabateen gaaffiiwwan kamfaatu kaʼa? (b) Fakkeenyi Yesus inni mudaa hin qabne ilmaan namootaa cubbuu dhaalan gargaaruu ni dandaʼaa? Fakkeenyaan ibsi.

AKKAS jettu taʼa: ‘Yesus isa dammaqinaan jiraate hordofuun dhuguman ni dandaʼamaa? Kana malees, Yesus mudaa kan hin qabne ture! Hunda caalaammoo yeroo gara fuulduraa ilaalchisee, wantoota waggoota kumaan lakkaaʼaman booda taʼanillee sirriitti beekuu dandaʼee ture! Maarree Yesus dhuguma dammaqinaan jiraachuun isa barbaachisee turee?’ (Mat. 24:37-39; Ibr. 4:15) Dammaqinaan jiraachuun hangam barbaachisaafi ariifachiisaa akka taʼe hubachuuf jalqaba gaaffiiwwan kana haa deebisnu.

2 Fakkeenyi nama mudaa hin qabne tokkoo ilmaan namootaa cubbuu dhaalan gargaaruu dandaʼaa? Eeyyee, barsiisaa gaarii tokkoofi fakkeenyasaarraa barachuun waan dandaʼamuuf ni gargaara. Fakkeenya nama yeroo jalqabaatiif xiyya futtaasuu baratu tokko yaadaa. Akkuma xiyya isa jalqabaa futtaaseen wanta itti akeeke sana waan hin rukunneef, barumsa dabalataa fudhachuufi shaakala gochuusaa itti fufa. Fooyyaʼiinsa gochuuf, fakkeenya barsiisaasaa isa xiyya futtaasuutti muuxannoo guddaa qabuu of eeggannoodhaan hordofa. Barataan kun barsiisaansaa akkamitti akka dhaabbatu, akkamitti xiyyasaa akka qabatuufi futtaasuuf qubootasaatti akkamitti akka fayyadamu akka gaariitti ilaala. Barataan barachuuf kutate kun, akka gaariitti darbachuuf futtaasicha hangam akka harkisu suutuma suuta barata; haala qilleensaa xiyyeeffannaa keessaa galcha; carraaqqii gochuusaas itti fufa. Wanta barsiisaansaa godhu hordofuudhaan, dhumarratti bakka rukutuuf akeekkate sirriitti rukutu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun nuyis, barumsa Yesus fudhachuufi fakkeenyasaa isa mudaa hin qabne hordofuudhaan fooyyaʼiinsa gochuu keenya itti fufna.

3. (a) Yesus dammaqinaan jiraachuun akka isa barbaachisu kan argisiise akkamitti? (b) Mataduree kana keessatti waaʼee maalii qorra?

3 Haataʼu malee dammaqinaan jiraachuu ilaalchisee maal jechuutu dandaʼama? Yesus dhugumaan dammaqinaan jiraachuun isa barbaachisee turee? Eeyyee isa barbaachiseera. Fakkeenyaaf galgala dhuma jireenyasaa isa lafaarratti ergamootasaa amanamoo taʼan, “Anaa wajjinis dammaqaa! . . . Qoramatti akka hin galleef dammaqaa, kadhadhaa!” jedhee gorsee ture. (Mat. 26:38, 41) Yesus yeroo hunda dammaqinaan kan jiraatu taʼus, keessumaa yeroo rakkisaa sanatti dammaqaa taʼuufi hamma isaa dandaʼame Abbaasaa isa samiitti caalaatti dhihaachuun isa barbaachisee ture. Duuka buutonnisaa yeroo sanatti qofa utuu hin taʼin, gara fuulduraattis dammaqina akkasii qabaachuun akka isaan barbaachisu beeka ture. Kanaaf, Yesus dammaqinaan akka jiraannu kan barbaadu maaliif akka taʼe haa qorru. Achiis dammaqinaan jiraachuu ilaalchisee karaawwan yeroo hunda fakkeenya Yesus hordofuu itti dandeenyu sadii qorra.

YESUS DAMMAQINAAN AKKA JIRAANNU KAN BARBAADU MAALIIFI?

4. Waaʼee gara fuulduraa kan hin beekne taʼuu keenyaafi dammaqinaan jiraachuu keenya gidduu walitti dhufeenya akkamiitu jira?

4 Gabaabaadhumatti waaʼee gara fuulduraa wanta beeknuufi wanta hin beeknee wajjin kan wal qabatedha. Yesus yommuu lafarra turetti waaʼee gara fuulduraa waan hundumaa beeka turee? Lakki. Kanaaf gad of deebisuudhaan, “Guyyicha sanaa fi yericha sana garuu abbaa koo duwwaatu beeka malee, ergamoonni waaqa irraa, ilmis, namni tokko illees kana hin beekan” jedheera. (Mat. 24:36) ‘Ilma’ Yihowaa kan taʼe Yesus yeroo sanatti dhumni sirna hamaa kanaa yoom akka taʼe hin beeku ture. Nutoo guyyichi yoom akka taʼe beeknaa? Waaʼee gara fuulduraa waan hunda beeknaa? Lakki! Yihowaan sirna hamaa kana balleessuuf Ilmasaa yoom akka ergu hin beeknu. Maarree erga hin beeknu taʼee dammaqinaan jiraachuun dhugumaan nu hin barbaachisuu? Akkuma Yesus ibse, badiisni sirna kanaa utuu itti hin yaadamin waan dhufuuf, yeroo kamiyyuu caalaa dammaqinaan jiraachuun nu barbaachisa.—Maatewos 24:43 dubbisi.

5, 6. (a) Beekumsi yeroo gara fuulduraafi kaayyoo Waaqayyoo ilaalchisee qabnu, fedhii dammaqinaan jiraachuuf qabnurratti dhiibbaa kan godhu akkamitti? (b) Seexana ilaalchisee beekumsi qabnu caalaatti dammaqoo taʼuuf akka kutannu nu gochuu kan qabu maaliifi?

5 Karaa gara biraammoo Yesus dhugaa namoonni isaa wajjin turan hedduun hin beekne, jechuunis waaʼee gara fuulduraa wantoota dinqisiisaa taʼan baayʼee beeka ture. Beekumsi keenya, beekumsa Yesus qabuu wajjin kan wal hin gitne taʼus, waaʼee Mootummaa Waaqayyoofi wanta inni dhiheenyatti raawwatu ilaalchisee waan hedduu beekna. Namoonni mana barumsaatti, bakka hojiitti ykn naannoo tajaajilaa keenyatti argaman hedduun, waaʼee dhugaawwan dinqisiisaa taʼan kanaa waan hin beekneef karaa hafuuraa dukkana keessa akka jiran beekna. Sababiin dammaqinaan jiraachuu itti qabnu garabiraan kanadha. Akkuma Yesus waaʼee Mootummaa Waaqayyoo wanta beeknu carraa itti namootatti himnu argachuuf yeroo hundaa dammaqoo taʼuun nu barbaachisa. Carraan akkasii hundi bakka guddaa waan qabuuf matumaa akka nu darbu gochuu hin barbaannu. Lubbuun namootaa balaarra buʼeera!—1 Xim. 4:16.

6 Wanti Yesus dammaqinaan akka jiraatu isa kakaase garabiraanis jira. Seexanni isa qoruuf, ariʼatama isarraan geessisuufi amanamummaasaa akka hirʼisu isa gochuuf kutatee akka kaʼe beeka ture. Diinni hamaan sun Yesusiin qoruuf yeroo hunda “yeroo caalaatti mijaaʼaa taʼe kan biraa” barbaadaa ture. (Luq. 4:13, NW) Yesus garuu matumaa of eeggannoosaa laaffisee hin beeku. Qorumsa, mormii ykn ariʼatama isarra gaʼuuf jiru kamiifiyyuu qophaaʼaa taʼuu barbaada ture. Nutoo gama kanaan caalaatti qophaaʼoo taʼuu hin qabnuuree? Seexanni ammayyuu, ‘akka leenci yeroo beelaʼutti aadaa naannaʼu, nama liqimsuu barbaadee akka naannaʼu’ beekna. Dubbiin Waaqayyoo “Of qabaa, dammaqaas!” jechuudhaan Kristiyaanota hunda kan akeekkachiisu kanaafidha. (1 Phe. 5:8) Haataʼu malee, kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?

DAMMAQINAAN KADHACHUU

7, 8. Yesus kadhannaa ilaalchisee gorsa akkamii kenneera? Innoo gama kanaan fakkeenya akkamii nuu taʼa?

7 Macaafni Qulqulluun karaa hafuuraa dammaqoo taʼuufi kadhannaa gidduu hariiroo cimaan akka jiru ibsa. (Qol. 4:2; 1 Phe. 4:7) Yesus duuka buutonnisaa isaa wajjin dammaqanii akka eegan gaafatee utuma baayʼee hin turin, “Qoramatti akka hin galleef dammaqaa, kadhadhaa!” jedhee ture. (Mat. 26:41) Gorsa kana kan kenne namoota yeroo sanatti haala rakkisaa keessa turan qofaaf turee? Lakki, gorsisaa kun seera buʼuuraa yeroo hunda jireenya keenya ittiin geggeessuuf nu gargaarudha.

8 Yesus kadhannaa dhiheessuurratti fakkeenya gaarii nuuf taʼa. Yeroo tokko halkan guutuu Abbaasaatti kadhannaa dhiheessaa akka bule ni yaadattu taʼa. Mee yeroo kana ija qalbii keenyaatiin ilaaluuf yaalii haa goonu. (Luqaas 6:12, 13 dubbisi.) Iddoonsaa mandara Qifirnaahom bakka Yesus jiraatutti dhihoo yommuu taʼu, yeroonsaa arfaasaa taʼuu hin oolu. Yommuu dhihaa deemu, Yesus tulluuwwan Ciisa Bishaan Galiilaa cinaa jiran keessaa isa tokkotti ol baʼe. Achirra taaʼee yommuu gad ilaalu Qifirnaahomiifi mandaroota naannooshee jiran keessatti ifa kurraazii xinnoo xinnoo mulʼatu argee taʼuu hin oolu. Yommuu Yihowaa wajjin dubbatu garuu guutummaatti kadhannaasaarratti xiyyeeffata ture. Haala akkasiitiin daqiiqaawwan, achiis saʼaatii hedduun ni darban. Ifni gajjallaatti mulʼatan sun tokko tokkoon yommuu dhaaman ykn jiini yommuu lixxu ykn bineensonni halkanii nyaata barbaacha asiifi achi yommuu fiigan hamma tokko hubachuu hin oolu. Kadhannaansaa murtoo guddaa isa eeggatu, jechuunis ergamootasaa 12an filachuurratti kan xiyyeeffate taʼuu hin oolu. Yesus tokkoon tokkoon bartootasaa ilaalchisee qajeelfamaafi ogummaa akka isaa kennu, maal akka yaadeefi wanta isa yaaddesse kadhannaa garaadhaa maddeen yommuu ibsu hammam muddamee akka ture tilmaamuu dandeenya.

9. Yesus halkan guutuu kadhannaa dhiheessuusaarraa maal barachuu dandeenya?

9 Fakkeenya Yesusirraa maal barachuu dandeenya? Kadhannaa dhiheessuurratti saʼaatii dheeraa dabarsuu akka qabnu barannaa? Yesus duuka buutotasaa ilaalchisee gaarummaadhaan, “Hafuurri illee dhimmaa dha, foon garuu dadhabaa dha” waan jedheef kana miti. (Mat. 26:41) Taʼus fakkeenya Yesus hordofuu ni dandeenya. Fakkeenyaaf murtoo, nuunis taʼe maatii keenya ykn namoota hidhata amantii keenya taʼan karaa hafuuraa tuqu gochuu keenya dura Abbaa keenya isa samiitti ni himnaa? Kadhannaan keenya waaʼeen namoota hidhata amantii keenya taʼanii akka nu yaaddessu argisiisaa? Jechoota wal fakkaatan irra deddeebiʼuu mannaa garaadhaa ni kadhannaa? Yesus yeroo itti kophaasaa Abbaasaa wajjin dubbatuuf iddoo guddaa kan kennu akka tures hubadhaa. Addunyaa muddamaafi fiigichaan guutame keessa waan jiraannuuf, wanta jireenyaaf nu barbaachisu argachuuf qabamuudhaan salphaadhumatti dhimmoota iddoo guddaa qaban irraanfachuu dandeenya. Dhuunfaatti kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuuf, yeroo gaʼaa kan ramannu taanaan karaa hafuuraa caalaatti dammaqoo taʼuu dandeenya. (Mat. 6:6, 7) Caalaatti Yihowaatti dhihaanna, hariiroo isaa wajjin qabnu cimsachuuf fedhii guddaa qabaanna, akkasumas wanta hariiroo kana laaffisu kamiyyuu gochuurraa fagaanna.—Far. 25:14.

HOJII LALLABAARRATTI DAMMAQINAAN HIRMAACHUU

10. Fakkeenyi, Yesus carraa lallabuuf isa dandeessisu argachuuf dammaqaa akka ture argisiisu kamidha?

10 Yesus hojii Yihowaan akka hojjetu isaaf kenne raawwachuuf dammaqaa ture. Hojiiwwan xiyyeeffannaadhaan hojjetamuu baatanis miidhaa hin geessisne tokko tokko jiru taʼa. Hojiiwwan hedduun garuu xiyyeeffannaa guddaa kan barbaadan siʼa taʼan, hojiin lallabaa Kiristiyaanonni raawwatan hojii keessaa tokko akka taʼe hin shakkisiisu. Yesus carraawwan misraachicha itti namootaaf hiru barbaaduudhaan, hojii isaaf kenname raawwachuuf baayʼee dammaqaa ture. Fakkeenyaaf, inniifi bartoonnisaa ganamaa kaasanii deemaa ooluudhaan mandara Siikaar yommuu gaʼan bartoonnisaa nyaata bituu deeman. Yesus boqochuuf boolla bishaan mandarichaa bira kan taaʼe taʼus, dammaqaa waan tureef, carraa itti dhugaa baʼu argateera. Dubartiin Samaariyaa tokko bishaan waraabbachuu dhufte. Yesus xinnoo ciisuuf filachuu dandaʼa ture. Ishee wajjin maree gochuu dhiisuuf sababii dhiheessuu dandaʼa ture. Taʼus dubartiin sun akka isaa wajjin mariʼattu gochuudhaan, misraachoo jireenya namoota hedduu mandarattii keessa jiraatan jijjiire akka gaariitti lallabeera. (Yoh. 4:4-26, 39-42) Nutoo carraa namoota guyyaa guyyaadhaan argannuuf lallabuuf nu dandeessisu argachuuf dammaqoo taʼuuf carraaquudhaan fakkeenya Yesus caalaatti hordofuu dandeenyaa?

11, 12. (a) Yesus namoota hojiisaarratti akka hin xiyyeeffanne gochuu yaalaniif deebii akkamii kenne? (b) Yesus hojiisaarratti madaalliisaa akka eegu kan argisiise akkamitti?

11 Yeroo tokko tokko namoonni gaarummaadhaan kakaʼanii hojiisaarratti akka inni hin xiyyeeffanne gochuuf yaalanii turan. Qifirnaahomitti namoonni dinqii inni fayyisuudhaan raawwate baayʼee waan ajaaʼibsiifataniif isaan bira akka turu gochuu barbaadanii turan. Akkas gochuunsaaniis nama hin dinqisiisu. Yesus garuu kan ergame, mandara tokkoof qofa utuu hin taʼin, “warra akka hoolotaa karaa irraa goranii mana Israaʼelii badan” hundaaf lallabuuf ture. (Mat. 15:24) Kanaaf, “Misraachoo mootummaa Waaqayyoo mandaroota warra kaanittis lallabuun ana irra jira, kanaaf anuu ergame” jedhee namoota sanatti dubbateera. (Luq. 4:40-44) Jireenyi Yesus tajaajilasaarratti kan xiyyeeffate akka ture ifadha. Wanti tokkoyyuu yaadasaa akka hihhiru hin heyyamne.

12 Yesus hojiisaarratti garmalee xiyyeeffachuudhaan namootarraa adda of baasee turee? Tajaajilasaatti garmalee muddamuudhaan wanta maatiiwwaniif barbaachisu gochuu dhiisee turee? Yesus hojiisaa raawwachuu ilaalchisee madaalliisaa eeguudhaan fakkeenya gaarii taʼeera. Michootasaa wajjin yeroo gaarii dabarsuudhaan jireenyatti ni gammada ture. Wanta isaaniif barbaachisu gochuufi rakkinasaanii hiikuudhaan, akkasumas ijoolleetti jaalala argisiisuudhaan maatiiwwaniif iddoo guddaa akka kennu argisiiseera.—Maarqos 10:13-16 dubbisi.

13. Hojii Mootummichaa dammaqinaan lallabuufi madaallii ofii eeguu ilaalchisee fakkeenya Yesus hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Dammaqinaan jiraachuu ilaalchisee fakkeenya Yesus yommuu hordofnu madaallii keenya eeguuf carraaqqii gochuu kan dandeenyu akkamitti? Biyyi lafaa hojii keenyarraa yaada keenya akka hihhiru heyyamuu hin qabnu. Michoonniifi firoonni keenyallee yaada gaariidhaan kakaʼanii tajaajila keenya laaffisuudhaan jireenya isaan gaarii akka taʼe yaadan akka jiraannu nu gorsu taʼa. Fakkeenya Yesus kan hordofnu taanaan garuu, tajaajila keenya akka nyaataatti ilaalla. (Yoh. 4:34) Hojiin keenya karaa hafuuraa kan nu sooru taʼuusaarrayyuu gammachuu nuuf argamsiisa. Taʼus, matumaa qajeelaa keessa baʼaa of gochuu ykn namootarraa adda of baasuu hin barbaannu. Nuyis akkuma Yesus tajaajiltoota ilaalcha madaalamaa qabaniifi Yihowaa isa “waaqa gammadaa taʼe” waaqeffatan taʼuu barbaanna.—1 Xim. 1:11, NW.

YEROO QORUMSI NURRA GAʼUTTI DAMMAQOO TAʼUU

14. Yeroo qorumsi nurra gaʼutti maalirraa fagaachuun nu barbaachisa? Maaliif?

14 Akkuma olitti ilaalle, Yesus dammaqinaan jiraachuu ilaalchisee gorsawwan baayʼee ariifachiisaa taʼan tokko tokko kan kenne yeroo qorumsa cimaa keessa turettidha. (Maarqos 14:37 dubbisi.) Yommuu rakkinni nurra gaʼu fakkeenyasaa hordofuun baayʼee nu barbaachisa. Namoonni baayʼeen siʼa rakkinni isaanirra gaʼu dhugaa barbaachisaa Macaafni Fakkeenyaa yeroo lama irra deddeebiʼee, “Karaan qajeelaa namatti fakkaatu jira, dhumni isaa garuu karaa duʼaa ti” jedhu ni dagatu. (Fak. 14:12; 16:25) Keessumaa yeroo rakkinni cimaan nu mudatu yaada keenyatti kan amanamnu taanaan, ofii keenyas taʼe namoota jaallannu balaadhaaf saaxiluun keenya hin oolu.

15. Yeroo haalli dinagdee rakkisaa taʼutti mataan maatii tokko qorumsi akkamii isa mudachuu dandaʼa?

15 Fakkeenyaaf mataan maatii tokko wanta jireenyaaf barbaachisu “warra mana isaatiif” dhiheessuuf qabsoo cimaa gochuun isa barbaachisa taʼa. (1 Xim. 5:8) Hojii yeroo baayʼee walgaʼiirraa akka hafu, waaqeffannaa maatii akka hin geggeessine ykn tajaajilarratti akka hin hirmaanne isa dhowwu jalqabuuf qorama taʼa. Akka yaada namaatti kun fudhatama kan qabuufi sirrii isatti fakkaachuu dandaʼa. Haataʼu malee, ilaalchi akkasii karaa hafuuraa akka dhukkubsatu ykn akka duʼu isa gochuu dandaʼa. Yeroo kanatti gorsa Fakkeenya 3:5, 6⁠rra jiru hordofuun baayʼee gaariidha! Solomoon, “Garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu, hubannaa ofii keetiitti hin hirkatin! Karaa kee hundumaatti isa yaadi, innis daandii kee siif in qajeelcha” jedheera.

16. (a) Yesus ofitti amanamuu mannaa Yihowaan qajeelfama akka isaaf kennu gaafachuudhaan fakkeenya akkamii nuuf taʼa? (b) Mataawwan maatii hedduun yeroo rakkinaatti Yihowaatti amanamuudhaan fakkeenya Yesus kan hordofan akkamitti?

16 Yesus yeroo qorumsa keessa turetti hubannaasaatti amanamuu dhiisuuf murteessee ture. Mee yaadaa! Namni namoota hamma yoonaatti lafarra jiraatan caalaa ogeessaa taʼe, ogummaasaatti fayyadamee deebii kennuu dhiisuu filateera. Fakkeenyaaf yommuu Seexanni isa qoretti Yesus irra deddeebiʼee, “Kan jedhu caafameera” jedhee deebii kenneera. (Mat. 4:4, 7, 10) Qorumsa isaa dhihaate ilaalchisee Abbaansaa qajeelfama akka isaaf kennu gaafachuudhaan, amala gad of deebisuu Seexanni jibbuufi matumaa inni hin qabne akka qabu argisiiseera. Nutoo akka Yesus ni goonaa? Mataan maatii dammaqinaan jiraachuudhaan fakkeenya Yesus hordofu tokko, keessumaa yeroo rakkisaa taʼetti Dubbiin Waaqayyoo akka isa geggeessu heyyama. Addunyaa maratti mataawwan maatii kumaan lakkaaʼaman akkas gochaa jiru. Wanta jireenyaaf isaan barbaachisu caalaa, Mootummaa Waaqayyoofi waaqeffannaa dhugaatiif dursa kennu. Taʼus, maatiisaaniitiif kunuunsa barbaachisu hunda godhu. Akkuma Macaafa Qulqulluu keessatti abdii kenne, Yihowaan carraaqqii isaan wanta maatiisaaniitiif barbaachisu dhiheessuuf godhan eebbisuudhaan isaan kiisa.—Mat. 6:33.

17. Dammaqinaan jiraachuu ilaalchisee fakkeenya Yesus hordofuuf kan isin kakaasu maalidha?

17 Yesus dammaqinaan jiraachuurratti fakkeenya hunda caalu akka nuuf taʼu beekamaadha. Fakkeenyisaa hojiirra ooluu kan dandaʼu, faayidaa kan qabuufi lubbuu kan baraarsudha. Seexanni karaa hafuuraa akka mugdan gochuuf, amantii keessan laaffisuuf, waaqeffannaadhaaf dantaa akka dhabdaniifi ejjennoo keessaan akka laaffistan gochuuf hawwii guddaa akka qabu yaadadhaa. (1 Tas. 5:6) Gama kanaan akka isaaf milkaaʼu hin heyyaminaa! Akkuma Yesus, kadhannaa dhiheessuu, tajaajiluufi qorumsa moʼuudhaan dammaqinaan jiraadhaa. Gama kanaan fakkeenyasaa kan hordoftan taanaan, sirna hamaa duʼaa jiru kana keessattillee jireenya gammachiisaa jiraachuu dandeessu. Kana malees yommuu Gooftaan keessan sirna kana balleessuuf dhufu, dammaqinaan fedha Abbaasaa utuu raawwattanii akka isin argatu isin gargaara. Yihowaan jireenya isin amanamaadhaan jiraattaniif isin eebbisuusaatti baayʼee gammada!—Mul. 16:15.

[Fakkii fuula 6⁠rra jiru]

Yesus dubartii boolla bishaanii biratti argateef lallabeera. Atoo yeroo hunda lallabuuf carraaqqii ni gootaa?

[Fakkii fuula 7⁠rra jiru]

Wanta karaa hafuuraa maatii keessaniif barbaachisu guutuun, dammaqoo taʼuu keessan argisiisa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi