Dubbii Waaqayyoo Ija Jabinaan Labsaniiru!
Mormiin utuma gaʼuullee ija jabina argisiisuun ni dandaʼama. Akkuma kitaabota afaan Ingiliffaan qophaaʼan jechuunis, Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’ jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaa—Labsitoota Mootummichaa Taʼan jedhamurratti ibsame Kiristiyaanonni dhugaan amala kana ni argisiisu. Akkuma Kiristiyaanota hidhata amantii keenya taʼaniifi jaarraa tokkoffaatti jiraatanii, nuyis dubbiisaa ija jabinaan lallabuuf Yihowaan hafuurasaatiin akka nu gargaaru kadhannaadhaan isa gaafanna.—HoE. 4:23-31.
Waraana addunyaa tokkoffaatti hojii lallabaa keenya geggeeffamaa ture ilaalchisee obboleessi tokko akkas jedhee barreesseera: “Tajaajiltoonni Waaqayyoo kitaaba Za Finiishdi Mistirii jedhamuufi jildii torbaffaa Istadiis iin za Iskiriipcharsi jedhu miira hoʼaadhaan raabsaa jiru. Kitaabni kun haala kanaan dura taʼee hin beekneen raabsamaa jira. Tiraaktiin Oduu Mootummichaa Lakk. 1 bara 1918tti baʼe. Ittaansuudhaan Oduu Mootummichaa Lakk. 2 kitaaba Za Finiishdi Mistirii jedhamu ibsu kan baʼe yommuu taʼu kanas abbootiin taayitaa akka hin raabsamne dhorkan. Achiis tiraaktiin Oduu Mootummichaa Lakk. 3 ni baʼe. Tiraaktii kana balʼinaan kan raabsan dibamtoota amanamoo turan. Tiraaktii Oduu Mootummichaa jedhu raabsuun amantiifi ija jabina kan gaafatu ture.”
Yeroo harʼaa babalʼistoonni Mootummichaa haaraa taʼan siʼa baayʼee tajaajila ilaalchisee leenjii ni argatu; taʼus yeroo hunda akkas ture jechuu miti. Obboleessi lammii Poolaandi taʼeefi Yuunaayitid Isteetis jiraatu tokko muuxannoo yeroo bara 1922tti tajaajila jalqabe qabu yaadachuudhaan akkas jedhee barreesseera: “Barreeffamicha raabsuuf beekumsa qabaachuu, akkasumas Ingiliffa akka gaariitti beekuu baadhus mana doktoora tokkoon rurrukute. Achiis narsiin tokko balbala naa bante. Gammachuufi sodaan natti dhagaʼamee waan tureef, muuxannoo sana matumaa hin irraanfadhu. Akkuman boorsaa barreeffama itti baadhu baneen kitaabonni hundi miilla narsittiirratti harcaʼan. Wantan dubbadhe yaadachuu baadhus barreeffama tokko narsittiif kenneen deeme. Achii yommuun deemu ija jabinaafi eebba Yihowaa akkan argadhe natti dhagaʼamee ture. Gaafa sana naannoo daldalaatti karaarratti buukleetota hedduu raabsuu dandaʼeera.”
Obboleettiin tokko, “Naannoo bara 1933, obboloonni hedduun konkolaattota meeshaa sagalee guddisu qabanitti fayyadamanii ergaa Mootummichaa lallabu turan” jetteetti. Yeroo tokko isheeniifi hiriyoonni gaaʼelaa Dhugaa Baatota taʼan tokko, Yuunaayitid Isteetis kutaa Kaalifoorniyaa naannoo gaara qabu tokkotti lallabaa turan. Akkas jechuudhaan wanta yaadattu dubbatteetti: “Obboleessi kun konkolaataa meeshaan sagalee guddisu irratti hidhame yeroo gaaratti ol baasu, nutimmoo magaalaa keessa turra. Yeroo inni ergaa sagaleedhaan waraabame dhageessisuu jalqabu, waanuma samiirraa dhagaʼamaa jiru fakkaata. Namoonni magaalichaa obboleessa kana argachuuf carraaqqii cimaa godhanis isa argachuu hin dandeenye. Ergaan sagaleedhaan waraabame kun erga xumuramee booda, namoota haasofsiisuudhaan dhugaa baana turre. Kan nama dhibu garuu, konkolaattota kan biraa meeshaa sagalee guddisee dhageessisu qaban lamaa wajjin kanan hojjedhe taʼus, namoonni hedduun ergicha dhagaʼuu hin barbaadan turan. Sagalee konkolaattota meeshaa sagalee guddisee dhageessisuun darbu garuu dhaabuu waan hin dandeenyeef dirqama haasicha ni dhagaʼu turan. Yihowaan yeroo barbaachisaa taʼetti mala sirrii taʼetti akka itti fayyadamnu gochuusaa yeroo hunda arguu dandeenyeerra. Malli kun ija jabina barbaachisu argachuuf kan nu gargaare taʼuusaarrayyuu, kaayyoo barbaadame galmaan gaʼeera; maqaan Yihowaas akka faarsamu godheera.”
Baroota 1930nii hanga jalqaba baroota 1940tti foonoograafiifi haasaa Macaafa Qulqulluu sagaleedhaan waraabametti fayyadamnee tajaajilla turre. Obboleettiin tokko waan yaadattu akkas jechuudhaan dubbatteetti: “Shamarreen obboleettii taate tokko foonoograafiitti fayyadamtee manaa gara manaatti tajaajilaa turte. Mana tokko bira geessee ergaa sagaleedhaan waraabame dhageessisuu akkuma jalqabdeen, abbaan manichaa aariidhaan foonoograaficha dhiitee lafaan dhaʼe. Haataʼu malee meeshicha keessaa tokkollee hin cabne. Namoonni sadii konkolaataa guddaa dhaabatee jiru tokko keessa taaʼanii laaqana nyaachaa wanta raawwatame kana ilaalaa turan; obboleettiin kun ergaa waraabame sana akka isaan dhageessistu kan gaafatan siʼa taʼu, barreeffamas ni fudhatan. Kunimmoo hammina isheerratti raawwatame sana akka irraanfattu godheera.” Dhugumayyuu qorumsa dandaʼuun ija jabina gaafata.
Obboleettiin kun itti dabaluudhaan akkas jetteetti: “Bara 1940 yommuu karaarratti barruu raabsuu jalqabne nan yaadadha. Sanaan dura beeksisa waraqaarratti barreeffame qomaafi dugda keenyatti maxxanfannee deemna turre. Obboloonniifi obboleettonni iddoo tokkotti baayʼatanii barreeffama, ‘Amantiin Kiyyoofi Kan Ittiin Nama Gowwoomsanidha,’ akkasumas ‘Waaqayyoofi Kiristos Mooticha Tajaajilaa’ jedhu diratanii karaarra deemu turan. Yeroo kanatti tiraaktiis namootaaf ni raabsina turre. Bifa tajaajilaa akkasiirratti hirmaachuun ija jabina kan gaafatu taʼus, maqaa Yihowaafi sabasaa namoota duratti beeksisuuf tajaajileera.”
Obboleettiin garabiraa tokkos akkas jetteetti: “Magaalaawwan xixinnoo keessatti barruulee raabsuun baayʼee rakkisaadha. Keessumaammoo yeroo Dhugaa Baatotarra mormii cimaan gaʼutti kan itti caalu taʼa. . . . Barruulee akka mulʼatutti baasanii qarqara karaarra dhaabatanii dhaadannoo yeroo sana tajaajilaaf akka itti fayyadamnu nuu kenname dhageessisuun ija jabina guddaa gaafata. Taʼus, Sanbadduraa yeroo baayʼee tajaajila kanarratti ni hirmaanna turre. Yeroo tokko tokko namoonni haala gaariitiin nu simatu. Siʼa kaanimmoo gareewwan namootaa hammina nurratti raawwachuu barbaadan waan jiraniif, wanta hamaa nurra gaʼu hambisuuf naannichaa baqanna turre.”
Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti ariʼatamni isaanirra gaʼus tajaajilasaanii ija jabinaan raawwataniiru. Muddee 1, 1940 hanga Amajjii 12, 1941tti duula guyyaa 43f godhamerratti babalʼistoonni Yuunaayitid Isteetis gara 50,000 taʼan, Yeroo “Ija Jabina” Qaban Itti Mirkaneessan jedhamee waamamutti buukleetota gara miliyoona saddeetii raabsaniiru.
Maanguddoonni jaarmiyaa Waaqayyoo keessa jiran hedduun rakkoo bara duriitti ija jabina akka argisiisan isaan gaafate akka gaariitti yaadatu. Obboloonni tokko tokko hojii ija jabina argisiisuu gaafatu kana irra deddeebiʼuudhaan ‘karra mandaraatii diina Ariʼaa baasaa’ jechuudhaan dubbatu turan. Ergaan Waaqayyo akka lallabnu nutti kenne, sirni hamaan kun xumuramuusaa dura akkamitti akka lallabnu gara fuulduraatti kan ilaallu taʼa. Haataʼu malee gargaarsa Yihowaatiin dubbiisaa amantiifi ija jabinaan labsuu keenya itti fufna.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 9rra jiru]
Misraachoo Mootummichaa lallabuun yeroo hunda ija jabina gaafata