LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 2/15 ful. 10-14
  • “Cimi, Ija Jabaadhus!”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Cimi, Ija Jabaadhus!”
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • DHUGAA BAATOTA, BIYYA LAFAA WAAQAYYO MALEE JIRAATU KEESSATTI IJA JABEEYYII TURAN
  • AMANTIIFI IJA JABINA ARGISIISANIIRU
  • DUBARTOOTA IJA JABEEYYII YIHOWAA CINAA DHAABATAN
  • WANTI DUBBANNU IJA JABINA NAMAAF KENNUU DANDAʼA
  • ASTEER—MOOTUU IJA JABEETTII
  • “JABAADHU!”
  • “LAPHEE JABAADHU!”
  • ‘Ija Jabaadhaa, Hojjedhaas!’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Yihowaan Isinii Wajjin Waan Jiruuf​—Ija Jabaadhaa!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Ija Jabeeyyii Taʼuu ni Dandeenya
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Ija Jabina Naa Kenni
    Yihowaa ‘Gammachuudhaan Faarfadhaa’
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 2/15 ful. 10-14

“Cimi, Ija Jabaadhus!”

‘Cimi, ija jabaadhus! Waaqayyo Gooftaankee si wajjin jira.’—IYA. 1:7-9.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

Henokiifi Nohi ija jabina kan argisiisan karaawwan kamiinidha?

Amantiifi ija jabina argisiisuu ilaalchisee, dubartoonni bara durii tokko tokko fakkeenya akkamii taʼu?

Ija jabina argisiisuurratti fakkeenya dargaggoonni taʼan kamfaa dinqisiifatta?

1, 2. (a) Yeroo tokko tokko jireenya keenya keessatti wanta sirrii taʼe hojjechuuf maal qabaachuu qabna? (b) Mataduree kana keessatti waaʼee maalii qorra?

FAALLAAN ija jabinaa, sodaachuu, ija laafuufi dabeessa taʼuudha. Nama ija jabeessa taʼe tokko cimaa, gootaafi sodaan kan itti hin dhagaʼamne goonee yaanna taʼa. Haataʼu malee, yeroo tokko tokko jireenya guyyaa guyyaa keessatti wanta sirrii taʼe hojjechuuf ija jabinni barbaachisaadha.

2 Namoonni Macaafa Qulqulluu keessatti caqasaman tokko tokko haala baayʼee rakkisaa taʼe keessatti ija jabina argisiisaniiru. Warri kaanimmoo haalawwan tajaajiltoota Yihowaa taʼuusaaniitiin qofa isaan mudatan keessatti ija jabeeyyii taʼaniiru. Ija jabina argisiisuu ilaalchisee fakkeenyota Macaafa Qulqulluu keessa jiranirraa maal baranna? Nuhoo ija jabeeyyii taʼuu kan dandeenyu akkamitti?

DHUGAA BAATOTA, BIYYA LAFAA WAAQAYYO MALEE JIRAATU KEESSATTI IJA JABEEYYII TURAN

3. Henok namoota Waaqayyo malee jiraatan ilaalchisee raajii maalii dubbateera?

3 Namoota hamoo Bishaan Badiisaa bara Nohi dura turan gidduutti Yihowaadhaaf dhugaa baʼuun ija jabina gaafata ture. Taʼus, Henok inni, “Addaamii jalqabee dhaloota torbaffaa ture,” ergaa raajii Yihowaa ija jabinaan akkas jedhee labseera: “Kunoo, gooftichi kumaatama qulqulloota isaa wajjin in dhufa [“dhufeera,” NW]! Inni nama hundumaa irratti faraduudhaaf taaʼee, waan warri Waaqayyo malee jiraatan jireenya akkasii keessatti hojjetan hundumaa, dubbii jajjabaa cubbamoonni warri Waaqayyo malee jiraatan isa irratti dubbatan hundumaa, bakkeetti baasee amansiisee, nama adduma addaan in adaba.” (Yih. 14, 15) Henok, raajiin kun raawwatamuunsaa waan hin oolleef akka raawwatametti dubbateera. Namoonni Waaqayyo malee jiraatan sunis bishaan badiisaatiin dhumaniiru!

4. Nohi ‘karaa Waaqayyoorra kan deddeebiʼe’ haala akkamii keessatti ture?

4 Bishaan Badiisaa kan gaʼe Dh.K.D. bara 2370⁠tti, jechuunis erga Henok raajii dubbatee waggaa 650 ol booda ture. Yeroo kana keessatti Nohi dhalatee, maatii godhatee, akkasumas ilmaansaa wajjin markaba ijaareera. Ergamoonni hamoon foon uffatanii dubartoota babbareedoo fuudhuudhaan Neefliimota ykn ijoollee hojjaafi humnaan nama caalan godhatan. Kana malees, namoonni baayʼee hamoo kan taʼan siʼa taʼu, laftis jalʼinaan guutamte. (Uma. 6:1-5, 9, 11) Haalawwan akkasii utuma jiranii, ‘Nohi karaa Waaqayyoorra deddeebiʼuudhaan Waaqayyoo wajjin jiraateera,’ akkasumas ija jabinaan ‘qajeelina lallabeera.’ (2 Phexros 2:4, 5 dubbisi.) Nuyis guyyoota gara dhumaa kana keessatti ija jabinni akkasii nu barbaachisa.

AMANTIIFI IJA JABINA ARGISIISANIIRU

5. Museen amantiifi ija jabina akka qabu kan argisiise akkamitti?

5 Museen amantiifi ija jabina qabaachuudhaan fakkeenya gaarii taʼa. (Ibr. 11:24-27) Waaqayyo Dh.K.D. bara 1513-1473⁠tti Israaʼeloota Gibxii baasee lafa onaa keessa akka geggeessu isatti fayyadamee ture. Museen gaʼumsa akka hin qabne isatti dhagaʼamee kan ture taʼus hojii kana fudhateera. (Bau. 6:12) Inniifi obboleessisaa Aaron yeroo baayʼee Faraʼoon Mootii Gibxii isa hamaa duratti dhihaachuudhaan Dhaʼichawwan Kurnan Yihowaan waaqayyolii biyya Gibxii ittiin yeellaasiseefi sabasaa ittiin oolche beeksisaniiru. (Bau. boq. 7-12) Museen amantiifi ija jabina kan argisiise akkuma keenya yeroo hundaa deggersa Waaqayyoo waan qabuuf ture.—Kes. 33:27.

6. Abbootiin taayitaa waaqeffannaa keenya ilaalchisee gaaffii yoo nuu dhiheessan ija jabinaan dhugaa baʼuu kan dandeenyu akkamitti?

6 Yesus akkas jedhee waan dubbateef, nuyis ija jabina akka Musee qabaachuun nu barbaachisa: “Isaanitti, warra saba Waaqayyoo hin taʼinittis dhugaa baʼuudhaaf, anaaf jettanii fuula warra biyya bulchanii fi fuula moototaatti in geeffamtu. Yommuu dabarsanii isin kennan immoo akka itti dubbattan yookiis maal akka jettan hin yaaddaʼinaa; wanti isin dubbachuuf jirtan yeroo sanatti isiniif in kennama. Hafuura abbaa keessaniitu isin keessaa dubbata malee, isintu dubbata miti.” (Mat. 10:18-20) Abbootiin taayitaa waaqeffannaa keenya ilaalchisee gaaffii yoo nuu dhiheessan, hafuurri Yihowaa amantiifi ija jabina qabaannee kabajaan dhugaa baʼuuf nu gargaara.—Luqaas 12:11, 12 dubbisi.

7. Iyaasuun ija jabeessa kan taʼeefi milkaaʼina kan argate maaliifi?

7 Iyaasuun inni Musee bakka buʼe, Seera Waaqayyoo yeroo hundaa qayyabachuunsaa amantiifi ija jabina akka qabaatu isa godheera. Dh.K.D. bara 1473⁠tti Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamtetti galuuf qophaaʼaa turan. Yeroo kanatti Waaqayyo, “Cimi, ija jabaadhus!” jedhee isa gorseera. Iyaasuunis Seericha hojiirra oolchuudhaan ogeessa taʼuufi milkaaʼina argachuu dandaʼeera. Yihowaan, “Ani Waaqayyo gooftaan kee, ‘Iddoo ati dhaqxu hundumaatti sii wajjinan jiraatii ati . . . hin sodaatin, hin naʼinis!’” jedheenii ture. (Iya. 1:7-9) Jechoonni kun Iyaasuu baayʼee jabeessanii akka turan beekamaadha! Biyyattii Abdachiifamte gara caalaasaa injifachuudhaan kan qabatan waggaa jaʼa qofa keessatti, jechuunis Dh.K.D. bara 1467⁠tti waan tureef Waaqayyo isaa wajjin akka ture hin shakkisiisu.

DUBARTOOTA IJA JABEEYYII YIHOWAA CINAA DHAABATAN

8. Amantiifi ija jabina qabaachuu ilaalchisee Rahaab fakkeenya akkamii nuu taati?

8 Jaarraawwan hedduu darbanitti dubartoonni ija jabeeyyii taʼan danuun waaqeffannaa Yihowaa cinaa dhaabataniiru. Fakkeenyaaf Rahaab ejjituun isheen Yerikoo keessa jiraachaa turte, gaaddota Iyaasuun erge ija jabinaan dhoksuufi namoota mootiin magaalichaa akka isaan ariʼan erge karaa gara biraarra akka deeman gochuudhaan Waaqayyotti akka amantu argisiisteetti. Kanaaf yommuu Israaʼeloonni Yerikoo qabatan isheeniifi maatiinshee oolaniiru. Rahaab hojiishee isa gadhee dhiisuufi amanamummaadhaan Yihowaa waaqeffachuudhaan abaabilii Masiihichaa taʼuu dandeesseetti. (Iya. 2:1-6; 6:22, 23; Mat. 1:1, 5) Amantiifi ija jabina qabaachuunshee eebba guddaa isheedhaa argamsiiseera.

9. Deboraa, Baaraaqiifi Yaaʼel ija jabina kan argisiisan akkamitti?

9 Iyaasuun Dh.K.D. bara 1450⁠tti erga duʼee booda Israaʼeloonni abbootii firdii jalatti bulu turan. Waaqayyo Deboraa raajittiin Baaraaq inni Abbaa Firdii taʼe tarkaanfii akka fudhatu akka kakaastu yommuu itti erge, Yaabiin Mootiin Kanaʼaanotaa Israaʼeloota waggaa 20f hacuucaa ture. Baaraaq, namoota 10,000 Tulluu Taaborirratti walitti qabee, angafa loltootaa Yaabiin kan taʼe Siisaaraa, loltootasaafi konkolaattotasaanii 900 wajjin dachaa Kiishon keessa buufaterratti waraana banuuf qophaaʼe. Israaʼeloonni yommuu gara dachaa sanaatti gad buʼan, Waaqayyo lolaa cimaa fiduudhaan dachaa sana laaqiidhaan guutee konkolaattonni Kanaʼaanotaa akka hin sochoone godhe. Namoonni Baaraaq injifannoo kan argatan siʼa taʼu, “loltoonni Siiseraa hundinuu billaadhaan dhuman.” Siisaaraan dunkaana Yaaʼel keessa dhokachuu barbaadee kan ture taʼus, Yaaʼel utuu inni rafuu isa ajjeesteetti. Akkuma Deboraan raajii dubbattetti, ‘ulfinni sana keessatti argame’ dubartii tokkoof, jechuunis Yaaʼeliif taʼeera. Ija jabina Deboraa, Baaraaqiifi Yaaʼel argisiisaniin kan kaʼe, Israaʼeloonni “waggaa afurtamaaf gabiitti in jiraat[an.]” (Abo. 4:1-9, 14-22; 5:20, 21, 31) Dhiironniifi dubartoonni nama Waaqayyoo taʼan hedduun kaanis amantiifi ija jabina akkasii argisiisaniiru.

WANTI DUBBANNU IJA JABINA NAMAAF KENNUU DANDAʼA

10. Wanti dubbannu namoonni ija jabina akka qabaatan gochuu dandaʼa kan jennu maaliifi?

10 Wanti dubbannu namoonni nu wajjin Yihowaa waaqeffatan ija jabina akka qabaatan gochuu dandaʼa. Dh.K.D. jaarraa 11⁠ffaatti Daawit Mootichi ilmasaa Solomooniin akkas jedhee ture: “Egaa cimi, ija jabaadhuu hojjedhu! Waaqayyo gooftaan inni ani waaqeffadhu sii wajjin waan jiruuf, hin sodaatin, hin naʼinis! Mana isa keessatti Waaqayyoof hojjechuudhaaf ijaartu kana hamma raawwattutti inni si hin dhiisu, si hin gatus.” (1 Sen. 28:20) Solomoon ija jabinaan tarkaanfii fudhachuudhaan, Yihowaadhaaf mana qulqullummaa ajaaʼibsiisaa taʼe Yerusaalemitti ijaareera.

11. Wanti shamarreen Israaʼel ija jabeettii taate dubbatte jireenya nama tokkoorratti jijjiirama akkamii fideera?

11 Dh.K.D. jaarraa kurnaffaatti wanti shamarreen Israaʼel ija jabeettii taate tokko dubbatte nama lamxiidhaan qabame tokkoof eebba argamsiiseera. Intalli kun saamtotaan boojiʼamtee, mana nama ajajaa waraana Sooriyaa Naʼamaan jedhamuufi dhukkuba lamxiitiin qabame tokkotti hojjettuu taatee tajaajilti turte. Dinqii Yihowaan karaa Elsaaʼi hojjete waan dhageesseef, abbaan manaashee kun gara Israaʼel utuu dhaqee raajiin Waaqayyoo tokko dhukkuba lamxiisaarraa akka isa fayyisu haadha manaa Naʼamaanitti himte. Naʼamaanis gara Israaʼel dhaqee dinqiidhaan dhukkubasaarraa kan fayye yommuu taʼu Yihowaa waaqeffachuu dandaʼeera. (2 Mot. 5:1-3, 10-17) Akkuma shamarree kanaa ijoollee yoo taateefi Waaqayyoon kan jaallatu yoo taʼe, Yihowaan atis barsiisota, ijoollee si wajjin barataniifi warra kaaniif akka lallabdu ija jabina sii kennuu dandaʼa.

12. Wanti Hisqiyaas Mootichi dubbate namoota inni bulchuuf maal argamsiiseera?

12 Jechoonni akka gaariitti itti yaadamanii dubbataman yeroo rakkinaatti ija jabina argamsiisuu dandaʼu. Dh.K.D. jaarraa saddeettaffaatti yommuu Asoronni Yerusaalemirratti duulan, Hisqiyaas Mootichi namoota isa jalatti bulaniin akkas jedhee ture: “Humni guddaan kan isaa caalu nu bira waan jiruuf, cimaa, ija jabaadhaa malee, mootii Asorii fi loltoota isaa warra baayʼee kana sodaattanii hin naʼinaa! Inni irree fooniitiin lola, Waaqayyo gooftaan keenya garuu nu bira goree nuuf in lola.” Namoonni jecha kana dhagaʼan maal argatan? Seenaansaa, “Jarri dubbii Hisqiyaas . . . dubbateen humna in argatan” jedha. (2 Sen. 32:7, 8) Yommuu namoonni nu ariʼatan jechoonni akkasii nuufis taʼe Kiristiyaanota kaaniif ija jabina argamsiisuu dandaʼu.

13. Ija jabinni Obaadiyaan inni itti gaafatamaa mana Ahaab Mootichaa ture argisiise fakkeenya akkamii nuu taʼa?

13 Yeroo tokko tokko ija jabinni dubbii keenyaan utuu hin taʼin gocha keenyaan mulʼata. Dh.K.D. jaarraa kurnaffaatti Obaadiyaa inni itti gaafatamaa mana Ahaab Mootichaa ture, ajaja Iizaabel Mootittii hamtuun dabarsiteen akka hin ajjeefamneef ija jabinaan raajota Waaqayyoo dhibba tokko taʼan “shantama shantamaan holqa dhagaa keessa” dhoksee ture. (1 Mot. 18:4) Akkuma Obaadiyaan inni nama Waaqayyoon sodaatu ture godhe, tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan hedduun, Kiristiyaanota hidhata amantiisaanii taʼan ilaalchisee namoota ariʼatama isaanirraan gaʼaniif odeeffannoo kennuu dhiisuudhaan ija jabinaan isaan eeganiiru.

ASTEER—MOOTUU IJA JABEETTII

14, 15. Asteer Mootittiin amantiifi ija jabina kan argisiiste akkamitti? Buʼaansaahoo maal ture?

14 Dh.K.D. jaarraa shanaffaatti Asteer Mootittiin yommuu Haamaan inni hamaa taʼe Yihudoota mootummaa Faares keessa jiran balleessuuf karoora baasee turetti, amantiifi ija jabina guddaa akka qabdu argisiisteetti. Yihudoonni gaddanii, soomanii, akkasumas garaasaaniitii kadhatanii akka turan hin shakkisiisu. (As. 4:1-3) Asteer Mootittiinis baayʼee gadditee turte. Mordekaayi seera Yihudoonni akka balleeffaman baʼe Asteer ishee intala wasiilasaa taate kanaaf erguudhaan, mooticha duratti dhihaattee Yihudoota sabashee taʼaniif akka kadhattu ishee ajaje. Taʼus namni utuu heyyama hin argatin lafa mootichi jirutti ol galu kamiyyuu ni ajjeefama ture.—As. 4:4-11.

15 Haataʼu malee Mordekaayi Asteeriin akkas jedhe: “Mootuu taʼuun kee iyyuu yeroo akkasiitiif yaadame taʼa, maaltu beeka? Yeroo akkasii kanatti ati calluma jettee yoo dhiifte . . . kan furuu fi kan oolchu iddoo biraatii in kaʼa.” Asteer Yihudoonni Susaan jiran waaʼeeshee akka soomaniif akka walitti qabu Mordekaayiin ajajje. ‘Anis akkasuma nan sooma,’ “Lafa mootichi jirutti ol galuun seera mootummaa kanaa duuba yoo taʼe iyyuu, akka kanatti ani yoon duʼes duʼinna! Gara lafa mootichi jirutti ol nan gala” jette. (As. 4:12-17) Asteer ija jabinaan tarkaanfii kan fudhatte siʼa taʼu, macaafni maqaasheetiin waamamu Waaqayyo sabasaa akka oolche argisiisa. Yeroo harʼaas Kiristiyaanonni dibamooniifi michoonnisaanii Yihowaadhaaf of murteessan qorumsa keessatti ija jabina akkasii kan argisiisan siʼa taʼu, inni ‘kadhata namaa dhagaʼus’ yeroo hundaa isaan cinaa dhaabbata.—Faarfannaa 65:2; 118:6 dubbisi.

“JABAADHU!”

16. Dargaggoonni keenya fakkeenya Yesusirraa maal baratu?

16 Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti yeroo tokko, Yesus inni umriinsaa waggaa 12 ture mana qulqullummaa keessa “barsiisota gidduu taaʼee isaan utuu dhaggeeffatuu gaaffiis utuu isaan gaafatuu” argame. Kana malees, “Warri isa dhaggeeffatan hundinuu immoo hubannaa isaa fi deebii deddeebisuu isaatiif in dinqifatan.” (Luq. 2:41-50) Yesus ijoollee taʼus, amantiifi ija jabina geggeessitoota amantii mana qulqullummaa keessatti barsiisan gaafachuuf isa dandeessu qaba ture. Dargaggoonni gumii Kiristiyaanaa keessa jiran fakkeenya Yesus yaadachuunsaanii, ‘waaʼee abdii isaan keessa jiruu, nama isaan gaafatuuf deebii gaʼu deebisuuf’ carraa argatan hundatti akka fayyadaman isaan gargaara.—1 Phe. 3:15.

17. Yesus, “Jabaadhaa!” jedhee bartootasaa kan gorse maaliifi? Nuhoo ija jabinaan tarkaanfii fudhachuu kan qabnu maaliifi?

17 Yesus, ‘Jabaadhaa!’ jechuudhaan namoota kaan gorseera. (Mat. 9:2, 22) Bartootasaatiin akkas jedheera: “Yeroo isin itti kophaatti na dhiiftanii gara mana mana keessaniitti bittimmooftan in dhufa, ammuma iyyuu immoo dhufeera; ani garuu kophaa koo miti, abbaan anaa wajjin jira. Anatti qabamtanii nagaa akka qabaattaniif ani kana hundumaa isinitti hime; biyya lafaatti rakkina qabdu, garuu jabaadhaa! Ani biyya lafaa moʼeera.” (Yoh. 16:32, 33) Biyyi lafaa nuunis akkuma duuka buutota Yesus jaarraa jalqabaa kan jibbu taʼus, akka biyya lafaa taʼuu hin qabnu. Ija jabina Ilmi Waaqayyoo argisiiserratti xiinxaluun keenya xurii biyya lafaarraa fagaachuuf ija jabina nuu kennuu dandaʼa. Akkumasaa nuyis biyya lafaa moʼuu ni dandeenya.—Yoh. 17:16; Yaq. 1:27.

“LAPHEE JABAADHU!”

18, 19. Phaawulos amantiifi ija jabina qabaachuusaatiif ragaa akkamii dhiheesseera?

18 Phaawulos ergamaan qorumsa hedduu obsaan dandaʼeera. Yeroo tokko Yerusaalemitti utuu loltoonni warra Roomaa harkaa isa hin baasne taʼee Yihudoonni isa kukkutanii oolan. “Gooftichi gaafasuma halkan Phaawulositti dhiʼaatee, ‘Laphee jabaadhu! Yerusaalemitti anaaf akkuma dhugaa baate akkasuma mandara Roomaattis anaaf dhugaa baʼuun siif in taʼa’ jedheen.” (HoE. 23:11) Phaawulosis akkuma jedhame godheera.

19 Phaawulos “ergamoota warra hundumaa irra caalan,” akkasumas gumii Qorontos keessa jiru mancaasuu barbaadan ija jabinaan ifateera. (2 Qor. 11:5; 12:11) Haala isaanirraa adda taʼeen, hidhaa, reebicha, deemsa rakkisaa, balaawwan gara biraatiif saaxilamuu, beela, dheebuufi hirriba dhabuu, akkasumas namoota hidhata amntiisaa taʼaniif yaaduudhaan ergamaa Yesus taʼuusaa akka mirkaneesse caqaseera. (2 Qorontos 11:23-28 dubbisi.) Seenaan inni amantiifi ija jabina argisiisuudhaan galmeesse kun hundi, jabina Waaqayyo biraa argamuuf ragaa guddaa taʼa.

20, 21. (a) Fakkeenya ija jabina qabaachuu akka qabnu argisiisu tokko caqasi. (b) Haalawwan akkamii keessatti ija jabina argisiisuu nu barbaachisa? Waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

20 Ariʼatamni cimaan kan gaʼu Kiristiyaanota hundarra miti. Taʼus hundisaanii rakkoowwan jireenya keessatti isaan mudatan dandaʼuuf ija jabina qabaachuu isaan barbaachisa. Fakkeenyaaf, Dargaggeessi tokko miseensa garee yakka raawwachuudhaan beekamuufi Biraaziilitti argamu tokkoo ture. Macaafa Qulqulluu erga qayyabatee booda jijjiirama gochuun akka isa barbaachisu kan hubate taʼus, namni garee sana dhiisee baʼu kamiyyuu yeroo baayʼee ni ajjeefama ture. Kadhannaa erga dhiheessee booda, Caaffata Qulqullaaʼootti fayyadamee sababii itti garee sana dhiisuu barbaade itti gaafatamaa garee sanaatti argisiise. Dargaggeessi kun miidhaan utuu irra hin gaʼin kan gadhiifame siʼa taʼu, babalʼisaa Mootummichaa taʼuu dandaʼeera.

21 Dhugumayyuu misraachicha labsuun ija jabina gaafata. Dargaggoonni Kiristiyaana taʼan mana barumsaatti amanamummaasaanii eeguuf ija jabina qabaachuun isaan barbaachisa. Sagantaa walgaʼii koonyaa hundarratti argamuuf hojiirraa heyyama gaafachuunis ija jabina gaafata. Wantoonni ija jabina argisiisuu gaafatan hedduudha. Rakkoowwan nurra gaʼan kan akkamiiyyuu yoo taʼan, Yihowaan ‘kadhata amantiidhaan goonu’ ni dhagaʼa. (Yaq. 5:15) Kanaaf, Yihowaan hafuura qulqulluu ‘cimuufi ija jabaachuuf’ nu barbaachisu akka nuu kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

[Fakkii fuula 11⁠rra jiru]

Henok biyya lafaa Waaqayyo malee jiraatu keessatti ija jabinaan lallabeera

[Fakkii fuula 12⁠rra jiru]

Yaaʼel ija jabeettiifi cimtuu turte

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi