AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Ija Jabeeyyii Taʼuu ni Dandeenya
Namni ija jabeessa taʼe cimaa, onnataa fi jabaa dha. Namni tokko ija jabeessa dha jechuun matumaa hin sodaatu jechuu miti. Kanaa mannaa, utuma sodaan itti dhagaʼamuu tarkaanfii fudhata jechuu dha. Maddi ija jabina dhugaa Yihowaa dha. (Fr 28:7) Dargaggoonni ija jabeeyyii taʼuu kan dandaʼan akkamitti?
VIIDIYOO FAKKEENYA NAMOOTA SODAATANII UTUU HIN TAʼIN, FAKKEENYA NAMOOTA IJA JABEEYYII TAʼANII HORDOFAA! JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
Haalawwan ija jabina gaafatan akkamiitu dargaggoota mudata?
Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu ija jabeeyyii taʼuuf nu kakaasan kamfaʼi?
Ija jabeeyyii taʼuun keenya nuunis taʼe namoota nu argan kan fayyadu akkamitti?