LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w13 1/15 ful. 7-11
  • Yihowaan Isinii Wajjin Waan Jiruuf​—Ija Jabaadhaa!

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yihowaan Isinii Wajjin Waan Jiruuf​—Ija Jabaadhaa!
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • YIHOWAAN IYAASUU WAJJIN TURE
  • KARAA KEENYA QAJEELCHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
  • IJA JABINAAN TARKAANFII FUDHATANIIRU
  • NAMOONNI HEDDUUN LUBBUUSAANII BALAADHAAF SAAXILANIIRU!
  • YIHOWAAN AKKA NU WAJJIN JIRU YAADADHAA!
  • “Cimi, Ija Jabaadhus!”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • ‘Ija Jabaadhaa, Hojjedhaas!’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Ija Jabina Naa Kenni
    Yihowaa ‘Gammachuudhaan Faarfadhaa’
  • Ija Jabeeyyii Taʼuu ni Dandeenya
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
w13 1/15 ful. 7-11

Yihowaan Isinii Wajjin Waan Jiruuf​—Ija Jabaadhaa!

‘Ani Waaqnikee Yihowaan sii wajjin jiraatii cimi, ija jabaadhu.’​—IYA. 1:9. NW.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Iyaasuun amantiifi ija jabina qabu eegee itti fufuuf maal gochuu qaba ture?

  • Ija jabina argisiisuu ilaalchisee fakkeenyi si tuqe isa kami?

  • Hojii lallabaa raawwachuuf fakkeenya namoota amantiifi ija jabina argisiisan kamfaatu si gargaaruu dandaʼa?

1, 2. (a) Amalawwan qorumsa moʼuuf nu gargaaran kamfaʼi? (b) Amantiin maalidha? Fakkeenyaan ibsi.

YIHOWAA tajaajiluun gammachuu nuuf argamsiisa. Haataʼu malee, rakkinni namoota hundarra gaʼu nurras kan gaʼu siʼa taʼu, ‘qajeelinaaf jennee dhiphachuus’ ni dandeenya. (1 Phe. 3:14; 5:8, 9; 1 Qor. 10:13) Qorumsa akkasii akka gaariitti moʼuuf, amantiifi ija jabina qabaachuu nu barbaachisa.

2 Amantiin maalidha? Phaawulos, “Amantiin waan abdatan ‘Dhuguma in taʼa’ jedhanii fudhachuu dha; waan ijaan hin argines akka waan arganiitti ‘Jira’ jedhanii lakkaaʼuu dha” jechuudhaan barreesseera. (Ibr. 11:1) Hiikni garabiraanimmoo, “Amantiin wanta abdiidhaan eegnuuf akka sanadii abbaa qabeenyummaatti kan nu gargaarudha. Amantiin wantoonni hin mulʼanne akka jiran mirkanaaʼoo taʼuudha” jedha. (Za Siimpil Ingilish Baayibil) Qabeenyi tokko barreeffamaan yoo nuu kenname, kan keenya taʼuusaa hin shakkinu. Waaqayyo wanta dubbate yeroo hunda akka raawwatu waan amannuuf, ragaa barreeffamaan jiruufi gati jabeessa taʼe of harkaa qabna jechuun ni dandaʼama. Amantiin keenya, abdiin keenya inni Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe akka raawwatamuufi dhugaawwan hafuuraa ijaan hin mulʼanne jiraachuusaanii mirkanaaʼoo taʼuuf nu gargaara.

3, 4. (a) Ija jabinni maalidha? (b) Amantiifi ija jabina qabnu cimsachuu kan dandeenyu akkamitti?

3 Ija jabina qabaachuu jechuun, “yeroo haalli rakkisaan ykn balaan nama mudatutti, karaa hafuuraa, miiraafi amalaa cimuudhaan sodaa malee dubbachuufi tarkaanfii fudhachuu” jechuudha. (Za Niwuu Intarpireetars Dikshinarii oov za Baayibil) Ija jabina yoo qabaanne, cimaa, goota, yeroo tokko tokkommoo sodaan kan nutti hin dhagaʼamne taana.​—Mar. 6:49, 50; 2 Xim. 1:7.

4 Amantiifi ija jabinni amalawwan barbaachisaa taʼanidha. Haataʼu malee, amantiin dabalataa akka nu barbaachisuufi ija jabina akka hin qabne yoo nutti dhagaʼame maal gochuu dandeenya? Namoonni Macaafa Qulqulluu keessatti caqasamaniifi kumaan lakkaaʼaman amalawwan kana qabaachuudhaan fakkeenya taʼaniiru. Kanaaf, karaan amantiifi ija jabina qabnu guddifachuu itti dandeenyu keessaa tokko fakkeenyota kana keessaa tokko tokko qoruudha.

YIHOWAAN IYAASUU WAJJIN TURE

5. Iyaasuun itti gaafatamummaa isaa kenname raawwachuuf maaltu isa barbaachisa ture?

5 Mee jaarraa 35 gara boodaatti deebinee haa yaannu. Israaʼeloonni miliyoona hedduutti lakkaaʼaman gargaarsa Yihowaatiin garbummaa Gibxii jalaa erga baʼanii waggaan 40⁠ni darbeera. Saba kana geggeessuudhaan Gibxii kan baase Musee raajicha ture. Amma umriisaa waggaa 120⁠tti Biyyattii Abdachiifamte fagootti erga ilaalee booda, Tulluu Neboorratti duʼe. Bakkasaa kan buʼe, Iyaasuu isa ‘hafuurri ogummaa keessa guute’ ture. (Kes. 34:1-9) Israaʼeloonni biyya Kanaʼaan qabachuuf qophaaʼaa jiru. Iyaasuun sabicha akka gaariitti geggeessuuf ogummaa Waaqayyoo qabaachuun isa barbaachisa. Yihowaarratti amantii qabaachuu, akkasumas ija jabeessaafi cimaa taʼuunis isa barbaachisa ture.​—Kes. 31:22, 23.

6. (a) Iyaasuun 23:6 maal gochuun ija jabina akka gaafatu ibsa? (b) Hojii Ergamootaa 4:18-20⁠fi 5:29⁠rraa maal baranna?

6 Ogummaan, ija jabinniifi amantiin Iyaasuun yeroo Israaʼeloonni biyya Kanaʼaaniin qabachaa turanitti argisiise isaan jajjabeessee taʼuu qaba. Israaʼeloonni waraanarratti goota taʼuu malees, waan Iyaasuun isaan gorse raawwachuuf ija jabina guddaa qabaachuun isaan barbaachisa ture. Iyaasuun yommuu duʼuu jala gaʼetti, “Kanaafis isin wanta Macaafa seera Musee keessatti caafame [jabeessaa] eegaa! Isattiis gara mirgaatti yookiis gara bitaatti hin jalʼatinaa!” jechuudhaan dubbateera. (Iya. 23:6) Nutis yeroo hunda Yihowaadhaaf abboomamuuf ija jabina akkasii qabaachuu nu barbaachisa. Kunis yeroo namoonni wanta fedha Waaqayyoo wajjin wal faallessuu akka raawwannu nu gaafatan ija jabina argisiisuu kan dabalatudha. (Hojii Ergamootaa 4:18-20; 5:29 dubbisi.) Kadhannaadhaan isatti kan amanamnu yoo taʼe Yihowaan ija jabina akkasii akka qabaannu nu gargaara.

KARAA KEENYA QAJEELCHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

7. Iyaasuun ija jabinaan tarkaanfii fudhachuufi milkaaʼina argachuuf maal gochuun isa barbaachisa ture?

7 Ija jabina fedha Waaqayyoo raawwachuuf nu barbaachisu argachuuf, Macaafa Qulqulluu qayyabachuufi hojiirra oolchuu qabna. Iyaasuun yommuu Musee bakka buʼetti gorsi akkas jedhu isaa kennamee ture: “Cimi, ija jabaadhus! Seera Museen garbichi koo si abboome hundumaa eeguudhaaf of eeggadhu! . . . Macaafni seeraa kun afaan kee keessaa hin dhabamin! Halkanii fi guyyaas waaʼee isaa yaadi! Karaan kee akka siif qajeelutti, wanti ati gootus akka wal siif qixxaatutti, wanta isa keessatti caafame hundumaa gaarii godhii eegi!” (Iya. 1:7, 8) Iyaasuun gorsa kana kan hordofe siʼa taʼu, ‘karaansaas isaaf qajeeleera.’ Nutis akkas kan goonu taanaan, tajaajila Waaqayyoorratti ija jabinaafi milkaaʼina guddaa arganna.

Caqasa waggaa 2013: ‘Ani Waaqnikee Yihowaan sii wajjin jiraatii cimi, ija jabaadhu.’​—Iyaasuu 1:9

8. Caqasni waggaa 2013 maalirraa fudhatame? Caqasni kun akka si gargaaru kan sitti dhagaʼamu maaliifi?

8 Yihowaan ittaansuudhaan, “Iddoo ati dhaqxu hundumaatti sii wajjinan jiraatii ati cimi, ija jabaadhu, hin sodaatin, hin naʼinis!” jechuudhaan yommuu dubbatu dhagaʼuunsaas Iyaasuudhaaf jabina guddaa argamsiisee taʼuu qaba. Yihowaan nuu wajjinis jira. Kanaaf qorumsi akkamiyyuu yoo nu mudate, ‘sodaachuufi naʼuu’ hin qabnu. Keessumaa yaanni, ‘Ani Waaqnikee Yihowaan sii wajjin jiraatii cimi, ija jabaadhu’ jedhu xiyyeeffannaa namaa kan harkisudha. Yaanni Iyaasuu 1:9⁠rra jiru kun caqasa waggaa 2013 akka taʼuuf filatameera. Akkuma namoota amantiifi ija jabina qabaachuurratti fakkeenya nuu taʼanii, yaanni caqasa kanaas jiʼoota ittaananitti akka nu jajjabeessu hin shakkisiisu.

IJA JABINAAN TARKAANFII FUDHATANIIRU

9. Rahaab amantiifi ija jabina kan argisiiste karaawwan kamiinidha?

9 Iyaasuun namoonni lama Kanaʼaaniin akka basaasan yommuu erge, Rahaab isheen ejjituu turte, namoota sana dhoksuudhaan diinotasaanii kallattii dogoggoraatti ergiteetti. Amantiifi ija jabinaan tarkaanfii waan fudhatteef, yommuu Israaʼeloonni Yerikoo qabatan isheefi maatiinshee ajjeefamuurraa oolaniiru. (Ibr. 11:30, 31; Yaq. 2:25) Rahaab, Yihowaa gammachiisuuf jecha jireenyashee isa gadhee dhiisteetti. Namoonni Kiristiyaana taʼan tokko tokkos amantii, ija jabinaafi cimina qabachuudhaan Waaqayyoon gammachiisuuf jijjiirama barbaachisu godhaniiru.

10. Ruut waaqeffannaa dhugaa cina dhaabbachuuf tarkaanfii kan fudhatte haala akkamii keessattidha? Kunoo eebbaa akkamii argamsiiseef?

10 Iyaasuun erga duʼee booda, Ruut isheen biyya Moʼaab waaqeffannaa dhugaa cina dhaabachuuf ija jabinaan tarkaanfii fudhatteetti. Abbaan manaashee inni irraa duʼe lammii Israaʼel waan taʼeef, waaʼee Yihowaa hamma tokko beekuu hin ooltu. Amaatiinshee Naaʼomiin isheen abbaan manaa irraa duʼe, Moʼaab keessa jiraachaa kan turte siʼa taʼu, gara mandara Betlihemitti galuuf murteessite. Utuu deemaa jiranii, Ruut gara sabasheetti akka deebitu Naaʼomiin kan ishee dirqisiiste taʼus, isheen garuu, “Si duukaa dhaquu dhiisee akkan deebiʼuuf, cimsitee itti ana hin oofin! . . . sabni kee saba koo in taʼa, Waaqayyoon kees Waaqayyo koo anaaf in taʼa” jette. (Rut. 1:16) Ruut murtoo gooterraa duubatti hin jenne. Yeroo booda Boʼaz inni fira Naaʼomii taʼe Ruutiin fuudhuudhaan, ilma akaakilii Daawitiifi akaakilii Yesus taʼe godhateera. Eeyyee, Yihowaan gocha amantiifi ija jabinaan raawwatamu ni eebbisa.​—Rut. 2:12; 4:17-22; Mat. 1:1-6.

NAMOONNI HEDDUUN LUBBUUSAANII BALAADHAAF SAAXILANIIRU!

11. Yoyaadaafi Yoshebaan ija jabina kan argisiisan akkamitti? Kunoo buʼaa akkamii argamsiise?

11 Waaqayyo namoota fedha Yihowaa, akkasumas faayidaafi nageenyasaanii caalaa kan warra hidhata amantiisaanii dursanii wajjin akka jiru yommuu hubannu, ija jabinniifi amantiin qabnu ni jabaata. Fakkeenyaaf, Angafa Lubootaa kan taʼe Yoyaadaafi haadha manaasaa Yoshebaa ilaalaa. Ahaaziyaa Mootichi erga duʼee booda, haatisaa Ataaliyaan sanyii mootichaa hunda ajjeesuudhaan aangoo qabatte. Haataʼu malee, Yoyaadaafi Yoshebaan lubbuusaanii balaadhaaf saaxiluudhaan Yoʼaas ilma Ahaaziyaa waggaa jaʼaaf dhoksan. Waggaa torbaffaatti Yoyaadaafi Yoshebaan, Yoʼaas mootii akka taʼe labsan; akkasumas Ataaliyaa ni ajjeesan. (2 Mot. 11:1-16) Boodas Yoyaadaan mana qulqullummaa suphuurratti Yoʼaas Mooticha deggereera. Yoyaadaan “Israaʼel keessatti Waaqayyoof, mana qulqullummaa isaatiifis waan gaarii hojjetee” waan tureef, waggaa 130⁠tti yommuu duʼe moototaa wajjin awwaalameera. (2 Sen. 24:15, 16) Kana malees, gochi Yoyaadaafi haati manaansaa ija jabinaan raawwatan sanyiin mootummaa, Daawitii hanga Masiihichaatti akka itti fufu godheera.

12. Ebeed Melek gocha ija jabina gaafatu akkamii raawwate?

12 Ebeed Melek, xuʼaashichi mana Zedeqiiyaa Mootichaa keessatti tajaajilu Ermiyaasiif jecha lubbuusaa balaadhaaf saaxilee ture. Ermiyaas mootummaa garagalchuu akka yaalu sobaan waan himatameef, mootichi, Ermiyaas boolla bishaanii dhoqqee qofa qabu keessa buufamee akka duʼuuf gurguddoota Yihudaatti dabarsee isa kenne. (Er. 38:4-6) Kana gochuun lubbuusaa balaadhaaf kan saaxilu taʼus, Ebeed Melek Ermiyaas isa namoota biratti jibbamaa taʼeef jecha Zedeqiiyaa kadhateera. Zedeqiiyaanis tole jechuudhaan Ebeed Melek namoota 30 wajjin taʼee Ermiyaasiin akka oolchu heyyame. Waaqayyos, Ebeed Melek yeroo warri Baabilon Yerusaalemiin qabatan akka hin ajjeefamne karaa raajichaa isaaf mirkaneesseera. (Er. 39:15-18) Dhugumayyuu, ija jabina Waaqayyo duratti fudhatama qabu argisiisuun nama kiisa.

13. Ibroonni sadan tarkaanfii ija jabina gaafatu akkamii fudhatan? Muuxannoo kanarraahoo fayyadaa akkamii arganna?

13 Dh.K.D. jaarraa torbaffaatti Ibroonni tajaajiltoota Yihowaa taʼan sadii Yihowaan namoota amantiifi ija jabina argisiisan akka kiisu mirkanaaʼoo taʼaniiru. Nebukadnezaar Mootichi gurguddoota Baabilon walitti qabuudhaan bifa fakkeenyaa warqeerraa hojjetame tokko akka waaqeffatan isaan ajaje. Namni kana hin goone kamiyyuu ibidda bobaʼu keessa buufamee ajjeefama. Ibroonni sadan sun Nebukadnezaariif, “Waaqayyo keenya inni nuyi waaqessinu ibidda bobaʼaa keessaa nu oolchuu in dandaʼa, harka kee keessaas nu in oolcha, yaa mootii! Yoo kana fedhuu dhaabaatte iyyuu, nuyi waaqayyolii kee akka hin waaqessine, bifa fakkeenya warqee irraa hojjetame ati dhaabdeefis akka hin saganne beeki, yaa mootii!” jedhanii kabajaan deebisan. (Dan. 3:16-18) Akkaataan Ibroonni sadan kun dinqiidhaan itti oolan Daaniʼel 3:19-30⁠rratti akka gaariitti ibsameera. Nutis ibidda bobaʼu keessa buufamnee akka ajjeefamnu doorsifamuu baannus, amanamummaa wajjin haala walqabateen qorumsa nu mudatu amantiifi ija jabinaan moʼuun keenya eebba Waaqayyoo akka nuu argamsiisu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

14. Akka Daani’el boqonnaa 6⁠rratti ibsametti, Daaniʼel tarkaanfii ija jabina gaafatu akkamii fudhate? Kunoo buʼaa akkamii argamsiise?

14 Daaniʼel yommuu diinonnisaa, Daariyos Mootichi labsii, “Namni hamma guyyaa soddomaatti gara kee duwwaatti malee, gara Waaqayyo tokkootti yookiis gara namaatti kadhata tokko illee dhiʼeesse, boolla leencotaa keessa akka buufamu” jedhu akka baasu dhiibbaa isarratti godhan amantiifi ija jabina akka qabu argisiiseera. Daaniʼel labsiin baʼe sun mirkaneeffamuusaa yommuu beeku, “gara mana isaatti, mana isaa keessaas gara kutaa isa mana irraatti, isa qaawwi isaa gara Yerusaalemitti garagalee banamee jirutti ol baʼe; akkuma dur guyyaatti siʼa sadii gochaa tures Waaqayyo isaa dura jilbeenfatee in kadhate, galatas isaaf in galche.” (Dan. 6:6-10) Daaniʼel inni ija jabeessa taʼe boolla leencotaa keessa kan buufame taʼus, Yihowaan isa oolcheera.​—Dan. 6:16-23.

15. (a) Aqiilaafi Phrisqiilaan amantiifi ija jabina ilaalchisee fakkeenya akkamii taʼaniiru? (b) Abboommiin Yesus Yohannis 13:34⁠rratti kenne hiika maalii qaba? Kiristiyaanonni hedduunoo jaalala akkasii kan argisiisan akkamitti?

15 Sababiinsaa ibsamuu baatuyyuu Macaafni Qulqulluun, ‘Aqiilaafi Phrisqiilaan Phaawulosiin duʼa oolchuudhaaf jedhanii morma isaanii kennanii’ akka turan dubbata. (HoE. 18:2; Rom. 16:3, 4) Yaada Yesus, “Akka isin wal jaallattaniif abboommii haaraa isiniif nan kenna; ani akkuman isin jaalladhe, isinis immoo akka wal jaallattan isin abboomeera” jechuudhaan dubbatee wajjin haala walsimuun tarkaanfii fudhataniiru. (Yoh. 13:34) Seerri Musee namni tokko akkuma of jaallatu namoota kaanis akka jaallatu ajaja. (Lew. 19:18) Abboommiin ‘haaraan’ Yesus kenne garuu akkuma inni godhe lubbuu ofii warra kaaniif kennuu kan gaafatudha. Kiristiyaanonni hedduun namoonni hidhata amantiisaanii taʼan harka diinotasaaniitti akka hin dhiphanne ykn akka hin ajjeefamne oolchuuf ‘mormasaanii kennaniiru’ ykn lubbuusaanii balaadhaaf saaxilaniiru.​—1 Yohannis 3:16 dubbisi.

Kiristiyaanota jaarraa tokkoffaatiif ejjennoosaanii laaffisuun wanta filannaadhaaf dhihaatu hin turre

16, 17. Duuka buutota Kiristos jaarraa tokkoffaa tokko tokko, qorumsa amantii akkamiitu isaan mudatee ture? Kunoo muuxannoo Kiristiyaanota yeroo harʼaa jiran tokko tokkoo wajjin kan wal fakkaatu akkamitti?

16 Kiristiyaanonni jaarraa tokkoffaas akkuma Yesus ija jabinaan Yihowaa qofa waaqeffataniiru. (Mat. 4:8-10) Ulfina mootii Roomaatiif jedhanii ixaana aarsuu didaniiru. (Fakkii fuula 10⁠rra jiru ilaali.) Daaniʼel Maaniiks akkas jechuudhaan barreesseera: “Ejjennoosaanii kan laaffisan Kiristiyaanota muraasa turan. Iddoon aarsaa ibiddi irratti bobaʼu galmicha keessaa bakka arguudhaaf mijataa taʼe kaaʼama ture. Namni hidhame hundi ixaana xinnoo qubaan fuudhee ibiddichatti naquu qofatu isarraa eegama ture. Achiis ragaan aarsaa akka dhiheesse ibsu kennameefii bilisa baʼa. Kana malees, namni kun kana gochuunsaa mooticha waaqeffachuusaa utuu hin taʼin, mootiin Roomaa kun ulfina akka Waaqayyoo kan qabu taʼuusaa kan argisiisu akka taʼe ibsi isaaf kennama. Taʼus Kiristiyaanni bilisa baʼuuf carraa kanatti fayyadame hin jiru jechuun ni dandaʼama.”​—Zoos Abaawut tuu Daay.

17 Kiristiyaanonni mana hidhaa Naazii keessatti yeroo itti ajjeefaman eeggachaa turan, dookmantii Yihowaa ganuusaanii ibsurratti mallatteessuudhaan akka hiikaman al baayʼee carraan dhihaateefii ture. Haataʼu malee kan mallatteessan muraasa turan. Dhiheenyatti Ruwaandaa keessa ajjeechaan sanyii balleessuu yommuu turetti, Dhugaa Baatonni Huutuufi Tutisii taʼan wal oolchuuf jecha lubbuusaanii balaadhaaf saaxilaniiru. Qorumsi akkasii ija jabinaafi amantii gaafata.

YIHOWAAN AKKA NU WAJJIN JIRU YAADADHAA!

18, 19. Fakkeenyi Macaafa Qulqulluu hojii lallabaa keenya amantiifi ija jabinaan raawwachuuf nu gargaaru kamidha?

18 Hojii guddaa ergaa Mootummichaa labsuufi bartoota gochuu isa tajaajiltoonni Waaqayyoo hanga harʼaatti hojjetan hunda caalu hojjechuuf mirga arganneerra. (Mat. 24:14; 28:19, 20) Karaa kanaan, Yesus fakkeenya guddaa nuu taʼuusaatti baayʼee galateeffanna. “Yesus mandarootaa fi gandeen keessa adeemee, mootummaa Waaqayyoo labsaa misraachoo himaa ture.” (Luq. 8:1) Nutis akkumasaa ergaa Mootummichaa labsuuf amantiifi ija jabina qabaachuu nu barbaachisa. Gargaarsa Waaqayyootiin, fakkeenya Nohi isa ‘biyyi lafaa inni bara durii sun’ bishaan badiisaatiin akka balleeffamu ija jabinaan ‘qajeelina lallabee’ hordofuu dandeenya.​—2 Phe. 2:4, 5.

19 Hojii lallabaa raawwachuuf kadhannaan barbaachisaadha. Duuka buutonni Kiristos ariʼatamni isaanirra gaʼaa ture tokko tokko, ‘dubbii Waaqayyoo sodaa malee dubbachuuf’ kadhannaa yommuu dhiheessan deebii argatanii turan. (Hojii Ergamootaa 4:29-31 dubbisi.) Manaa gara manaatti lallabuun kan si sodaachisu yoo taʼe, Yihowaan kadhannaa ati amantii cimaafi ija jabina argachuuf dhiheessituuf deebii sii kenna.​—Faarfannaa 66:19, 20 dubbisi.a

20. Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef gargaarsa akkamii qabna?

20 Biyya lafaa hamaafi jeeqamaa taʼe kana keessatti qorumsi utuu nurra gaʼuu wanta Waaqayyo nurraa barbaadu raawwachuun ulfaataadha. Haataʼu malee, Waaqayyo, Ilmisaa inni Mataa gumii taʼe, akkasumas Dhugaa Baatonni addunyaa maratti argamaniifi 7,000,000 ol taʼan nu wajjin waan jiraniif kophaa keenya miti. Kanaaf caqasa waggaa 2013, ‘Ani Waaqnikee Yihowaan sii wajjin jiraatii cimi, ija jabaadhu’ jedhu yaadatti qabachuudhaan isaanii wajjin taanee amantii keenya hojiidhaan argisiisuufi misiraachoo Mootummichaa lallabuu keenya itti haa fufnu.​—Iya. 1:9

a Namoota ija jabina argisiisan ilaalchisee fakkeenya dabalataa argachuuf, Masaraa Eegumsaa Guraandhala 15, 2012, mataduree, “Cimi, Ija Jabaadhus!” jedhu ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi