LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 11
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee 2 Moototaa

      • Ataaliyaan humnaan teessicha fudhatte (1-3)

      • Yoʼaas dhoksaadhaan mootii godhame (4-12)

      • Ataaliyaan ni ajjeefamte (13-16)

      • Yehoyaadaan jijjiirama fide (17-21)

2 Mootota 11:1

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “sanyii mootummaa hunda.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 8:26; 11:20; 2Se 21:5, 6; 24:7
  • +2Mo 9:27
  • +2Se 21:4; 22:10-12

2 Mootota 11:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 12:1

2 Mootota 11:4

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “fiigdota.”

  • *

    Ykn., “kakuu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 14:27
  • +2Se 23:1-3

2 Mootota 11:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 7:1; 2Se 23:4-7

2 Mootota 11:8

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “yommuu gad baʼuu fi yommuu ol seenu.”

2 Mootota 11:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 11:4
  • +2Se 23:8-11

2 Mootota 11:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 14:27
  • +1Mo 8:22; 2Se 4:1

2 Mootota 11:12

Miiljaleewwan

  • *

    Tarii maraa kitaabaa Seera Waaqayyoo qabate taʼuu dandaʼa.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 11:2
  • +Bau 25:21; 31:18
  • +1Mo 1:39, 40

2 Mootota 11:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 23:12-15

2 Mootota 11:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 23:3
  • +2Se 5:12

2 Mootota 11:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 11:4; 2Se 23:9

2 Mootota 11:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Mo 7:1

2 Mootota 11:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Sa 10:25; 2Sa 5:3
  • +2Se 23:16, 17

2 Mootota 11:18

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “mana qulqullummaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 12:3
  • +Kes 7:25
  • +Kes 13:5
  • +2Se 23:18-21

2 Mootota 11:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 11:4, 15
  • +1Mo 14:27
  • +2Sa 7:8, 16

2 Mootota 11:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 11:2
  • +2Se 24:1

Yaada Wal Simu

2Mot. 11:12Mo 8:26; 11:20; 2Se 21:5, 6; 24:7
2Mot. 11:12Mo 9:27
2Mot. 11:12Se 21:4; 22:10-12
2Mot. 11:22Mo 12:1
2Mot. 11:41Mo 14:27
2Mot. 11:42Se 23:1-3
2Mot. 11:51Mo 7:1; 2Se 23:4-7
2Mot. 11:92Mo 11:4
2Mot. 11:92Se 23:8-11
2Mot. 11:111Mo 14:27
2Mot. 11:111Mo 8:22; 2Se 4:1
2Mot. 11:122Mo 11:2
2Mot. 11:12Bau 25:21; 31:18
2Mot. 11:121Mo 1:39, 40
2Mot. 11:132Se 23:12-15
2Mot. 11:142Mo 23:3
2Mot. 11:142Se 5:12
2Mot. 11:152Mo 11:4; 2Se 23:9
2Mot. 11:161Mo 7:1
2Mot. 11:171Sa 10:25; 2Sa 5:3
2Mot. 11:172Se 23:16, 17
2Mot. 11:18Kes 12:3
2Mot. 11:18Kes 7:25
2Mot. 11:18Kes 13:5
2Mot. 11:182Se 23:18-21
2Mot. 11:192Mo 11:4, 15
2Mot. 11:191Mo 14:27
2Mot. 11:192Sa 7:8, 16
2Mot. 11:212Mo 11:2
2Mot. 11:212Se 24:1
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
2 Mootota 11:1-21

Mootota Lammaffaa

11 Ataaliyaan+ haati Akaaziyaa ilmi ishii akka duʼe yommuu argitu+ kaatee warra sanyii mootii taʼan hundumaa* balleessite.+ 2 Haa taʼu malee, Yoshebaan intalli Yooraam obboleettiin Akaaziyaa, ilmaan mootichaa warra ajjeefamuuf jedhan gidduudhaa Yoʼaas+ ilma Akaaziyaa hattee fudhattee isaa fi guddiftuu isaa kutaa ciisichaa isa gara keessaa keessatti dhoksite. Isaan Ataaliyaa jalaa waan isa dhoksaniif, inni utuu hin ajjeefamin hafe. 3 Yommuu Ataaliyaan biyyattii bulchaa turtetti, inni mana Yihowaa keessa dhokatee waggaa jaʼaaf achi jiraate.

4 Waggaa torbaffaattis, Yehoyaadaan ajajjoota dhibbaa Kaarota warra eegdota taʼanii fi eegdota mana mootummaa*+ taʼan irratti aangoo qabanitti dhaamsa ergee mana Yihowaatti gara isaa akka dhufan godhe. Isaanii wajjin walii galtee* erga godhee fi mana Yihowaa keessatti erga isaan kakachiisee boodas ilma mootichaa isaanitti argisiise.+ 5 Achiis akkana jedhee isaan ajaje: “Isin akkana godhaa: Harka sadii keessaa harka tokko kan taatan, guyyaa Sanbataatti hojii galtanii mana mootichaa+ dammaqinaan ni eegdu; 6 warri harka sadii keessaa harka tokko taatan kaan Karra Buʼuurichaa bira ni taatu; warri harka sadii keessaa harka tokko taatan kaan immoo karra isa eegdota mana mootummaa duubaan jiru bira ni taatu. Isin dabaree dabareedhaan manicha ni eegdu. 7 Warri harka sadii keessaa harka lama taatanii fi guyyaa Sanbataatti hojii irraa bilisa taatanis, mooticha eeguuf dammaqinaan mana Yihowaa eeguu qabdu. 8 Tokkoon tokkoon keessan meeshaawwan waraanaa keessan harkatti qabadhaatii kallattii hundumaatiin mootichatti marsaa. Namni tarree sana gidduu seenu kam iyyuu ni ajjeefama. Bakka inni dhaqu hundumaatti* mootichaa wajjin taʼaa.”

9 Ajajjoonni dhibbaa+ sunis akkuma Yehoyaadaan lubichi isaan ajaje godhan. Kanaafuu, tokkoon tokkoon isaanii namoota isaanii warra guyyaa Sanbataatti hojii galanii fi warra guyyaa Sanbataatti hojii irraa bilisa taʼan fudhatanii gara Yehoyaadaa lubichaatti seenan.+ 10 Achiis lubichi eeboowwanii fi gaachanoota mana Yihowaa keessa turanii fi kan Daawit Mootichaa taʼan ajajjoota dhibbaatiif ni kenne. 11 Eegdonni mana mootummaa+ sunis tokkoon tokkoon isaanii meeshaawwan waraanaa isaanii harkatti qabatanii, manicha irraa gara mirgaatii jalqabee hamma manicha irraa gara bitaatti, iddoo aarsaa+ birattii fi manicha biratti mootichatti marsanii dhaabbatanii turan. 12 Achiis Yehoyaadaan ilma mootichaa+ gad baasee gonfoo fi Dhugaa Baatuu*+ sana isa irra kaaʼe; isaanis mootii isa godhan; akkasumas isa diban. Harka isaanii walitti rukutaniis, “Mootichi bara baraaf haa jiraatu!” jedhan.+

13 Ataaliyaanis namoonni yeroo fiigan yommuu dhageessu, yeruma sana gara namoota mana Yihowaatti argaman sanaa dhufte.+ 14 Achiis akkuma barsiifata yeroo sanaatti mootichi utubaa sana bira dhaabbatee isa argite.+ Ajajjoonnii fi warri malakata afuufan+ mootichaa wajjin turan; namoonni biyyattii hundis gammadaa fi malakata afuufaa turan. Yeroo kanatti Ataaliyaan uffata ishii tarsaastee, “Kun daba dha! Kun daba dha!” jettee iyyite. 15 Haa taʼu malee, Yehoyaadaan lubichi ajajjoota dhibbaa+ warra raayyaa waraanaa irratti muudamaniin, “Tarree sana gidduudhaa ishii baasaa; eenyu iyyuu yoo ishii duukaa buʼe, goraadeedhaan isa ajjeesaa!” jedhee ajaje. Lubichi, “Mana Yihowaa keessatti ishii hin ajjeesinaa” jedhee ture. 16 Kanaafuu, isaan ishii ni qaban; ishiinis yommuu bakka fardeen mana mootichaatti+ itti galan bira geessu achitti ni ajjeefamte.

17 Achiis Yehoyaadaan, isaan saba Yihowaa taʼanii akka itti fufaniif, Yihowaa, mootichaa fi sabicha gidduutti kakuun akka galamu godhe;+ inni mootichaa fi sabicha gidduuttis kakuun akka galamu godhe.+ 18 Sana booda namoonni biyyattii hundi gara mana* Baʼaal dhufanii iddoowwan aarsaa isaa ni diigan;+ fakkiiwwan isaas guutummaatti ni caccabasan;+ Maataan isa luba Baʼaal tures iddoo aarsaa duratti ni ajjeesan.+

Achiis lubichi mana Yihowaa irratti ilaaltota ol aanaa ni muude.+ 19 Kana malees, inni mooticha duukaa buʼanii mana Yihowaatii akka gad isa fidaniif ajajjoota dhibbaa,+ Kaarota warra eegdota taʼan, eegdota mana mootummaa+ fi namoota biyyattii hunda walitti ni qabe; isaanis karaa karra eegdota mana mootummaa gara mana mootichaa ni dhufan. Achiis inni teessoo moototaa irra ni taaʼe.+ 20 Isaan Ataaliyaa mana mootichaatti goraadeedhaan waan ajjeesaniif, namoonni biyyattii hundi ni gammadan; magaalattiinis tasgabbii argatte.

21 Yoʼaas+ yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa torba ture.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi