Hafuura Gaarii Gumii Keessa Jiru Eegaa
“Ayyaanni gooftaa Yesus Kristos hafuura keessanii wajjin haa taʼu.”—FILP. 4:23.
HAFUURA NAGAA GUMII KEESSA JIRU EEGUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
Yommuu obboloota keenyaa wajjin taanu
Tajaajilarratti hinaaffaa argisiisuudhaan
Cubbuu cimaa raawwatame jaarsoliitti himuudhaan
1. Gumiiwwan Filiphisiiyusiifi Tiyaatiraa keessa turan kan galateeffaman maaliifi?
KIRISTIYAANONNI jaarraa jalqabaa Filiphisiiyus harka qalleeyyii turan. Haataʼu malee arjoota kan turan taʼuusaarrayyuu, namoota hidhata amantiisaanii taʼaniif jaalala guddaa akka qaban argisiisaniiru. (Filp. 1:3-5, 9; 4:15, 16) Kanaan kan kaʼes, Phaawulos ergaa isaanii barreesse yommuu xumuru, “Ayyaanni gooftaa Yesus Kristos hafuura keessanii wajjin haa taʼu” jedheera. (Filp. 4:23) Kiristiyaanonni Tiyaatiraa keessa turanis hafuura akkasii waan argisiisaniif, Yesus inni ulfina guddaa gonfate, “Ani hojii kee, jaalala kee, amantii kee, warra kaan gargaaruudhaaf of kennuu kee, obsaan dandaʼuu kee, hojiin kee inni booddee kanaa immoo isa duraa irra caaluu isaas beeka” isaaniin jedheera.—Mul. 2:19.
2. Hafuura gumiin keenya qabu guddisuurratti gaʼee maalii qabna?
2 Haaluma wal fakkaatuun, tokkoon tokkoon gumii Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo harʼaa jirus hafuura ykn amala addaa ittiin beekamu tokko qaba. Gumiiwwan tokko tokko jaalala hoʼaa argisiisuudhaan beekamu. Kaanimmoo hojii Mootummicha labsuu hinaaffaadhaan deggeruufi tajaajila yeroo guutuutiif iddoo guddaa kennuudhaan beekamu. Nutis dhuunfaatti hafuura gaarii horachuuf ennaa carraaqnu, gumichi tokkummaa akka qabaatuufi karaa hafuuraa akka guddatu gumaacha goona. (1 Qor. 1:10) Faallaa kanaatiinimmoo gama keenyaan hafuura gaarii hin qabnu taanaan, gumichi karaa hafuuraa akka mugu, akka qabbanaaʼuufi cubbuu raawwatamaa jiru callisee akka ilaalu gochuu dandaʼa. (1 Qor. 5:1; Mul. 3:15, 16) Hafuurri ykn amalli gumiinkee ittiin beekamu maalidha? Atoo hafuurri gaariin gumichi qabu akka guddatu gargaaruu kan dandeessu akkamitti?
HAFUURRI GAARIIN AKKA JIRAATU GODHAA
3, 4. ‘Waldaa guddaa keessatti Waaqayyoon galateeffachuu’ kan dandeenyu akkamitti?
3 Faarfatichi, “Yommus waldaa guddaa keessatti sin [Yihowaan] galateeffadha, saba baayʼee keessattis sin jajadha” jedhee faarfateera. (Far. 35:18) Faarfatichi yommuu tajaajiltoota Waaqayyoo wajjin taʼu Yihowaa jajachuurraa duubatti hin jenne. Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa dabalatee walgaʼiiwwan torbanitti goonu, yommuu yaada kenninuufi amantii keenya ibsinu hinaaffaa qabnu argisiisuuf carraa gaarii nuu banu. Kanaaf hundi keenya akkas jennee of gaafachuun keenya gaariidha: ‘Am Mirgan walgaʼiirratti yaada kennuuf argadhe guutummaatti itti fayyadamaan jiraa? Walgaʼiif akka gaariitti qophaaʼuudhaan yaada gaariin kennaa? Akka mataa maatii tokkootti ijoolleenkoo dursanii yaada kennan akka qophaaʼan nan gargaaraa? Akkasumas jecha mataasaaniitiin akka deebisan nan barsiisaa?’
4 Daawit faarfatichi akkaataan itti faarfannu garaa guutuu qabaachuu keenyaa wajjin kan wal qabate akka taʼe yeroo ibsu, “Garaan koo hin shakku, yaa Waaqayyo! Garaan koo hin shakku; sin faarfadha, sagalee miʼa garaa garaas nan dhageessisa” jedheera. (Far. 57:7) Faarfannaawwan walgaʼii keenyarratti faarfataman garaa guutuudhaan Yihowaa ‘faarfachuufi sagalee miʼa garaagaraa dhageessisuuf’ carraa gaarii nuu banu. Faarfannaawwan kana keessaa tokko tokko kan hin beekne qabna taanaan, yeroo Waaqeffannaa Maatii keenyaatti shaakaluu dandeenya. Hundi keenya, ‘jireenya keenya guutuu Waaqayyoof weeddisuufi hamma jirrutti sagalee miʼaa dhageessisuudhaan, Waaqayyoon faarfachuuf’ haa murteessinu.—Far. 104:33.
5, 6. Keessummoota simachuufi arjaa taʼuu kan dandeenyu akkamitti? Kana gochuun keenya gumicha keessa maal akka jiraatu godha?
5 Obboloota keenya keessummummaa simachuun karaa hafuurri jaalalaa gumicha keessa jiru akka guddatu itti goonu kan biraadha. Phaawulos ergaa warra Ibrootaatiif barreesse boqonnaa dhumaarratti gorsa, “Akka obbolootaatti wal jaallachuu keessan itti fufaa! Keessummoota simuu hin dagatinaa!” jedhu kenneera. (Ibr. 13:1, 2) Daawwattoota olaanaafi haadhotii manaasaanii ykn tajaajiltoota yeroo guutuu gumii keessa jiran kaan nyaata afeeruun, karaa keessummoota akka simannu itti argisiisnu isa guddaadha. Kana malees, warra hiriyaan gaaʼelaa jalaa duʼe, maatiiwwan abbaa ykn haadha qofa qaban ykn obboloota kan biraa darbee darbee nu wajjin nyaachuu ykn waaqeffannaa maatii keenyarratti argamuudhaan fayyadamuu dandaʼan yaada.
6 Phaawulos, Ximotewos obboloota akkas jedhee akka gorsu isa ajajeera: “Wanta gaarii taʼe haa hojjetan, soorumni isaanii hojii gaarii isa isaan hojjetan haa taʼu! Haa arjooman, isa qaban warra kaaniinis haa gaʼan! Kanaan badhaadhummaa walitti qabatanii jireenya dhugaa harka isaanii keessa galfachuudhaaf bara dhufuuf ijaarsa jireenya sanaaf hundee gaarii in kaaʼatu.” (1 Xim. 6:17-19) Phaawulos namoonni hidhata amantiisaa taʼan hafuura arjummaa akka qabaatan jajjabeesseera. Yeroo haalli dinagdee rakkisaa taʼuttillee hafuura arjummaa qabaachuu ni dandeenya. Karaa gaariin kana itti gochuu dandeenyu keessaa tokko obboloonni tajaajila baʼuufi walgaʼii dhaqanii deebiʼuuf gargaarsi isaan barbaachisu, konkolaataa keenyatti akka fayyadaman gochuudha. Namoonni gargaarsa akkasii argatanoo maal gochuu qabu? Dinqisiifannaa qaban argisiisuuf, tarii gatiin bobaʼaa dabalaa jiru gargaaruuf hamma dandaʼan kennuudhaan deggersa yoo godhan, hafuurri gaariin gumicha keessa akka jiraatu gochuu dandaʼu. Kana malees, obboloota keenyaa wajjin yeroo dabalataa dabarsuuf qophii gochuun keenya akka barbaadamaniifi akka jaallataman isaan hin godhuu? “Warra amantii keessa jiraniif” waan gaarii hedduu siʼa goonu, akkasumas yeroofi qabeenya keenya isaaniin gaʼuuf qophaaʼoo yommuu taanu, jaalala isaaniif qabnu guddisuu qofa utuu hin taʼin, hafuurri gaariin gumicha keessa jiru akka guddatu gumaacha goona.—Gal. 6:10.
7. Dhimma dhuunfaa warra kaanii iccitiidhaan qabuun keenya, hafuurri gaariin gumii keessa akka jiraatu kan godhu akkamitti?
7 Michummaafi iccitii eeguunis jaalala obboloota keenyaaf qabnu akkamitti akka cimsu hubadhaa. (Fakkeenya 18:24 dubbisi.) Michoonni dhugaan wantoota dhimma dhuunfaa taʼan iccitiidhaan qabu. Obboloonni keenya namootatti akka jalaa hin himne amanuudhaan yaadasaaniifi miirasaanii yommuu nutti himatan, jaalalli cimaan gidduu keenya jiru caalaatti guddata. Michuu amanamaa wanta iccitii ykn dhoksaa taʼe eegu taʼuudhaan, jaalalliifi hafuurri nagaa gumichaa inni haala maatii keessa jiruu wajjin wal fakkaatu akka guddatu haa goonu.—Fak. 20:19.
HINAAFFAADHAAN TAJAAJILARRATTI HIRMAADHAA
8. Gumii Laaʼodiiqeyaatiif gorsa akkamiitu kenname? Maaliif?
8 Yesus yommuu gumii Laaʼodiiqeyaatiif ergaa ergu akkas jedhee ture: “Ani hojii kee beeka; hojii kee keessatti ati [bulluqaa] yookiis diilallaaʼaa miti; ati [bulluqaa] yookiis diilallaaʼaa utuu taatee in wayya ture! Ati garuu buʼaaʼaa dha; diilallaaʼaa yookiis [bulluqaa] waan ati hin taʼiniif, akka nama bishaan buʼaaʼaa afaan isaa keessaa tufuutti, anis si tufuufan jira.” (Mul. 3:15, 16) Hinaaffaan obboloonni gumii Laaʼodiiqeyaa keessa turan tajaajilaaf qaban qabbanaaʼee ture. Kunimmoo hariiroo gidduusaanii jirurrattis dhiibbaa godhee akka ture haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. Kanaaf, Yesus jaalalaan gorsa akkas jedhu isaanii kenneera: “Warran jaalladhu hundumaa balleessaa isaanii ittan mulʼisa, barsiisuudhaafis nan adaba; ammas dhimmiitii yaada garaa kee geddaradhu!”—Mul. 3:19.
9. Ilaalchi tajaajilaaf qabnu hafuura gaarii gumichi qaburratti dhiibbaa kan godhu akkamitti?
9 Hafuurri gaariin gumii keessa jiru akka guddatu gochuuf hinaaffaa tajaajilaaf qabnuuf xiyyeeffannaa kennuu qabna. Gumiin kan hundeeffame namoota hoolotatti fakkeeffamaniifi naannoo tajaajilaa keenyatti argaman barbaaduuf, akkasumas karaa hafuuraa akka guddatan gargaaruufidha. Kanaaf akkuma Yesus, hojii bartoota gochuurratti hinaaffaadhaan hirmaachuun nu barbaachisa. (Mat. 28:19, 20; Luq. 4:43) Hinaaffaan tajaajilaaf qabnu yommuu guddatu, ‘Waaqayyoo wajjin hojjechuuf’ caalaatti tokkummaa qabaanna. (1 Qor. 3:9, hiika bara 1899) Obboloonni keenya tajaajilarratti amantiisaaniitiif yommuu falmaniifi dinqisiifannaa wantoota hafuuraatiif qaban yommuu ibsan arguun keenya, caalaatti isaan jaallachuufi isaan kabajuuf nu kakaasa. Kana malees, ‘harka wal qabannee’ waliin tajaajiluun keenya gumii keessa hafuurri tokkummaa akka jiraatu godha.—Sefaniyaa 3:9 dubbisi.
10. Qulqullina tajaajila keenyaa fooyyessuun ilaalcha obboloota gumii keessa jiranirratti dhiibbaa akkamii geessisa?
10 Qulqullina tajaajila keenyaa fooyyessuuf carraaqqii gochuun keenyas warra kaanirratti dhiibbaa gaarii geessisa. Namoota tajaajilarratti argannuuf caalaatti akka yaannu yommuu argisiisnuufi garaasaanii tuquuf yommuu carraqqnu, hinaaffaan tajaajilaaf qabnu ni guddata. (Mat. 9:36, 37) Hinaaffaan keenya, obboloonni nu wajjin tajaajilanis hinaaffaa akka qabaatan godha. Yesus bartoonnisaa akka lallaban kan erge tokko tokkoon utuu hin taʼin lama lamaan ture. (Luq. 10:1) Kun jajjabinaafi leenjii akka argatan gochuusaarrayyuu, hinaaffaan tajaajilaaf qaban akka guddatu godha. Maarree, babalʼistoota Mootummichaa hinaaffaa qabanii wajjin tajaajiluun nu hin gammachiisuu? Hinaaffaansaanii nu jajjabeessa; akkasumas caalaatti hojii lallabaarratti hirmaachuuf nu kakaasa.—Rom. 1:12.
GUUNGUMUUFI DOGOGGORA RAAWWACHUURRAA OF EEGAA
11. Bara Museetti Israaʼeloonni tokko tokko hafuura akkamii horatanii turan? Kunoo maal isaanirraan geessise?
11 Israaʼeloonni saba haaraa taʼanii utuma torban hedduu hin turin, gammachuu kan hin qabneefi kan guunguman akka taʼan argisiisaniiru. Kunis Yihowaafi namoota inni muuderratti akka kaʼan isaan godheera. (Bau. 16:1, 2) Kanaan kan kaʼes, Israaʼeloota Gibxii baʼan keessaa lubbuudhaan hafanii Biyyattii Abdachiifamtetti kan galan namoota muraasa qofa turan. Museenillee, wanta yommuu Israaʼeloonni hafuura gadhee argisiisanitti dubbateen biyyattiitti akka hin galle dhowwameera! (Kes. 32:48-52) Nutoo yeroo harʼaa hafuura gadhee akka hin qabaanne maal gochuu dandeenya?
12. Amala guungumuu qabaachuurra of eeguu kan dandeenyu akkamitti?
12 Amala guungumuu akka hin qabaanne of eeggachuu qabna. Gama kanaan gad of deebisuufi namoota aboo qabaniif kabaja qabaachuun kan nu gargaaru taʼus, namoota michuu keenya godhannuuf xiyyeeffannaa kennuun keenyas barbaachisaadha. Bohaartii sirrii hin taane filachuun ykn namoota wajjin hojjennu ykn wajjin barannuufi seera buʼuuraa qajeelummaarratti hundaaʼeef dantaa hin qabnee wajjin yeroo dheeraa dabarsuun keenya balaadhaaf nu saaxiluu dandaʼa. Kanaaf, namoota ilaalcha gaarii hin qabne ykn aboodhaaf kabaja hin qabnetti michoomuurraa fagaachuun keenya barbaachisaadha.—Fak. 13:20.
13. Guungummiin nama mancaasuufi gumii keessatti kaʼu karaa hafuuraa miidhaa garabiraa inni geessisuu dandaʼu maalidha?
13 Guungummiin inni nama mancaasu gocha karaa hafuuraa miidhaa geessisu garabiraa raawwachuutti geessuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, guungummiin nagaafi tokkummaa gumii jeequu dandaʼa. Kana malees namoota hidhata amantii keenya taʼanirratti guungumuun cubbuu cimaa jechuunis maqaa balleessuufi hamiitti geessuu dandaʼa. (Lew. 19:16; 1 Qor. 5:11) Namoonni guungumtoota taʼaniifi gumii jaarraa tokkoffaa keessa turan tokko tokko, ‘gooftummaa Waaqayyoo kan dagataniifi warra ulfina qaban kan arrabsan’ turan. (Yih. 8, 16) Guungummiin namoota gumii keessatti itti gaafatamummaa qabanirratti kaʼu akkasii Waaqayyo duratti fudhatama hin qabu.
14, 15. (a) Cubbuu callisanii ilaaluun guutummaa gumichaarratti dhiibbaa akkamii geessisuu dandaʼa? (b) Namni tokko dhoksaatti cubbuu raawwachaa akka jiru yoo beekne maal gochuu qabna?
14 Tarii, namni tokko dhoksaatti cubbuu raawwachaa akka jiru, jechuunis alkoolii garmalee akka dhugu, fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan akka ilaalu ykn jireenya gadhiisii akka jiraatu yoo beekne maal gochuu qabna? (Efe. 5:11, 12) Cubbuu cimaa raawwatamaa jiru callisnee ilaaluun keenya, hafuurri Yihowaa dhowwaa malee akka hin hojjenneefi nagaan guutummaa gumichaa balaadhaaf akka saaxilamu gochuu dandaʼa. (Gal. 5:19-23) Akkuma Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa Qorontos keessa turan wanta gadhee of keessaa qulqulleessuun isaan barbaachise, yeroo harʼaas hafuura gumii isa nagaa eeguudhaaf dhibbaan nama mancaasu kamiyyuu gumii keessaa baafamuu qaba. Atoo gama keetiin nagaa gumichaa eeguuf maal gochuu dandeessa?
15 Akkuma olitti ilaalle, dhimmoota tokko tokko ilaalchisee, keessumaa yommuu warri kaan miirasaaniifi yaadasaanii nutti himatan iccitiisaanii eeguu qabna. Iccitii nama tokkoo namoota kaanitti himuun dogoggora guddaafi miidhaa kan geessisudha! Yeroo cubbuu cimaan raawwatamu garuu, namoota dhimmi kun isaan ilaallatutti, jechuunis jaarsolii gumiitti himamuu qaba. (Lewwoota 5:1 dubbisi.) Kanaaf, obboleessi ykn obboleettiin tokko cubbuu akkasii akka raawwatan yoo beekne, gara jaarsolii dhaqanii gargaarsa akka gaafatan jajjabeessuu nu barbaachisa. (Yaq. 5:13-15) Yeroo murtaaʼe keessatti yoo kana gochuu baatan garuu, cubbuu sana jaarsoliitti himuu qabna.
16. Cubbuu cimaa raawwatame jaarsoliitti himuun keenya hafuura gumichaa eeguuf kan nu gargaaru akkamitti?
16 Gumiin Kiristiyaanaa bakka eegumsa hafuuraa itti argannu waan taʼeef, cubbuu cimaa raawwatame jaarsoliitti himuudhaan haala kana eeguu qabna. Jaarsoliin namni cubbuu raawwate sun gara qalbiisaatti akka deebiʼu yoo godhaniifi innis yaada garaasaa geddaratee adaba, akkasumas sirreeffama yoo fudhate hafuura gumichaa balaadhaaf hin saaxilu. Haataʼu malee, namni cubbuu cimaa raawwate sun yaada garaa geddarachuufi gorsa jaarsoliin isaa kennan fudhachuu yoo didehoo? Namni akkasii gumii keessaa baafamuunsaa wanti mancaasu gidduu keenyaa akka ‘balleeffamu’ ykn baafamu waan godhuuf hafuurri gumichaa akka eegamu godha. (1 Qorontos 5:5 dubbisi.) Eeyyee, hafuura gaarii gumichaa eeguun hundi keenya tarkaanfii sirrii taʼe fudhachuu, qaama jaarsolii wajjin waltaʼuufi nageenya namoota hidhata amantii keenya taʼan eeguu gaafata.
‘TOKKUMMAAN HAFUURAA’ AKKA JIRAATU GODHAA
17, 18. ‘Tokkummaa hafuuraa eeguuf’ maaltu nu gargaara?
17 Duuka buutonni Yesus jaarraa jalqabaa ‘barsiisa ergamootaatti qabamanii jiraachuudhaan,’ tokkummaan hafuuraa gumii keessa akka jiraatu godhaniiru. (HoE. 2:42) Gorsa Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼeefi qajeelfama jaarsoliitiif iddoo guddaa kennu turan. Jaarsoliin yeroo harʼaa jiran kutaa hojjetaa amanamaafi ogeessaa waan deggeraniif, obboloonni gumii keessa jiran hundi tokkummaadhaan jiraachuuf jajjabinaafi gargaarsa argatu. (1 Qor. 1:10) Barumsa jaarmiyaan Yihowaa Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼee nuu kennu yommuu fudhannuufi qajeelfama jaarsoliin nuu kennan yommuu hordofnu, gorsa ‘tokkummaa hafuuraa hidhaa nagaatiin eegaa’ jedhu hojiirra akka oolchinu argisiisna.—Efe. 4:3, hiika bara 1899.
18 Kanaaf karaa hundaan hafuura nagaa gumii keessa jiru eeguuf haa carraaqnu. Kana kan goonu taanaan, ‘ayyaanni gooftaa Yesus Kiristos hafuura keenyaa wajjin akka taʼu’ mirknaaʼoo taʼuu dandeenya.—Filp. 4:23.
[Fakkii fuula 19rra jiru]
Yaada gaarii kennuuf qophaaʼuudhaan hafuura gaarii gumii keessa jiru eeguuf gumaacha ni gootuu?
[Fakkii fuula 20rra jiru]
Faarfannaawwan keenya shaakaluudhaan hafuura gaarii gumii keessa jiru eeguuf gumaacha godhaa