Maatii Amantiidhaan Gargar Taʼe Keessatti Gammachuu Argachuu
‘Maal beekta, [hiriyaa gaaʼelaakee] gara fayyinaatti fidda taʼa!’—1 QOR. 7:16, NW.
DEEBIISAANII ARGACHUU DANDEESSAA?
Dhugaa Baatonni maatii amantiidhaan gargar taʼe keessaatti nagaan akka jiraatuuf maal gochuu dandaʼu?
Kiristiyaanni tokko miseensi maatii Dhugaa Baatuu hin taane waaqeffannaa dhugaa akka fudhatu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?
Kiristiyaanonni obbolootasaanii maatii amantiidhaan gargar taʼe keessa jiraatan gargaaruuf maal gochuu dandaʼu?
1. Ergaa Mootummichaa fudhachuun maatii tokkorratti dhiibbaa akkamii geessisuu dandaʼa?
YESUS yeroo tokko bartootasaa yommuu ergu, “Akkuma dhaqxaniinis, ‘Mootummaan waaqaa dhiʼaateera’ jedhaa lallabaa!” jedhee ture. (Mat. 10:1, 7) Namoota dinqisiifannaadhaan fudhataniif misraachoon kun gammachuu argamsiisa. Haataʼu malee Yesus, namoonni baayʼeen hojii Mootummicha labsuu ergamoonnisaa raawwatan akka morman isaan akeekkachiisee ture. (Mat. 10:16-23) Keessumaa miseensonni maatii ergaa Mootummichaa fudhachuu yommuu didan mormii cimaatu gaʼa.—Maatewos 10:34-36 dubbisi.
2. Kiristiyaanonni maatii amantiidhaan gargar taʼe keessa jiraatan gammachuu argachuu kan dandaʼan akkamitti?
2 Kana jechuun, duuka buutonni Kiristos maatii amantiidhaan gargar taʼe keessa jiraatan gammachuu argachuu hin dandaʼan jechuudhaa? Matumaa! Mormiin maatiin geessisu yeroo tokko tokko cimaa taʼuu dandaʼus yeroo hundaa akkas taʼa jechuu miti. Akkasumas maatiin tokko akka mormetti itti hin fufu. Kun taʼuufi dhiisuunsaa irra caalaa akkaataa warri Dhugaa Baatota taʼan mormii ykn jibba isaanirra gaʼuuf deebii kennanirratti kan hundaaʼedha. Kana malees, Yihowaan namoonni isaaf amanamoo taʼan haala rakkisaa keessattillee gammadoo akka taʼan gochuudhaan isaan eebbisa. Namoonni Yihowaa waaqeffatan, (1) mana keessa nagaan akka jiraatu gochuuf carraaquudhaan, akkasumas (2) miseensonni maatii waaqeffannaa dhugaa akka fudhatan gargaaruudhaan gammachuusaanii eeguu dandaʼu.
MANA KEESSA NAGAAN AKKA JIRAATU GOCHUUF CARRAAQAA
3. Kiristiyaanni maatii amantiidhaan gargar taʼe keessa jiraatu nagaa uumuu kan qabu maaliifi?
3 Mana keessa nagaan jiraachuunsaa maatii tokkoof barbaachisaadha. (Yaaqoob 3:18 dubbisi.) Kiristiyaanni tokko maatiinsaa hundi waaqeffannaa dhugaa kan hin hordofne yoo taʼanillee, nagaan mana keessa akka jiraatu gochuuf carraaquu qaba. Maarree kana gochuun kan dandaʼamu akkamitti?
4. Kiristiyaanonni nagaasaanii eeganii jiraachuu kan dandaʼan akkamitti?
4 Kiristiyaanonni nagaasaanii eeganii jiraachuu qabu. Kun kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuu kan gaafatu yommuu taʼu, ‘nagaa Waaqayyoo’ isa hundumaa caalus nuu argamsiisa. (Filp. 4:6, 7) Gammachuufi nagaan beekumsa Yihowaa qabaachuufi seera buʼuuraa Caaffata Qulqullaaʼoo yeroo hunda hojiirra oolchuudhaan kan argamudha. (Isa. 54:13) Nagaafi gammachuu qabaachuu yoo barbaanne, walgaʼii gumiirratti argamuufi tajaajilarratti hinaaffaadhaan hirmaachuun keenyas baayʼee barbaachisaadha. Akkuma waliigalaatti Kiristiyaanonni maatii amantiidhaan gargar taʼe keessa jiraatan, karaa taʼe tokkoon sochii Kiristiyaanaarratti hirmaachuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, Anizaaa ishee abbaan manaashee cimsee ishee mormu ilaalaa. Hojii mana keessaa erga raawwattee booda hojii lallabaarratti hirmaatti turte. Anizaan, “Yihowaan yommuun misraachoo namootaaf hiruuf carraaqu hundatti buʼaa gaarii akkan argadhu gochuudhaan na eebbiseera” jetteetti. Eebbi akkasiimmoo nagaafi gammachuu akka argamsiisu hin shakkisiisu.
5. Kiristiyaanonni maatii amantiidhaan gargar taʼe keessa jiraatan yeroo baayʼee rakkina akkamiitu isaan mudata? Isaanoo gargaarsa akkamii argachuu dandaʼu?
5 Miseensota maatii amantii keenya hin hordofnee wajjin hariiroo gaarii qabaachuuf carraaqqii cimaa gochuun nu barbaachisa. Wanti isaan akka goonu barbaadan, seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin wal faallessuu waan dandaʼuuf kana gochuun yeroo tokko tokko rakkisaa taʼa. Seera buʼuura qajeelummaarratti hundaaʼan cimsinee hordofuun keenya, miseensota maatii amantii keenya hin hordofne tokko tokko mufachiisuu kan dandaʼu taʼus, yeroo booda nagaa argamsiisa. Seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu wajjin kan wal hin faallessine taanaan garuu, yaada ofii jijjiiruu dhiisuun walitti buʼiinsa hin barbaachisne uumuu akka dandaʼa. (Fakkeenya 16:7 dubbisi.) Yommuu rakkinni nu mudatu barreeffamoota kutaan hojjetaa amanamaafi ogeessi Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼee baaseefi jaarsoliirraa gorsa argachuuf yaaluun keenya barbaachisaadha.—Fak. 11:14.
6, 7. (a) Namoonni tokko tokko yommuu miseensonni maatiisaanii Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qayyabachuu jalqaban kan morman maaliifi? (b) Barataan Macaafa Qulqulluu ykn Dhugaa Baatuun tokko mormii maatiirraa isatti dhufuuf deebii akkamii kennuu qaba?
6 Mana keessa nagaan akka jiraatu gochuuf carraaquun, Yihowaatti amanuufi miira miseensota maatii Dhugaa Baatota hin taanee hubachuu gaafata. (Fak. 16:20) Barattoonni Macaafa Qulqulluu haaraa taʼanillee gama kanaan hubannaa akka qaban argisiisu dandaʼu. Abbootiin manaa ykn haadhotiin manaa tokko tokko hiriyaan gaaʼelaasaanii Macaafa Qulqulluu qayyabachuusaa hin morman taʼa. Kana malees qayyabachuunsaanii maatiisaanii fayyaduu akka dandaʼu ni amanu taʼa. Kaan garuu jibba guddaa qabaachuu dandaʼu. Asteer isheen yeroo ammaa Dhugaa Baatuu taate, yommuu abbaan manaashee Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabe “aarii guddaadhaan” tarkaanfii fudhattee akka turte dubbatteetti. “Barreeffamootasaa nan gata ykn nan guban ture” jetteetti. Hawaardi inni jalqabarratti haati manaasaa Macaafa Qulqulluu akka hin qayyabanne mormaa ture akkas jedheera: “Abbootii manaa hedduun haati manaasaanii gowwoomfamanii amantii hin taane tokko keessa galu jedhanii yaaddaʼu. Abbaan manaa tokko balaa ni gaʼa jedhamee sodaatamu kana ilaalchisee maal akka godhu waan wallaaleef morma taʼa.”
7 Barataan Macaafa Qulqulluu hiriyaan gaaʼelaasaa isa mormu tokko Macaafa Qulqulluu qayyabachuusaa dhiisuu akka hin qabne akka hubatu gargaarsi godhamuufii qaba. Yeroo baayʼee garraamii taʼuufi haala hiriyaa gaaʼelaa amantiisaa hin hordofne akka kabaju argisiisuun rakkina uumamuuf furmaata taʼuu dandaʼa. (1 Phe. 3:15, 16) Hawaardi, “Haati manaakoo tasgabbii kan qabduufi miirashee kan toʼattu waan turteef baayʼeen ishee galateeffadha!” jedheera. Haati manaasaas akkas jettee ibsiteetti: “Hawaardi Macaafa Qulqulluu qayyabachuu akkan dhaabu cimsee na gaafate. Gowwoomfamaa akkan jiru natti dubbate. Isaa wajjin falmuu mannaa wanti inni dubbate sirrii taʼuu akka dandaʼu, ani garuu kun akkamitti taʼuu akka dandaʼu akkan hin hubannen isatti hime. Kanaaf kitaaban qayyabachaa jiru akka dubbisun isa gaafadhe. Innis kitaabicha kan dubbise siʼa taʼu, wanta achi keessa jirus hin mormine. Kanaa mannaa wanti inni dubbise baayʼee isa tuqe.” Abbaan manaa ykn haati manaa Dhugaa Baatuu hin taane, yommuu hiriyaan gaaʼelaasaanii sochii Kiristiyaanaarratti hirmaachuuf isaan dhiisee deemu akka gataman ykn sodaan isaanitti dhagaʼamuu akka dandaʼu yaadachuun gaariidha. Akka isaan jaallatan irra deddeebiʼanii isaanii mirkaneessuun garuu miira akkasii hambisuu dandaʼa.
WAAQEFFANNAA DHUGAA AKKA FUDHATAN GARGAARAA
8. Phaawulos Kiristiyaanota hiriyaa gaaʼelaa amantiisaanii hin hordofne qabaniif gorsa akkamii kenneera?
8 Phaawulos, amantiisaanii waan hin hordofneef qofa hiriyaa gaaʼelaasaanii dhiisuu akka hin qabne Kiristiyaanota gorseera.b (1 Qorontos 7:12-16 dubbisi.) Kiristiyaanni tokko hiriyaan gaaʼelaasaa yeroo booda dhugaa fudhachuu akka dandaʼu yaadachuunsaa, maatii amantiidhaan gargar taʼe keessatti gammachuusaa eegee jiraachuuf isa gargaara. Haataʼu malee, muuxannoon armaan gadii akka argisiisutti hiriyaan gaaʼelaa Dhugaa Baatuu hin taane dhugaa akka fudhatu yaaluurratti of eeggannoo tokko tokko gochuun barbaachisaadha.
9. Dhugaa Macaafa Qulqulluu miseensota maatii amanii keenya hin hordofnetti yommuu himnu of eeggannoo akkamii gochuu nu barbaachisa?
9 Jaason dhugaa Macaafa Qulqulluu erga baratee booda wanta isatti dhagaʼame yaadachuudhaan, “Nama hundumaatti himuun barbaadan ture!” jedheera. Barataan tokko wanti inni Macaafa Qulqulluu keessaa barate dhugaa taʼuusaa yommuu hubatu, yeroo baayʼee waaʼeesaa dubbachuun isa gammachiisa taʼa. Miseensonni maatiisaa yeruma sana ergaa Mootummichaa fudhatu jedhee kan yaadu taʼus, mormii cimaan isa mudachuu dandaʼa. Jaason gammachuu guddaan jalqabarratti isatti dhagaʼame haadha manaasaarratti dhiibbaa akkamii geessise? “Nan burjaajaʼe” jechuudhaan waan yaadattu dubbattetti. Dubartiin erga abbaan manaashee Dhugaa Baatuu taʼee waggaa 18 booda dhugaa fudhatte tokko, “Ani suutuma suuta barachuun barbaada ture” jetteetti. Nama hiriyaan gaaʼelasaa dhugaa fudhachuu hin barbaanne qayyabsiisaa jirta taanaan, dhugaa barate malaan akkamitti ibsuu akka dandaʼu yeroo shaakalaa ramaduudhaan maaliif isa hin gargaartu? Museen, “Barsiisi koo akka bokkaa haa coccophu! Dubbachuun koos akka fixeensaa gad haa buʼu! Akka bokkaa coccophuus biqiltuu xobbee irratti” jedheera. (Kes. 32:2) Barumsa dhugaa takkumaan itti dhangalaasuu mannaa, yeroo baayʼee xinnoo xinnoodhaan akka gaariitti itti coccophisuun buʼaa argamsiisuu dandaʼa.
10-12. (a) Phexros Kiristiyaanota hiriyaa gaaʼelaa amantiisaanii hin hordofne qabaniif gorsa maalii kenneera? (b) Dubartiin Macaafa Qulqulluu qayyabattu tokko gorsa 1 Phexros 3:1, 2rra jiru hojiirra oolchuu kan baratte akkamitti?
10 Phexros hafuuraan geggeeffamee, Kiristiyaanota haadhotii manaa taʼaniifi maatii amantiidhaan gargar taʼe keessa jiraataniif gorsa kenneera. Akkas jedhee barreesseera: “Warra dhiiraa keessaa kaan dubbii Waaqayyoo hin amanne yoo taʼan iyyuu, isin waan tokko utuu hin dubbatin, amala isin warri haadhota manaa isaanii taatan argisiiftaniin akka moʼamanitti, abboota manaa keessaniif abboomamaa! Isaan amala keessan isa qullaaʼaa fi isa sodaa Waaqayyoo argisiisu in argu.” (1 Phe. 3:1, 2) Haati manaa tokko abbaan manaashee miidhaa kan isheerraan geessisu yoo taʼellee, isaaf bitamuufi kabaja guddaa isaaf kennuudhaan dhugaa akka fudhatu isa gargaaruu dandeessi. Haaluma wal fakkaatuun abbaan manaa Kiristiyaana taʼe tokkos, haati manaasaa amantiisaa hin hordofne cimsitee yoo isa mormiteyyuu, amala gaarii argisiisuufi matummaasaa akka ishee jaallatu haala argisiisuun itti fayyadamuu qaba.—1 Phe. 3:7-9.
11 Fakkeenyonni yeroo harʼaa jiran hedduun gorsa Phexros hojiirra oolchuun faayidaa akka qabu argisiisu. Selimaa akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Yommuu isheen Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabdu abbaan manaashee Istiiv hin gammanne. “Nan aare, nan hinaafe, ishee toʼachuun barbaade, akkasumas nan sodaadhe” jedhee dhugaasaa dubbateera. Selimaanis akkas jetteetti: “Utuun dhugaa hin dhagaʼin durallee Istiiv wajjin jiraachuun nama hanqaaquu baatee of eeggannoodhaan deemuu wajjin tokko ture. Inni nama aariisaa hin toʼanne ture. Macaafa Qulqulluu qayyabachuu yommuun jalqabummoo amallisaa kun itti caale.” Maarree haala kana fooyyessuuf maaltu ishee gargaare?
12 Selimaan barumsa Dhugaa Baatuun ishee qayyabsiisaa turte kenniteef tokko ni yaadatti. Akkas jetteetti: “Gaaf tokko Macaafa Qulqulluu qayyabachuu hin barbaannen ture. Halkan guyyaa sanaa dura wanta tokko isaa ibsuuf yommuun yaalu Istiiv waan na rukuteef, baayʼee gaddee, akkasumas abdii kutadheen ture. Achiis, maal akka narra gaʼeefi maaltu akka natti dhagaʼame obboleettii na qayyabsiistutti yommuun himu, 1 Qorontos 13:4-7 akkan dubbisu na gaafatte. Caqasa kana ennaan dubbisu, ‘Istiiv matumaa jaalala akkasii natti argisiisee hin beeku’ jedheen yaade. Haataʼu malee obboleettiin kun, ‘Karaa jaalalli itti argisiifamu kana keessaa meeqa abbaa manaa keetti argisiistee beekta?’ jettee na gaafachuudhaan karaa gara biraa akkan yaadu na gargaarte. Anis, ‘Isaa wajjin jiraachuun baayʼee rakkisaa waan taʼeef, tokkoyyuu argisiisee hin beeku’ jedheen deebiseef. Obboleettiin kun suuta jettee, ‘Selimaa, Kiristiyaana taʼuuf yaalaa kan jiru eenyudha? Siʼidhamoo Istiivi?’ jettee na gaafatte. Yaadakoo sirreessuun akka na barbaachisu hubachuudhaan, Yihowaan Istiiviin caalaatti jaallachuuf akka na gargaarun kadhadhe. Suutuma suuta haallisaa jijjiiramaa deeme.” Istiivis waggaa 17 booda dhugaa fudhateera.
WARRI KAAN GARGAARUU KAN DANDAʼAN AKKAMITTI?
13, 14. Obboloonni gumii keessa jiran kaan namoota maatii amantiidhaan gargar taʼe keessa jiraatan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?
13 Akkuma bokkaan tiifuun lafa jiisee biqiltuun akka guddatu godhu, obboloonni gumii keessa jiran hedduunis gammachuu Kiristiyaana maatii amantiidhaan gargar taʼe keessa jiraatu tokkoof gumaacha gochuu dandaʼu. Ilviinaa isheen Biraaziil keessa jiraattu, “Jaalalli obboloonniifi obboleettonnikoo natti argisiisan dhugaa keessa jabaadhee akkan dhaabadhu na gargaareera” jetteetti.
14 Obboloonni gumii keessa jiran gaarummaa argisiisuufi xiyyeeffannaa kennuunsaanii garaa miseensa maatii Dhugaa Baatuu hin taane sanaa tuquurratti gaʼee guddaa qaba. Abbaan manaa Naayijeeriyaa keessa jiraatuufi erga haati manaasaa Dhugaa Baatuu taatee waggaa 13 booda dhugaa fudhate akkas jedheera: “Guyyaa tokko Dhugaa Baatuu tokkoo wajjin deemaa utuu jirruu konkolaataansaa jalaa cabe. Achiis Dhugaa Baatuun sun obboloota mandara naannoo sana jiru keessa jiran barbaadee kan argate siʼa taʼu, isaanis bakka bultii nuu kennan. Akkuma waan ijoollummaadhaa kaasnee wal beeknuutti nu kunuunsan. Yeruma sana, jaalalli Kiristiyaanaa haati manaakoo yeroo hundaa waaʼeesaa dubbattu maal akka taʼe hubadheera.” Biyya Ingilizitti haati manaa erga abbaan manaashee Dhugaa Baatuu taʼee waggaa 18 booda dhugaa fudhatte tokko, “Dhugaa Baatonni lamaan keenyayyuu nyaata afeeru. Yeroo hunda haala gaariitiin na simatu turan”c jetteetti. Abbaan manaa biyyuma kana keessa jiraatuufi yeroo booda Dhugaa Baatuu taʼe tokkos akkas jedheera: “Obboloonniifi obboleettonni mana keenya dhufu ykn manasaaniitti nu afeeru turan, anis akka isaan namaa yaadan hubadheera. Keessumaa yeroon hospitaala galeefi baayʼeensaanii dhufanii na gaafatanitti kun akka gaariitti mulʼateera.” Atoo karaa itti miseensa maatii Dhugaa Baatuu hin taaneef xiyyeeffannaa itti kennitu barbaaduu ni dandeessaa?
15, 16. Yommuu miseensonni maatii dhugaa fudhachuu didanitti namni Dhugaa Baatuu taʼe tokko gammachuu akka hin dhabeef maaltu isa gargaara?
15 Namoonni Dhugaa Baatota taʼan waggoota dheeraadhaaf amala gaarii kan argisiisaniifi malaan kan fayyadaman taʼanis, hiriyoonni gaaʼelaa, ijoolleen, warri ykn firoonni hundi waaqeffannaa dhugaa akka hin fudhanne beekamaadha. Isaan keessaa tokko tokko jibbuusaanii ykn mormii cimaa geessisuusaanii itti fufu. (Mat. 10:35-37) Haataʼu malee, Kiristiyaanonni amala gaarii argisiisuunsaanii buʼaa guddaa fiduu dandaʼa. Abbaan manaa duraan Dhugaa Baatuu hin turre tokko akkas jedheera: “Namni Dhugaa Baatuu taʼe amalawwan jaallatamaa taʼan argisiisuu yommuu jalqabu, wanta sammuufi garaa nama Dhugaa Baatuu hin taane sanaatti dhagaʼamaa jiru beekuu hin dandeessan. Kanaaf hiriyaa gaaʼelaa keessan Dhugaa Baatuu hin taanetti matumaa abdii hin kutatinaa.”
16 Miseensi maatii Dhugaa Baatuu hin taane ejjennoosaa jijjiiruu yoo didellee, namni Dhugaa Baatuu taʼe sun gammachuu argachuu ni dandaʼa. Obboleettiin waggaa 21f carraaqqii gootus abbaan manaashee ergaa Mootummichaa fudhachuu dide tokko akkas jetteetti: “Yihowaa gammachiisuuf carraaquu, isaaf amanamaa taʼuufi karaa hafuuraa of cimsuuf jabaadhee hojjechuudhaan gammachuukoo eegee jiraachuu dandaʼeera. Sochiiwwan hafuuraa kan akka qayyabannaa dhuunfaa, walgaʼiirratti argamuu, tajaajilarratti hirmaachuufi namoota gumii keessa jiran gargaaruurratti balʼinaan hirmaachuunkoo Yihowaatti dhihaachuufi yaada garaakoo eeguuf na gargaareera.”—Fak. 4:23.
ABDII HIN KUTATINAA!
17, 18. Kiristiyaanni tokko maatii amantiidhaan gargar taʼe keessattillee abdii qabaachuu kan dandaʼu akkamitti?
17 Kiristiyaanota amanamoo maatii amantiidhaan gargar taʼe keessa jiraattan yoo taatan abdii hin kutatinaa. ‘Waaqayyo ulfina maqaasaa isa guddaadhaaf jedhee akka isin hin dhiisne’ yaadadhaa. (1 Sam. 12:22) Hamma isin isatti maxxantanii jiraattanitti inni isin hin dhiisu. (2 Seenaa 15:2 dubbisi.) Kanaaf, ‘Waaqayyotti gammadaa. Karaa keessan isatti kennadhaa; isas amanadhaa.’ (Far. 37:4, 5) “Kadhachuuttis cimaa!” Akkasumas Abbaan keessan inni samii jaalala qabeessa taʼe rakkina hunda dandaʼuuf akka isin gargaaru amantii qabaadhaa.—Rom. 12:12.
18 Mana keessa nagaan akka jiraatu gochuuf, Yihowaan hafuurasaa akka isinii kennu cimsaa kadhadhaa. (Ibr. 12:14) Eeyyee, haalli nagaa yeroo booda garaa miseensa maatii Dhugaa Baatuu hin taane tuquu dandaʼu akka jiraatu gochuun ni dandaʼama. ‘Waanuma hojjettan hundumaa ulfina Waaqayyoof yoo hojjettan’ gammachuufi nagaa sammuu argachuu dandeessu. (1 Qor. 10:31) Gama kanaan deggersa obbolootaafi obboleettota gumii Kristiyaanaa keessa jiran akka qabdan beekuun baayʼee kan nama jajjabeessudha.
[Miiljaleewwan]
a Maqaawwan jijjiiramaniiru.
b Gorsi Phaawulos kenne haala rakkisaa taʼe keessatti seeraan wal hiikuun akka hin dandaʼamne kan argisiisu miti. Kun murtoo dhuunfaa cimaa taʼedha. Kitaaba, “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa” jedhamu fuula 220-221 ilaali.
c Caaffanni Qulqullaaʼoon namoota hidhata amanii keenya hin taanee wajjin nyaachuu hin dhowwan.—1 Qor. 10:27.
[Fakkii fuula 28rra jiru]
Waaʼee amantii keessanii ibsuuf yeroo mijaaʼaa taʼe filadhaa
[Fakkii fuula 29rra jiru]
Hiriyaa gaaʼelaa Dhugaa Baatuu hin taaneef akka yaaddan argisiisaa