‘Lallabuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?’
Addunyaa maratti obbolootaafi obboleettota, utuma dhibee fayyaa cimaa qabanii hojii lallabarratti amanamummaadhaan hirmaataniifi fakkeenya gaarii nuuf taʼan arganna. Daalyaa ishee magaalaa guddittii Litweeniyaa, Viilniiyas jiraattu akka fakkeenyaatti haa ilaallu.
Daalyaan Dhugaa Baatuu umrii walakkeessa waggoota 30nii keessatti argamtudha. Gaafa dhalattee kaasee dhibee fayyaa sammuu wajjin wal qabateefi serebiraal appoopileeksii jedhamuun dhiphatti. Dhukkubni kun naafa akka taatu, akkasumas dandeettii dubbachuushee akka dhabdu godheera. Kanaan kan kaʼes, rakkinashee akka gaariitti hubachuu kan dandaʼu miseensota maatiishee qofa turan. Daalyaan haadhashee Galiinaa jedhamtuu wajjin kan jiraattu siʼa taʼu isheenis kunuunsa barbaachisu hunda gootiif. Daalyaan jireenyishee rakkinaafi dhiphinaan kan guutame taʼus, yeroo hunda ilaalcha gaarii qabdi. Haataʼu malee kun taʼuu kan dandaʼe akkamitti?
Galiinaan akkas jetti: “Bara 1999 durbiinkoo Apalyooniyaan nu gaafachuu dhufte. Apalyooniyaan Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuusheefi Macaafa Qulqulluu akka gaariitti akka beektu waan hubanneef Daalyaan gaaffilee hedduu ishee gaafachuutti kaate. Utuma hin turin Daalyaan qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabde. Wanta Daalyaan dubbattu hiikuuf jecha anis darbee darbee qayyabannicharratti argamuuttan kaʼe. Wanti isheen barachaa jirtu hundi dhugumaan akka ishee fayyaden hubadhe. Anis utuu hin turin qayyabannaan Macaafa Qulqulluu akka naaf godhamun gaafadhe.”
Daalyaan dhugaawwan Macaafa Qulqulluu hubachaa ennaa deemtutti gaaffiin tokko caalaatti ishee yaaddessuu jalqabe. Dhumarrattis, “Namni dhibee qaamaa qabu akka kootii akkamitti lallabuu dandaʼa?” jettee Apalyooniyaa gaafatte. (Mat. 28:19, 20) Apalyooniyaan suuta jettee, “Hin sodaatin. Yihowaan si gargaara” jettee deebisteef. Yihowaanis dhugumaan ishee gargaareera.
Daalyaan lallabuu kan dandeesse akkamittiree? Karaawwan garaagaraa lallabuu dandeesseetti. Obboleettonni, xalayaa hedduu ergaa Macaafa Qulqulluu tokko qabate akka qopheessitu ishee gargaaraniiru. Jalqaba Daalyaan yaadashee obboleettotaaf ibsiti. Achiis yaada isheen kennite walitti qindeessuudhaan xalayaa tokko qopheessu. Daalyaan moobaayiliisheetiin ergaa barreessuudhaanis dhugaa ni baati. Yeroo haalli qilleensaa mijataa taʼutti obboloonni gumiishee bakka namoota itti argachuun dandaʼamu, jechuunis bakka namoonni itti bashannananiifi karaarratti akka lallabdu ishee fuudhanii baʼu.
Daalyaafi haatishee karaa hafuuraa guddina gochuusaanii itti fufaniiru. Lamaanuu Yihowaadhaaf of murteessanii Sadaasa 2004 cuuphamaniiru. Fulbaana 2008, tuutni walgaʼii afaan Poolaandiitiin geggeeffamu tokko Viilniiyasitti hundeeffame. Tuuta kana keessatti babalʼistoonni Mootummichaa waan barbaachisaniif Daalyaafi haatishee achitti walgaʼuu jalqaban. Daalyaan akkas jetteetti: “Bakkee baʼee tajaajilee waanan hin beekneef jiʼoota muraasaaf dhiphadheen ture. Taʼus kana ilaalchisee Yihowaatti kadhannaa ergan dhiheessee booda utuma hin turin namni tokko naa wajjin tajaajila baʼuuf beellama naa qabe.” Obboleettiin keenya Daalyaan haala keessa jirtu ilaalchisee maaltu isheetti dhagaʼama? Akkas jetteetti: “Dhukkubichi qaamakoo kan laamshesse taʼus sammuukoo garuu laamshessuu hin dandeenye. Namoota kaanitti waaʼee Yihowaa himuu dandaʼuu kootti baayʼeen gammada!”