Yeroo Qayyabannaa Caalaatti Gammachiisaafi Buʼa Qabeessa Gochuu
Yeroon itti Macaafa Qulqulluu qayyabannu caalaatti gammachiisaa akka taʼu gochuu kan dandeenyu akkamitti? Caalaatti buʼa qabeessa akka taʼu gochuu kan dandeenyuhoo akkamitti? Mee tarkaanfiiwwan barbaachisaa gama kanaan nu gargaaruu dandaʼan sadii gabaabaadhumatti haa ilaallu.
1 KADHACHUU: Tarkaanfiin inni jalqabaa kadhannaa gochuudha. (Far. 42:8) Akkas kan jennu maaliifi? Dubbii Waaqayyoo qayyabachuun kutaa waaqeffannaa keenyaa akka taʼe goonee yaaduu qabna. Kanaaf, Yihowaan yaadaafi garaa gaarii qayyabannaa sana hubachuuf nu gargaaru, akkasumas hafuurasaa akka nuuf kennu isa gaafachuu qabna. (Luq. 11:13) Baarbaaraan isheen waggoota dheeraadhaaf misiyoonii taate akkas jetteetti: “Yeroo hunda Macaafa Qulqulluu dubbisuu ykn qayyabachuu jalqabuukoo dura kadhannaan dhiheessa. Achiis, Yihowaan akka anaa wajjin jiruufi gochakoo kanatti akka gammadu natti dhagaʼama.” Qayyabannaa jalqabuu keenya dura kadhannaa dhiheessuun sammuufi garaan keenya akka banamu gochuudhaan nyaata hafuuraa hedduu nu dura jiru guutummaatti akka hubannu godha.
2 XIINXALUU: Obboloonni tokko tokko yeroo waan hin qabneef Macaafa Qulqulluu ariitiidhaan ykn irra keessa qofa dubbisu. Kanaan kan kaʼes, faayidaa Macaafa Qulqulluu dubbisuudhaan argamuu dandaʼu utuu hin argatin hafu. Kaarlos, inni waggaa 50 oliif Yihowaa tajaajilaa ture, qayyabannaasaa buʼa qabeessa gochuuf jecha xiinxaluuf yeroo ramaduun barbaachisaa akka taʼe hubateera. Akkas jedha: “Amma guyyaa guyyaadhaan dubbisuu kanan dandaʼu takkaatti fuula lama qofadha. Achiis wantan dubbiserraa barumsan argadhu hubachuuf xiinxaluurrattan yeroo dheeraa dabarsa.” (Far. 77:12) Xiinxaluudhaaf yeroo kan ramadnu taanaan, beekumsiifi hubannaan fedha Waaqayyootiif qabnu ni guddata.—Qol. 1:9-11.
3 HOJIIRRA OOLCHUU: Sochiin tokko buʼaa akka qabu yoo hubanne caalaatti faayidaa arganna. Kunis qayyabannaa Macaafa Qulqulluurratti dhugaa taʼee mulʼata. Obboleessi keenya Gabriʼel jedhamuufi dargaggeessa taʼe sagantaa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu dhaabbataa taʼe qabu, “Qayyabannaan rakkoo jireenyakoo keessatti na mudatu moʼuufi warra kaan gargaaruuf na qopheesseera” jedheera. Itti dabaluudhaanis, “Wantan baradhe jireenya koorratti hojiirra oolchuufan carraaqa” jedheera. (Kes. 11:18; Iya. 1:8) Eeyyee, beekumsa Waaqayyorraa argannuufi hojiirra oolchuu dandeenyu hedduu qabna.—Fak. 2:1-5.
IRRA DEEBIʼUU: Beekumsa Yihowaa, isa Madda ogummaa hundumaa taʼerraa argamu gad fageenyaan qoruuf mirga guddaa arganneerra! (Rom. 11:33) Kanaaf, kana booda qayyabannaa yeroo gootan, jalqaba Yihowaan yaadaafi garaa gaarii, akkasumas hafuura qulqulluu akka isinii kennu kadhachuu qabdu. Achiis al tokko tokko gidduutti dhaabaatii waan dubbistanirratti xiinxalaa. Akkasumas, wanta barattan sirriitti hordofuudhaan sochii guyyaa guyyaadhaan gootan keessatti hojiirra oolchuuf carraaqaa. Tarkaanfiiwwan barbaachisaa taʼan kana yeroo fudhattan, qayyabannaan Macaafa Qulqulluu gootan caalaatti gammachiisaafi buʼa qabeessa taʼa.