‘Ilmi Abbaa Mulʼisuu Barbaada’
“Warra ilmi isaa itti mulʼisuu barbaadetu abbaa beeka malee, abbaan eenyu akka taʼe kan beekus hin jiru.”—LUQ. 10:22.
MAAL JETTEE DEEBISTA?
Yesus Abbaasaa mulʼisuuf gaʼumsa guddaa qaba kan jennu maaliifi?
Yesus Abbaasaa namoota kaanitti kan mulʼise akkamitti?
Abbaa mulʼisuudhaan fakkeenya Yesus hordofuu kan dandeessu karaawwan kamiini?
1, 2. Gaaffiin namoota baayʼee burjaajessu kamidha? Maaliif?
‘WAAQAYYO eenyu?’ Gaaffiin kun namoota baayʼee ni burjaajessa. Fakkeenyaaf, namoonni Kiristiyaana ofiin jedhan hedduun Waaqayyo Sillaasee akka taʼe kan amanan siʼa taʼu, kaanimmoo barumsa kana hubachuun akka hin dandaʼamne yaadu. Namni barreessaa kitaabaafi luba taʼe tokko, “Kun barumsa hubannoofi dandeettii sammuu namaatiin ol taʼedha” jedheera. Karaa garabiraammoo, namoonni barumsa jijjiirama tirannaa hordofan hedduun Waaqayyo hin jiru jedhu. Uumamni dinqisiisaa taʼe hundi akka tasaa kan dhufedha jedhu. Chaarlis Daarwiin, Waaqayyo hin jiru jedhanii ganuu mannaa, “Wanti hundi hubannaa namaatiin olidha jedhanii amanuun gaarii natti fakkaata” jedheera.
2 Namoonni baayʼeen amantiinsaanii maaliyyuu yoo taʼe, gaaffii Waaqayyo jiraachuusaa wajjin wal qabatee kaʼurratti yaaduunsaanii hin oolu. Haataʼu malee, namoonni hedduun deebii quubsaa yommuu dhaban Waaqayyoon barbaaduusaanii dhiisu. Dhugumayyuu, Seexanni “yaada warra hin amanin sanaa jaamseera.” (2 Qor. 4:4) Namoonni hedduun, Abbaa isa uumama cufa uume ilaalchisee, dhugaansaa maal akka taʼe wallaaluunsaanii ykn burjaajaʼuunsaanii kan nama dinqisiisu miti!—Isa. 45:18.
3. (a) Uumaa kan nutti mulʼise eenyudha? (b) Gaaffiiwwan kamfaa qorra?
3 Taʼus, namoonni waaʼee Waaqayyoo dhugaasaa barachuunsaanii barbaachisaadha. Maaliif? Badiisarraa ooluu kan dandaʼan “namoota maqaa Yihowaa” waammatan qofa waan taʼeefidha. (Rom. 10:13, NW) Maqaa Waaqayyoo waammachuun Yihowaa sirriitti beekuu dabalata. Yesus Kiristos beekumsa barbaachisaa taʼe kana bartootasaatti mulʼiseera. Jechuunis Abbaa isaanitti mulʼiseera. (Luqaas 10:22 dubbisi.) Yesus qaama kamiyyuu caalaa Abbaa mulʼisuu kan dandaʼe maaliifi? Kana kan godhehoo akkamitti? Nuhoo namoota kaanitti Abbaa mulʼisuurratti fakkeenya Yesus hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Mee gaaffiiwwan kana haa qorru.
YESUS KIRISTOS QAAMA KAMIYYUU CAALAA GAʼUMSA QABA
4, 5. Yesus Abbaasaa mulʼisuuf qaama kamiyyuu caalaa gaʼumsa qaba kan jennu maaliifi?
4 Yesus Abbaasaa mulʼisuuf qaama kamiyyuu caalaa gaʼumsa qaba ture. Akkas kan jennu maaliifi? Yesus inni yeroo booda nama taʼe, wanti hundi uumamuusaa dura, “tokkicha ilma Waaqayyoo” isa uumama hafuuraa taʼee samiirra jiraachaa ture. (Yoh. 1:14; 3:18) Kun mirga adda taʼedha! Ilmi uumamni hundi utuu hin uumamin dura, waaʼee Abbaasaafi waaʼee amalawwansaa Abbaasaarraa barachaa tureera. Abbaafi Ilmi waggoota hangana hin jedhamneef akka gaariitti waliin dudubbachaa waan turaniif gidduusaanitti jaalalli guddaan uumamee akka ture hin shakkisiisu. (Yoh. 5:20; 14:31) Ilmi waaʼee amalawwan Abbaasaa hubannaa guddaa argatee akka ture beekamaadha.—Qolosaayis 1:15-17 dubbisi.
5 Yihowaan Ilmasaa Sagalee Dabarsituu godhee waan muudeef, “Sagalee Waaqayyoo” jedhamee waamameera. (Mul. 19:13) Kanaaf Yesus Abbaasaa namoota kaanitti mulʼisuuf gaʼumsa guddaa qaba. Yohannis inni Wangeela barreesse Yesusiin ilaalchisee, “Sagalichi,” “abbaa bukkee ture” jechuunsaa sirriidha. (Yoh. 1:1, 18) Yohannis asirratti, aadaa baramaa namoonni barasaa turan yeroo nyaataatti raawwatan caqasuusaa ture. Keessummaan tokko madabiidhuma tokkorra nama isa kaanitti garagalee ciqileesaa dhaabbatee ciisa ture. Namoonni lamaan kun walitti dhihoo waan taʼaniif salphaadhumatti waliin haasaʼuu dandaʼu. Haaluma wal fakkaatuun, Ilmi “abbaa bukkee” ture jedhamuunsaa, Abbaasaa wajjin akka gaariitti dubbachaa akka ture argisiisa.
6, 7. Hariiroon Abbaafi Ilma gidduu ture guddaachaa kan adeeme akkamitti?
6 Hariiroon Abbaafi Ilma gidduu jiru guddachaa deemuusaa itti fufeera. Ilmi ‘harʼaa bor Waaqayyoon gammachiisaa ture.’ (Fakkeenya 8:22, 23, 30, 31 dubbisi.) Kanaaf, yeroo waliin hojjetaniifi Ilmi amala Abbaasaa hordofuuf yommuu caalaatti barachaa adeemu, jaalalli isaan gidduu ture caalaatti guddateera jechuun ni dandaʼama. Yihowaan uumamawwan yaaduu dandaʼan kaan yommuu uumu, Ilmi akkaataa Abbaan tokkoo tokkoosaanii itti qabu ilaaleera; kunis dinqisiifannaa inni amala Waaqayyootiif qabu isaaf guddisee taʼuu qaba.
7 Olaantummaan Yihowaa sirrii taʼuusaa ilaalchisee mormiin Seexanni kaases, Yihowaan yeroo haalli rakkisaan Isa mudatee turetti jaalala, firdii qajeelaa, ogummaafi humnasaa akkamitti akka itti fayyadamu barachuuf Ilmaaf carraa baneera. Kunimmoo, Yesus yeroo booda lafarratti yommuu tajaajilu haala rakkisaa isa mudatu moʼuu akka danadaʼuuf isa qopheessee akka ture hin shakkisiisu.—Yoh. 5:19.
8. Seenaawwan Wangeelaa waaʼee amala Abbaa caalaatti barachuuf kan nu gargaaran akkamitti?
8 Ilmi Yihowaa wajjin hariiroo cimaa waan qabuuf, qaama kamiyyuu caalaa Abbaa akka gaariitti ibseera. Wanta Ilmi inni tokkichi barsiiseefi raawwate qoruu caalaa karaa gaariin Abbaa itti beekuu dandeenyu jiraa? Fakkeenyaaf, jechi “jaalala” jedhu hiika maalii akka qabu galmee jechootaa ilaaluu qofaan guutummaatti hubachuun hangam ulfaataa akka taʼe yaadaa. Taʼus, tajaajila Yesusiifi akkaataa inni itti namoota kaan qabe ilaalchisee seenaa barreessitoonni Wangeelaa galmeessanirratti xiinxaluudhaan, jechi “Waaqayyo jaalala” jedhu maal akka taʼe sirriitti hubachuu dandeenya. (1 Yoh. 4:8, 16) Amalawwan Waaqayyoo warra Yesus yommuu lafarra ture bartootasaatti argisiises akkasitti hubachuun ni dandaʼama.
YESUS ABBAASAA KAN MULʼISE AKKAMITTI?
9. (a) Yesus karaa gurguddaa kam lamaaniin Abbaasaa mulʼise? (b) Fakkeenya Yesus barumsasaatiin Abbaasaa akkamitti akka mulʼise argisiisu tokko dubbadhu.
9 Yesus bartootasaafi warra gara fuulduraatti duuka buutotasaa taʼanitti Abbaa kan mulʼise akkamitti? Karaa gurguddaa lamaan, jechuunis barumsaafi gochasaatiin ture. Mee jalqaba barumsa Yesus haa ilaallu. Wanti Yesus duuka buutotasaa barsiise, yaada, miiraafi karaa Abbaansaa waa itti raawwatu gad fageenyaan akka beeku kan argisiisu ture. Fakkeenyaaf Yesus, Abbaasaa nama hoolotasaa jaallatuufi hoolaa jalaa bade tokko barbaaduu deemetti fakkeesseera. Yesus namni hoolaan jalaa bade sun yommuu isa argatu, “sagaltamii salgan warra takkaa karaa irraa hin badin caalaatti, isatti in gammada” jedheera. Fakkeenyi kun maal argisiisa? Yesus, “Akkasumas isaan xixinnayyoo kana keessaa tokko illee baduun jaalala abbaa keessan isa waaqa irraa miti” jedhee ibseera. (Mat. 18:12-14) Isinoo fakkeenya kanarraa waaʼee Yihowaa maal barattu? Yeroo tokko tokko akka gatii hin qabneefi akka gatamtan yoo isinitti dhagaʼamellee, Abbaan keessan inni samii isin jaallata akkasumas isinii yaada. “Isaan xixinnayyoo” keessaas akka isa tokkootti isin ilaala.
10. Yesus gochasaatiin Abbaasaa kan mulʼise akkamitti?
10 Karaan Yesus Abbaasaa bartootasaatti mulʼise inni lammaffaanimmoo gochasaa ture. Kanaaf Filiphos ergamaan, “Abbaa nu argisiisi” jedhee yommuu isa gaafatu, Yesus, “Namni ana arge abbaa arge” jedhee deebisuunsaa sirrii ture. (Yoh. 14:8, 9) Fakkeenyota Yesus amala Abbaasaa akkamitti akka argisiise ibsan tokko tokko ilaalaa. Namni dhukkuba lamxiitiin qabame tokko akka isa fayyisu yommuu isa kadhate, ‘namicha dhagni isaa guutuun lamxaaʼe’ sana harkaan qaqqabee, “Fedheera qullaaʼi!” jedheen. Namni lamxiidhaan qabame kun yommuu fayyu wanta Yesus raawwaterraa waaʼee Yihowaa hubachuu akka dandaʼe hin shakkisiisu. (Luq. 5:12, 13) Kana malees bartoonni, yeroo Alaazaar duʼeefi Yesus “hafuuratti dhiphatee garaan isaa raafame[e],” “imimmaan isaa dhangalaase” ooʼa Abbaa akka hubatan beekamaadha. Yesus Alaazaariin duʼaa akka kaasu kan beeku taʼus, gaddi guddaan maatiifi michoota Alaazaarirra gaʼe isattis dhagaʼameera. (Yoh. 11:32-35, 40-43) Isinis, seenaa Macaafa Qulqulluu jaallattaniifi wanta Yesus raawwaterraa ooʼa Abbaa hubachuuf isin gargaaru qabdu taʼa.
11. (a) Yesus yommuu wantoota mana qulqullummaa keessa jiraachuu hin qabne baase waaʼee Abbaa maal mulʼiseera? (b) Seenaan waaʼee Yesus wantoota mana qulqullummaa keessa jiraachuu hin qabne baasuusaa ibsu kan nu jajjabeessu maaliifi?
11 Haataʼu malee, seenaa waaʼee Yesus wantoota mana qulqullummaa keessa jiraachuu hin qabne baase ibsu ilaalchisee maal jechuu dandeenya? Mee haala kana ija qalbiitiin ilaalaa: Yesus qaccee dhaʼatee, namoota sangootaafi hoolota gurguran ariʼe baase. Namoota horii callaa geddaranis jalaa bittimsuudhaan gabatootasaanii jalaa garagalche. (Yoh. 2:13-17) Gochi Yesus ija jabinaan raawwate kun, bartoonni raajii Daawit Mootichi, “Mana keetiif hinaafuun na gube” jedhe isaan yaadachiiseera. (Far. 69:9) Yesus tarkaanfii cimaa fudhachuudhaan waaqeffannaa dhugaa cinaa dhaabachuuf fedhii guddaa akka qabu argisiiseera. Seenaa kana keessatti amala Abbaa hubattaniittuu? Seenaan kun, Waaqayyo hamoota lafarraa balleessuuf humna guddaa qabaachuusaa qofa utuu hin taʼin, kana gochuuf fedhii guddaa akka qabus kan nu yaadachiisudha. Tarkaanfii cimaan Yesus gocha sirrii hin taanerratti fudhate kun, Abbaan cubbuu yeroo harʼaa lafarratti babalʼate yommuu ilaalu maal akka isatti dhagaʼamu kan mulʼisudha. Kana beekuun keenya yommuu jalʼinni nurra gaʼu jajjabina guddaa nuuf argamsiisa.
12, 13. Akkaataa Yesus bartootasaa itti qaberraa waaʼee Yihowaa maal barachuu dandeessu?
12 Mee fakkeenya gara biraa, jechuunis akkaataa Yesus itti bartootasaa qabe haa ilaallu. Isaan keessaa eenyu akka caalu yeroo baayʼee wal falmu turan. (Mar. 9:33-35; 10:43; Luq. 9:46) Yesus muuxannoo Abbaasaa wajjin yeroo dheeraa dabarsuudhaan argaterraa, Yihowaan amala of gurguddisuu akkasiitiif ilaalcha akkamii akka qabu beeka ture. (2 Sam. 22:28; Far. 138:6) Kana malees, Yesus Seexanni amala akkasii yommuu calaqqisiisu argeera. Qaamni ofittoo taʼe kun iddoofi aboo guddaa argachuuf hawwii cimaa qaba ture. Kanaaf, Yesus bartoonnisaa warri inni leenjise, aboodhaaf ilaalcha akkasii qabaachuusaanii yommuu argu baayʼee gaddee taʼuu qaba! Namoota inni ergamootasaa godhee filate gidduullee ilaalchi akkasii jira ture! Hamma guyyaa Yesus jireenyasaa isa lafarraa xumurettillee aboo akka barbaadan argisiisaniiru. (Luq. 22:24-27) Taʼus Yesus, bartoonnisaa amala gad of deebisuu inni qabu matumaa barachuu hin dandaʼan jedhee utuu abdii hin kutatin, obsaan isaan sirreessuusaa itti fufeera.—Filp. 2:5-8.
13 Akkaataa Yesus ilaalcha dogoggoraa bartoonnisaa qaban obsaan itti sirreesserraa amala Abbaa hubachuu dandeessaniittuu? Wanta Yesus raawwateefi dubbaterraa, namoonni irra deddeebiʼanii yoo dogoggora raawwatanillee, Abbaan akka isaan hin ganne hubattaniittuu? Amalawwan Waaqayyoo kana yaadatti qabachuun keenya, yommuu dogoggora raawwannu yaada garaa geddarachuuf kan nu kakaasu mitii?
YESUS FEDHIISAATIIN KAKAʼEE ABBAASAA MULʼISEERA
14. Yesus Abbaasaa mulʼisuuf fedhii akka qabu kan argisiise akkamitti?
14 Bulchitoonni abbaa irree taʼan hedduun, namoonni wallaaloo akka taʼaniif jecha odeeffannoo akka hin arganne gochuudhaan isaan toʼachuuf yaalu. Yesus garuu Abbaa ilaalchisee wanta beeku guutummaatti warra kaanitti mulʼisuuf fedhii qaba ture. (Maatewos 11:27 dubbisi.) Kana malees, Yesus bartoonnisaa Yihowaa, ‘isa dhugaa akka barataniif, hubannaa isaaniif kenneera.’ (1 Yoh. 5:20) Kana kan godhe akkamitti? Duuka buutonnisaa wanta inni waaʼee Abbaa barsiise hubachuu akka dandaʼaniif sammuusaanii isaaniif banuudhaanidha. Yesus, Abbaansaa kutaa Sillaasee isa iccitii hubatamuu hin dandeenyee akka taʼe barsiisuudhaan isa hin dhoksine.
15. Yesus waaʼee Abbaasaa wanta beeku tokko tokko dubbachuurraa kan of qusate maaliifi?
15 Yesus waaʼee Abbaasaa wanta beeku hundumaa mulʼisee turee? Lakki. Wanta beeku baayʼee dubbachuurraa of qusateera. (Yohannis 16:12 dubbisi.) Maaliif? Yeroo sanatti bartoonnisaa beekumsa akkasii ‘baachuu waan hin dandeenyeefidha.’ Haataʼu malee, akkuma Yesus dubbate yeroo “gargaaraan, NW” jechuunis hafuurri qulqulluun inni ‘dhugaa hundumaatti isaan geessu’ dhufu beekumsa hedduu argatu. (Yoh. 16:7, 13) Akkuma warri ogeeyyii taʼan hamma ijoolleensaanii hubachuuf gaʼeessa taʼanitti odeeffannoo tokko tokko isaanitti himuurraa of qusatan, Yesusis hamma bartoonnisaa waaʼee Abbaa dhugaa tokko tokko hubachuu dandaʼanitti eegeera. Yesus gaarummaadhaan dandeettiin isaan qaban murtaaʼaa akka taʼe xiyyeeffannaa keessa galcheera.
AKKUMA YESUS NAMOONNI YIHOWAA AKKA BEEKAN GARGAARAA
16, 17. Namoota kaanitti Abbaa mulʼisuu kan dandeessan maaliifi?
16 Nama tokko akka gaariitti yommuu beektuufi amalawwansaa warra jaallatamaa taʼan yommuu dinqisiifattu, waaʼeesaa warra kaanitti himuun sin gammachiisuu? Yesus yommuu lafarra ture waaʼee Abbaasaa namootaatti himeera. (Yoh. 17:25, 26) Nuhoo Yihowaa namootatti mulʼisuudhaan fakkeenyasaa hordofuu dandeenyaa?
17 Akkuma olitti ilaalle, Yesus qaama kamiyyuu caalaa waaʼee Abbaasaa beekumsa guddaa qaba ture. Taʼus, duuka buutonnisaa amala Waaqayyoo gad fageenyaan beekuuf hubannaa akka qabaatan gargaaruudhaanillee wanta beeku keessaa tokko tokko isaanii hiruuf fedhii qaba ture. Nuyis gargaarsa Yesusiin karaa namoota hedduurraa adda taʼeen waaʼee Abbaa keenyaa hubachuu dandeenyeerra. Yesus karaa barumsawwansaafi gochasaa Abbaasaa nutti mulʼisuuf fedhii qabaachuusaatti baayʼee hin dinqisiifannuu? Abbaa beekuu keenyatti kooruun ykn boonuun keenya sirriidha. (Er. 9:24; 1 Qor. 1:31) Yihowaatti dhihaachuuf yommuu carraaqnu, innis caalaatti nutti dhihaata. (Yaq. 4:8) Kanaaf, amma beekumsa keenya namootaaf hiruu ni dandeenya. Kan gochuu kan dandeenyu akkamittiree?
18, 19. Abbaa namootaaf mulʼisuu kan dandeessu karaawwan kamiini? Ibsi.
18 Dubbiifi gocha keenyaan Abbaa mulʼisuudhaan fakkeenya Yesus hordofuu nu barbaachisa. Namoonni tajaajilarratti argannu hedduun eenyummaa Waaqayyoo akka hin beekne yaadadhaa. Waaʼee Waaqayyoo barumsi sobaa isaan baratan isaan burjaajesseera taʼa. Waaʼee maqaa Waaqayyoo, kaayyoo inni namootaaf qabuufi amalasaa isa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame ilaalchisee wanta beeknu isaaniif hiruu dandeenya. Kana malees, seenaawwan Macaafa Qulqulluu amala Waaqayyoo karaa nuyi kanaan dura hin hubanneen ibsan tokko tokko namoota hidhata amantii keenyaa wajjin mariʼachuu dandeenya. Karaa kanaan isaanis fayyadamuu dandaʼu.
19 Fakkeenya Yesus hordofuudhaan, gocha keenyaan Abbaa mulʼisuu kan dandeenyuhoo akkamitti? Namoonni gocha keenyarraa jaalala Kiristos yommuu hubatan, gara Abbaafi gara Yesusitti dhihaachuu dandaʼu. (Efe. 5:1, 2) Phaawulos ergamaan, ‘akkuma inni fakkeenya Kiristos fudhate nuyis fakkeenyasaa akka fudhannu’ nu jajjabeesseera. (1 Qor. 11:1) Namoonni akkaataa jireenyaa keenyarraa waaʼee Yihowaa akka hubatan gargaaruuf mirga guddaa arganneerra! Eeyyee, hundi keenya fakkeenya Yesus hordofuudhaan Abbaa namoota kaanitti haa mulʼisnu.