Yihowaatti Amanamaa Inni Waaqa ‘Yeroofi Kutaa Baraati’
“Inni yeroo, kutaa baraas in geddara, mootota mootummaa irraa in buusa, isaan in moosisas.”—DAN. 2:21.
MAAL JETTEE DEEBISTA?
Uumamniifi raajiin raawwatame Yihowaan yeroo murteesse akka eegu kan argisiisan akkamitti?
Yihowaan, Waaqa ‘yeroofi kutaa baraa’ taʼuusaa beekuun keenya maal gochuuf nu kakaasa?
Yeroo Yihowaan waan tokko itti raawwachuuf baase wantoota biyya lafaarratti raawwatamaniifi akeeka ilmaan namootaatiin kan hin murteeffamne maaliifi?
1, 2. Yihowaan yeroo sirriitti akka beeku kan ibsu maalidha?
YIHOWAAN nama uumuusaa bara dheeraa dura, wantoota yeroo ykn saʼaatii ittiin lakkaaʼuuf nu gargaaran nuu kenneera. Waaqayyo guyyaa uumamaa isa arfaffaatti, “Guyyaa fi halkan gargar baasuuf bantii waaqaatti ibsoonni haa jiraatan! Isaan milikkitoota buusaan waggaa, guyyoonni, waggoonnis ittiin beekaman haa taʼan!” jedhee ture. (Uma. 1:14, 19, 26) Fedhii Yihowaa wajjin haala wal qabateen kun sirriitti raawwatameera.
2 Haataʼu malee hanga harʼaatti, saayintiistonni yeroo ilaalchisee wal falmu. Insaayikilooppeediyaan tokko, “Wantoota addunyaarratti iccitii gurguddaa taʼan keessaa inni tokko yeroodha. Eenyuyyuu waaʼee yeroo sirriitti dubbachuu hin dandaʼu” jedheera. Yihowaan garuu yeroo akka gaariitti beeka. Kana malees ‘bantiiwwan waaqaa kan uume, lafa bifa itti godhee, tolchee jabeessee kan dhaabe’ isadha. Akkasumas Yihowaan, ‘wanta booddee dhufuuf jiru duraan dursee kan himu, dur durii jalqabee wanta amma iyyuu hin taʼin jiru kan dubbatudha.’ (Isa. 45:18; 46:10) Amantii Yihowaafi Macaafa Qulqulluurratti qabnu akka nuu jabeessutti, uumamnis taʼe raajiiwwan raawwiisaanii argatan Yihowaan Waaqa yeroo murteesse eegu taʼuusaa akkamitti akka ibsan haa ilaallu.
UUMAMNI, WAAQA ISA YEROO MURTEESSE EEGURRATTI AMANTII AKKA QABAANNU GODHA
3. Wantoonni uumama cufa keessa jiran saʼaatiisaanii eeganii kan sochoʼan akkamitti?
3 Uumama cufa keessatti, yeroon wantoota ijaan mulʼataniinis taʼe ijaan hin mulʼanneen lakkaaʼamuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, pilaaneetonniifi urjiiwwan dogoggora tokko malee sirriitti saʼaatiisaanii eeganii sochoʼu. Akkaataan taaʼumsaa qaamawwan kun samii keessatti qaban, waqtiileefi yeroo karaa deeman kallattii sirrii ittiin beekuuf gargaaru. Yihowaan inni “humna-qabeessa” taʼe, pilaaneetootaafi urjiiwwan waan uumeef isa jajachuun keenya kan isaaf maludha.—Isaayaas 40:26 dubbisi.
4. Saʼaatiin inni uumamaan lubbu qabeeyyii keessa jiru ogummaa Waaqayyoo kan mulʼisu akkamitti?
4 Lubbu qabeeyyiin saʼaatii keessasaanii jiruun geggeeffamu. Kanaaf biqiltoonniifi bineeldonni hedduun saʼaatii uumamaan keessasaanii jiru waan hordofan fakkaatu. Allaattiiwwan hedduun yeroo itti bakka jiraatan tokkoo bakka garabiraatti godaanan uumamaan beeku. (Er. 8:7) Ilmaan namootaas saʼaatii keessasaanii jiruun geggeeffamu. Fakkeenyaaf, qaamni keenya guyyaafi halkan yoom akka taʼe addaan baasee nutti hima. Xiyyaaraan biyyoota saʼaatiinsaanii baayʼee addadda taʼe yommuu deemnu, qaamni keenya saʼaatii haaraa kanaa wajjin wal baruuf guyyoota muraasa isa fudhata. Fakkeenyonni uumamaa hedduun waaʼee yeroo ibsan, Waaqni inni ‘yeroofi kutaa baraa’ uume humnaafi ogummaa akka qabu argisiisu. (Faarfannaa 104:24 dubbisi.) Dhugumayyuu, Waaqni inni wanta tokko yeroosaatti raawwatu, ogummaafi humna waan hundumaa raawwachuuf isa dandeessisu qaba. Kanaaf Waaqayyo kaayyoosaa galmaan gaʼuu akka dandaʼu amantii qabaachuu qabna.
RAAJIIN YEROOSAATTI RAAWWATAME HUNDI AMANTII KEENYA NUU CIMSA
5. (a) Abdii namoonni gara fuulduraatti qaban beekuu kan dandeenyu karaa kamiin qofadha? (b) Yihowaan wanta gara fuulduraatti raawwatamuufi yeroo itti raawwatamu ilaalchisee raajii dubbachuu kan dandaʼu maaliifi?
5 Wantoonni Yihowaan uume ‘amalawwansaa’ ilaalchisee waan hedduu kan nu barsiisan taʼus, gaaffii barbaachisaa kan akka, ‘Ilmaan namootaa gara fuulduraatti abdii akkamii qabu?’ jedhuuf deebii hin kennu. (Rom. 1:20, hiika bara 1899) Deebii kanaa argachuuf wanta Waaqayyo Macaafa Qulqulluu keessatti ibse dubbisuu qabna. Macaafa kana yommuu qorru, raajiiwwan yeroo jedhametti sirriitti raawwataman arganna. Yihowaan waaʼee gara fuulduraa sirriitti waan beekuuf, wanta taʼuuf jiru mulʼisuu dandaʼa. Kana malees, Yihowaan wanti tokko kaayyoofi sagantaa inni baasee wajjin haala walsimuun akka raawwatamu gochuu waan dandaʼuuf, raajiiwwan Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti dubbataman yeroosaaniitti raawwatamu.
6. Yihowaan raawwii raajiiwwan Macaafa Qulqulluu akka hubannu kan barbaadu taʼuusaa wanti argisiisu maalidha?
6 Yihowaan waaqeffattoonnisaa raajiiwwan Caaffata Qulqullaaʼoo akka hubataniifi faayidaa akka irraa argatan barbaada. Waaqayyo yeroo kan lakkaaʼu akka keenyatti taʼuu baatus, wanti tokko yeroo murtaaʼe keessatti kan raawwatamu taʼuusaa haala hubachuu dandeenyuun nutti hima. (Faarfannaa 90:4 dubbisi.) Fakkeenyaaf, Macaafni Mulʼataa waaʼee ‘ergamoota arfanii’ kan dubbatu siʼa taʼu, isaanis ‘saʼaatii, guyyaa, jiʼaafi waggaaf qopheeffaman’ jechuudhaan qoqqoodama ykn kutaa yeroo dheerina garaagaraa qabanitti fayyadamee ibsa. (Mul. 9:14, 15) Raajiiwwan yeroosaaniitti raawwataman arguun, Waaqa isa ‘yeroofi kutaa baraa’ taʼetti, akkasumas Dubbiisaatti akka amanamnu nu godha. Kana ilaalchisee mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu.
7. Raajiin Ermiyaas Yerusaalemiifi Yihudaa ilaalchisee dubbate, Yihowaan yeroo murteesse akka eegu kan argisiisu akkamitti?
7 Tokkoffaa, wanta Dh.K.D. jaarraa torbaffaatti raawwatame haa ilaallu. “Yehoyaaqiim ilmi Yosiyaas biyya Yihudaa irratti moʼee waggaa afuraffaatti,” dubbiin Yihowaa isa yeroo sirriitti eeguu “guutummaa saba Yihudaatiif gara Ermiyaas in dhufe.” (Er. 25:1) Yihowaan Yerusaalem akka balleeffamtuufi Yihudoonni biyya Yihudaatii gara Baabilonitti akka geeffaman raajii dubbatee ture. Achittis “waggaa torbaatama mootii Baabiloniif in hojjet[u].” Loltoonni Baabilon Dh.K.D. bara 607tti Yerusaalemiin kan balleessan siʼa taʼu, Yihudoonnis biyya Yihudaatii gara Baabilonitti geeffaman. Haataʼu malee waggaa 70 booda maaltu taʼa laata? Ermiyaas, “Waaqayyo, ‘Akkuman dur dubbadhee ture waggaa torbaatama mootii Baabiloniif erga hojjettanii booddee isin nan yaadadha, akkuman dur isin abdachiisee tures gara biyya kanaatti isin nan deebisa’” jedhee raajii dubbateera. (Er. 25:11, 12; 29:10) Raajiin kun Dh.K.D. bara 537, yommuu warri Medooniifi Faares Yihudoota Baabilon jalaa bilisa baasan yeroosaatti raawwatameera.
8, 9. Raajiin Daaniʼel dhufaatii Masiihichaafi Mootummichi samiirratti hundeeffamuu ilaalchisee dubbate, Yihowaan Waaqa ‘yeroofi kutaa baraa’ taʼuusaa kan argisiisu akkamitti?
8 Raajii waaʼee saba Waaqayyoo durii dubbatu kan biraa haa ilaallu. Yihudoonni Baabilonii baʼuusaanii waggaa lama dura, Yerusaalem deebitee akka ijaaramtu ajajni baʼee waggaa 483 booda Masiihichi akka dhufu Waaqayyo karaa Daaniʼel raajichaa dubbatee ture. Mootiin warra Medooniifi Faares Dh.K.D. bara 455tti ajaja kana dabarsee ture. Waggaa 483 booda jechuunis Dh.K.B. bara 29tti, Yesus inni Naazireet yeroo cuuphametti hafuura qulqulluutiin dibamee, Masiihicha taʼeera.a—Nah. 2:1, 5-8; Dan. 9:24, 25; Luq. 3:1, 2, 21, 22.
9 Mee ammammoo Mootummicha ilaalchisee raajii Caaffanni Qulqullaaʼoon dubbatan hubadhu. Raajiin Macaafa Qulqulluu Mootummaan Masiihichaa bara 1914 samiirratti akka hundeeffamu argisiisa. Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluun ‘milikkita’ argamuu Yesus mulʼisu kan kennu siʼa taʼu, yeroo sanatti Seexanni samiirraa waan gad darbatamuuf warra lafarra jiraatanirra gaddi guddaan akka gaʼu ibsa. (Mat. 24:3-14; Mul. 12:9, 12) Kana malees, raajiin Macaafa Qulqulluu, barri 1914 yeroo ‘barri warra saba Waaqayyoo hin taʼinitti kenname raawwatameefi’ Mootummichi samiirratti bulchuu jalqabe akka taʼe ibsa.—Luq. 21:24; Dan. 4:10-17.b
10. Wantoonni gara fuulduraatti yeroosaaniitti raawwataman kamfaʼi?
10 Raajiin Yesus ‘rakkina isa guddaa’ ilaalchisee dubbate gara fuulduraatti kan raawwatamu taʼa. Ittaanees Bulchiinsa Waggaa Kumaatu dhufa. Wantoonni kun yeroo isaaniif murteeffametti akka raawwataman hin shakkisiisu. Yihowaan, yommuu Yesus lafarra turettiyyuu ‘guyyaafi yeroo’ wantoonni kun itti raawwataman murteessee ture.—Mat. 24:21, 36; Mul. 20:6.
‘YEROO NUU KENNAME UTUU HIN DABARSIN ITTI HOJJECHUU’
11. Guyyoota gara dhumaa keessa akka jiraannu beekuun maal gochuuf nu kakaasuu qaba?
11 Mootummichi bulchuu akka jalqabeefi ‘bara dhumaa’ keessa akka jiraannu hubachuun maal gochuuf nu kakaasuu qaba? (Dan. 12:4) Namoonni hedduun haalli biyya lafaa gad badaa akka jiru hubatanis, haalli kun guyyoota gara dhumaa ilaalchisee raajii Macaafni Qulqulluun dubbatu raawwatamaa akka jiru kan argisiisu taʼuusaa hin amanan. Namoonni kun, sirni kun gaaf tokko akka badu ykn carraaqqiin ilmaan namootaa ‘nagaafi gabii’ argamsiisuuf godhan ni milkaaʼa jedhanii abdatu. (1 Tas. 5:3) Nuhoo ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? Yeroo biyyi lafaa Seexanni bulchu baduu jala gaʼe keessa akka jiraannu hubanneerra taanaan, yeroo nuu hafe kanatti fayyadamnee Waaqa ‘yeroofi kutaa baraa’ taʼe tajaajiluu, akkasumas warri kaan akka isa beekan gargaaruu hin qabnuu? (2 Xim. 3:1) Akkaataa yeroo keenya itti fayyadamnurratti hubannaadhaan yaaduun keenya barbaachisaadha.—Efesoon 5:15-17 dubbisi.
12. Yaada Yesus waaʼee bara Nohi dubbaterraa maal baranna?
12 Biyya lafaa wantoota yaada namaa hihhiraniin guutame keessatti, ‘yeroo nuuf kenname utuu hin dabarsin itti hojjechuun’ salphaa miti. Yesus, “Bara Nohitti akkuma ture, bara dhufa ilma namaattis akkasuma in taʼa” jedhee akeekkachiiseera. Bara Nohitti maaltu taʼe? Biyyi lafaa yeroo sana ture akka balleeffamu raajiidhaan dubbatamee ture. Yeroo sanatti namoonni hamoon Bishaan Badiisaa addunyaa maratti dhufuun baduuf jedhu turan. Nohi ‘inni qajeelina lallabu,’ namoota yommus turaniif amanamummaadhaan ergaa Waaqayyoo lallabeera. (Mat. 24:37; 2 Phe. 2:5) Haataʼu malee, namoonni sun ‘nyaachaa, dhugaa, fuudhaafi heerumaa turan. Isaan hamma gaafa bishaan badiisaa dhufee hundumasaanii haree sokkeetti hin beekne turan.’ Kanaaf Yesus, “Qophaaʼoo taʼaa! Ilmi namaa yeroo isin quba hin qabaatinitti in dhufa” jedhee duuka buutotasaa akeekkachiiseera. (Mat. 24:38, 39, 44) Egaa akka Nohi malee, akka namoota barasaatti turanii taʼuu hin qabnu. Qophaaʼoo taʼuuf maaltu nu gargaararee?
13, 14. Dhufa Ilma namaa yeroo eeggannutti, waaʼee Yihowaa maal yaadachuu keenyatu amanamummaadhaan isa tajaajiluuf nu gargaara?
13 Ilmi namaa yeroo nuti hin beeknetti kan dhufu taʼus, Yihowaan yeroo murteessetti kaayyoosaa akka raawwatu hubachuun keenya barbaachisaadha. Yeroon inni waan tokko itti raawwachuuf baase wantoota biyya lafaarratti raawwatamaniifi akeeka ilmaan namootaatiin kan murteeffamu miti. Yihowaan kaayyoosaa galmaan gaʼuuf yeroofi haala wanti sun geessisu murteessuu dandaʼa. (Daaniʼel 2:21 dubbisi.) Fakkeenyi 21:1, “Yaadni mootii harka Waaqayyoo keessa jira, inni akka bishaaniitti gara jaallateetti isa in deebisa” jechuudhaan nutti hima.
14 Yihowaan kaayyoosaa galmaan gaʼuufi yeroo murteessetti raawwachiisuuf haalawwan toʼachuu dandaʼa. Jijjiiramni gurguddaan yeroo harʼaa lafarratti taʼaa jiru hedduun, keessumaa misiraachoo Mootummichaa addunyaa maratti lallabuun raawwii raajiidhaan dubbatameeti. Mee waaʼee diigamuu Tokkummaa Sooviyeetiifi jijjiirama inni fidee yaadaa. Namoonni hedduun jijjiiramni siyaasaa guddaan saffisa akkasiitiin akka taʼu hin eegne turan. Jijjiiramni kun garuu misiraachichi biyyoota hojiin keenya sanaan dura itti dhorkamee ture keessatti akka lallabamu godheera. Kanaaf, yeroo nuu kenname utuu hin dabarsin itti hojjechuudhaan Waaqa ‘yeroofi kutaa baraa’ taʼe amanamummaadhaan haa tajaajillu.
YEROO YIHOWAAN MURTEESSERRATTI AMANTII QABAADHAA
15. Jijjiirama jaarmiyaan Yihowaa godhuuf amanamoo akka taane argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
15 Guyyoota gara dhumaa kanatti misiraachoo Mootummichaa lallabuu keenya itti fufuun, Yihowaan yeroo murteessetti kaayyoosaa akka raawwatu amanuu gaafata. Haalli biyya lafaa jijijjiiramaa deemu, yeroo tokko tokko akkaataa ittiin lallabnurratti jijjiirama akka goonu nu gaafata taʼa. Jaarmiyaan Yihowaa darbee darbee, karaa buʼa qabeessa taʼeen misiraachoo Mootummichaa lallabuuf akka nu gargaarutti jijjiirama tokko tokko godha taʼa. Qajeelfama Ilmasaa isa “mataa waldaa kristiyaanaa” taʼe jalatti amanamoo taanee jiraachuufi jijjiirama godhamu guutummaatti deggeruudhaan Waaqa ‘yeroofi kutaa baraa’ taʼeef amanamoo akka taane argisiisna.—Efe. 5:23.
16. Yihowaan yeroo barbaachisaa taʼetti gargaarsa nuu gochuu akka dandaʼu amanuu kan qabnu maaliifi?
16 Yihowaan yeroo gargaarsi nu ‘barbaachisutti akka nu gargaaruuf’ guutummaatti isatti amanamuudhaan akka isa kadhannu barbaada. (Ibr. 4:16) Kun Waaqayyo tokkoon tokkoon keenya akka jaallatuufi akka nuu yaadu kan argisiisu mitiiree? (Mat. 6:8; 10:29-31) Yeroo hunda kadhachuu, akkasumas kadhannaa keenyaafi qajeelfama Waaqayyo nuu kennuu wajjin haala walsimuun jiraachuudhaan Yihowaarratti amantaa akka qabnu argisiisna. Kana malees, namoota hidhata amantii keenya taʼaniif kadhachuu qabna.
17, 18. (a) Yihowaan dhiheenyatti diinotasaarratti tarkaanfii akkamii fudhata? (b) Ilaalcha akkamii qabaachuurra of eeggachuu qabna?
17 Amma yeroo itti ‘amantii dhabnu’ utuu hin taʼin, yeroo itti amantiitti jabaannudha. (Rom. 4:20) Seexanni inni diina Waaqayyoo taʼeefi warri isa jalatti bulan, hojiin Yesus nuunis dabalatee duuka buutonnisaa akka hojjetan kenne, akka dhaabatu gochuuf yaalaa jiru. (Mat. 28:19, 20) Seexanni miidhaa nurraan gaʼus Yihowaan, ‘Waaqa isa jiraataafi’ ‘Fayyisaa nama hundumaa, addumaan immoo fayyisaa amantootaa’ akka taʼe beekna. Inni ‘namoota Waaqayyoof bulan qorama keessaa akkamitti akka baasu beeka.’—1 Xim. 4:10; 2 Phe. 2:9.
18 Yihowaan sirna hamaa kana dhiheenyatti balleessa. Yeroo kun itti taʼu ilaalchisee wanti balʼinaan nutti himame jiraachuu baatus, Kiristos yeroo karoorfametti diinota Waaqayyoo balleessee olaantummaa Yihowaa akka mirkaneessu beekna. Kanaaf, ‘yeroofi kutaa baraa’ keessa jiraannu utuu hin hubatin hafuun dogoggora guddaa mitiiree? Ilaalcha “wanti hundinuus akkuma yeroo biyyi lafaa uumametti hafee in jiraata” jedhu akka hin qabaanne of eeggachuu qabna.—1 Tas. 5:1; 2 Phe. 3:3, 4.
‘WAAQAYYOON EEGGADHAA’
19, 20. Yihowaa eeggachuu kan qabnu maaliifi?
19 Kaayyoon Yihowaan jalqabarratti ilmaan namootaatiif qabu barabaraaf waaʼeesaafi waaʼee uumamawwan babbareedoo barachuu kan dabalatu ture. Lallabni 3:11, “[Yihowaan] wanta hundumaa yeroo isaatti miidhagsee uumeera, hawwii wanta bara dheeraa booddee taʼu beekuus yaada ilmaan namootaa keessa kaaʼeera; haa taʼu iyyuu malee, namni wanta Waaqayyo jalqabaa jalqabee hamma dhumaatti hojjete, beekuu hin dandaʼu” jedha.
20 Yihowaan kaayyoo namootaaf qabu kan hin jijjiirre taʼuusaa beekuun keenya baayʼee nu gammachiisa! (Mil. 3:6) Macaafni Qulqulluun Waaqayyo bira, “gegeddaramuun, yookiis gaaddisi gara galuun” akka hin jirre dubbata. (Yaq. 1:17) Akkaataa Yihowaan itti yeroo lakkaaʼu, wantoota ilmaan namootaa ittiin saʼaatii lakkaaʼan, jechuunis kanneen akka marsa lafaatiin kan geggeeffamu miti. Yihowaan “Mootii bara baraa[ti].” (1 Xim. 1:17) Kanaaf, ‘Waaqayyo isa fayyisaa keenya taʼe haa eeggannu.’ (Mik. 7:7) “Isin warri Waaqayyoon eeggattan hundinuu, jabaadhaa, laphee jabaadhaas!”—Far. 31:24.
[Miiljaleewwan]
a Kitaaba Raajii Daaniʼel Xiyyeeffannaadhaan Hordofi! jedhamu fuula 186-195 ilaali. (Amaariffa)
b Kitaaba Raajii Daaniʼel Xiyyeeffannaadhaan Hordofi! jedhamu fuula 94-97 ilaali. (Amaariffa)
[Fakkii fuula 19rra jiru]
Daaniʼel, raajii Waaqayyo dubbate akka raawwatamu amantii qaba ture
[Fakkii fuula 21rra jiru]
Fedha Yihowaa raawwachuuf yeroo keetti akka gaariitti fayyadamaa jirtaa?