Gaaffii Dubbistootaa
Duuti namoota Waaqayyoof amanamoo taʼanii ‘Waaqayyo duratti ulfina qabeessa’ kan taʼe akkamitti?
▪ Faarfataan tokko hafuura qulqulluutiin geggeeffamee, ‘Duuni qulqullootasaa Waaqayyo duratti ulfina qabeessa’ jedhee faarfateera. (Far. 116:15, hiika bara 1899) Jireenyi nama Waaqayyoon waaqeffatu tokkoo, Yihowaa duratti gatii guddaa qaba. Haataʼu malee, jechoonni Faarfannaa 116rratti caqasaman, duʼa nama tokkoo caalaa hiika guddaa qabu.
Kiristiyaanni tokko amanamummaa Yihowaadhaaf qabu eegee kan duʼe yoo taʼellee, haasaa sirna awwaalchaasaarratti Faarfannaa 116 caqasuun sirrii miti. Maaliif? Jechi faarfatichaa hiika balʼaa waan qabuufidha. Waaqayyo jireenyasaanii gati jabeessa godhee waan ilaaluuf, namoonni isaaf amanamoo taʼan hundi akka duʼan kan hin heyyamne taʼuusaa argisiisa.—Faarfannaa 72:14; 116:8 ilaali.
Faarfannaan 116:15, Yihowaan namoonni isaaf amanamoo taʼan gareedhaan lafarraa akka badan kan hin heyyamne taʼuusaa nuuf mirkaneessa. Seenaan keenya inni ammayyaa, qorumsaafi ariʼatama cimaa keessa obsaan darbuu akka dandeenyu ibsa. Kunimmoo Yihowaan akka nuti lafarraa bannu matumaa kan hin heyyamne taʼuusaa mirkaneessa.
Yihowaan, Waaqa humna guddaa qabuufi kaayyoosaa galmaan gaʼu waan taʼeef, gareedhaan akka lafarraa balleeffamnu hin heyyamu. Waaqayyo, kun akka taʼu yoo heyyame diinonnisaa isa caalaa humna qabu jechuu taʼa; kunimmoo waan hin fakkaannedha! Karoorri Yihowaan lafti namoota isaaf amanamoo taʼaniin akka guutamtuuf baases utuu hin raawwatamin hafa; kunis waan hin yaadamnedha. (Isa. 45:18; 55:10, 11) Akkasumas, oobdii mana qulqullummaa hafuuraa isa lafarratti argamu keessatti kan Yihowaa tajaajilu hin jiru taanaan, kennaan tajaajila qulqulluu isaaf kennamu lafarraa ni bada jechuudha. “Bantii waaqaa haaraa” jalatti namoonni qajeeloon buʼuura “lafa haaraa” taʼanis hin jiraatan. (Mul. 21:1) Namoonnii lafarratti isaaf bitaman hin jiran taanaanis, Bulchiinsi Kiristos Waggaa Kumaa oduu afaanii qofa taʼee hafa.—Mul. 20:4, 5.
Waaqayyo, diinonnisaa sabasaa lafarra jiran guutummaatti akka balleessan yoo heyyame, humna inni qaburratti gaaffii kan kaasu taʼuusaarrayyuu maqaasaarratti arrabsoo fida. Yihowaan kana yoo heyyame, olaantummaan inni uumama cufarratti qabu bilaasha taʼa. Kana malees, ulfinasaafi maqaasaa isa qulqulluuf jecha, sabnisaa guutummaatti lafarraa akka badan hin heyyamu. Dabalataanis Waaqayyo, Waaqa ‘jalʼinni isa keessa hin jirre’ waan taʼeef, gareen namoota amanamummaadhaan isa tajaajilaa jiranii matumaa akka balleeffaman hin godhu. (Kes. 32:4; Uma. 18:25) Hunda caalaammoo, tajaajiltoonnisaa gareedhaan akka badan heyyamuunsaa, Dubbiisaa isa, “Waaqayyo sabasaa isin godhachuun waan isatti toleef, inni ulfina maqaasaa isa guddaadhaaf jedhee isin hin dhiisu” jedhuu wajjin kan wal faallessu taʼa. (1 Sam. 12:22) Dhugumayyuu, “Waaqayyo sabasaa hin buusu, warra dhuunfaa isaa taʼanis hin dhiisu!”—Far. 94:14.
Sabni Waaqayyoo matumaa akka lafarraa hin badne beekuun baayʼee nama jajjabeessa! Kanaaf abdii Waaqayyo, “Si balleessuudhaaf miʼi waraanaa yoo qopheeffame iyyuu, si miidhuu hin dandaʼu, dubbii warra firdii duratti si hammeessaniis in busheessita; kun wanta garboonni koo ana biraa argatanii dha, isa ani isaaniif dhugaa baasuu dhas” jechuudhaan kennetti amanamuudhaan, karaa hundumaa isaaf amanamoo akka taane haa mirkaneessinu.—Isa. 54:17.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 22rra jiru]
Waaqayyo sabnisaa matumaa lafarraa akka balleeffaman hin heyyamu