Ogeessa Taʼi “Qajeelfama Sirrii” Argachuuf Yaali
Jireenyi deemsa galaanarraa wajjin wal fakkaata. Haataʼu malee, ogummaan ilmaan namootaa guutummaatti karaa milkaaʼina qabuun bishaan jireenyaa keessa nama deemsisuu akka hin dandeenye beekamaadha. Namoonni baayʼeen, buubbee bishaan jireenyaatiin akka fakkeenyaatti markabnisaanii jalaa caccabeera. (Far. 107:23, 27) Rakkoo jireenya keessatti nama mudatu, rakkoo galaanarratti nama mudatuu wajjin wal fakkeessuun sirrii kan taʼe maaliifi?
Bara durii, galaanarra deemuun baayʼee rakkisaa taʼuusaarrayyuu muuxannoo kan gaafatu ture. Nama yeroo baayʼee markabaan deemuudhaan, keessumaammoo markaba oofuudhaan muuxannoo qaburraa ogummaa barachuu gaafata ture. (HoE. 27:9-11) Fakkiiwwan bara durii kaafaman hedduun, gaʼee namni markaba oofu qabu jabeessanii argisiisuuf, akka waan inni namoota kaan caaluutti isa ibsu turan. Namoonni markaba oofan galaanarra deemuu eegaluuf, waaʼee urjiilee, haala qilleensaafi wantoota garabiraa barachuu qabu. Macaafni Qulqulluun namoota markaba oofaniin namoota ogummaa qaban ykn “hojii beekan” jedha.—His. 27:8
Rakkoon yeroo harʼaa jireenya keenya keessatti nu mudatu, adeemsa rakkisaa bara durii galaanarratti godhamuu wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Rakkina kana moʼuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼaree?
“QAJEELFAMA SIRRII” ARGACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
Jireenya isa deemsa galaanarraatti fakkeeffame yaadatti qabachuudhaan, dhugaa Macaafa Qulqulluu, “Namni ogeessi in dhaggeeffata, barumsas in dabalata, namni dubbii gargar baasuu beekus mala [‘qajeelfama sirrii’ NW] in argata” jedhurratti yaadi. (Fak. 1:5, 6) Jechi afaan Ibrootaa “qajeelfama sirrii” jedhamee hiikame, hojii ajajaan markabaa bara durii hojjetu argisiisuu dandaʼa. Markaba sana karaarra buusuuf ykn geggeessuuf qajeelfama inni kennu ykn ogummaa inni qabu argisiisa.
Carraaqqii kan gaafatu yoo taʼeyyuu “qajeelfama sirrii” argachuufi jireenya isa deemsa galaanarraatti fakkeeffame karaa milkaaʼina qabuun deemuu barachuu dandeenya. Akkuma Macaafni Fakkeenyaa ibsutti, “ogummaa,” ‘hubannaafi’ ‘qalbifannaatti’ wal faana fayyadamuu qabna. (Fak. 1:2-6; 2:1-9) Hamoonni gara jalʼinaatti akkamitti akka nu oofan waan beekaniif, qajeelfama Waaqayyoo barbaaduu irraanfachuu hin qabnu.—Fak. 12:5.
Macaafa Qulqulluu dhimminee barachuun keenya baayʼee barbaachisaadha. Dhimminee qayyabachuudhaan, waaʼee Yihowaa barumsa gaarii arganna; akkasumas waaʼee Yesus Kristos isa hunda caalaa ulfinni Yihowaa karaasaa calaqqisurraa barumsa gaarii argachuu dandeenya. (Yoh. 14:9) Walgaʼii Kiristiyaanarraa gorsa ogummaarratti hundaaʼe hedduu arganna. Kana malees, muuxannoo warra keenyaarraas taʼe kan warra kaaniirraa waan baayʼee barachuu dandeenya.—Fak. 23:22.
DURSII YAADI, KAROORAS BAAFADHU
Keessumaa galaana isa fakkeenyaan ibsameefi qilleensaan asiif achi unkuramaa jiru keessa yeroo seennutti “qajeelfama sirrii” argachuun barbaachisaadha. Haala akkasii keessatti tarkaanfii akkamii fudhachuu akka qabnu wallaaluun keenya, humna nu buusuudhaan balaa nurraan gaʼuu dandaʼa.—Yaq. 1:5, 6.
Jechi “qajeelfama sirrii” jedhu waraanaa wajjin haala wal qabateenis itti hojjetamuunsaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisudha. Yaada akkas jedhu dubbisna: “Ati geggeessaa ogummaatiin lolaaf in baata, baayʼina gorsitootaanis moʼicha in argatta.”—Fak. 20:18; 24:6.
Akkuma namni tooftaa waraanaa beeku tokko waraana qindeessu, nutis wantoota hariiroo Yihowaa wajjin qabnu balaarra buusuu dandaʼanirratti dursinee yaaduu qabna. (Fak. 22:3) Fakkeenyaaf, hojii haaraa tokko hojjechuuf ykn hojii hojjechaa jirturratti guddina argatte fudhachuuf murteessuun si barbaachisa taʼa. Mindaa sii kaffalamu, dhaqaa gala saʼaatii meeqa akka sitti fudhatuufi kkf irratti akka yaaddu beekamaadha. Haataʼu malee wantoonni irratti yaaduu qabdu kan biraanis jiru. Hojichi seera Macaafa Qulqulluu wajjin kan walsimudhaa? Saʼaatiin hojichaa, dabareedhaan hojjechuu kan gaafatuufi sochii hafuuraakoo kan si jalaa tuqudhaa?—Luq. 14:28-30.
Looreettaa isheen Dhugaa Baatuu Yihowaa taate, warshaa nyaata qopheessu tokko keessaa hojii gaarii qabdi turte. Dhaabbanni kun bakka biraatti yeroo jijjiiramu Looreettaan bakka sanatti iddoo gaariin akka ishaadhaaf kennamu itti himame. Dura taaʼaan dhaabbatichaa, “Carraa jireenyakee keessatti lammata argachuu hin dandeenyedha. Galmi Mootummaas naannoo sana waan jiruuf waaʼee walgaʼii hin dhiphatin” jedheen. Looreettaan garuu caalaatti Uumaashee tajaajiluuf jireenya salphaa jiraachuu barbaadde. Hojii kana hojjechuunshee hirmaannaa isheen sochii Hafuuraarratti gootu akka jalaa xiqqeessu hubatte. Sana booda, dura taaʼaan sun hojjettuu baayʼee barbaadamtuufi achii hojjechuu qabdu taʼuushee yoo itti himeyyuu hojicha ni dhaabde. Looreettaan gara waggoota 20f qajeelchituu taatee tajaajilaa kan jirtu siʼa taʼu, buʼaa gaarii akkasii kan argatte, gorsa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamuu wajjin haala walsimuun “qajeelfama sirrii” argachuuf karoora baafachuusheetiin taʼuusaa ni amanti. Hariiroo Yihowaa wajjin qabdu cimsachuusheerrayyuu namoonni baayʼeen dhugaa Macaafa Qulqulluu akka fudhatan isaan gargaaruuf carraa argatteetti.
“Qajeelfama sirrii” argachuun maatii keessattis barbaachisaa akka taʼe beekamaadha. Ijoollee guddisuun hojii yeroo dheeraa yommuu taʼu, filannoon Yihowaa wajjin walitti dhihaatanii jiraachuuf ykn wanta maatichaaf barbaachisu guutuuf godhamu, jireenya maatii sanaa isa gara fuulduraarratti dhiibbaa guddaa qaba. (Fak. 22:6) Fakkeenyaaf, warri Kristiyaana taʼan akkas jedhanii of gaafachuu dandaʼu: ‘Maree goonuufi fakkeenya isaaniif taanuun, ijoolleen keenya Yihowaatti akka dhihaatan barsiisuudhaan jireenyasaanii gara fuulduraatiif isaan qopheessaa jirraa? Akkaataan jireenyaa keenya, jireenya salphaa jiraachuufi tajaajilaaf xiyyeeffannaa kennuudhaan waan qabanitti gammaduun barbaachisaa taʼuusaa akka hubatan isaan gargaaraa jiraa?’—1 Xim. 6:6-10, 18, 19.
Milkaaʼinni dhugaan akka namoonni biyya laafaa yaadan, qabeenya ykn karoora namoonni biyya lafaa hordofan qabaachuurratti kan hundaaʼe miti. Solomoon Mootichi kana hubatee ture. Geggeessaa hafuuraatiin akkas jedhee barreesseera: “Warri Waaqayyoon sodaachaa fuula isaa dura jiraatan . . . gaariitti akka jiraatan ani beeka.” (Lal. 8:12) Yaanni kun “qajeelfama sirrii” Dubbii Waaqayyoorratti hundaaʼe argachuun barbaachisaa taʼuusaa nuu mirkaneessa.—2 Xim. 3:16, 17.
[Fakkii fuula 30rra jiru]
Gaʼeen namoota markaba oofanii bakka guddaa akka qabu argisiisuuf, warra markabarraa hojjetan akka caalanitti ilaalamu turan.
[Ibsa madda fakkiiwwaniitiif kennameefi fuula 30rra jiru]
Su concessione del Ministero per i Beni e le Attività Culturali. It is forbidden to reproduce or duplicate this image in any way or by any means.