LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 6/15 ful. 32
  • Gaarummaan Aarii Qabbaneessa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gaarummaan Aarii Qabbaneessa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Akka Isaan Jaallattu Isaanitti Himi
    Muuxannoowwan Dhugaa Baatota Yihowaa
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 6/15 ful. 32

Gaarummaan Aarii Qabbaneessa

DUBARTII maanguddoon tokko, yeroo Dhugaa Baatonni Yihowaa Joorjiifi Maanoon jedhaman Nizerlaanditti misiraachoo Mootummichaa itti himuuf jedhan, faara tolaadhaan isaan hin simanne. Obboloonni kun, maanguddoon kun abbootii manaa lamaafi mucaa dhiiraa tokko duʼaan akka dhabde, akkasumas dhibee artiraayites (dhukkuba buusaa lafee qabatu) jedhamuun dhiphachaa akka jirtu baran. Yeroo maree godhanitti hamma tokko gabii kan qabdu taʼus, faara tolaa isaanitti hin argisiisne.

Haataʼu malee Joorji, maanguddoon sun kophaa kan taateefi aarii kan qabdu waan fakkaattuuf abaaboo fuudhaniifii dhaquu akka qaban Maanoonitti hime. Abaaboo sana fuudhaniifii yommuu dhaqan, Riyaan gammachuudhaan isaan dinqisiifatte. Haataʼu malee yeroon sun maree gochuuf isheedhaaf mijaaʼaa waan hin turreef, guyyaa garabiraatiif beellama qabatan. Joorjiifi Maanoon guyyaa beellamasaaniitti siʼa deebiʼanii dhaqan nama tokkoyyuu manatti hin arganne. Yeroo baayʼee deddeebiʼanii yoo deemanis, lammata ishee argachuu hin dandeenye. Kanaaf nu simachuu hin barbaanne jedhanii yaaduu jalqabanii turan.

Dhumarratti guyyaa tokko Joorji, Raayiin manatti argate. Guyyaa beellamasaaniitti argamuu dhiisuusheetiif dhiifama erga gaafattee booda mana yaalaa ciistee akka turte itti himte. “Haataʼu malee erga isin deemtanii booda maal akkan godhe utuun isinitti himee ni dinqisiifattu. Macaafa Qulqulluu dubbisuun jalqabe!” jetteen. Maree namatti tolu erga godhanii booda Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqaban.

Raayi Macaafa Qulqulluu qayyabachaa ennaa deemtu, maanguddoo aariin ishee moʼaturraa gara nama gammachuu qabduufi gaariitti jijjiiramte. Manaa baʼuu kan hin dandeenye taatus, waaʼee amantiishee isa haaraa nama ishee gaafachuu dhufu hundumaatti himuu jalqabde. Haalli fayyaashee yeroo hundumaa walgaʼiirratti akka hin argamne yoo godheeniyyuu, obbolootaafi obboleettota ishee gaafatan qabaachuusheetti baayʼee gammaddi. Umriishee waggaa 82⁠tti, walgaʼii aanaarratti argamtee cuuphamuudhaan Waaqayyoof of murteessuushee argisiiste.

Ergasheen duutee jiʼa muraasa booda, walaloo isheen barreessite tokko argamee ture. Walaloo sana keessatti, rakkoo kophummaan dulluma keessa nama mudatu qabu barreessiteetti, gaarummaa argisiisuun hammam barbaachisaa akka taʼes cimsitee ibsiteetti. Maanoon, “Walaloon sun baayʼee na tuqe, akkasumas Yihowaan gaarummaa akka isheetti argisiisnuuf waan nu gargaareef baayʼeen gammada” jetteetti.

Eeyyee, fakkeenyi Yihowaan nuuf taʼu jaalalaafi gaarummaa akkasii argisiisuuf nu kakaasa. (Efe. 5:1, 2) ‘Karaa hundumaan akka hojjettoota Waaqayyootti of dhiheessuufi gaarummaadhaan jiraachuudhaan,’ tajaajilli keenya buʼa qabeessa akka taʼu gochuu dandeenya.​—2 Qor. 6:4, 6.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi