LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • brwp130801
  • Poornoogiraafiin Miidhaa Qabaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Poornoogiraafiin Miidhaa Qabaa?
  • Masaraa Eegumsaa: Poornoogiraafiin Miidhaa Qabaa?
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Poornoogiraafiin namoota irratti dhiibbaa kan geessisu akkamitti?
  • Poornoogiraafiin maatiiwwan irratti dhiibbaa akkamii geessisa?
  • Kitaabni Qulqulluun poornoogiraafii ilaalchisee maal jedha?
  • Poornoogiraafiirraa Fagaachuu Kanan Qabu Maaliifi?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
  • Macaafni Qulqulluun Poornoogiraafii Ni Balaaleffataa?
    Dammaqaa!—2013
  • Kiyyoo Seexanaa Irraa Eegumsa Amansiisaa Argachuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Mucaa Keessan Poornoogiraafii Irraa Eegaa
    Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa: Poornoogiraafiin Miidhaa Qabaa?
brwp130801

MATA DUREE FUULA JALQABAA

Poornoogiraafiin Miidhaa Qabaa?

Yeroo harʼaatti addunyaan poornoogiraafiidhaana guutameera. Poornoogiraafiin beeksisawwan daldalaa, faashinii, fiilmiiwwan, muuziqaa fi barruulee, akkasumas sagantaalee televizyinii, taphawwan viidiyoo, bilbilawwan ammayyaa, meeshaalee eleektiroonikii adda addaa, Weeb saayitiiwwan, yeroo ammaatti immoo toorawwan intarneetii suuraa waliif erguuf oolan irratti ni argama. Poornoogiraafiin hawaasa yeroo ammaatti argamu biratti balʼinaan fudhatama kan argate fakkaata. Seenaa ilmaan namootaa keessatti yeroo kam iyyuu caalaa namoonni baayʼeen bakkawwan hedduutti argaman poornoogiraafii ilaalaa jiru.—Saanduqa “Poornoogiraafii Ilaalchisee Dhugaawwan Jiran” jedhu ilaali.

Kana malees, akkaataa poornoogiraafiin itti qophaaʼu jijjiiramaa dhufeera. Piroofeesar Geeyil Daayinsi akkana jedhanii barreessaniiru: “Suuraawwan poornoogiraafii kanaan dura gadhee akka taʼanitti ilaalaman, amma balʼinaan waan argamaniif baayʼee baramoo taʼaniiru.”

Poornoogiraafiin babalʼachuun isaa fi ilaalchi namoonni poornoogiraafiif qaban ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama? Poornoogiraafiin bashannana miidhaa hin qabne akka taʼetti moo summii nama ajjeesuu akka taʼetti ilaalta? Yesuus, “Mukti gaariin hundi firii gaarii godhata; mukti tortore hundi garuu firii gadhee godhata” jedheera. (Maatewos 7:17) Maarree poornoogiraafiin firii akkamii argamsiisa? Deebii kanaa argachuuf, mee gaaffiiwwan buʼuuraa poornoogiraafii ilaalchisee gaafataman haa ilaallu.

Poornoogiraafiin namoota irratti dhiibbaa kan geessisu akkamitti?

OGEEYYIIN MAAL JEDHU? Poornoogiraafiin araada baayʼee cimaa taʼe dha; qorattoonnii fi ogeeyyiin fayyaa tokko tokko araada kana kookeeyinii isa qoricha cimaa sammuu namaa hadoochuu taʼee wajjin akka wal fakkaatu dubbatu.

Biraayanb inni Intarneetii irraa poornoogiraafii ilaaluun araada isatti taʼee ture akkana jedheera: “Wanti na dhaabsisuu dandaʼu tokko illee hin turre. Yaada koo toʼachuu hin dandaʼun ture. Na hollachiisa, akkasumas mataa na dhukkuba ture. Araada kana dhiisuuf walʼaansoo gochaa kanan ture taʼus, waggoota dheeraa booda illee araada kana irraa walaba taʼuu hin dandeenye.”

Namoonni araada poornoogiraafii ilaalu qaban yeroo baayʼee barsiifata isaanii kana ni dhoksu. Akka isaan irratti hin beekamne gochuu fi nama gowwoomsuu dandaʼu. Kanaafuu namoonni kun hedduun isaanii, kophummaa, qaanii, yaaddoo, dhiphinaa fi aariin kan isaanitti dhagaʼamu taʼuun isaa nama hin dinqisiisu. Haalawwan tokko tokko keessatti immoo yaada of ajjeesuu illee qabaachuu dandaʼu. Sargee inni guyyaa guyyaadhaan jechuun ni dandaʼamaa, poornoogiraafii moobaayilii isaa irratti daawunloodii godhachaa ture akkana jedheera: “Waaʼeema koo qofan yaada ture, akkasumas abdii kutadheen ture. Gatii akkan hin qabne, kophummaa fi kiyyoo keessa akkan gale natti dhagaʼama ture; akkasumas ofiin ceephaʼan ture. Kana malees, gargaarsa gaafachuun baayʼee na qaanessee fi na sodaachisee ture.”

Poornoogiraafii hamma liphsuu ijaaf ykn akkuma tasaa ilaaluun illee dhiibbaa guddaa geessisuu dandaʼa. Qorannoo waaʼee poornoogiraafii taasifamu irratti geggeessituu kan taʼan doktar Juudiit Reeyisman koree mana maree Ameerikaa duratti akkana jedhanii dhugaa baʼaniiru: “Fakkiiwwan poornoogiraafii sammuutti kan maxxananii fi akkaataa sammuun itti hojjetu kan jijjiirani dha; kunis fedhii keenya malee sammuu keenya keessatti jijjiirama baayoo keemikaalaa irraanfachuun ulfaataa taʼan ykn matumaa irraanfachuun hin dandaʼamne akka uumamu godhu.” Suuzaan ishiin umuriin ishii waggaa 19 taʼee fi Weeb saayitiiwwan poornoogiraafii qabataniif saaxilamtee turte akkana jetteetti: “Fakkiiwwan poornoogiraafii sammuu koo keessatti maxxananiiru. Akkuma tasaa natti dhufu. Matumaa sammuu koo keessaa guutummaatti isaan balleessuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼama.”

YAADA IJOO: Poornoogiraafiin namoota araada isaanitti taʼe ni garboomsa, akkasumas miidhaa guddaa isaan irraan geessisa.—2 Pheexiros 2:19.

Poornoogiraafiin maatiiwwan irratti dhiibbaa akkamii geessisa?

OGEEYYIIN MAAL JEDHU? “Poornoogiraafiitiin kan kaʼe gaaʼellii fi maatiiwwan ni diigamu.”—The Porn Trap, kitaaba Weendii fi Balaari Mootiziin qophaaʼe.

Poornoogiraafiin gaaʼelaa fi maatiiwwan irratti miidhaa kan geessisu akkamitti?

  • Amanannaa, hariiroo fi jaalala hiriyoota gaaʼelaa gidduu jiru laaffisa.—Fakkeenya 2:12-17.

  • Ofittummaa fi kophummaan akka jiraatu, akkasumas namni tokko hiriyaa gaaʼelaa isaatti akka hin gammanne taasisa.—Efesoon 5:28, 29.

  • Fedhii cimaa fi hawwii saalqunnamtii sirrii hin taane kakaasa.—2 Pheexiros 2:14.

  • Namoonni poornoogiraafii ilaalan hiriyaa gaaʼelaa isaanii irratti saalqunnamtiiwwan suukanneessaa taʼan raawwachuuf akka qoraman isaan taasisa.—Efesoon 5:3, 4.

  • Yaadaan ykn gochaan hiriyaa gaaʼelaatiif akka hin amanamne isaan taasisa.—Maatewos 5:28.

Kitaabni Qulqulluun hiriyoonni gaaʼelaa wal irratti ‘gantummaa raawwachuu’ akka hin qabne dubbata. (Miilkiyaas 2:16) Amanamummaa hirʼisuun gosa gantummaa gaaʼelli akka jeeqamu, akkasumas hiriyoonni gaaʼelaa akka gargar baʼanii fi akka wal hiikan godhu dha. Kun immoo ijoollee irratti miidhaa guddaa geessisa.

Poornoogiraafiin kallattiidhaan ijoollee miidhuus ni dandaʼa. Biraayan inni olitti caqasamee ture akkana jedheera: “Yeroo umuriin koo gara waggaa kudhanii turetti, utuu wal dhokachoo taphannuu akkuma tasaa barruulee poornoogiraafii abbaa koon arge. Fakkiiwwan akkasii maaliif xiyyeeffannaa koo akka harkisan hubachuu baadhus, dhokadheen ilaaluu jalqabe. Haala kanaan barsiifanni gadhee taʼe kun hamman nama guddaa taʼutti kan itti fufe ture.” Qorannoowwan akka argisiisanitti, poornoogiraafiin dargaggoonni dafanii saalqunnamtii raawwachuu akka jalqaban, namoota garaa garaa wajjin saalqunnamtii akka raawwatan, saalqunnamtii gara jabina irrattin hundaaʼe akka raawwatan, miiraa fi sammuu tasgabbaaʼaa akka hin qabaanne dhiibbaa isaan irraan geessisu.

YAADA IJOO: Poornoogiraafiin hariiroo jaalala irratti hundaaʼe ni mancaasa, akkasumas oolee bulee gaddaa fi miidhaa geessisa.—Fakkeenya 6:27.

Kitaabni Qulqulluun poornoogiraafii ilaalchisee maal jedha?

DUBBIIN WAAQAYYOO AKKANA JEDHA: “Kutaawwan qaama keessanii . . . ajjeesaa; isaanis halalummaa, xuraaʼummaa, fedhii saalqunnamtii toʼannaa hin qabne, hawwii hamaa fi sassata isa waaqolii tolfamoo waaqeffachuu taʼe dha.”—Qolosaayis 3:5.

Gabaabaadhumatti Yihowaanc poornoogiraafii ni jibba. Kan jibbu garuu walumaa galatti wantoota saalqunnamtii wajjin wal qabatan waan jibbuuf miti. Fedhii saalqunnamtii akka qabaannu godhee kan nu uume isa dha; kanas kan godhe hiriyoonni gaaʼelaa gaaʼela keessatti akka ittiin gammadan, karaa miiraa akka walitti dhihaatanii fi ijoollee akka godhataniif jedhee ti.—Yaaqoob 1:17.

Maarree Yihowaan poornoogiraafii ni jibba jennee afaan keenya guunnee dubbachuu kan dandeenyu maaliifi? Mee sababiiwwan muraasa haa ilaallu.

  • Poornoogiraafiin jireenya namootaa mancaasuu akka dandaʼu beeka.—Efesoon 4:17-19.

  • Inni nu jaallata, miidhaan akka nu irra hin geenyes nu eeguu barbaada.—Isaayaas 48:17, 18.

  • Yihowaan gaaʼelaa fi maatiiwwaniif eegumsa gochuu barbaada.—Maatewos 19:4-6.

  • Karaa naamusaa qulqulluu akka taanuu fi mirga namoota kaanii akka kabajnu barbaada.—1 Tasalonqee 4:3-6.

  • Dandeettii ijoollee godhachuuf qabnu akka kabajnuu fi karaa ulfina qabuun akka itti fayyadamnu barbaada.—Ibroota 13:4.

  • Yihowaan poornoogiraafiin waaʼee saalqunnamtii ilaalcha dogoggoraa, ofittummaa irratti hundaaʼee fi ilaalcha Seexanaa kan calaqqisiisu akka taʼe beeka.—Uumama 6:2; Yihudaa 6, 7.

YAADA IJOO: Poornoogiraafiin hariiroo namni tokko Waaqayyoo wajjin qabu jalaa mancaasa.—Roomaa 1:24.

Haa taʼu malee, Yihowaan namoota araada poornoogiraafii irraa bilisa baʼuu barbaadanitti gara laafina guddaa argisiisa. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Yihowaan araara qabeessaa fi gara laafessa dha, aariidhaaf suuta kan jedhuu fi jaalalli isaa inni amanamaan baayʼee kan taʼe dha. Sababiin isaas, inni akkamitti akka tolfamne beeka, biyyoo taʼuu keenyas ni yaadata.” (Faarfannaa 103:8, 14) Namoonni gad of qaboo taʼan, ‘yeroo gargaarsi isaan barbaachisutti gaarummaa guddaa argachuuf’ gara isaatti kadhannaa akka dhiheessan isaan afeera.—Ibroota 4:16; saanduqa “Araada Poornoogiraafii Irraa Bilisa Baʼuu” jedhu ilaali.

Namoonni hedduun gargaarsa Waaqayyoo argachuu dandaʼaniiru. Maarree gargaarsi inni kennu buʼa qabeessa dhaa? Kitaabni Qulqulluun namoota barsiifata gadhee moʼan ilaalchisee maal akka jedhu hubadhu: “Maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii fi hafuura Waaqa keenyaatiin dhiqamtanii qulqullooftaniittu, qulqulloota taataniittu, akkasumas qajeelota jedhamtaniittu.” (1 Qorontos 6:11) Namoonni akkasii akkuma Phaawulos ergamaa, “Karaa isa humna naaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba” jedhanii dubbachuu ni dandaʼu.—Filiphisiyus 4:13.

Suuzaan ishiin araada poornoogiraafii ilaaluu moʼuu dandeesse akkana jetteetti: “Araada poornoogiraafii ilaaluu moʼuu akka dandeessu si gargaaruu kan dandaʼu Yihowaa qofa dha. Gargaarsaa fi qajeelfama isaa yoo gaafatte, isa duratti ejjennoo qulqulluu qabaachuu ni dandeessa. Inni matumaa isin hin qaanessu.”

Araada Poornoogiraafii Irraa Bilisa Baʼuu

Nama araada poornoogiraafii moʼuuf qabsoo gochaa jiru beektaa? Mee tarkaanfiiwwan namoonni hedduun araada kana moʼuuf fudhatan tokko tokko haa ilaallu.

1. Gara Waaqayyootti kadhannaa dhiheessuu

“Kiyyoo poornoogiraafii ilaaluu moʼuuf tarkaanfiin hundumaa irra caalu kadhannaadhaan gargaarsa Yihowaa gaafachuu dha.”—Firaantis.

Yihowaan nama sanaaf hafuura qulqulluu isaaf kennuudhaan, ‘fedhii fi humna hojiidhaaf isa barbaachisu’ isaaf kenna. (Filiphisiyus 2:13) Namni sun qajeelfama hafuurri qulqulluun isaaf kennu hordofuuf fedhii yoo qabaate, hafuurri kun “kajeellaa fi fedhii” dogoggoraa akka moʼu isa gargaaruu dandaʼa.—Galaatiyaa 5:16, 24.

2. Gargaarsa warra kaanii gaafachuu.

“Araadni poornoogiraafii ilaaluu dhoksaatti kan raawwatamuu fi kan nama qaanessu waan taʼeef, gargaarsa gaafachuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼama taʼa. Ofuma keetiin moʼuu akka dandeessu sitti dhagaʼama. Kun garuu dhugaa miti. Araada kana moʼuu kan dandeessu namoonni kaan yoo si gargaaran qofa dha. Kanaafuu gad of qabuudhaan dhimmicha haadha manaa koottin hime. Michuun amanu tokkos gargaarsan gaafadhe. Kun wantootan hanga ammaatti godhe hundumaa caalaa baayʼee ulfaataa ture; taʼus gargaarsa na barbaachisu argadheera.”—Yooshii.

Iccitii kee namoota kaanitti himuun ija jabinaa fi kutannoo gaafata. Taʼus, araada kee moʼuu fi hariiroo nama jaallattuu wajjin qabdu deebistee haaromsuuf tarkaanfii barbaachisaa taʼe dha. Suuzaan ishiin olitti caqasamtee turte akkana jetteetti: “Sana booda, boqonnaa guddaatu natti dhagaʼame. Waaʼee kana dubbachuun na dhiphisee kan ture taʼus, booda garuu nagaa fi miirri gaariin akka natti dhagaʼamu godheera.”—Yaaqoob 5:16.

3. Haalawwan araada kana kakaasan adda baasanii beekuu fi irraa fagaachuu.

Haalawwan, yaadawwan ykn miirawwan namni tokko fedhiiwwan dogoggoraa akka qabaatu kakaasan kam faʼi? Intarneetii sakattaʼuu dhaa? Sagantaa televizyinii ilaaluu dhaa? Barruulee dubbisuu dhaa? Moo bashannanaaf qarqara galaanaa deemuu dha? Beelaʼuu, aaruu ykn dadhabuu dhaa? Siivan, “Dadhabbii kee adda baafadhuu beeki, achiis akka golfaatti irraa fagaadhu” jedheera. Yesuusis, “Ijji kee mirgaa yoo si gufachiise, of keessaa baasii gati” jedheera.—Maatewos 5:29.

Firaantis, “Yeroon dubartii tokkoo ija hawwiidhaan ilaaluuf qoramu, yeruma sana gara Yihowaatti kadhannaan dhiheessa, akkasumas ijji koo kallattii kan biraa akka ilaalun isa dirqisiisa” jedheera. Iyyoob inni amanamaa ture akkana jedheera: “Ani ija koo wajjin kakuu galeera. Akkamittan durbaaf xiyyeeffannaa sirrii hin taane kenna ree?”—Iyyoob 31:1.

4. Hariiroo Waaqayyoo wajjin qabdu cimsachuu.

Firaantis itti dabaluudhaan, “Sammuun kee yaadawwan gaarii taʼaniin, jireenyi kee immoo sochiiwwan hafuuraatiin akka guutamu godhi” jedheera.

Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Wanta dhugaa taʼe hunda, wanta ulfina qabu hunda, wanta qajeelaa taʼe hunda, wanta qulqulluu taʼe hunda, wanta jaallatamaa taʼe hunda, wanta maqaa gaarii qabu hunda, wanta gaarii taʼe hundaa fi wanta galateeffamu hunda, eeyyee, wantoota kana yaaduu keessan itti fufaa. . . . , Waaqni nagaas isinii wajjin taʼa.”—Filiphisiyus 4:8, 9.

a Jechi “poornoogiraafii” jedhu wantoota fedhii saalqunnamtii nama ilaalu, dubbisu ykn dhaggeeffatu tokkoo kakaasuuf qopheeffaman argisiisa. Kunis fakkiiwwan, barreeffamootaa fi wantoota sagaleedhaan qophaaʼanis kan dabalatu taʼuu dandaʼa.

b Maqaawwan mata duree kana keessa jiran tokko tokko jijjiiramaniiru.

c Yihowaan maqaa Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame dha.

POORNOOGIRAAFII ILAALCHISEE DHUGAAWWAN JIRAN

SEKOONDII TOKKO KEESSATTI: Namoonni gara 30,000 taʼan Weeb saayitiiwwan poornoogiraafii of keessatti qabatan ilaalu.

DAQIIQAA TOKKO KEESSATTI: Namoonni Intarneetii fayyadaman iimeeliiwwan poornoogiraafii of keessatti qabatan MILIYOONA 1.7 ol taʼan ergu.

SAʼAATII TOKKO KEESSATTI: Yuunaayitid Isteetis keessatti viidiyoowwan poornoogiraafii of keessatti qabatanii fi baayʼee gadhee taʼan LAMA ni qopheeffamu.

GUYYAA TOKKO KEESSATTI: Yuunaayitid Isteetis keessatti qofa walumaa galatti fiilmiiwwan poornoogiraafii of keessatti qabatan MILIYOONA LAMAA ol taʼan ni kireeffamu.

JIʼA TOKKO KEESSATTI: Yuunaayitid Isteetis keessatti dargaggoota 10 keessaa 9, shamarran 10 keessaa immoo 3 kan taʼan poornoogiraafii ni ilaalu.

WAGGAA TOKKO KEESSATTI: Industiriin poornoogiraafii addunyaa maraa tilmaamaan doolaara Ameerikaa BILIYOONA 100 argamsiisa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi