LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w14 1/1 ful. 14-15
  • Yesus Kiristos​—Isa Yaadachuu Kan Qabnu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yesus Kiristos​—Isa Yaadachuu Kan Qabnu Akkamitti?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ‘Kun Ilma Kooti’
    Barsiisaa Guddicharraa Baradhu
  • Yesus Moonaa Keessatti Dhalate
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • “Garaatti Qabattee, Itti Yaaddi Turte”
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Ergamaan Tokko Maariyaamiin Haasofsiise
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
w14 1/1 ful. 14-15

IJOOLLEE KEESSAN BARSIISAA

Yesus Kiristos​—Isa Yaadachuu Kan Qabnu Akkamitti?

Jiʼa Muddeetti, namoonni addunyaa maratti argaman hedduun, fakkii Yesus yeroo mucaa xinnoo ture argisiisu ni ilaalu. Fakkichi Yesus siree horiin keessaa nyaaturra ciisee yommuu jiru kan argisiisudha. Haataʼu malee, Yesus yeroo hundumaa mucaa xinnoo akka taʼetti yaadachuu qabnaa?—a Mee karaa caalaatti isa yaadachuu itti dandeenyu tokko haa ilaallu. Wanta halkan tokko tiksitoota naannoo Betlihem turan mudaterraa barumsa argachuu dandeenya.

Akka tasaa, ergamaan tokko tiksitoota sanatti mulʼate. Achiis, “Harʼa . . . fayyisaan isiniif dhalateera; inni immoo Kristos goofticha” isaaniin jedhe. Akkasumas ergamichi, Yesus, ‘wayyaan itti maramee siree horiin keessaa nyaaturra ciisee’ akka jiru isaanitti hime. Yeruma sanatti, ergamoonni hedduun mulʼatanii ‘Waaqayyoon faarfachuu’ jalqaban.

Ergamoonni sun yommuu Waaqayyoon faarfatan utuu dhageessee maaltu sitti dhagaʼama?— Tiksitoonni sun baayʼee gammadan! Achiis, “Kottaa Betlihem in dhaqnaa, dubbii achitti taʼe . . . kanas in ilaallaa” waliin jedhan. Yommuu bakka sana gaʼanis, “Maariyaamii fi Yoseefin, mucichas, siree horiin keessaa nyaatu irra ciisee argatan.”

Yeruma sana, namoonni kaanis Betlihem bakka Yoseefiifi Maariyaam jiran dhaqan. Tiksitoonni sun wanta isaan mudate yommuu isaanitti himan baayʼee dinqisiifatan. Wantoota isaan itti himan beekuu ni barbaaddaa?— Namoonni Waaqayyoon jaallannu hundi waaʼee kanaa beekuu ni barbaanna. Yesus dhalachuunsaa gammachuu guddaa akkasii kan argamsiise maaliif akka taʼe haa ilaallu. Kana beekuuf wanta Maariyaam heerumuushee dura taʼe tokko ilaaluun keenya barbaachisaadha.

Guyyaa tokko, ergamaan Gabriʼel jedhamu Maariyaamitti mulʼate. Achiis, mucaa akka deessu, mucichis ‘guddaa akka taʼuufi Ilma Abbaa jedhamee akka waamamu’ isheetti hime. Ittaansuudhaanis, “In moʼa, barri mootummaa isaas dhuma hin qabu” isheedhaan jedhe.

Maariyaamis sana dura dhiiraa wajjin saalqunnamtii raawwattee waan hin beekneef, kun akkamitti taʼuu akka dandaʼu beekuu barbaadde. Kanaaf Gabriʼel, “Humni aabbaas si golbooba, kanaafis mucichi si irraa dhalatu kun qulqulluudhaa fi ilma Waaqayyoo jedhamee in waamama” jechuudhaan isheedhaaf ibse. Ilma Waaqayyoo samii keessaa fuudhanii garaa Maariyaam keessa kaaʼuudhaan mucaa taʼee achi keessatti akka guddatu gochuun dinqii guddaadha!

Fakkii ykn viidiyoo ‘namoota ogeeyyii’ sadan tiksitoota sanaa wajjin Yesusiin ilaaluu dhaqan argisiisu argitee beektaa?— Yeroo Ayyaana Qilleetti waan akkasii arguun baramaadha. Haataʼu malee wanti kun dhugaa miti. “Namoonni ogeeyyiin” sun, gocha Waaqayyo jibbu kan raawwatan, jechuunis urjii kan lakkaaʼan turan. Akkuma isaan Betlihemiin gaʼaniin wanta taʼe mee haa ilaallu. Macaafni Qulqulluun, “Manatti lixaniis mucicha haadha isaa Maariyaamii wajjin argatan” jechuudhaan dubbata. Kanaaf, yeroo isaan achi dhaqan, Yesus siree horiin keessaa nyaaturra hin turre. Kanaa mannaa, Yoseefiifi Maariyaamii wajjin mana keessa ture!

Namoonni urjii lakkaaʼan sun Yesusiin kan argatan akkamitti?— “Urjii” tokkotu isaan geesse. Haataʼu malee, urjiin sun jalqaba kan isaan geesse gara Betlihemitti utuu hin taʼin, gara Herodis Mooticha isa Yerusaalem keessa turettidha. Macaafni qulqulluun, Herodis Yesusiin ajjeesuuf isa barbaadaa akka ture dubbata. Mee yaadi! Namoota urjii lakkaaʼan sana gara Herodisitti kan geesse eenyu sitti fakkaata?— Yihowaa akka hin taane beekamaadha; kanaa mannaa Seexana isa hamajaajii ykn diina Waaqayyoo taʼeefi Daabilos jedhamee waamamudha!

Yeroo harʼaa Seexanni, namoonni, Yesus mucaa xinnoo humna hin qabne akka taʼetti akka yaadan barbaada. Taʼus Gabriʼel ergamaan, waaʼee mucichaa Maariyaamitti yommuu himu, “In moʼa, barri mootummaa isaas dhuma hin qabu” jedhee ture. Yeroo harʼaa Yesus Mootii taʼee samiirratti bulchaa jira; yeroo dhihoottimmoo diinota Waaqayyoo hunda ni balleessa. Kun, Yesusiin ilaalchisee wanta yaadachuufi namoota kaanitti himuu qabnudha.

Macaafa Qulqulluu Keerraa Dubbisi

  • Luqaas 1:26-35; 2:8-18

  • Maatewos 2:7-12; 1 Phexros 5:8

  • Mulʼata 19:19-21; 1 Yohannis 2:17

a Ijoollee xixinnoo wajjin kan dubbistu yoo taʼe, bakki duwwaan kun takka turuu akka qabduufi ijoolleen yaadasaanii akka ibsan akka jajjabeessitu si yaadachiisa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi