LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w14 1/1 ful. 16
  • Deebii Gaaggii Macaafa Qulqulluu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Deebii Gaaggii Macaafa Qulqulluu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waa’ee Mootummaa Waaqayyoo
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?
    Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe!
  • Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
w14 1/1 ful. 16

DEEBII GAAGGII MACAAFA QULQULLUU

Kaayyoon Kiristos itti deebiʼu maalidha?

Yesus Kiristos Dh.K.B. bara 33⁠tti gara samiitti ol baʼuusaa dura akka deebiʼu waadaa galee ture. Abbaa qoroo mootii taʼee bulchuuf aangoo qabatee deebiʼuuf yeroo dheeraadhaaf iddoo kan biraa deemetti of fakkeessee ture. Kanaaf, Yesus kan deebiʼu ilmaan namootaa bulchiinsa gaarii taʼe akka argatan gochuufidha.​—Luqaas 19:11, 12 dubbisi.

Yesus ilmaan namootaatiif bulchiinsa gaarii taʼe ni fida

Kiristos qaama akkamiitiin deebiʼa? Duʼaa kan kaʼe, qaama hafuuraa ijaan hin mulʼanne taʼeeti. (1 Phexros 3:18) Achiis gara samii deemee mirga Waaqayyoo taaʼe. (Faarfannaa 110:1) Waggoota hedduu booda, Yesus, Yihowaa, “isa bara baayʼee dheeraa jiraate” duratti kan dhiheeffame siʼa taʼu, ilmaan namootaa akka bulchuufis aangoon isaaf kenname. Kanaaf, Yesus kan deebiʼu Mootii ijaan hin mulʼanne taʼeeti.​—Daani’el 7:13, 14 dubbisi.

Yesus yommuu deebiʼee dhufu maal godha?

Yesus ergamoota Waaqayyoo wajjin qaama hafuuraatiin ennaa deebiʼee dhufu ilmaan namootaatiif firdii kenna. Hamoota kan balleessu siʼa taʼu, namoota Mootii taʼuusaa amananii fudhataniifimmoo jireenya barabaraa kenna.​—Maatewos 25:31-33, 46 dubbisi.

Yesus Mootii taʼuudhaan yommuu bulchu lafti gara jannataatti deebiti. Namoota duʼanis duʼaa kaasuudhaan lafa Jannata taatu sanarra akka jiraatan godha.​—Luqaas 23:42, 43 dubbisi.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼeefi Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu kana fuula 73-85 ilaali

www.jw.org/om irraa garagalfachuun ni dandaʼama

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi