Amala Fedhii Ofii Aarsaa Gochuu Guddifachuu
“Namni tokko illee ana duukaa buʼuu yoo barbaade, waaʼee ofii isaa [haa dhiisu].”—MAT. 16:24.
1. Yesus fedhii ofii aarsaa gochuurratti fakkeenya guddaa kan nuuf taʼe akkamitti?
YESUS yommuu lafarra ture, fedhii ofii aarsaa gochuurratti fakkeenya guddaa nuuf taʼeera. Jaalala Waaqayyoo raawwachuuf jecha, fedhiifi gammachuusaa aarsaa godheera. (Yoh. 5:30) Hanga fannoorratti fannifamee duʼuutti amanamaa taʼuudhaan, amalli fedhii ofii aarsaa gochuu inni qabu daangaa akka hin qabne mirkaneesseera.—Filp. 2:8.
2. Amala fedhii ofii aarsaa gochuu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Argisiisuu kan qabnuhoo maaliifi?
2 Nutis duuka buutotasaa waan taaneef, amala fedhii ofii aarsaa gochuu argisiisuu qabna. Amala fedhii ofii aarsaa gochuu qabaachuu jechuun maal jechuudha? Gabaabaadhumatti, namoota kaan gargaaruuf jecha fedhii ofii aarsaa gochuu jechuudha. Kanaaf, amalli kun faallaa ofittummaati jechuudha. (Maatewos 16:24 dubbisi.) Amala ofittummaarraa bilisa taʼe qabaachuun, miiraafi fedha keenyarra, kan warra kaaniitiif dursa kennuuf nu gargaara. (Filp. 2:3, 4) Yesus, fedhii ofii aarsaa gochuun, waaqeffannaa keenyaaf buʼuura akka taʼe barsiiseera. Akkamitti? Jaalalli Kiristiyaanaa inni fedhii ofii aarsaa gochuuf nu kakaasu, amala duuka buutonni Yesus warri dhugaan ittiin beekamanidha. (Yoh. 13:34, 35) Akkasumas, tokkummaa obbolummaa addunyaa maraa isa fedhii ofii aarsaa gochuudhaan beekamu keessaa tokko taʼuun keenya eebba guddaa nuuf argamsiiseera.
3. Wanti amala fedhii ofii aarsaa gochuu akka laayyootti akka ilaallu nu gochuu dandaʼu maalidha?
3 Diinni utuu nutti hin beekamin, amala fedhii ofii aarsaa gochuu akka laayyootti akka ilaallu nu godhu tokko jira. Diinni kun keessa keenya isa ofittoo akka taanuuf dhiibbaa nurratti godhudha. Addaamiifi Hewwaan amala ofittummaa kan argisiisan akkamitti akka taʼe yaadadhaa. Hewwaan ofittummaadhaan kakaatee akka Waaqayyoo taʼuuf hawwite. Addaamis haadhamanaasaa gammachiisuuf jedhee amala ofittummaa argisiiseera. (Uma. 3:5, 6) Seexanni, Addaamiifi Hewwaaniin waaqeffannaa dhugaarraa erga garagalchee booda, namoonni ofittoo akka taʼaniif qoruusaa itti fufeera. Yeroo Yesusiin qorettillee akkas gochuuf yaalee ture. (Mat. 4:1-9) Bara keenyattis, wantoota hedduurratti namoota baayʼee gowwoomsuudhaan amala ofittummaa akka argisiisan gochuurratti milkaaʼina argateera. Amalli babalʼatee jiru kun nutti darbuu waan dandaʼuuf, dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kennuun keenya barbaachisaadha.—Efe. 2:2.
4. (a) Yeroo harʼaatti amala ofittummaa guutummaatti balleessuu ni dandeenyaa? Ibsi. (b) Gaaffiiwwan kamfaa qorra?
4 Ofittummaan ligida sibiilarratti baʼuu wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Sibiilli qulqulluun iddoo jiidha qabu yoo kaaʼame ligidaaʼuu jalqabuu dandaʼa. Ligida sana sibiilicharratti callisanii ilaaluun, sibiilichi nyaatamee akka dhumu gochuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, cubbuu dhaalleefi amala ofittummaa qabnu yeroo harʼaatti guutummaatti balleessuu dandaʼuu baannus, of eeggannoo gochuufi wantoota amala kana argisiisuutti nu geessanirraa fagaachuuf carraaqqii gochuu itti fufuun keenya barbaachisaadha. (1 Qor. 9:26, 27) Amala ofittummaa argisiisaa akka jirru beekuu kan dandeenyu akkamitti? Amala fedhii ofii aarsaa gochuu guddifachuu kan dandeenyuhoo akkamitti?
AMALA OFITTUMMAA QABAACHUUF DHIISUU KEENYA QORUUF MACAAFA QULQULLUUTTI FAYYADAMUU
5. (a) Macaafni Qulqulluun daawitii wajjin kan walfakkaatu akkamitti? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.) (b) Amala ofittummaa qabaachuuf dhiisuu keenya yommuu qorru maalirraa fagaachuu qabna?
5 Akkuma qaama keenya ilaaluuf daawitiitti fayyadamnu, keessa namummaa keenyaa baruufi mudaa qabnu sirreessuufis Macaafa Qulqulluutti fayyadamuu dandeenya. (Yaaqoob 1:22-25 dubbisi.) Haataʼu malee, daawitiin tokko nu fayyaduu kan dandaʼu sirriitti yoo itti fayyadamnedha. Fakkeenyaaf, daawitii tokko liphsuu ijaaf qofa yoo ilaalle, wantoota xixiqqoo qaama keenyarra jiraniifi qulqulleeffamuu qaban hubachuu dhiisuu dandeenya. Daawitii tokko rogasaatiin yoo ilaallemmoo, bifa nama garabiraa nutti argisiisa. Haaluma wal fakkaatuun, Macaafa Qulqulluutti fayyadamnee amaloota kanneen akka ofittummaa qabaachuuf dhiisuu keenya baruu yoo barbaanne, irra keessa qofa dubbisuu ykn dogoggora nama kan biraa ilaaluuf itti fayyadamuu caalaa wanti gochuu qabnu jira.
6. Seera isa hirʼina hin qabne ‘biraa deebiʼuu dhiisuu’ kan dandeenyu akkamitti?
6 Fakkeenyaaf, Macaafa Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisnus, amalli ofittummaa keessa keenyatti guddachaa akka jiru hubachuu dhiisuu dandeenya. Kun taʼuu kan dandaʼu akkamitti? Mee haala armaan gadiirratti yaadi: Fakkeenya Yaaqoob daawitii wajjin haala wal qabateen ibserratti, rakkinni nama sanaa daawitii sana xiyyeeffannaadhaan ilaaluu hin turre. Yaaqoob namni sun ‘of ilaaluusaa’ dubbateera. Yaaqoob asirratti jecha afaan Giriikii of eeggannoodhaan ykn xiyyeeffannaadhaan ilaaluu argisiisutti fayyadameera. Erga akkas taʼee, rakkinni nama kanaa maalidharee? Yaaqoob itti fufuudhaan, “Ofii isaa ilaalee erga adeemee booddee, achumaan bifni isaa attam akka ture in irraanfata” jedheera. Eeyyee, namni sun wanta ofirratti ilaale sana utuu hin sirreessin calluma jedhee deeme. Faallaa kanaatiin, namni tokko milkaaʼina kan argatu, ‘seera isa hirʼina hin qabne keessa lixee ilaaluu’ qofaan utuu hin taʼin, ‘isa biraa deebiʼuu dhiisuudhaani.’ Seera Waaqayyoo isa hirʼina hin qabne irraanfachuu mannaa, barumsasaa hordofuudhaan itti cichuudha. Yesus, “Dubbii kootti qabamtanii yoo jiraattan, egaa isin dhuguma bartoota koo ti” jechuudhaan yaada kanaa wajjin wal fakkaatu dubbateera.—Yoh. 8:31.
7. Amala ofittummaa qabaachuuf dhiisuu keenya baruuf Macaafa Qulqulluutti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?
7 Kanaaf, amala ofittummaa ofirraa ittisuurratti milkaaʼina argachuu yoo barbaanne, duraan dursinee Macaafa Qulqulluu xiyyeeffannaadhaan dubbisuu qabna. Kunimmoo gama kamiin sirreeffama gochuu akka qabnu hubachuuf nu gargaara. Haataʼu malee wanta kana caalu, jechuunis qorannaa gadi fageenya qabu gochuun keenyas barbaachisaadha. Seenaa Macaafa Qulqulluu tokko erga dubbisnee booda, haalasaa keessa of galchuudhaan gaaffiiwwan armaan gadii of haa gaafannu: ‘Haalli kun utuu narra gaʼee maalan godhan ture? Wanta sirrii taʼe nan godhan turee?’ Hunda caalaammoo, wanta dubbisnerratti erga xiinxallee booda, hojiirra oolchuuf carraaqqii gochuun keenya barbaachisaadha. (Mat. 7:24, 25) Mee amala fedhii ofii aarsaa gochuu argisiisuu keenya itti fufuuf akka nu gargaaruuf, seenaa Saaʼol Mootichaafi Phexros ergamaa haa qorru.
SEENAA SAAʼOL ISA AKEEKKACHIISA NUU TAʼURRAA BARACHUU
8. Saaʼol yommuu mootii taʼetti amala akkamii qaba ture? Amala kana kan argisiisehoo akkamitti?
8 Ofittummaan amala fedhii ofii aarsaa gochuu nu jalaa mancaasuu dandaʼa. Gama kanaan, Saaʼol inni mootii Israaʼel ture fakkeenya akeekkachiisaa nuuf taʼa. Saaʼol, jalqaba yommuu mootii taʼetti nama gad of deebisu ture. (1 Sam. 9:21) Sabni Israaʼel aangoo Waaqayyo isaaf kennerratti yommuu kaʼan, tarkaanfii fudhachuu kan dandaʼu taʼus, isaaniin balleessuurraa of qusateera. (1 Sam. 10:27) Akkasumas, sabni Israaʼel lola Amoonotaa wajjin godhanirratti milkaaʼina argachuu akka dandaʼaniif qajeelfama Waaqayyo isaaf kenne fudhateera. Gad of deebisuudhaan injifannoo argameef galata argachuu kan qabu Yihowaa akka taʼe ibseera.—1 Sam. 11:6, 11-13.
9. Saaʼol yaadni ofittummaa keessasaatti guddachuu kan jalqabe akkamitti?
9 Saaʼol yeroo booda, akkuma ligida sibiilarratti baʼuu ofittummaaniifi koorri suuta suuta akka isa toʼatu heyyameera. Waraana tokkorratti Amaaleqota yommuu moʼe, Yihowaadhaaf abboomamuu mannaa, fedhii mataasaatiif dursa kenne. Saaʼol boojuu sana akka abboommii Waaqayyootti balleessuu mannaa ofiisaatiif fudhate. Akkasumas, of tuuluudhaan siidaa ofiif dhaabe. (1 Sam. 15:3, 9, 12) Yihowaan isatti gadduusaa Saamuʼel raajichi yommuu itti himu, Saaʼol, abboommii Waaqayyoo isa raawwaterratti xiyyeeffateera; balleessaasaatiif namoota kaan komachuudhaan inni balleessaa akka hin qabne ibsuufis yaalii godheera. (1 Sam. 15:16-21) Akkasumas, koorri Waaqayyoon gammachiisuu mannaa namoota duratti fudhatama argachuurratti akka xiyyeeffatu isa godhe. (1 Sam. 15:30) Amala fedhii ofii aarsaa gochuu horachuuf, seenaa Saaʼolitti akka daawitiitti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?
10, 11. (a) Amala fedhii ofii aarsaa gochuu horachuu ilaalchisee muuxannoo Saaʼolirraa maal baranna? (b) Fakkeenya Saaʼol isa gadhee taʼe hordofuurraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?
10 Tokkoffaa, Muuxannoon Saaʼol, amala fedhii ofii aarsaa gochuu duraan qabnutti gammaduudhaan, ammas yoo wanti tokko nu mudate amala kana argisiisuu ni dandeenya jennee yaaduu akka hin qabne nu barsiisa. (1 Xim. 4:10) Saaʼol yeroo muraasaaf wanta gaarii hojjechuudhaan Waaqayyo duratti fudhatama argatee kan ture taʼus, amala ofittummaa isarratti mulʼachuu jalqabe moʼuu akka dadhabe hin dagatinaa. Yihowaan, Saaʼol abboomamuu diduusaatti yeroo booda isa dhiiseera.
11 Lammaffaa, wantoota irratti hojjechuun nu barbaachisu dagachuudhaan, wanta akka gaariitti raawwachaa jirrurratti qofa akka hin xiyyeeffanne of eeggachuu qabna. Akkas gochuun, mudaa fuula keenyarra jiruuf xiyyeeffannaa utuu hin kennin uffata haaraa uffannee jirru daawitii keessatti ilaaluudhaan dinqisiifachuu wajjin wal fakkaata. Akka Saaʼol wanta raawwannetti gammannee jiraachuu baannus, amala daandii hin taanetti nu geessu akkasiirraa fagaachuuf carraaqqii gochuu qabna. Gorsi tokko yoo nuu kenname, gocha keenya sirrii goonee ibsuuf yaaluu, rakkina uumame xiqqeessinee ilaaluu ykn balleessaa keenya namoota kaanitti qabachuurraa of haa eeggannu. Kanaaf, akka Saaʼol taʼuu mannaa, gorsa fudhachuuf qophaaʼoo taʼuu qabna.—Faarfannaa 141:5 dubbisi.
12. Cubbuu cimaa yoo raawwanne amalli fedhii ofii aarsaa gochuu nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?
12 Haataʼu malee, cubbuu cimaa raawwanneerra yoo taʼe maal gochuu qabna? Saaʼol ulfina namoota biratti qabu dhabuu waan hin barbaanneef, karaa hafuuraa sirreeffama isa barbaachisu gochuu hin dandeenye. Faallaa kanaatiin, amalli fedhii ofii aarsaa gochuu qaanii moʼuufi gargaarsa nu barbaachisu argachuuf nu gargaara. (Fak. 28:13; Yaq. 5:14-16) Fakkeenyaaf, obboleessi tokko umrii waggaa 12tti poornoogiraafii ilaaluu kan jalqabe siʼa taʼu, waggaa kudhanii oliif dhoksaadhaan ilaalaa tureera. Akkas jedheera: “Wantan gochaa ture kana, haadha manaakoofi jaarsolii gumiitti himuun baayʼee natti ulfaatee ture. Amma ergan isaanitti himee booda garuu, baʼaa guddaan tokko gatiittii koorraa waan buʼe natti fakkaate. Mirga tajaajilaa gumii taʼuu ennaan dhabetti, hiriyoonnikoo tokko tokko natti gaddanii turan. Haataʼu malee, Yihowaan isa yeroon poornoogiraafii ilaalaa turee caalaa tajaajilakoo isa ammaatti akka gammadu beeka. Wanti baayʼee na yaaddessuu qabummoo ilaalcha inni naaf qabudha.”
PHEXROS AMALA OFITTUMMAA MOʼEERA
13, 14. Phexros amala ofittummaa kan argisiise akkamitti?
13 Phexros ergamaan Yesusirraa waan barateef amala fedhii ofii aarsaa gochuu argisiiseera. (Luq. 5:3-11) Haataʼu malee, amala ofittummaa wajjin walʼaansoo gochuunis isa barbaachisee ture. Fakkeenyaaf, Yaaqoobiifi Yohannis Mootummaa Waaqayyoo keessatti mirgaafi bitaa Yesus taaʼuu yommuu yaadanii turanitti, baayʼee aaree ture. Tarii Phexros kan aare, Yesus gaʼee addaa akka inni qabaatu itti himee waan tureef, teessuma kana keessaa tokko kansaa taʼuu akka qabu yaadee taʼuu dandaʼa. (Mat. 16:18, 19) Kanas taʼe sana, Yesus Yaaqoob, Yohannisiifi Phexrosiin dabalatee bartoonnisaa hundi, obbolootasaanii ‘gooftummaadhaan seerrachuuf’ akka hin yaalle isaan akeekkachiiseera.—Mar. 10:35-45.
14 Phexros ilaalchasaa kana akka sirreessu Yesus erga itti himee boodallee, ilaalcha ofiif qabuu wajjin walʼaansoo gochuusaa itti fufeera. Yesus bartoonnisaa yeroo muraasaaf isa dhiisanii akka deeman yommuu isaanitti himetti, Phexros inni qofaan hanga dhumaatti amanamaa akka taʼu dubbachuudhaan warra kaanirra caalchisee of ilaaleera. (Mat. 26:31-33) Phexros galgaluma guyyaa sanaatti amala fedhii ofii aarsaa gochuu argisiisuu waan dadhabeef, wanta ofitti amanamuudhaan dubbate utuu hin raawwatin hafeera. Balaarraa of eeguuf yaalii guddaa gochuudhaan Yesusiin siʼa sadii ganeera.—Mat. 26:69-75.
15. Fakkeenyi Phexros madda jajjabinaa kan nuuf taʼu akkamitti?
15 Phexros, amala ofittummaa moʼuuf kufee kaʼaa kan ture taʼus, jireenya fakkeenya gaarii taʼu jiraateera. Carraaqqii dhuunfaafi gargaarsa hafuura qulqulluutiin, amala gara hin taanetti isa oofu moʼuudhaan, amala of qabuufi jaalala fedhii ofii aarsaa gochuurratti hundaaʼe argisiisuu dandaʼeera. (Gal. 5:22, 23) Qorumsi isa inni kanaan dura itti gufate caaluu dandaʼu isa mudatus dandaʼee jiraateera. Phaawulos ergamaan mulʼinatti yommuu isa ifatetti amala gad of deebisuu argisiiseera. (Gal. 2:11-14) Phexros erga ifatamee boodallee, gorsi Phaawulos isaaf kenne akka isa salphise itti dhagaʼamuudhaan haaloo hin qabanne. Kanaa mannaa Phaawulositti jaalala argisiisuusaa itti fufeera. (2 Phe. 3:15) Fakkeenyi Phexros, amala fedhii ofii aarsaa gochuu horachuudhaaf nu gargaaruu dandaʼa.
Phexros gorsa isaaf kenname kan fudhate akkamitti? Nutoo akkumasaa gochuu ni dandeenyaa? (Keeyyata 15 ilaali)
16. Haala rakkisaa keessattillee amala fedhii ofii aarsaa gochuu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
16 Haalli rakkisaan yoo isin mudate wanta gootan mee yaadaa. Phexrosiifi ergamoonni kaan lallabuusaaniitiin kan kaʼe yommuu hidhamaniifi reebamanitti, “ulfinni maqaa [Yesusiif] salphachuu waan isaaniif taʼeef” baayʼee gammadanii turan. (HoE. 5:41) Nuyis ariʼatamni yommuu nurra gaʼu, akkuma Phexros amala fedhii ofii aarsaa gochuu argisiisuudhaan, qorumsi sun fakkeenya Yesus hordofuuf carraa akka nuu banutti ilaaluu dandeenya. (1 Phexros 2:20, 21 dubbisi.) Ilaalcha akkasii qabaachuun keenya, yommuu jaarsoliin gorsa cimaa nuuf kennanittillee nu gargaaruu dandaʼa. Yeroo kanatti akkasaan nu miidhanitti ilaaluu mannaa fakkeenya Phexros haa hordofnu.—Lal. 7:9.
17, 18. (a) Waaʼee galma hafuuraa keenyaa maal jennee of gaafachuu qabna? (b) Amalli ofittummaa keessa keenya akka jiru yoo hubanne maal gochuu dandeenya?
17 Galma hafuuraa wajjin haala wal qabateenis fakkeenya Phexros hordofuun nu fayyaduu dandaʼa. Amala fedhii ofii aarsaa gochuu haala argisiisuun galma kanarra gaʼuuf carraaqqii gochuu qabna. Haataʼu malee, carraaqqii akkasii kan goonu, beekamummaa argachuuf akka hin taane of eeggachuu qabna. Kanaaf, ‘Yeroon tajaajila Yihowaarratti dabarsu fooyyeffachuuf ykn guddifachuuf kanan kakaʼe, akka Yaaqoobiifi Yohannis beekamummaa ykn aangoo argachuuf fedhii waanan qabuufidha?’ jennee of haa gaafannu.
18 Amalli ofittummaa keessa keenya akka jiru yoo hubanne, Yihowaan yaadaafi miira keenya sirreessuu akka dandeenyuuf akka nu gargaaru haa gaafannu; sana booda ulfina mataa keenyaa caalaa ulfina Yihowaarratti xiyyeeffachuuf carraaqqii haa goonu. (Far. 86:11) Tarii galma namni akka sirratti hin xiyyeeffanne godhu baafachuu dandeessa taʼa. Fakkeenyaaf, kutaa ija hojii hafuuraa argisiisuun si rakkisu keessaa tokko tokko caalaatti horachuuf carraaqqii gochuu dandeessa. Yookiinimmoo, kutaawwan walgaʼii gumiirratti dhiheessitu akka gaariitti kan qophooftu taʼus, Galma Mootummaa qulqulleessuuf fedhii hin qabdu yoo taʼe, gorsa Roomaa 12:16rra jiru hojiirra oolchuuf galma baafachuu dandeessa.—Dubbisi.
19. Dubbii Waaqayyoo isa daawitiitti fakkeeffame keessatti yommuu of ilaallu mudaa akka qabnu yoo hubanne, abdii akka hin kutanneef maal gochuu dandeenya?
19 Dubbii Waaqayyoo isa daawitiitti fakkeeffame keessatti of ilaaluudhaan mudaa tokko tokko keessumaammoo amala ofittummaa akka qabnu yoo hubanne, abdii kutachuu dandeenya taʼa. Haalli akkasii yoo nu mudate, nama fakkeenya Yaaqoob ibserratti caqasamerratti haa xiinxallu. Yaaqoob kan xiyyeeffate, namni sun mudaa ofirratti arge dafee qulqulleessuusaa ykn mudaa hundumaa ofirraa qulqulleessuuf dandeettii qabaachuuf dhiisuusaarratti miti. Kanaa mannaa, namni kun ‘seera isa hirʼina hin qabne biraa kan hin deebine’ taʼuusaa ibseera. (Yaq. 1:25) Namni sun wanta daawitii keessaan ofirratti arge yaadachuudhaan ofirraa qulqulleessuuf yaalii gochuusaa itti fufeera. Eeyyee, nutis ofii keenyaafis taʼe mudaa qabnuuf ilaalcha sirrii qabaachuu keenya itti haa fufnu. (Lallaba 7:20 dubbisi.) Seera isa hirʼina hin qabne keessa lixnee ilaaluu keenyaafi amala fedhii ofii aarsaa gochuu guddifachuuf carraaqqii gochuu keenya itti haa fufnu. Yihowaan obboloota keenya, warra mudaa qabaataniyyuu isa duratti faara tolaadhaan ilaalamaniifi eebbasaa argatan hedduu akkuma gargaare nuunis nu gargaara.