LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w14 7/1 ful. 16
  • Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Deebii Gaaffii Macaafa Qulqulluu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqayyo Lafti Badiisarraa Akka Ooltu Waadaa Galeera
    Dammaqaa!—2023
  • Pilaaneetii Jireenyaaf Mijattuu Taate
    Jireenyi Uumamaan Argamee?
  • Maxxansa Dammaqaa! Kana Keessatti
    Dammaqaa!—2023
  • Lafa Badiisa Irraa Kan Oolchu Eenyu?
    Mata Dureewwan Dabalataa
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
w14 7/1 ful. 16

DEEBII GAAFFII MACAAFA QULQULLUU

Lafti kun kaayyoodhaan uumamtee?

Dargaggeessi tokko uumamawwan babbareedoo garaagaraarratti yaadaa jira

Lafti ilmaan namootaatiif bakka jireenyaa gammachiisaa akka taatuuf uumamte

Lafti kun jireenyaaf baayʼee mijooftuudha. Bishaan gaʼaa jireenyaaf barbaachisaa taʼe qabdi. Akkaataan duufiinsaa, marsaafi orbiitii lafaa, garboonni cabbiitti akka hin jijjiiramne ykn akka hin huurkine godha. Qilleensi naannoo lafaafi dirreen maagneetii lafaammoo carallaa aduu miidhaa geessisurraa lafa eega. Hariiroon biqiltootaafi bineensota lafarra jiran gidduu jiru kan nama ajaaʼibsiisudha. Kanarraan kan kaʼe, namoonni hedduun xumura lafti kan uumamte kaayyoodhaani jedhurra gaʼaniiru.—Isaayaas 45:18 dubbisi.

Haataʼu malee, ‘Rakkinniifi jalʼinnis kaayyoo lafti itti uumamte keessaa tokkoo?’ jettee gaafatta taʼa.—Keessa Deebii 32:4, 5 dubbisi.

Kaayyoon lafti itti uumamte ni raawwatamaa?

Lafti kan uumamte namoota wal kabajaniifi Uumaasaanii jaallataniif bakka jireenyaa gammachiisaa akka taatuufidha. Kanaaf, jireenyi namootaa jireenya biqiltootaafi bineensotaa caalaa kaayyoo guddaa qaba. Uumaan keenya eenyu akka taʼe beekuu, akkasumas jaalalasaafi haqasaa dinqisiifachuufi hordofuu ni dandeenya.—Lallaba 12:13; Miikiyaas 6:8 dubbisi.

Uumaan keenya kaayyoosaa hunda raawwachuu ni dandaʼa. Kanaaf, dhiphinaafi jalʼina balleessuudhaan, lafa kana ilmaan namootaatiif bakka jireenyaa gammachiisaa akka godhu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.—Faarfannaa 37:11, 29; Isaayaas 55:11 dubbisi.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼeefi Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa jedhamu kana boqonnaa 3 ilaali

Akkasumas www.jw.org jedhamurrattis ni argama

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi