‘Nama Akka Mataa Keessaniitti Jaalladhaa’
“Abboommiin inni lammaffaan . . . ‘Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif taʼa’ [kan jedhudha].”—MAT. 22:39.
1, 2. (a) Yesus abboommiin hundumaarra caalu inni lammaffaan isa kam akka taʼe dubbate? (b) Gaaffilee kamfaa qorra?
YEROO TOKKO Fariisichi tokko Yesusiin qoruuf, “Yaa barsiisa, seera keessaa abboommiin inni hundumaa irra caalu isa kam?” jedhee isa gaafatee ture. Akkuma mataduree darberratti ilaalle Yesus, “abboommiin hundumaa irra caalu inni duraa,” “Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis jaallachuutu siif taʼa” kan jedhu akka taʼe dubbateera. Ittaansuudhaanis, “Abboommiin inni lammaffaan akkuma isa duraa ti; ‘Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif taʼa’” jedheera.—Mat. 22:34-39.
2 Yesus namoota akka mataa keenyaatti akka jaallannu dubbateera. Haataʼu malee, ‘Namoota akkamii jaallachuu qabna? Namoota akka jaallannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?’ jennee of gaafachuun keenya gaariidha.
NAMOOTA AKKAMII JAALLACHUU QABNA?
3, 4. (a) Yesus gaaffii, “Nama isa kam?” jedhu fakkeenya kamitti fayyadamee deebise? (b) Namni Samaariyaa tokko, namicha saamamee, akkasumas reebamee duʼaaf jireenya gidduutti dhiifame tokko kan gargaare akkamitti? (Fakkii jalqabarra jiru ilaali.)
3 Deebii Yesus namni qajeelaa of fakkeessu tokko, “Nama isa kam?” jedhee gaafateef kenne mee haa ilaallu. Yesus fakkeenya waaʼee namicha Samaariyaa ooʼa qabeessa taʼe tokkoo ibsu itti hime. (Luqaas 10:29-37 dubbisi.) Lubni biyya Israaʼel tokkoofi gosi Lewwii tokko namicha saamamee, akkasumas reebamee duʼaaf jireenya gidduutti dhiifame tokkoof gargaarsa ni godhu jennee akka yaadnu beekamaadha. Haataʼu malee, namoonni kun gargaarsa tokkollee utuu hin godhiniif bira darbanii deeman. Namichi Samaariyaa tokko garuu gargaarsa isaaf godheera. Namoonni Samaariyaa Seera Musee kan eegan taʼus, Yihudoota biratti ni tuffatamu turan.—Yoh. 4:9.
4 Namni Samaariyaa sun madaa namicha sanaatti zayitiifi daadhii wayinii dibuudhaan gargaarsa isaaf godheera. Nama isa walʼaanuuf diinaaree lama kan kenne ennaa taʼu, qarshiin kun mindaa namni tokko guyyaa lama hojjetee argatu ture. (Mat. 20:2, NW) Nama miidhaan irra gaʼe kanaaf kan ooʼe eenyu akka taʼe salphaadhumatti hubachuu dandeenya. Fakkeenyi Yesus kun, namoota jaallachuufi ooʼa itti argisiisuu akka qabnu kan nu barsiisudha.
Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota rakkinni isaan mudate dafanii qaqqabu (Keeyyata 5 ilaali)
5. Balaa uumamaa dhiheenyatti gaʼerratti Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota akka jaallatan kan argisiisan akkamitti?
5 Yeroo baayʼee nama akka namicha Samaariyaa isa ooʼa qabeessa taʼe kanaa namaaf yaadu argachuun ulfaataadha. Keessumaa “guyyoota gara dhumaa” yeroo namoonni hedduun kan jaalala hin qabne, hamoofi kan waan gaarii jibban taʼan kanatti nama akkasii argachuun rakkisaadha. (2 Xim. 3:1-3) Fakkeenyaaf balaan uumamaa yeroo gaʼutti haalli rakkisaan uumamuu dandaʼa. Onkoloolessa 2012tti bubbee hamaan Saandii jedhamtu Niiwu Yoorki Siitii ennaa rukutte wanta uumame haa ilaallu. Kutaa magaalattii balaan sun garmalee miidhe keessatti saamtonni jiraattota, ibsaa, hoʼaafi wantoota barbaachisaa taʼan dhabanii rakkachaa turan saamuuf sochoʼaa turan. Dhugaa Baatonni Yihowaammoo naannoodhuma kana keessatti waliisaaniifi namoota kaan gargaaruuf gurmaaʼanii sochoʼaa turan. Kiristiyaanonni gargaarsa akkasii kan godhan namoota waan jaallataniifidha. Karaan itti namoota akka jaallannu argisiisnu garabiraan maalidha?
NAMOOTA AKKA JAALLANNU ARGISIISUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
6. Hojiin lallabaa raawwannu namoota akka jaallannu kan argisiisu akkamitti?
6 Karaa hafuuraa namoota gargaaruu. Namoonni “jajjabina caaffanni qulqullaaʼoon” kennanirratti akka xiyyeeffatan gochuuf carraaquudhaan kana gochuu ni dandeenya. (Rom. 15:4) Hojii lallabaarratti hirmaachuudhaan dhugaa Macaafa Qulqulluu namootatti himuun keenya akka isaan jaallannu argisiisa. (Mat. 24:14) Ergaa Mootummichaa ‘Waaqayyo isa abdii namaaf kennu’ biraa dhufe namootatti himuun mirga guddaadha.—Rom. 15:13.
7. Seerri inni beekamaan kamidha? Seera kana hojiirra oolchuun gammachuu kan nuuf argamsiisu akkamitti?
7 Seera isa beekamaa taʼe hordofuu. Seerri kun yaada Yesus Haasaasaa isa Gaararratti, “Waanuma namoonni akka isiniif godhaniif jaallattan, isinis akkasuma isaaniif godhaa; seerrii fi raajonni isuma kana in barsiisu” jechuudhaan dubbaterratti ibsameera. (Mat. 7:12) Akka Yesus gorsetti namoota kan qabnu taanaan ‘Macaafa Seeraafi’ (Seera Uumamaa hanga Seera Keessa Deebii) “Macaafa Raajotaa” (Macaafota raajii Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa keessa jiran) wajjin haala walsimuun jiraachuu dandeenya. Kutaawwan Caaffata Qulqullaaʼoo caqasaman kun Waaqayyo namoota warra kaan jaallatan akka eebbisu kan argisiisanidha. Fakkeenyaaf Yihowaan karaa Isaayaas raajichaa, “Firdii sirriitti eegaa, wanta qajeelaas godhaa! Namni wanta kana godhu, . . . haa gammadu!” jechuudhaan dubbateera. (Isa. 56:1, 2) Namoota akka jaallannu yoo argisiisne, akkasumas seera isa beekamaa taʼe yoo hordofne eebba akka argannu beekamaadha.
8. Diinota keenya kan jaallannu maaliifi? Akkas gochuun keenya faayidaa akkamii qaba?
8 Diinota keenya jaallachuu. Yesus, “‘Fira kee jaalladhu, diina kees jibbi!’ jedhamee akka himame dhageessaniittu. Ani garuu isinittan hima, diinota keessan jaalladhaa, warra isin ariʼataniifis kadhadhaa! Kana yoo gootan ijoollee abbaa keessanii isa waaqa irraa in taatu” jechuudhaan dubbateera. (Mat. 5:43-45) Phaawulos ergamaanis, “Diinni kee yoo beelaʼe nyaachisi, yoo dheebotes obaasi!” jechuudhaan yaaduma wal fakkaatu barreesseera. (Rom. 12:20; Fak. 25:21) Akka Seera Museetti namni tokko horiin diinasaa baʼaa baatee kufee yoo arge ol kaasuu qaba. (Bau. 23:5) Haala kanaan waliin hojjechuudhaan namoonni diina walii turan michoota gaarii waliif taʼuu dandaʼu. Jaalala isaanitti argisiisuu keenyaan kan kaʼe namoonni kanaan dura akka diinaatti nu ilaalan hedduun ilaalchisaanii jijjiiruu dandaʼaniiru. Diinota keenya, keessumaa warra ariʼatama cimaa nurraan gaʼanillee jaallachuu keenya itti fufuudhaan isaan keessaa tokko tokko Yihowaadhaaf yommuu of murteessan arguun baayʼee nu gammachiisa.
9. Yesus, obboleessa keenyaa wajjin nagaa uumuu ilaalchisee maal dubbate?
9 ‘Namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraachuu.’ (Ibr. 12:14) Yesus, “Kennaa aarsaa dhiʼeessuudhaaf iddoo aarsaatti yoo fidde, iddoodhuma sanattis akka obboleessa kee waa yakkitee yaada isaa miite sitti in yaadatama taʼa. Kennaa aarsaa kee achuma iddoo aarsaa duratti dhiisiitii dhaqii obboleessa keetti dura araarami; kana booddee deebiʼii kennaa aarsaa kee dhiʼeessi!” jechuudhaan dubbateera. Kanaaf yaanni kun hariiroo obboloota keenyaa wajjin qabnu kan dabalatudha. (Mat. 5:23, 24) Obboleessa keenya akka jaallannu ennaa argisiisnu, akkasumas nagaa uumuuf battalumaan tarkaanfii ennaa fudhannu Yihowaan baayʼee gammada.
10. Dogoggora namootaa funaanuu kan hin qabne maaliifi?
10 Dogoggora namootaa funaanuu dhiisuu. Yesus akkas jedheera: “Waaqayyo akka isinitti hin farannetti isin namatti hin faradinaa! Firdiidhuma isin namatti faraddaniin isinittis in faradama; qodaa safaraa isin itti namaaf safartanitti isiniifis in safarama. Maaliif huuba ija obboleessa kee keessa jiru ilaalta? Utubaa isa ija kee keessa jiru hin hubattuu? Yookiis attamitti obboleessa keetiin, ‘Lakkii huuba ija kee keessaa siifan baasa’ jetta ree? Kunoo, utubaanoo ija kee keessa jiraa! Ati of hin arginee nana, duraan dursitee utubaa ija ofii keetii keessaa baasi, isa booddee huuba ija obboleessa kee keessa jiru, hubattee baasuu in dandeessa.” (Mat. 7:1-5) Yaada kanarraa nutiyyuu dogoggora hedduu waan raawwannuuf, dogoggora namootaa funaanuudhaan isaan ceephaʼuu akka hin qabne baranna.
KARAA ADDAA NAMOOTA JAALLACHUUF NU GARGAARU
11, 12. Karaan adda taʼeefi namoota akka jaallannu itti argisiisnu kamidha?
11 Karaa adda taʼe tokkoon namoota akka jaallannu argisiisuu barbaanna. Nutis akkuma Yesus, misiraachoo Mootummichaa lallabna. (Luq. 8:1) Yesus, ‘saba hundumaa bartoota akka godhan’ duuka buutotasaa abboomee ture. (Mat. 28:19, 20) Itti gaafatamummaa nuuf kenname kanarratti gaʼee keenya raawwachuudhaan namoonni karaa boochoo isa gara badiisaatti geessurra deemuu dhiisuudhaan karaa isa dhiphoo gara jireenya barabaraatti geessurra akka deeman gargaaruuf carraaqqii goona. (Mat. 7:13, 14) Yihowaan carraaqqii akkasii akka eebbisu hin shakkisiisu.
12 Nutis akkuma Yesus, namoonni karaa hafuuraa dammaqoo akka taʼan gargaarra. (Mat. 5:3) Namoota ergaa nuti lallabnu fudhataniif ‘wangeela Waaqayyoo lallabuudhaan,’ fedhiisaanii kana guutuurratti gumaacha guddaa raawwanna. (Rom. 1:1) Namoonni ergaa Mootummichaa fudhatan karaa Yesus Kiristos Waaqayyotti araaramu. (2 Qor. 5:18, 19) Kanaaf misiraachicha lallabuudhaan namoota akka jaallannu argisiisuu ni dandeenya.
13. Hojii labsitoota Mootummichaa taʼuudhaan raawwannu ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?
13 Akka gaariitti deddeebii gaaffii gochuufi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuudhaan namoonni ulaagaa qajeelinaa Waaqayyo baasee wajjin walsimanii akka jiraatan gochuun gammachuu guddaa nuuf argamsiisa. Kun namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu jireenyasaaniirratti jijjiirama guddaa akka godhan gargaara. (1 Qor. 6:9-11) Waaqayyo ‘namoonni jireenya barabaraa argachuuf yaada garaa sirrii taʼe qaban’ isaa wajjin hariiroo cimaa akka uumaniifi sirreeffama barbaachisu akka godhan akkamitti akka inni isaan gargaaru arguun baayʼee nama gammachiisa. (HoE. 13:48, NW) Namoonni hedduun gadduu dhiisanii gammaduu, dhiphachuu dhiisanii Abbaasaanii isa samiitti amanamuu eegalaniiru. Namoonni haaraan karaa hafuuraa guddina akka argisiisan gargaaruun baayʼee nama gammachiisa. Karaa adda taʼeen, jechuunis misiraachoo Mootummichaa labsuudhaan namoota akka jaallannu argisiisuuf mirga argachuun keenya eebba guddaadha.
IBSA JAALALA ILAALCHISEE KENNAME
14. Jaalala ilaalchisee yaadawwan 1 Qorontos 13:4-8rratti Phaawulos caqase ibsi.
14 Walitti dhufeenya namootaa wajjin qabnu ilaalchisee yaada Phaawulos barreesse hojiirra oolchuun keenya, rakkina hedduu hambisa, gammachuu nuuf argamsiisa, akkasumas eebba Waaqayyoo nuuf argamsiisa. (1 Qorontos 13:4-8 dubbisi.) Yaada caqasa kanaa gabaabaadhumatti erga qorree booda hariiroo namootaa wajjin qabnurratti akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeenyu haa ilaallu.
15. (a) Obsaafi gaarummaa argisiisuu kan qabnu maaliifi? (b) Hinaaffaafi of jajuurraa fagaachuu kan qabnu maaliifi?
15 “Jaalalli dandaʼaa dha, gaarummaas in argisiisa.” Akkuma Waaqayyo namoota cubbuu dhaalanitti obsaafi gaarummaa argisiise, nutis yeroo namoonni dogoggora raawwatan ykn yeroosaan waan hin taane nuun jedhan obsuufi gaarummaa itti argisiisuu qabna. “Jaalalli hin hinaafu,” kanaafuu jaalala dhugaa qabna taanaan qabeenya ykn mirga namoonni gumii keessa jiran kaan qabanitti hin hinaafnu. Kana malees, namoota kan jaallannu taanaan of hin jajnu. Hunda caalaammoo Macaafni Qulqulluun, ‘waan guddaatti of ilaaluufi of bokoksuun cubbuu’ akka taʼe dubbata.—Fak. 21:4.
16, 17. Yaada 1 Qorontos 13:5, 6rra jiru hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?
16 Jaalalli dhugaan namoota kaanitti amala sirrii akka argisiisnu nu godha. Isaan hin sobnu, isaan hin hannu ykn wantoota seeraafi seera buʼuuraa Yihowaan kenneen ala taʼan isaanirratti hin raawwannu. Jaalalli wanta warra kaanittis tolu akka ilaallu malee, wanta nutti tolu qofa akka barbaannu nu hin godhu.—Filp. 2:4.
17 Jaalalli salphaatti dheekkamuurraa, akkasumas ‘waan hamaa namarratti lakkaaʼuurraa’ jechuunis yeroo namoonni waan hin taane nurratti raawwatan akka waan irraanfatamuu hin qabneetti sammuutti qabachuurraa akka fagaannu nu godha. (1 Tas. 5:15) Haaloo qabachuun Waaqayyo akka nutti hin gammadne kan godhu taʼuusaarrayyuu, aariin keenya akka ibiddaa bobaʼuudhaan nuunis taʼe namoota kaan akka miidhu godha. (Lew. 19:18) Jaalalli wanta dhugaa taʼetti akka gammadnu kan godhu yommuu taʼu, namni nu jibbu tokko rakkinni yoo isa mudate ykn jalʼinni yoo irratti raawwatamellee ‘jalʼinatti akka hin gammadne’ nu godha.—Fakkeenya 24:17, 18 dubbisi.
18. Jaalala ilaalchisee 1 Qorontos 13:7, 8rraa maal baranna?
18 Mee yaada Phaawulos jaalala ilaalchisee barreesse garabiraas haa ilaallu. Phaawulos jaalalli “waan hundumaa dandaʼa” (NW) jedheera. Namni tokko waan nu mufachiiseef dhiifama yoo nu gaafate jaalalli dhiifama akka isaaf goonu nu kakaasa. Jaalalli Dubbii Waaqayyoo wajjin haala wal qabateen ‘hunduma isaa kan amanu’ yommuu taʼu, kunimmoo nyaata hafuuraa argannuuf dinqisiifannaa akka qabaannu godha. Jaalalli wanta Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffame ‘hundumaa waan abdatuuf’ waaʼee gara fuulduraa abdii cimaa akka qabaannu nu gargaara. (1 Phe. 3:15) Akkasumas, haalli rakkisaan yoo nu mudate rakkina sana keessaa baʼuu akka dandeenyu abdachuudhaan kadhannaa akka dhiheessinu nu godha. Jalʼinni yoo nurratti raawwatame, ariʼatamni yoo nu mudate ykn qorumsi kan biraan yoo nurra gaʼe ‘hundumaa akka obsinu’ godha. Kana malees, “jaalalli yoom iyyuu hin badu.” Kanaaf namoonni Yihowaadhaaf abboomaman barabaraaf namoota jaallachuusaanii itti fufu.
NAMA AKKA MATAA KEESSANIITTI JAALLACHUU KEESSAN ITTI FUFAA
19, 20. Gorsi Macaafa Qulqulluu namoota jaallachuu keenya itti fufuuf nu gargaaru kamidha?
19 Gorsa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuudhaan namoota jaallachuu keenya itti fufuu dandeenya. Jaalalli akkasii qomoo keenya kan taʼan qofa utuu hin taʼin, namoota qomoo addaddaa taʼan jaallachuu kan dabalatudha. Yesus, “Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif taʼa” jechuusaa dagachuu hin qabnu. (Mat. 22:39) Waaqayyoofi Yesus namoota akka jaallannu nurraa eegu. Namoota jaallachuu wajjin haala wal qabateen wanti rakkisaan tokko yoo nu mudate Waaqayyo akka nu gargaaru kadhachuu dandeenya. Akkas gochuun Yihowaa biraa eebba nuuf argamsiisa, akkasumas wanta tokko jaalalaan kakaanee raawwachuuf nu gargaara.—Rom. 8:26, 27.
20 Abboommiin namoota akka jaallannu nuuf kenname “seera mootichaa” jedhamee waamama. (Yaq. 2:8) Phaawulos Seera Musee tokko tokko erga caqasee booda akkas jedheera: “Abboommonni, . . . warri kaanis hundinuu dubbii tokkicha isa, ‘Nama akka ofii keetiitti jaalladhu!’ jedhuun in xumuramu. Namni nama erga jaallatee, waan hamaa isa irratti hin hojjetu; kanaafis nama jaallachuun seera raawwachuu dha.” (Rom. 13:8-10) Kanaaf namoota jaallachuu keenya itti fufuu qabna.
21, 22. Waaqayyoofi namoota kan jaallannu maaliifi?
21 Namoota jaallachuu kan qabnu maaliif akka taʼe yommuu xiinxallu, yaada Yesus Abbaasaa ilaalchisee, “Innoo aduu isaa warra hamootaa fi warra gaggaariidhaaf in baasa, bokkaa isaas warra qajeelotaa fi warra jalʼootaaf in roobsa” jechuudhaan dubbate yaadachuun keenya baayʼee gaariidha. (Mat. 5:43-45) Namni tokko gaariis haataʼu hamaa isa jaallachuu qabna. Akkuma olitti ilaalle karaan hunda caaluufi jaalala akkasii namootatti argisiisuu itti dandeenyu misiraachoo Mootummichaa isaanitti himuudha. Namni tokko misiraachoo nuti itti himnu fudhatee hojiirra yoo oolche eebba guddaa argachuu dandaʼa.
22 Dhugumayyuu, sababii gaʼaa garaa guutuudhaan Yihowaa jaallachuuf nu kakaasu hedduu qabna. Karaan namoota akka jaallannu itti argisiisuu dandeenyu baayʼeenis jiru. Waaqayyoofi namoota jaallachuudhaan dhimma bakka guddaa qabuufi Yesus dubbate kanaaf xiyyeeffannaa akka kenninu argisiisuu dandeenya. Kana malees, yommuu akkas goonu Yihowaa Abbaa keenya isa samii gammachiisna.