LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 56
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Isaayyaas

      • Eebba namoonni biyya ormaa fi xuʼaashonni argatan (1-8)

        • Mana kadhannaa nama hundumaa (7)

      • Waardiyyoota jaamaa, saroota duudaa (9-12)

Isaayyaas 56:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 46:13; 51:5
  • +Mik 6:8

Isaayyaas 56:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 58:13, 14

Isaayyaas 56:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 60:10; Zak 8:23

Isaayyaas 56:4

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “koo.”

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    6/15/2009, ful. 26

Isaayyaas 56:5

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    6/15/2009, ful. 26

Isaayyaas 56:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mil 1:11

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    3/15/2010, ful. 27

Isaayyaas 56:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 2:3; Mik 4:2; Zak 8:3
  • +1Mo 8:29, 43; Mat 21:13; Mar 11:17; Luq 19:46

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    “Duuka Buutuu Koo Taʼi,” ful. 118

    Masaraa Eegumsaa,

    11/1/2006, ful. 25-26

Isaayyaas 56:8

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 30:3; Isa 27:12; Hos 1:11
  • +Isa 49:22; 60:4

Isaayyaas 56:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 12:9

Isaayyaas 56:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 6:10; 29:10
  • +Er 6:13, 14; His 13:16
  • +His 33:6

Isaayyaas 56:11

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuu cimaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mik 3:6

Isaayyaas 56:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 5:22; 28:7; Hos 4:11

Yaada Wal Simu

Isa. 56:1Isa 46:13; 51:5
Isa. 56:1Mik 6:8
Isa. 56:2Isa 58:13, 14
Isa. 56:3Isa 60:10; Zak 8:23
Isa. 56:6Mil 1:11
Isa. 56:7Isa 2:3; Mik 4:2; Zak 8:3
Isa. 56:71Mo 8:29, 43; Mat 21:13; Mar 11:17; Luq 19:46
Isa. 56:8Kes 30:3; Isa 27:12; Hos 1:11
Isa. 56:8Isa 49:22; 60:4
Isa. 56:9Er 12:9
Isa. 56:10Isa 6:10; 29:10
Isa. 56:10Er 6:13, 14; His 13:16
Isa. 56:10His 33:6
Isa. 56:11Mik 3:6
Isa. 56:12Isa 5:22; 28:7; Hos 4:11
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Isaayyaas 56:1-12

Isaayyaas

56 Yihowaan akkana jedha:

“Fayyisuun koo dhiheenyatti waan dhufuuf,

Qajeelummaan koos waan mulʼifamuuf,+

Haqa deggeraa,+ wanta qajeelaa taʼes raawwadhaa.

 2 Namni kana raawwatu,

Ilmi namaa kanatti maxxanu,

Inni Sanbata eeguu fi isa hin xureessine,+

Inni hammina akkamii iyyuu raawwachuu irraa harka isaa deebisus gammadaa dha.

 3 Namni biyya ormaa Yihowaatti maxxane,+

‘Yihowaan dhugumaan saba isaa irraa adda na baasa’ jechuu hin qabu.

Xuʼaashiinis, ‘Kunoo, ani muka goge dha’ jechuu hin qabu.”

4 Yihowaan xuʼaashota sanbatawwan isaa* eegan, warra wanta isa gammachiisu filatanii fi kakuu isaatti maxxananiin akkana jedha:

 5 “Ani mana koo keessatti, dallaawwan koo keessattis siidaa yaadannoo fi maqaa,

Isa ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa irra caalu isaaniif nan kenna.

Maqaa bara baraa,

Isa hin badne isaaniif nan kenna.

 6 Namoota biyya ormaa warra isa tajaajiluuf,

Maqaa Yihowaa jaallachuuf,+

Tajaajiltoota isaa taʼuufis Yihowaatti maxxanan,

Warra Sanbata eeganii fi isa hin xureessine,

Warra kakuu koo cimsanii eegan hundumaa,

 7 Gara gaara koo isa qulqulluutti nan geessa,+

Mana kadhannaa koo keessattis isaan nan gammachiisa.

Aarsaawwan isaanii warri guutummaatti gubamanii fi aarsaawwan isaanii warri kaan iddoo aarsaa koo irratti fudhatama ni argatu.

Sababiin isaas, manni koo saboota hundumaatiif mana kadhannaa jedhama.”+

8 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan inni warra Israaʼel keessaa bittinnaaʼan walitti qabu,+

“Ani warra walitti qabamanii jiran sana malees, warra kaan gara isaatti walitti nan qaba”+ jedha.

 9 Isin bineensonni bosonaa hundi,

Isin bineensonni bosonaa daggala keessa jirtan hundi, kottaatii nyaadhaa.+

10 Waardiyyoonni isaa jaamota dha,+ tokkoon isaanii illee kana hin hubanne.+

Hundi isaanii saroota duudaa, dutuu hin dandeenye dha.+

Isaan harganaa jiru, ciisaa jiru, hirribas ni jaallatu.

11 Isaan saroota fedhii nyaataa guddaa* qabani dha;

Matumaas hin quufan.

Isaan tiksitoota hubannaa hin qabne dha.+

Hundi isaanii karaa mataa mataa isaanii deemaniiru;

Tokkoon tokkoon isaanii buʼaa sirrii hin taane argachuu barbaadu, akkanas ni jedhu:

12 “Mee daadhii wayinii xinnoon dhuga,

Hamma quufnutti dhugaatii alkoolii haa dhugnu.+

Guyyaan boruu akkuma guyyaa harʼaa taʼa, caalaatti iyyuu gaarii taʼa!”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi