MATA DUREE FUULA JALQABAA | MOOTUMMAA MALAANMALTUMMAAN KEESSA HIN JIRRE
Malaanmaltummaa Mootummaa Isa Summii Taʼe
Malaanmaltummaa mootummaa jechuun aangoo uummata irraa argatan faayidaa dhuunfaatiif itti fayyadamuu jedhamee ibsamuu dandaʼa. Gochi akkasii bara duriitii eegalee kan ture dha. Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluun namoonni dhimma murtoo wajjin wal qabate yommuu ilaalan mattaʼaa fudhachuu akka hin qabne dubbata; kun immoo malaanmaltummaan waggoota 3,500 dura baramaa akka ture argisiisa. (Baʼuu 23:8) Malaanmaltummaan mattaʼaa fudhachuu qofa akka hin taane beekamaa dha. Abbootiin taayitaa malaanmaltoota taʼan qabeenya warra kaanii hatu, tajaajila isaaniif hin malle argachuuf yaalu ykn qarshii dhimma tokkoof ramadame fuulleetti hatu. Akkasumas karaa seeraan ala taʼeen aboo isaaniitti fayyadamuudhaan michootaa fi firoota isaanii gargaaru.
Malaanmaltummaan dhaabbata namoonni hundeessan kam iyyuu keessatti kan argamu taʼus, dhaabbilee mootummaa keessatti garuu gar malee babalʼateera. Barreeffamni Global Corruption Barometer jedhamuu fi bara 2013tti dhaabbata Transparency International jedhamuun maxxanfame, namoonni addunyaa maratti argaman dhaabbileen malaanmaltummaadhaan beekamoo taʼan shan akka jiran kan dubbatan taʼuu isaanii fi dhaabbileen kunis paartilee siyaasaa, poolisii, abbootii taayitaa, qaama seera baasuu fi abbootii seeraa akka taʼan gabaaseera. Mee gabaasawwan waaʼee rakkina kanaa ibsan tokko tokko haa ilaallu.
AFRIIKAA: Bara 2013tti Afriikaa Kibbaatti abbootiin taayitaa 22,000 taʼan malaanmaltummaa wajjin haala wal qabateen himatamanii turan.
AMEERIKAA KIBBAA: Bara 2012tti Biraaziilitti abbootiin taayitaa 25 deggersa siyaasaa argachuuf jecha seeraan ala qarshii uummataatti waan fayyadamaniif itti murteeffamee ture. Namoota kana keessaa tokko waajjira pireezidaantii biyyichaatti abbaa taayitaa ol aanaa kan turan, jechuunis biyyichatti nama aangoodhaan sadarkaa lammaffaa irra turani dha.
EESHIYAA: Bara 1995tti Kooriyaa Kibbaa, Seeʼulitti gamoon daldalaa tokko jiguu isaatiin kan kaʼe namoonni 502 duʼaniiru. Namoonni gamoo sana ijaaran abbootii taayitaa magaalichaatiif mattaʼaa kennuudhaan meeshaalee qulqullina gadi aanaa taʼe qabanitti waan fayyadamanii fi wantoota of eeggannoodhaaf barbaachisan utuu hin guutin akka hafan qorannaan godhame mirkaneesseera.
AWUROOPPAA: Biyyoota Awurooppaatti Koomishinara Dhimma Biyya Keessaa kan taʼan Sesiiliyaa Maalmistiroom, ‘[Awurooppaatti malaanmaltummaan] gar malee babalʼachaa akka jiru’ dubbataniiru. Itti dabaluudhaanis “siyaasni malaanmaltummaa balleessuuf carraaqqii godhu waan dhiise fakkaata” jedhaniiru.
Malaanmaltummaan dhaabbilee mootummaa keessatti gar malee babalʼateera. Piroofeesar Suuzaan Rooz Akermaan kan jedhamanii fi dhimmoota farra malaanmaltummaa wajjin wal qabatan kan qoratan malaanmaltummaa balleessuuf “akkaataa mootummaan ittiin hojjetu irratti jijjiirama buʼuuraa gochuun” akka barbaachisu barreessaniiru. Haalli jiru abdii kan nama kutachiisu fakkaatus, Macaafni Qulqulluun jijjiirama kana caalu fiduun akka dandaʼamuu fi kunis dhugumaan akka raawwatamu ibsa.