Akkaataa Dhiheenyaa
Jiʼa Jiʼaan, Sanbadduraa Isa Jalqabaatti Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru
“Yeroo harʼaatti Waaqayyo sabasaa kan geggeessu jaarmiyaadhaanimoo dhuunfaadhaan sitti fakkaata? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun namoota Waaqayyo bara duriitti gurmeesse ilaalchisee maal akka jedhu hubadhu.” Masaraa Eegumsaa Adoolessaa-Fulbaanaa fuula 10 baasiitii yaada mataduree xiqqaa isa jalqabaa jalaa jiru waliin ilaalaa; achiis caqasoota achirratti ibsaman keessaa yoo xinnaate tokkoonsaa waliin dubbisaa. Barruulee sana akka fudhatu erga isa afeertee booda gaaffii ittaanu mariʼachuuf beellama qabadhu.
Masaraa Eegumsaa Adoolessaa-Fulbaanaa
“Waggoota dhihootii asitti Armaagedoon, dhimma namoonni hedduun irratti mariʼatan taʼeera. Ilmaan namootaa Armaagedooniin hambisuuf wanti isaan gochuu dandaʼan kan waan jiru sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Jechi ‘Armaagedoon’ jedhu caqasa kanarraa kan fudhatamedha. [Mulʼata 16:16 dubbisi. Achiis qola baruu sanaa itti argisiisi.] Barruun kun deebii Macaafni Qulqulluun gaaffiiwwan kanaaf kennu ibsa.”
Dammaqaa! Onkoloolessa
“Warri hedduun ijoolleensaanii barumsa gaarii akka argatan barbaadu. Ijoolleen yeroo ammaa barumsa fixanii eebbifaman rakkoowwan jireenya keessatti isaan mudataniif kan qophaaʼan sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Macaafni Qulqulluun beekumsaafi ogummaa argachuun barbaachisaa taʼuusaa ilaalchisee maal akka jedhu hubadhu. [Achiis Lallaba 7:12 dubbisi.] Barruun kun, yaadawwan ijoolleen mana barumsaatti buʼa qabeeyyii akka taʼan isaan godhan shan ibsa.”