LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w15 2/15 ful. 15-18
  • Hinaaffaa Tajaajilaaf Qabdu Eegi

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Hinaaffaa Tajaajilaaf Qabdu Eegi
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • WARRA MUUXANNOO HIN QABNE GARGAARI
  • HIRIYAA TAJAAJILAA KEE WAJJIN WALIIN HAASAʼAA
  • BARSIIFATA QAYYABANNAA KEE ADDAAN HIN KUTIN
  • YAADA KENNAMU FUDHACHUUF QOPHAAʼAA TAʼI
  • GALMAWWAN IRRA GAʼUU DANDEESSU BAAFADHU
  • Tajaajila Keessan Guutummaatti Raawwachaa Jirtuu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Warri Haaraan Akka Lallaban Leenjisuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
    Tajaajila Mootummaa—2010
  • Tajaajila Keessaniif Ilaalcha Sirrii Qabaadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Akkuma Yesuus Hinaaffaadhaan Lallabaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
w15 2/15 ful. 15-18
Babalʼisaa haalawwan kun isa mudatan: 1. Namni mana hin jiru; 2. Nama fedhii hin qabne; 3. Nama jibba qabu

Hinaaffaa Tajaajilaaf Qabdu Eegi

MISIRAACHICHA lallabuun hojii yeroo harʼaatti hojjetamaa jiru kam iyyuu caalaa barbaachisaa dha. Tajaajiltoota Yihowaa keessaa tokko waan taateef, hojii bartoota gochuu irratti hirmaachuu akka mirga guddaatti akka ilaaltu ifa dha. Haa taʼu malee, qajeelchitoonnii fi babalʼistoonni darbee darbee hinaaffaa tajaajilaaf qaban eeguun ulfaataa akka isaanitti taʼu beekamaa dha.

Babalʼistuu gammachuudhaan balbala rurrukutaa jirtu

Hinaaffaa tajaajilaaf qabdu eeguuf maaltu si gargaaruu dandaʼa?

Babalʼistoonni tokko tokko manaa gara manaatti ennaa tajaajilan nama isaanii wajjin mariʼatu argachuun isaan rakkisa. Namoonni hedduun mana isaaniitti hin argaman taʼa. Warri manatti argamanis ergaa Mootummichaatiif fedhii kan hin qabne ykn jibba kan qaban taʼuu dandaʼu. Babalʼistoonni kaan immoo, naannoon tajaajilaa isaanii balʼaa fi buʼa qabeessa taʼus, hojicha guutummaatti raawwachuu hin dandeenyu jedhanii waan sodaataniif abdii kutatu. Miseensonni gumii tokko tokko waggoota hedduudhaaf lallabaa kan turan siʼa taʼu, hojiin kun yeroo isaan eegan caalaa turuu isaatti abdii kutataniiru.

Sabni Yihowaa hundi haalli rakkisaan hinaaffaa isaan hojii lallabaatiif qaban jalaa laaffisuu dandaʼu kan isaan mudatu taʼuun isaa nu dinqisiisuu hin qabu. Nu keessaa, biyya lafaa toʼannaa Seexana “isa hamaa” jala jiru keessatti ergaa Waaqayyoo isa lubbu baraaru labsuun salphaa akka taʼetti kan yaadu jiraa?—1 Yoh. 5:19.

Haalli rakkisaan misiraachicha ennaa lallabdu si mudatu maal iyyuu yoo taʼe, Yihowaan moʼuuf akka si gargaaru mirkanaaʼaa taʼi. Haa taʼu malee, hinaaffaa tajaajilaaf qabdu guddisuuf maal gochuu dandeessa? Mee yaadawwan tokko tokko haa ilaallu.

WARRA MUUXANNOO HIN QABNE GARGAARI

Babalʼisaan muuxannoo qabu babalʼisaa muuxannoo hin qabne utuu leenjisuu

Waggaa waggaadhaan namoonni kumaan lakkaaʼaman cuuphamanii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼu. Dhiheenyatti cuuphamte taanaan, muuxannoo obboloota hojii lallabaa irratti si caalaa yeroo dheeraa dabarsan irraa fayyadamuu akka barbaaddu hin shakkisiisu. Waggoota hedduudhaaf Yihowaa tajaajilteetta taanaan immoo, warra dhiheenyatti cuuphaman leenjisuu irratti gumaacha gochuun kee sirrii fi eebba kan argamsiisu akka taʼe sitti hin dhagaʼamuu?

Yesus bartoonni isaa labsitoota wangeelaa buʼa qabeeyyii taʼuuf qajeelfamni akka isaan barbaachisu waan beekuuf, hojichi akkamitti akka hojjetamu isaanitti argisiiseera. (Luq. 8:1) Yeroo harʼaas, tajaajiltoota buʼa qabeeyyii akka taʼaniif warra kaan leenjisuun barbaachisaa dha.

Babalʼisaan haaraan tokko tajaajila irratti hirmaachuudhaan qofa dandeettii barsiisuu qabaachuu akka dandaʼu yaaduu hin qabnu. Leenjisaa gaarummaa qabuu fi jaalala qabeessa taʼe irraa dhuunfaatti qajeelfama argachuun isa barbaachisa. Leenjiin kun, (1) akkaataa dhiheenyaa qophaaʼuu fi shaakaluun, (2) manatti ykn karaa irratti nama haasofsiisuun, (3) barreeffama kennuun, (4) nama fedhii qabu gargaaruun, akkasumas (5) qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe babalʼisaa muuxannoo hin qabnetti argisiisuu dabalata. Babalʼisaan leenjiʼaa jiru malawwan obboleessi isa gargaaraa jiru itti fayyadamu kan hubatuu fi fakkeenya isaa kan hordofu yoo taʼe buʼaan gaariin argamuun isaa hin oolu. (Luq. 6:40) Babalʼisaan haaraan kun, nama isa dhaggeeffatuu fi yeroo barbaachisutti isa gargaaru qabaachuun isaa akka isa gammachiisu hin shakkisiisu. Jajjabinaa fi yaadawwan gaggaarii obboleessa muuxannoo qabu irraa argatuunis ni fayyadama.—Lal. 4:9, 10.

HIRIYAA TAJAAJILAA KEE WAJJIN WALIIN HAASAʼAA

Babalʼistuu hiriyaa tajaajilaa ishee wajjin haasaʼaa jirtu

Nama haasofsiistuu wajjin marii gochuuf carraaqqii gootus deebii gaarii argachuu dhiisuu dandeessa; taʼus nama si faana tajaajiluu wajjin marii gaarii gochuu ni dandeessa. Yesus bartoota isaa lallabaaf kan erge “lama lamaan” akka taʼe yaadadhu. (Luq. 10:1) Waliin hojjechuun isaanii wal jajjabeessuuf isaan dandeessiseera. Kanaaf, obbolootaa wajjin tajaajiluun ‘wal jajjabeessuuf’ carraa gaarii nuu bana.—Rom. 1:12.

Maalfaa haasaʼuu dandeessu? Isin keessaa dhiheenyatti muuxannoo nama jajjabeessu kan argate jiraa? Qayyabannaa dhuunfaa ykn qayyabannaa maatii irraa yaada nama jajjabeessu argatteettaa? Yaadni walgaʼii irratti dhageessee fi si jajjabeesse jiraa? Tarii namni wajjin tajaajiltu kan yeroo hunda wajjin tajaajiltu taʼuu dhiisuu dandaʼa. Gara dhugaatti kan dhufe akkamitti akka taʼe beektaa? Jaarmiyaan keenya jaarmiyaa Yihowaa akka taʼe maaltu isa amansiise? Mirga tajaajilaa fi muuxannoo akkamii argateera? Atis muuxannoo kee itti himuu dandeessa. Deebiin tajaajila irratti argannu maal iyyuu yoo taʼe, tajaajila irratti obbolootaa wajjin hojjechuun ‘wal cimsuuf’ carraa gaarii nuu bana.—1 Tas. 5:11.

BARSIIFATA QAYYABANNAA KEE ADDAAN HIN KUTIN

Babalʼisaa qayyabannaa dhuunfaa gochaa jiru

Hinaaffaa tajaajilaaf qabnu eegnee itti fufuuf, barsiifata qayyabannaa gaarii taʼe qabaachuunii fi addaan kutuu dhiisuun barbaachisaa dha. “Hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” barreeffamoota yaadawwan garaa garaa qabatan ni qopheessa. (Mat. 24:45) Kanaafuu, nyaata hafuuraa argachuuf mata dureewwan garaa garaa hedduu irratti qorannaa gochuu ni dandeessa. Yaada qayyabannaa dhuunfaa irratti gochuuf gaarii taʼe tokko akka fakkeenyaatti haa ilaallu: Hojiin lallabaa baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Saanduqni fuula 16 irra jiru sababiiwwan tokko tokko ni ibsa.

Qabxiiwwan saanduqicha irratti ibsaman irratti yaaduun kee hinaaffaadhaan lallabuu kee akka itti fuftu si kakaasa. Sababiiwwan kan biraa tarreessuuf maaliif qorannaa dabalataa hin gootu? Achii sababiiwwan tarreessitee fi caqasoota yaadicha deggeran irratti xiinxali. Akkas gochuun kee hinaaffaa tajaajilaaf qabdu akka sii cimsu hin shakkisiisu.

YAADA KENNAMU FUDHACHUUF QOPHAAʼAA TAʼI

Babalʼistoota hojiin argisiisa tajaajilaaf taʼu dhiheessaa jiran

Jaarmiyaan Yihowaa yaadawwan tajaajila keenya fooyyessuuf nu gargaaran itti fufiinsaan nuu kenna. Tajaajila manaa gara manaatti goonuun alattis, fakkeenyaaf, xalayaadhaan, bilbilaan, karaa irratti ykn bakka namoonni argaman kan biraatti, akkasumas karaa al idilee taʼeenii fi naannoo daldalaatti misiraachicha namootatti himuu ni dandeenya. Tarii naannoo baayʼee itti hin lallabamnetti tajaajiluu akka dandeenyutti haala keenya mijeessuus ni dandeenya taʼa.

Ati yaadawwan kana fudhachuuf qophaaʼaa dhaa? Isaan keessaa tokko tokko hojii irra oolchuuf yaaltee beektaa? Obboloonni kana gochuuf yaalan hedduun buʼaa argatanitti gammadaniiru. Fakkeenyota sadii ilaali.

Fakkeenyi jalqabaa, buʼaa yaadni Tajaajila Mootummaa irratti baʼee fi akkamitti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuun akka dandaʼamu dubbatu argamsiise dha. Yaadichi obboleettiin Eppiriil jedhamtu namoota ishee wajjin hojjetan sadii qayyabannaa akka jalqaban akka afeertu ishee kakaasee ture. Sadanuu afeerraa ishee kan fudhatan taʼuu isaa irra iyyuu, walgaʼii gumii irratti argamuu jalqabuun isaanii baayʼee ishee dinqisiiseera, akkasumas ishee gammachiiseera.

Fakkeenyi itti aanu immoo, barruulee keenya raabsuu wajjin kan wal qabate dha. Namoota mata dureewwan barruulee keenya irratti baʼan adda addaa isaan ilaallataniif barreeffamoota keenya akka geessinu jajjabeeffamnee turre. Daawwataa ol aanaan Yunaayitid Isteetis jiraatu tokko, barruu Dammaqaa! mata duree waaʼee gommaa dubbatu qabu namoota suuqiiwwan gommaa naannoo murtaaʼe tokko keessa jiran toʼataniif akka kenne gabaaseera. Kana malees, innii fi haati manaa isaa mata duree walitti aansee baʼuu fi “Doktoorota Keessan Hubadhaa” jedhu waajjira doktoorotaa aanaa isaanii keessa jiran 100 oliitti raabsaniiru. Daawwataa ol aanaan kun akkana jedheera: “Akkas gochuun waaʼee keenya akka beekan gochuu fi barreeffamoota keenya beeksisuu irratti faayidaa guddaa argamsiiseera. Seensa gaariidhaan namoota iddoowwan kanatti argannuu wajjin erga walii gallee booda, isaanii wajjin marii gochuu keenya itti fufuu dandeenyeerra.”

Fakkeenyi sadaffaan, bilbilatti fayyadamanii dhugaa baʼuu wajjin kan wal qabate dha. Obboleettiin Juudii jedhamtu, yaada bilbilatti fayyadamnee dhugaa akka baanu nuu kenname akka dinqisiifattu ibsuuf waajjira muummeetti xalayaa barreessitee turte. Obboleettiin kun haati ishee isheen umurii waggaa 86 dhibee fayyaatiin rakkachaa turte, bifa tajaajilaa kana irratti hirmaachaa akka turtee fi dubartii waggaa 92 bilbilaan Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuudhaan gammachuu guddaa argachaa akka turte barreessiteetti!

Dhuguma iyyuu yaadni dhugaa baʼuu wajjin wal qabatee barreeffamoota keenya irratti baʼu buʼa qabeessa dha. Itti fayyadami! Gammachuu kee fi hinaaffaa tajaajilaaf qabdu eeguuf si gargaara.

GALMAWWAN IRRA GAʼUU DANDEESSU BAAFADHU

Milkaaʼinni tajaajila irratti argannu kan madaalamu baayʼina barreeffamoota raabsinuutiin, baayʼina qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessinuutiin ykn baayʼina namoota Dhugaa Baatota Yihowaa akka taʼan gargaarruutiin qofa miti. Fakkeenyaaf, Nohi miseensota maatii isaatiin alatti waaqeffattoota Yihowaa akka taʼan namoota hammamii gargaare? Gama kanaan buʼaa argachuu baatus, lallaba irratti milkaaʼina akka argate beekamaa dha. Milkaaʼinni argannu kan madaalamu amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu keenyaani.—1 Qor. 4:2.

Labsitoonni Mootummichaa hedduun kakaʼumsa hojii lallabaa irratti hirmaachuuf qaban guddisuuf, galmawwan irra gaʼuu dandaʼan baafachuun akka isaan barbaachisu hubataniiru. Galmawwan kun maalfaa taʼuu dandaʼu? Yaadawwan tokko tokko saanduqa fuula kana irra jiru irratti caqasamaniiru.

Gargaarsa Yihowaatiin, karaawwan tajaajilli kee eebbaa fi buʼaa akka qabaatu gochuu itti dandeessu barbaadi. Galmawwan baafatte irra yommuu geessu, wanta yaadde raawwachuu keetti, akkasumas misiraachicha lallabuuf waan dandeessu hunda gochaa akka jirtu beekuu keetti ni gammadda.

Dhugaa dha, misiraachicha ennaa lallabnu haalli rakkisaan nu mudachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, hinaaffaadhaan Mootummicha lallabuuf wanti gochuu dandeessu jira. Hiriyaa tajaajilaa kee wajjin yaada nama jajjabeessu wal jijjiiri; barsiifata qayyabannaa gaarii taʼe qabaadhu, addaanis hin kutin; yaadawwan hojjetaan amanamaan kennu hojii irra oolchi; akkasumas galmawwan irra gaʼuu dandeessu baafadhu. Hunda caalaa immoo, Waaqayyo Dhugaa Baatuu isaa taʼuudhaan misiraachicha akka labsitu mirga guddaa akka sii kenne yaadadhu. (Isa. 43:10) Hinaaffaa tajaajilaaf qabdu yoo eegde gammachuu guddaa argatta!

HINAAFFAA TAJAAJILAAF QABDU EEGUUN KAN SI BARBAACHISU MAALIIFI?

  • Hojiin lallabaa raajiin Macaafa Qulqulluu raawwii akka argatu gochuu irratti gumaacha qaba.—Mar. 13:10.

  • Hojii bartoota gochuu irratti hirmaachuudhaan ajajamoo taʼuu keenya argisiisna.—Mat. 28:19, 20.

  • Yihowaan hamoonni wanta gochi isaanii isaan irratti geessisu ilaalchisee akeekkachiisa akka argatan barbaada.—His. 3:19.

  • Misiraachicha namootatti himuuf itti gaafatamummaan nu irra jira.—HoE. 20:26, 27; Rom. 1:14, 15.

  • Hojii lallabaa irratti hirmaachuun keenya dhiiga namootaatiin gaafatamuu irraa nu eega.—His. 3:18.

  • Dhugaa Macaafa Qulqulluu keessa jiru barsiisuun ulaagaa fayyina argachuuf barbaachisu siʼa taʼu, warra kaaniifis fayyina argamsiisa.—1 Xim. 4:16.

  • Waaʼee Yihowaa dubbachuunii fi namoota duratti isa jajachuun kutaa waaqeffannaa keenyaa isa guddaa dha.—Ibr. 13:15.

  • Ajajamuudhaan hojii kana hojjechuun keenya jaalala Yihowaa fi Yesusiif qabnu argisiisa.—Yoh. 14:15; 1 Yoh. 5:3.

  • Tajaajilli keenya soba Seexanni waaʼee Yihowaa babalʼisu fashaleessuuf nu gargaara.—Isa. 43:10-12; 2 Qor. 4:4.

GALMAWWAN IRRA GAʼUU DANDEESSU BAAFADHU

  • Tajaajilaaf sagantaa torbanii baafadhu; sagantaa kee eeguufis carraaqqii godhi.

  • Carraa argattu hundatti Macaafa Qulqulluu akka qayyabatan namoota afeeri.

  • Yoo dandaʼame yeroo namootaa wajjin marii gootu hundatti yoo xinnaate caqasa tokko dubbisiif.

  • Lakkoofsa barruulee raabsituu guddisi.

  • Nama ergaa Mootummichaa yeroo itti himtu si dhaggeeffate hunda deebiʼii gaafadhu.

  • Bifa tajaajilaa garaa garaa irratti hirmaadhu.

  • Karaa al idilee taʼeen lallabuuf carraa dabalataa uumuuf yaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi