LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w15 11/15 ful. 14-15
  • Arjummaa Yihowaatiif Dinqisiifannaa Akka Qabdan Argisiisaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Arjummaa Yihowaatiif Dinqisiifannaa Akka Qabdan Argisiisaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • FAKKEENYA ARJUMMAA HUNDA IRRA CAALU
  • “Hojiin Isaa Guddaa Dha”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Wanti Isaanirraa Hafe Qaawwa Dhaba Warra Kaanii Duucha
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Yihowaan Namoota Fedhiidhaan Kennan Ni Eebbisa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Namoota Kaan Gargaaruu Kan Dandeenyu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
w15 11/15 ful. 14-15
Dubartii kaardii baankii, maashinii kaardii elektiroonikii dubbisu keessa galchaa jirtu

Arjummaa Yihowaatiif Dinqisiifannaa Akka Qabdan Argisiisaa

YIHOWAAN Waaqa arjaa taʼe dha. (Yaq. 1:17) Samii duukkanaaʼaa urjiidhaan guutamee kaasee hanga marga magariisa lafa uwwiseetti, uumamawwan Yihowaa hundi arjummaa isaa kan argisiisani dha.—Far. 65:12, 13; 147:7, 8; 148:3, 4.

Faarfatichi Uumaa isaatiif dinqisiifannaa guddaa waan qabuuf, faarfannaa hojiiwwan Yihowaa jajatu barreessuuf kakaʼeera. Faarfannaa 104 yeroo dubbistu akkuma faarfatichaa akka sitti dhagaʼamu beekamaa dha. Faarfatichi, “Ani jireenya koo guutuu Waaqayyoof nan weeddisa, hamman jiruttis sagalee miʼaa dhageessisee, Waaqayyoon nan faarfadha” jedheera. (Far. 104:33) Ati hoo fedhii akkanaa qabdaa?

FAKKEENYA ARJUMMAA HUNDA IRRA CAALU

Yihowaan akkuma isaa arjaa akka taanu barbaada. Arjaa taʼuu kan qabnu maaliif akka taʼes nutti himeera. Wanta Phaawulos ergamaan hafuura qulqulluudhaan kakaʼee barreesse ilaali: “Warri amma biyya lafaa kanatti sooressota taʼan waan guddaa akka of hin seene, abdii isaaniis sooruma isa hin amansiifne irra akka hin kaaʼanne isaan hubachiisi! Abdii isaanii Waaqayyo isa waan hundumaa akka ittiin dhimma baanuuf baayʼisee nuuf kennu irra haa kaaʼatan! Wanta gaarii taʼe haa hojjetan, soorumni isaanii hojii gaarii isa isaan hojjetan haa taʼu! Haa arjooman, isa qaban warra kaaniinis haa gaʼan! Kanaan badhaadhummaa walitti qabatanii jireenya dhugaa harka isaanii keessa galfachuudhaaf bara dhufuuf ijaarsa jireenya sanaaf hundee gaarii in kaaʼatu.”—1 Xim. 6:17-19.

Phaawulos gumii Qorontosiif xalayaa isaa isa lammaffaa yeroo barreessetti, kennaa kennuu ilaalchisee ilaalcha sirrii qabaachuu qaban addeesseera. Phaawulos, “Namni adduma addaan garaa duuba yookiis giddiidhaan utuu hin taʼin, akka garaa isaatti murtoo godhetti kennuutu isaaf taʼa; Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu in jaallata” jedheera. (2 Qor. 9:7) Achiis waaʼee namoota gocha arjummaa irraa faayidaa argatanii dubbateera: namoonni kennaa fudhatan fedhiin isaanii ni guutamaaf; namoonni kennan immoo eebbawwan hafuuraa hedduu argatu.—2 Qor. 9:11-14.

Phaawulos ragaa guddaa arjummaa Waaqayyoo argisiisu caqasuudhaan kutaa xalayaa isaa kana xumureera. “Kennaa isaa isa hammas hin jedhamneef, Waaqayyoof galanni haa taʼu!” jedhee barreesseera. (2 Qor. 9:15) Kennaan Yihowaa gaarummaa inni karaa Yesus Kiristos saba isaatiif godhe hunda kan dabalatu akka taʼe beekamaa dha. Kennaan isaa kun baayʼee dinqisiisaa waan taʼeef, jechootaan guutummaatti ibsuun hin dandaʼamu.

Wantoota Yihowaanii fi Ilmi isaa hanga ammaattis taʼe gara fuulduraatti nuu godhan hundaaf dinqisiifannaa akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan kana gochuu itti dandeenyu inni tokko xinnaas taʼe guddaa yeroo, humnaa fi qabeenya keenya waaqeffannaa Yihowaa babalʼisuuf oolchuudhaani.—1 Sen. 22:14; 29:3-5; Luq. 21:1-4.

Karaawwan Namoonni Tokko Tokko Buusii Itti Godhan

Akkuma bara Phaawulos ergamaatti godhamaa ture, yeroo harʼaattis obboloonni hedduun saanduqa mallattoon “Hojii Addunyaa Maraatiif” jedhu irratti maxxanfame keessa buusuuf qarshii murtaaʼe ‘walitti ni qabu’ ykn ni ramadu. (1 Qor. 16:2) Gumiiwwanis jiʼa jiʼaan qarshii saanduqa keessaa argame waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa biyya isaaniitti argamutti ergu. Maqaa seera qabeessa waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa biyya keetti argamuu fayyadamuudhaan, kennaa fedhiidhaan kennamu kallattiidhaan erguus ni dandeessa. Maqaa seeraan beekamaa taʼee fi Dhugaa Baatonni Yihowaa biyya kee keessatti itti fayyadaman beekuuf, waajjira damee biyyichatti argamu gaafachuu dandeessa. Teessoo waajjira damee, www.jw.org irraa argachuun ni dandaʼama. Kennaawwan kallattiidhaan erguu dandeessu kanneen armaan gaditti ibsamani dha:

KENNAA GUUTUMMAATTI KENNAMU

  • Buusiiwwan mala baankii meeshaa elektirooniksiitiin qarshii dabarsuu, deebiit kaardii ykn kireediit kaardiitti fayyadamuudhaan godhaman. Biyyoota tokko tokkotti Weeb saayitii jw.org ykn Weeb saayitii heyyama qabu kan biraatti fayyadamuudhaan kana gochuun ni dandaʼama.

  • Qarshii, faaya ykn miʼa gati jabeessa kennuu. Xalayaan qarshiin ykn miʼichi kennaa taʼuu isaa ibsu duukaa ergamuu qaba.

QOPHII QARSHIIN DEEBIʼU ITTI KENNAMU

  • Qarshii yommuu barbaadanitti deebisanii fudhachuun dandaʼamu kennuu.

  • Xalayaan qarshiin kun kan deebiʼu taʼuu isaa ibsu duukaa ergamuu qaba.

KENNAA KAROORAAN KENNAMU

Qarshii fi miʼa gati jabeessa akka kennaatti gumaachuu malees, karaawwan hojii Mootummichaa addunyaa maratti geggeeffamu deggeruun itti dandaʼamu kan biraan jiru. Isaanis armaan gaditti ibsamaniiru. Malli itti fayyadamuu barbaadde kam iyyuu yoo taʼe, kan itti hojjetamaa jiru kam akka taʼe odeeffannoo argachuuf waajjira damee biyya keetti argamu utuu gaafattee gaarii dha. Ulaagaan seerri gaafatuu fi seerri gibiraa biyyaa gara biyyaatti garaa gara waan taʼeef, mala itti fayyadamuu barbaaddu filachuu kee dura namoota karaa gibiraa fi seeraa gorsa kennan gaafachuun kee barbaachisaa dha.

Inshuraansii: Namni tokko inshuraansii lubbuu ykn kaffaltii sooramaa isaa jaarmiyaan Dhugaa Baatota Yihowaa akka itti fayyadamuuf maqaa isaaniitti naannessuu dandaʼa.

Herrega Baankii: Seera baankii biyyichaa irratti hundaaʼuudhaan, qarshii baankiidhaa qaban, ragaa baankiidhaa qarshii akka qaban mirkaneessu ykn kaffaltii sooramaa adaraadhaan ykn yeroo duʼan jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa seeraan beekamaa taʼeef akka kennamu gochuun ni dandaʼama.

Aksiyoonotaa fi Boondota: Aksiyoonotaa fi boondota kallattiidhaan guutummaatti ykn walii galtee barreeffamaan kaaʼamee fi yeroo duʼaatti akka kennamu ibsuun jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa seeraan beekamaa taʼeef kennuun ni dandaʼama.

Qabeenya Hin Sochoone: Qabeenya hin sochoonee fi gurguramuu dandaʼu kallattiidhaan guutummaatti kennuu; mana jireenyaa yoo taʼe immoo abbaan qabeenyichaa utuu lubbuudhaan jiruu gara maqaa jaarmiyichaatti naannessee hamma lubbuudhaan jirutti itti fayyadama.

Kaffaltii Kennaa Irraa Argamu: Qarshiin ykn abbaan qabeenyummaa maqaa jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa seeraan beekamutti yoo jijjiirame, namni kennaa kana kenne waggaa waggaatti kaffaltii murtaaʼe akka argatu qophii godhamu dha. Namni kennaa kana kenne, waggaa isa jalqabaatti kaffaltii waggaatti argatu irraa gibirri galii hirʼifamuufii dandaʼa.

Dhaamsa Dhaalaa fi Adaraa: Qabeenya ykn qarshii karaa seera duratti fudhatama qabuun dhaalaan kennuun ykn adaraadhaan maqaa jaarmiyaa Dhugaa Baatota Yihowaa seeraan beekamaa taʼetti jijjiirsisuun ni dandaʼama. Qophiin kun gama gibiraatiin faayidaa tokko tokko argamsiisuu dandaʼa.

Yaadni “Kennaa karooraan godhamu” jedhu, namni kennaa akkasii kennu dursee karoora baafachuu akka qabu kan argisiisu dha. Namoota hojii Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti geggeessan kennaa karooraan godhamuun deggeruu barbaadaniif ibsa kennuuf, birooshurri Tajaajila Mootummaa Addunyaa Maratti Geggeeffamu Deggeruuf Kennaa Karooraan Godhamu jedhamu Ingiliffaa fi afaan Ispeeniin qophaaʼeera. Birooshurri kun, karaa adda addaa namoonni yeroo lubbuudhaan jiranitti kennaa kennuu ykn yeroo duʼaatti dhaamsa dhaalaa gochuu itti dandaʼan ilaalchisee ragaa kennuuf yaadamee kan qophaaʼe dha. Seera gibiraa ykn seera biyya kee keessa jiru kan biraatiin kan kaʼe, odeeffannoon birooshura kana keessa jiru guutummaatti siif hojjechuu dhiisuu dandaʼa. Kanaafuu, birooshura kana erga dubbistee booda, gorsitoota seeraa ykn gibiraa mariisisuu qabda. Namoonni hedduun malawwan kennaa itti kennan kanatti fayyadamuudhaan, hojii amantii fi gargaarsa namummaa jaarmiyaan keenya addunyaa maratti raawwachaa jiru deggeruu fi gibiraa wajjin haala wal qabateen faayidaa argachuu dandaʼaniiru. Birooshurri kun biyya kee keessa kan jiru taanaan barreessaa gumii kee irraa argachuu dandeessa.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, waajjira damee biyya keetti argamu gaafachuu dandeessa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi