LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w15 11/15 ful. 13
  • Gaaffii Dubbistootaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gaaffii Dubbistootaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Geggeessaa Keenya Kiristoositti Amanamaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Masaraa Yerikoo
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
  • Israa’eloonni Kana’aanitti Galan
    Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
  • Rahaab Gaaddota Dhoksite
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
w15 11/15 ful. 13
Luboonni xurumbaa gaanfa hoolaa irraa tolfame afuufan, Iyaasuun lolli akka jalqabamu gochuuf iyye, masaraan Yerikoos kukkufuu jalqabe

GAAFFII DUBBISTOOTAA

Magaalaan Yerikoo durii utuu yeroo dheeraadhaaf hin marfamin akka moʼamte wanti ragaa taʼu maali dha?

Iyaasuu 6:10-15, 20 akka dubbatutti, loltoonni Israaʼel guyyoota jaʼaaf guyyaatti siʼa tokko magaalaa Yerikoo naannaʼanii turan. Guyyaa torbaffaatti siʼa torba magaalattii kan naannaʼan siʼa taʼu, Waaqayyo masaraawwan Yerikoo ciccimoo taʼan akka jigan godheera. Kunis Israaʼeloonni gara Yerikoo seenanii magaalatti akka qabatan isaan dandeessiseera. Wanti Kitaabni Qulqulluun Yerikoon yeroo gabaabaa keessatti toʼannaa jala akka oolte dubbatu dhugaa taʼuu isaa ragaan arkiʼooloojii mirkaneessu jiraa?

Bara duriitti loltoonni, magaalaa cimtuu taate tokko marsuun isaanii baramaa ture. Magaalaa tokkotti marsanii kan turan yeroo hammamiitiif iyyuu yoo taʼe, loltoonni moʼan midhaan hafe kam iyyuu dabalatee qabeenya magaalattii ni boojiʼu turan. Haa taʼu malee, arkiʼooloojistoonni jijjigaa Yerikoo keessatti kuusaa midhaanii hedduu argataniiru. Kana ilaalchisee, Biblikaal Arkiʼooloojii Riiviiw akkana jedheera: “Qodaawwan supheetiin alatti wantoota jijjigaa magaalattii keessaa argaman keessaa hedduun isaa midhaan ture. . . . Kun seenaa arkiʼooloojii Phaalasxiinaa keessatti wanta adda taʼe dha. Tarii midhaan hubboo tokko ykn lama kan argamu taʼus, midhaan hamma kana baayʼatu argachuun baramaa miti.”

Akka Caaffanni Qulqullaaʼoon jedhanitti, Israaʼeloonni midhaan Yerikoo keessa ture boojiʼuu dhiisuuf sababii qabu turan. Yihowaan akkas akka hin goone isaan ajajee ture. (Iya. 6:17, 18) Israaʼeloonni magaalattii kan marsan tibba haamaa midhaan baayʼeen itti jiraatu booda ture. (Iya. 3:15-17; 5:10) Yerikoo keessatti midhaan baayʼeen kan hafe taʼuun isaa, akkuma Kitaabni Qulqulluun jedhutti Israaʼeloonni magaalattii kan marsan yeroo gabaabaadhaaf taʼuu isaa argisiisa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi