LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp16 Lakk. 2 ful. 16
  • Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Diiyaabilos eenyu? Yookiin maali dha?
  • Diiyaabilos namoota toʼachuu ni dandaʼaa?
  • Akkuma Yesus ‘Seexana Mormaa’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Seexanaan Mormaa! Innis Isin Dhiisee In Baqataa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
  • Diyaabilos Namoota Toʼachuu ni Dandaʼaa?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Seexanni Dhugumaan Jiraa?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
wp16 Lakk. 2 ful. 16
Yesus qorumsa Seexanna moʼeera

Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Diiyaabilos eenyu? Yookiin maali dha?

ATI MAAL JETTA? Diiyaabilos . . .

  • Qaama hafuuraa tii?

  • Hammeenya garaa namaa keessa jiru argisiisaa?

  • Moo wanta sammuun namaa uume dha?

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Diiyaabilos Yesusii wajjin dubbateera, akkasumas isa ‘qoreera.’ (Maatewos 4:1-4) Kanaaf, Diiyaabilos wanta sammuun namaa uume ykn hammeenya kan argisiisu miti. Inni qaama hafuuraa hamaa taʼe dha.

WANTA DABALATAA KITAABA QULQULLUU IRRAA BARANNU

  • Diiyaabilos jalqaba ergamaa qulqulluu ture; taʼus “dhugaa irra hin dhaabanne.” (Yohannis 8:44) Sobduu taʼuu isaa irra iyyuu, Waaqayyo irratti fincila kaase.

  • Ergamoonni kaanis fincila Seexanni kaase irratti hirmaatan.—Mulʼata 12:9.

  • Diiyaabilos namoonni hedduun jiraachuu isaa akka hin hubanne godheera.—2 Qorontos 4:4.

Diiyaabilos namoota toʼachuu ni dandaʼaa?

NAMOONNI TOKKO TOKKO yaadni Diiyaabilos nama toʼata jedhu waan hin fakkaanne dha jedhu; namoonni kaan immoo hafuurota hamoodhaan qabamuu baayʼee sodaatu. Ati hoo maal jetta?

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

‘Guutummaan biyya lafaa harka isa hamaa jala jira.’ (1 Yohannis 5:19) Diiyaabilos ilmaan namootaa irra dhiibbaa guddaa kan geessisu taʼus, namoota hunda toʼachuu hin dandaʼu.

WANTA DABALATAA KITAABA QULQULLUU IRRAA BARANNU

  • Diiyaabilos dhiibbaa isaa babalʼisuuf gowwoomsaatti fayyadama.—2 Qorontos 11:14.

  • Hafuuronni hamoon darbee darbee namoota toʼachuu dandaʼu.—Maatewos 12:22.

  • Gargaarsa Waaqayyootiin, ‘Seexana mormuu’ irratti milkaaʼina argachuu dandeessa.—Yaaqoob 4:7.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe kana boqonnaa 10⁠ffaa ilaali

Kitaabichi www.jw.org/om irrattis ni argama

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi