LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp16 Lakk. 3 ful. 8
  • Kitaabni Qulqulluun Badiisa Irraa kan Oole Maaliifi?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaabni Qulqulluun Badiisa Irraa kan Oole Maaliifi?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kitaabni Qulqulluun Ergaa Waaqayyo Nuuf Erge Dha
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Seenaa Beekuu Qabnu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
  • Maatiidhaaf Gargaarsa Dabalataa
    Dammaqaa!—2018
  • Macaafa Qulqulluudhaaf Ilaalcha Akkamii Qabda?
    Macaafa Qulqulluudhaaf ilaalcha akkamii qabda?
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
wp16 Lakk. 3 ful. 8
Nama Kitaaba Qulqulluu dubbisu

MATADUREE FUULA JALQABAA | KITAABA QULQULLUU—MATA DUREE FUULA JALQABAA

Kitaabni Qulqulluun Badiisa Irraa kan Oole Maaliifi?

Kitaabni Qulqulluun badiisa irraa ooleera. Kanaan kaʼes yeroo harʼaatti kitaaba kana qabaachuu fi dubbisuu ni dandeessa. Hiikkaa Kitaaba Qulqulluu gaarii yoo filatte, kitaaba barreeffama isa jalqabaa irraa of eggannoodhaan garagalchame dubbisaa akka jirtu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.a Haa taʼu malee Kitaabni Qulqulluun tortoruu irraa, mormii cimaa irraa, akkasumas yaalii taʼe jedhamee ergaa isaa geddaruuf godhame irraa haala nama dinqisiisuun kan oole maaliifi? Kitaaba kana baayʼee adda kan taasisu maali dha?

“Amma Kitaabni Qulqulluun ani qabu kennaa Waaqayyo biraa dhufe taʼuu isaa mirkanaaʼaa taʼeera”

Barattoonni Kitaaba Qulqulluu hedduun akkuma Phaawulos ergamaa xumura, “Kitaabni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin . . . barreeffame” jedhu irra gaʼaniiru. (2 Ximotewos 3:16) Kitaabni Qulqulluun badiisa irraa kan oole Dubbii Waaqayyoo adda taʼe waan taʼee fi Waaqayyo hanga harʼaatti akka turu waan godheef akka taʼe ni amanu. Faayizal inni mata duree isa jalqabaa irratti caqasame, yeroo booda wantoota dhagaʼe mirkaneeffachuuf ofii isaatii Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf murteesse. Wanti inni hubate isa dinqisiiseera. Utuu baayʼee hin turin barumsi Saba Kiristiyaanaa hedduun Kitaaba Qulqulluu keessa akka hin jirre hubate. Kana malees, kaayyoo Waaqayyo lafaaf qabu ilaalchisee wanti Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame isa tuqeera.

Akkana jedheera: “Amma Kitaabni Qulqulluun ani qabu kennaa Waaqayyo biraa dhufe taʼuu isaa mirkanaaʼaa taʼeera. Waaqayyo inni uumama cufa uume, kitaaba nuu kennuu fi eegee nuu tursuuf humna hin qabuu? Akkas gochuu hin dandaʼu jedhanii yaaduun humna Waaqayyoo tuffachuu dha. Humna Isa Waan Hundumaa Dandaʼuu kanan tuffadhu ani eenyu?”—Isaayaas 40:8.

a Masaraa Eegumsaa Caamsaa 1, 2008 (Amaariffa) irraa mata duree “Hiikkaa Kitaaba Qulqulluu Isa Gaarii Filachuu Kan Dandeessu Akkamitti?” jedhu ilaali.

Kitaabni Qulqulluun Dhugaa Taʼuu Isaa Akkamitti Beekna?

Mata dureewwan walitti aanan kunneen Kitaabni Qulqulluun akkamitti eegamee akka ture ibsaniiru. Kitaabni Qulqulluun sheekkoo fi oduu durii utuu hin taʼin, dhuguma “dubbii Waaqayyoo” taʼuu isaa akkamitti mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa? (1 Tasalonqee 2:13) Weebsaayitii www.jw.org/om irraa viidiyoo gabaabaa Kitaabni Qulqulluun Dhugaa Taʼuu isaa Akkamitti Beekna? jedhu ilaali. (WANTOOTA QOPHAAʼAN > KITAABOTAA FI BIROOSHUROOTA jalaa argama)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi