LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w16 Waxabajjii ful. 3-5
  • Yihowaan ‘Isiniif ni Yaada’

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yihowaan ‘Isiniif ni Yaada’
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • WAAQAYYO WANTA JIREENYAAF BARBAACHISU NAMOOTAAF NI KENNA
  • YIHOWAAN YEROO ISAA HIN SASSATU
  • WAAQAYYO DHIIFAMA GOCHUUF FEDHII QABA
  • YEROO GARGAARSI SI BARBAACHISUTTI SI GARGAARA
  • Yihowaan Waaqa Dhiifamni Isaa Guddaa Taʼedha
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Qabiyyee Kadhannaa Keenyaa Fooyyessuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Waaqa ‘Dhiifama Gochuuf Qophaaʼaa’ Taʼe
    Yihowaatti Dhihaadhu
  • Akkamitti Kadhachuu Qabna?—Kadhannaan Gooftaa Hunda Irra kan Caalu Dhaa?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
w16 Waxabajjii ful. 3-5
Saanduqa poomii qabatee fi maasii kuduraa keessa jiru

Yihowaan ‘Siif ni Yaada’

JECHOONNI kun dhugaa akka taʼanii fi Yihowaan dhugumaan akka siif yaadu mirkanaaʼaa taʼuu kan dandeessu maaliifi? Sababiin inni tokko Kitaabni Qulqulluun kallattiidhaan akkana waan jedhuufi. Pheexros Inni Duraa 5:7, “Inni isiniif waan yaaduuf yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa” jedha. Haa taʼu malee, Yihowaan xiyyeeffannaa akka siif kennu ragaa akkamii qabda?

WAAQAYYO WANTA JIREENYAAF BARBAACHISU NAMOOTAAF NI KENNA

Obboleettiin tokko obboleettii gara biraadhaaf kennaa yommuu kennitu

Yihowaan gaarummaa fi arjummaa argisiisuudhaan fakkeenya taʼeera

Tokkoffaa, Waaqayyo amalawwan michuun sitti dhihaatu tokko akka qabaatu barbaaddu qaba. Namoonni gaarummaa fi arjummaa walitti argisiisan yeroo baayʼee michuu dhugaa waliif taʼu. Akkuma salphaatti hubachuu dandeessutti, Yihowaan guyyaa hundumaa namootatti gaarummaa fi arjummaa ni argisiisa. Fakkeenya tokko ilaali: “Inni aduu isaa namoota hamoo fi namoota gaarii irratti ni baasa; bokkaas qajeelotaa fi jalʼoota irratti ni roobsa.” (Mat. 5:45) Ifni aduu fi bokkaan faayidaa akkamii qabu? Faayidaa wantoonni kun qaban keessaa tokko, Waaqayyo wantoota kanatti fayyadamee, ‘namoonni nyaata akka quufanii fi garaan isaanii gammachuudhaan akka guutamu kan godhu’ taʼuu isaa ti. (HoE. 14:17) Eeyyee, Yihowaan lafti nyaata gaʼaa akka kennitu kan godhu siʼa taʼu, wantoonni nyaata gaarii caalaa gammachuu nuuf argamsiisan muraasa dha.

Maarree namoonni hedduun kan beelaʼan maaliifi? Kun kan taʼe, bulchitoonni ilmaan namootaa yeroo baayʼee jireenya namootaa fooyyessuu irratti utuu hin taʼiin, aangoo siyaasaa fi buʼaa maallaqaa argachuu irratti waan xiyyeeffataniifi. Yihowaan yeroo dhihootti sirna siyaasaa yeroo ammaa jiru Mootummaa samii isa Ilmi isaa Mootii taʼee itti bulchuun bakka buusuudhaan rakkina sababa sassataatiin dhufu kanaaf furmaata kenna. Yeroo sanatti namni tokko illee hin beelaʼu. Hammasitti garuu, Waaqayyo tajaajiltoota isaa warra amanamoo sooruu isaa itti fufa. (Far. 37:25) Kun, inni akka nuuf yaadu kan argisiisu mitii?

YIHOWAAN YEROO ISAA HIN SASSATU

Obboleessi tokko yommuu obboleessi gara biraan dubbatu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffata

Yihowaan yeroo isaa sassatuu dhiisuudhaan fakkeenya taʼeera

Michuu gaariin yeroo isaa siif ni kenna. Wanta lamaan keessan iyyuu gammachiisu sii wajjin haasaʼuudhaan saʼaatii dheeraa dabarsa. Kana malees, michuu gaariin rakkoowwan kee fi dhimmoota si yaaddessan yeroo itti himtu xiyyeeffannaadhaan si dhaggeeffata. Yihowaan hoo akkuma michuu kanaa tii? Eeyyee! Yihowaan kadhannaa keenya ni dhagaʼa. Kitaabni Qulqulluun, ‘kadhannaatti akka jabaannuu’ fi ‘utuu gargar hin kutin akka kadhannu’ kan nu jajjabeessus kanaafi.—Rom. 12:12; 1 Tas. 5:17.

Yihowaan kadhannaa kee dhaggeeffachuudhaan yeroo hammamii dabarsuuf fedhii qaba? Fakkeenyi Kitaaba Qulqulluu tokko deebii isaa nuuf kenna. Yesuus ergamoota isaa filachuu isaa dura, “halkan guutuu Waaqayyoon kadhachaa [buleera].” (Luq. 6:12) Yesuus kadhannaa isaa kana irratti, barattoota isaa keessaa baayʼee isaanii maqaadhaan caqasee, amalawwan gaggaarii fi dadhabina isaan qaban ibsuudhaan filannaa godhu irratti akka isa gargaaru Abbaa isaa kadhatee taʼuu qaba. Yeroo lafti bariʼu, Yesuus warra ergamoota isaa taʼuuf gaʼumsa qaban filachuu isaa hubate. Yihowaan ‘isa kadhata namaa dhagaʼu’ waan taʼeef, kadhanna garaadhaa madde dhagaʼuun isa gammachiisa. (Far. 65:2) Namni tokko waaʼee wanta baayʼee isa yaaddesse tokkoo ibsee saʼaatii dheeraa kadhannaadhaan yoo dabarse illee Yihowaan saʼaatii sana isatti hin lakkaaʼu.

WAAQAYYO DHIIFAMA GOCHUUF FEDHII QABA

Obboloonni lama nagaa wal gaafatu

Yihowaan dhiifama gochuuf fedhii qabaachuudhaan fakkeenya taʼeera

Michoonni gaarii taʼan illee yeroo tokko tokko dhiifama gochuun isaan rakkisa. Kana malees namoonni yeroo dheeraadhaaf michoota turan dhiifama gochuun waan itti ulfaatuuf yeroon itti gargar baʼan jira. Yihowaan garuu akkana miti. Kitaabni Qulqulluun, Yihowaan ‘araarri isaa guddaa waan taʼeef,’ namoonni garaa qulqulluu qaban hundi dhiifama argachuuf akka isa kadhatan afeera. (Isa. 55:6, 7) Waaqayyo tola dhiifama gochuuf kan isa kakaasu maali dha?

Jaalala isaa isa gita hin qabne dha. Yihowaan addunyaa kana baayʼee waan jaallatuuf, ilmaan namootaa cubbuu fi rakkina sababa cubbuutiin dhufu irraa oolchuuf Ilma isaa Yesuusiin dabarsee kenneera. (Yoh. 3:16) Dhugaa dha, furichi wanta kana caalus ni raawwata. Waaqayyo aarsaa Kiristoositti fayyadamuudhaan namoota jaallatuuf tola dhiifama ni godha. Yohaannis ergamaan, “Waaqayyo amanamaa fi qajeelaa waan taʼeef, cubbuu keenya yoo himanne, inni cubbuu keenya nuu dhiisa” jechuudhaan barreesseera. (1 Yoh. 1:9) Yihowaan dhiifama waan isaaniif godhuuf, namoonni michoota isaa taʼanii itti fufuu ni dandaʼu; kana beekuun keenya immoo garaa keenya ni tuqa.

YEROO GARGAARSI SI BARBAACHISUTTI SI GARGAARA

Obboleettiin tokko obboleettii gara biraa jajjabeessiti

Yihowaan yeroo gargaarsi nu barbaachisutti nu gargaaruudhaan fakkeenya taʼeera

Michuu dhugaan yeroo warri kaan gargaarsi isaan barbaachisutti isaan gargaara. Yihowaan hoo akkana ni godhaa? Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo harka isaa qabee waan isa eeguuf [“deggeruuf,” NW], inni [namni tajaajilaa Waaqayyoo taʼe] yoo kufe iyyuu, lafa hin gaʼu” jedha. (Far. 37:24) Yihowaan karaa garaa garaatiin ‘tajaajiltoota isaa ni deggera.’ Muuxannoo Seeyint Kirooyi ishii odoola Kaariibiyaanii taate irraa argame kana ilaali.

Intalli tokko sababii amantii ishiitiin kan kaʼe alaabaadhaaf ulfina addaa waan hin kennineef ijoolleen daree ishii dhiibbaa irraan gaʼu turan. Yihowaan akka ishii gargaaru erga kadhattee booda, dhimma kana irratti ibsa kennuuf murteessite. Gabaasa ishii isa yeroo itti aanutti dhiheessitu irratti waaʼee alaabaadhaaf ulfina addaa kennuu ibsite. Barreeffama Kitaaba Koo Isan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu jedhamutti kan fayyadamte siʼa taʼu, seenaan Shaadraak, Meshaakii fi Abedneegoo akkamitti murtoo ishii irratti dhiibbaa akka godhe ibsite. “Yihowaan, Ibroonni sadan siidaa sana waan hin waaqeffanneef isaaniif eegumsa godheera” jette. Achiis kitaabicha akka fudhatan isaan afeerte. Kanaan kan kaʼes, ijoolleen kudha tokko kitaabicha fudhachuu barbaadan. Intalli kun Yihowaan ciminaa fi ogummaa dhimma of eeggannoo barbaadu kana irratti dhugaa baʼuuf ishii dandeessisu akka ishiidhaaf kenne hubachuu ishiitti baayʼee gammaddeetti.

Yihowaan akka siif yaadu yoo shakkite, yaadawwan caqasoota akka Faarfannaa 34:17-19; 55:22; fi 145:18, 19 irra jiran irratti xiinxali. Obboloota dhugaa keessa yeroo dheeraa turan Yihowaan akkamitti akka isaan kunuunsaa ture gaafadhu. Akkasumas, gargaarsi Waaqayyoo yeroo si barbaachisutti, waaʼee dhimma sanaa isa kadhadhu. Taanaan Yihowaan hammam akka ‘siif yaadu’ yeruma sana hubatta.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi