LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w17 Caamsaa ful. 17-21
  • Jaalalli Keessan Akka Qabbanaaʼu hin Heyyaminaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jaalalli Keessan Akka Qabbanaaʼu hin Heyyaminaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • JAALALA YIHOWAADHAAF QABNU
  • JAALALA DHUGAA KITAABA QULQULLUUTIIF QABNU
  • JAALALA OBBOLOOTA KEENYAAF QABNU
  • Waaqa Isa Isin Jaallatu Jaalladhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
  • ‘Jaalalaan Deddeebiʼuu Kee Itti Fufi’
    Yihowaatti Dhihaadhu
  • ‘Waaqa Keessan Jaalladhaa’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Jaalala Isa Yoomiyyuu Hin Badne Hordofaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
w17 Caamsaa ful. 17-21
Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti turan yeroo misiraachicha lallaban

Jaalalli Keessan Akka Qabbanaaʼu hin Heyyaminaa

“Hamminni dabalaa waan deemuuf jaalalli namoota hedduu ni qabbanaaʼa.”—MAT. 24:12.

FAARFANNAA: 38, 128

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu cimaa akka deemu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

  • Jaalalli dhugaa Kitaaba Qulqulluutiif qabnu cimaa akka adeemu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

  • Obboloota keenya jaallachuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

1, 2. (a) Yaanni Yesuus Maatewos 24:12 irratti dubbate adda durummaadhaan kan raawwatame eenyu irratti ture? (b) Kitaabni Hojii Ergamootaa, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaatti turan hedduun jaalala argisiisaa akka turan kan ibsu akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

MALLATTOO Yesuus “dhuma sirna kanaa” ilaalchisee kenne keessaa tokko, ‘jaalalli namoota hedduu akka qabbanaaʼu’ dubbate dha. (Mat. 24:3, 12) Yihudoonni jaarraa jalqabaatti turan, saba Waaqayyoo akka taʼanitti dubbachaa kan turan taʼanis, jaalalli Waaqayyoof qaban akka qabbanaaʼu heyyamanii turan.

2 Gama biraatiin immoo, Kiristiyaanonni yeroo sanatti turan hedduun ‘misiraachoo waaʼee Kiristoos ibsu lallabuu’ irratti hinaaffaadhaan hirmaachaa, akkasumas jaalala Waaqayyoof, namoota hidhata amantii isaanii taʼanii fi namoota Kiristiyaanota hin taaneef qaban argisiisaa turan. (HoE. 2:44-47; 5:42) Haa taʼu malee, duuka buutonni Yesuus jaarraa jalqabaatti turan tokko tokko, jaalalli isaanii akka qabbanaaʼu heyyamanii turan.

3. Kiristiyaanonni tokko tokko jaalalli isaanii akka qabbanaaʼu kan godhe maal taʼuu dandaʼa?

3 Yesuus Kiristoos inni duʼaa kaafame, Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatti Efesoon keessa jiraachaa turan ilaalchisee, “Waanan itti si komadhu tokko qaba, jaalala isa jalqaba irratti qabdu sana dhiisteetta” jedheera. (Mul. 2:4) Wanti kanaaf sababii taʼe tokko maal taʼuu dandaʼa? Barattoonni Kiristoos jalqabaa ilaalchi foonii addunyaan qabu dhiibbaa waan isaan irratti geessiseef taʼuu dandaʼa. (Efe. 2:2, 3) Akkuma magaalota yeroo ammaatti jiran hedduu, Efesoon ishiin jaarraa jalqabaatti turtes gochawwan gadheedhaan kan guutamte turte. Efesoon magaalaa badhaatuu kan turte siʼa taatu, jiraattonni ishii jireenya qananii, bashannanaa fi jireenya mijataa jiraachuu irratti kan xiyyeeffatan turan. Waaqayyoo fi namootaaf jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiisuu mannaa, wantoota gammachuu isaaniif argamsiisan irratti kan xiyyeeffatan turan. Kana malees, gocha qaanii hin qabnee fi halalummaan gar malee babalʼatee ture.

4. (a) Bara keenyatti jaalalli qabbanaaʼaa kan jiru karaawwan kamiini? (b) Jaalalli keenya qoramuu kan dandaʼu karaawwan sadan kamiini?

4 Raajiin Yesuus jaalalli qabbanaaʼaa akka deemu dubbate bara keenyattis raawwatamaa jira. Namoonni yeroo ammaatti jiran jaalalli Waaqayyoof qaban hirʼachaa dhufeera. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Waaqayyo irraa kan garagalan taʼuu isaanii irra iyyuu, dhaabbanni namoonni hundeessan rakkoowwan ilmaan namootaatiif furmaata ni kennu jedhanii abdatu. Kanaaf, jaalalli namoota Yihowaa hin waaqeffannee qabbanaaʼuu isaa itti fufeera. Akkuma gumii Efesoon isa jaarraa jalqabaatti ture keessatti mulʼatee ture, yeroo harʼaattis Kiristiyaanonni dhugaan jireenya qananii jiraatanitti gammaduu fi jaalalli isaanii qabbanaaʼaa akka deemu heyyamu taʼa. Mee karaa jaalalli keenya qoramuu itti dandaʼu sadii haa ilaallu: (1) Jaalala Yihowaadhaaf qabnu, (2) jaalala dhugaa Kitaaba Qulqulluutiif qabnuu fi (3) jaalala obboloota keenyaaf qabnu.

JAALALA YIHOWAADHAAF QABNU

5. Waaqayyoon jaallachuu kan qabnu maaliifi?

5 Yesuus, guyyuma jaalalli akka qabbanaaʼu akeekkachiisee ture sana, waaʼee jaalala isa hunduma irra caalus ibsee ture. Akkana jedheera: “‘Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan jaalladhu.’ Kun ajaja isa hunda irra caaluu fi isa duraa ti.” (Mat. 22:37, 38) Dhuguma iyyuu, Waaqayyoof jaalala cimaa qabaachuun keenya abboommiiwwan isaatiif ajajamuuf, jabaannee dhaabachuu fi wanta gadhee jibbuuf nu gargaara. (Faarfannaa 97:10 dubbisi.) Seexannii fi addunyaan isaa garuu, jaalalli Waaqayyoof qabnu akka qabbanaaʼu gochuuf yaalu.

6. Waaqayyoon jaallachuu dhiisuun miidhaa akkamii geessiseera?

6 Addunyaan keessa jiraannu jaalalaaf ilaalcha dogoggoraa qaba. Namoonni Uumaa isaanii jaallachuu mannaa, “kan of jaallatan” taʼaniiru. (2 Xim. 3:2) Addunyaan Seexanni bulchu kun ‘hawwii foonii, hawwii ijaa fi qabeenya ofii argisiifachuu’ babalʼisa. (1 Yoh. 2:16) Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota hidhata isaa taʼan waaʼee of gammachiisuu yommuu akeekkachiisu akkana jedheera: “Yaadni ofii foon irratti akka xiyyeeffatu gochuun duʼa fida; sababiin isaas . . . yaadni ofii foon irratti akka xiyyeeffatu gochuun diina Waaqayyoo taʼuu jechuu dha.” (Rom. 8:6, 7) Dhuguma iyyuu, namoonni jireenya isaanii guutuu qabeenya kuufachuuf dhamaʼaa turan ykn fedhii saalaa isaanii guuttachuuf jiraatan, gaddaa fi miidhaa hedduutiif saaxilamaniiru.—1 Qor. 6:18; 1 Xim. 6:9, 10.

7. Duuka buutonni Kiristoos yeroo harʼaatti argaman balaawwan akkamiitiif saaxilamaniiru?

7 Biyyoota tokko tokkotti, namoonni Waaqayyotti hin amanne, namoonni jiraachuu isaa mirkanaaʼoo taʼuun akka hin dandaʼamne dubbatanii fi jijjiirama tirannaatti amanan, yaadawwan jaalala Waaqayyoof qabnu qofa utuu hin taʼin, amantii isa irratti qabnu nu jalaa balleessuuf qophaaʼan babalʼisu. Namni tokko Uumaatti kan amanu gowwaa ykn hubannaa kan hin qabne yoo taʼe qofa akka taʼe fakkeessuudhaan namoota hedduu amansiisaniiru. Haaluma wal fakkaatuun, namoonni saayintistoota waaqeffachuudhaan, xiyyeeffannaa namootaa Uumaa keenya irraa jalʼisu. (Rom. 1:25) Barumsawwan akkasii yoo dhaggeeffanne, Yihowaa irraa nu fageessuu fi jaalalli keenya akka qabbanaaʼu gochuu dandaʼu.—Ibr. 3:12.

8. (a) Sabni Yihowaa hedduun haala abdii nama kutachiisu akkamiitu isaan mudata? (b) Faarfannaa 136 irraa yaada nama jajjabeessu akkamii arganna?

8 Abdii kutachuunis, amantiin keenya akka laafuu fi jaalalli Waaqayyoof qabnu akka qabbanaaʼuu gochuu dandaʼa. Sirna hamaa Seexanni toʼatu kana keessatti, hundi keenya yeroo tokko tokko haalawwan abdii nama kutachiisan nu mudachuu dandaʼu. (1 Yoh. 5:19) Tarii yeroo harʼaatti dulluma, dhibee fayyaa ykn rakkina dinagdee wajjin qabsaaʼaa jirra taʼa. Yookiin miira gaʼumsa akka hin qabne nutti dhagaʼamu, wanti abdanne utuu hin raawwatamin hafee ykn dogoggora raawwanne wajjin walʼaansoo gochaa jirra taʼa. Taʼus, haalli ykn miirri akkasii Yihowaan akka nu gate akka nu amansiisu matumaa heyyamuu hin qabnu. Kanaa mannaa, jechoota jaalalli Yihowaa yoom iyyuu akka hin qabbanoofne nuuf mirkaneessan irratti xiinxaluu qabna. Yaanni Faarfannaa 136:23 irratti, “Yeroo gad deebii keenyaatti isatu nu yaadate; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata” jechuudhaan ibsame jechoota nama jajjabeessan akkasii kan qabate dha. Dhuguma iyyuu, jaalalli amanamaan Yihowaan tajaajiltoota isaatiif qabu yoom iyyuu hin jijjiiramu. Kanaaf, Yihowaan ‘himata keenya dhagaʼee’ deebii akka nuuf kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Far. 116:1; 136:24-26.

9. Phaawulos, jaalala Waaqayyoof qabu eegee akka jiraatu jabina kan isaaf kenne maali dha?

9 Akkuma faarfatichaa, Phaawulosis deggersa Yihowaan utuu wal irraa hin kutin isaaf godhe irratti xiinxaluun isaa humna isaaf kenneera. Phaawulos, “Yihowaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu. Namni maal na gochuu dandaʼa?” jedhee barreesseera. (Ibr. 13:6) Phaawulos amanannaa cimaa kunuunsa jaalalaa Yihowaan isaaf godhu irratti qabu, rakkoo jireenya isaa keessatti isa mudate dandamachuuf isa gargaareera. Rakkoowwan isa mudatan akka abdii isa kutachiisan hin heyyamne. Phaawulos yommuu mana hidhaa turetti iyyuu, xalayaawwan nama jajjabeessan hedduu barreesseera. (Efe. 4:1; Filp. 1:7; Film. 1) Eeyyee, Phaawulos rakkoowwan hedduun isa irra gaʼanii kan turan taʼus, jaalala Waaqayyoof qabu eegee jiraateera. Jabina kana gochuuf isa dandeessise kan isaaf kenne maali dha? Yihowaa isa ‘Waaqa jajjabina hundaa taʼee fi rakkina keenya hunda keessatti nu jajjabeessutti’ amanamuu isaa ture. (2 Qor. 1:3, 4) Fakkeenya Phaawulos hordofuudhaan jaalalli Yihowaadhaaf qabnu cimaa taʼee akka itti fufu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

Obboleettii kadhachaa jirtu

Yihowaadhaaf jaalala akka qabdan argisiisaa (Keeyyata 10 ilaali)

10. Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu cimaa taʼee akka itti fufuu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Phaawulos karaa guddaa jaalalli Waaqayyoof qabnu cimee akka itti fufuu gochuu itti dandeenyu tokko dubbateera. Namoota hidhata amantii isaa taʼaniif, “Utuu gargar hin kutin kadhadhaa” jedhee barreessee ture. Yeroo booda immoo, “Kadhannaatti jabaadhaa” jedhee barreesseera. (1 Tas. 5:17; Rom. 12:12) Kadhannaadhaan yaada keenya ibsuun, Waaqayyoo wajjin hariiroo cimaa uumuuf buʼuura taʼa. (Far. 86:3) Yeroo gaʼaa ramadnee wanta yaada keenya keessa jiru kan isatti himnuu fi miira keenya kan isaaf ibsinu yoo taʼe, Abbaa keenya isa samii ‘kadhata namaa dhagaʼutti’ caalaatti dhihaanna. (Far. 65:2) Kana malees, Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii akka kenne yommuu hubannu, jaalalli isaaf qabdu ni guddata. Akkasumas yeroo kam iyyuu caalaa, “Waaqayyo warra isa waammatan hundumaatti . . . dhiʼoo” akka taʼe hubanna. (Far. 145:18) Deggersa jaalalaa Yihowaan godhu irratti amanannaa akkasii qabaachuun keenya, qorumsawwan amantii nu mudachuuf jiran moʼuuf nu gargaara.

JAALALA DHUGAA KITAABA QULQULLUUTIIF QABNU

11, 12. Jaalalli, dhugaa Kitaaba Qulqulluutiif qabnu caalaatti akka guddatu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

11 Kiristiyaanota waan taaneef, dhugaa ni jaallanna, bakka guddaas ni kenninaaf. Dubbiin Waaqayyoo madda dhugaa isa hunduma irra caaluu ti. Yesuus kadhannaa Abbaa isaatiif dhiheesse irratti, “Dubbiin kee dhugaa dha” jedhee ture. (Yoh. 17:17) Kanaaf, dhugaa jaallachuun Dubbii Waaqayyoo ilaalchisee beekumsa sirrii argachuu irraa jalqaba. (Qol. 1:10) Haa taʼu malee, beekumsa sammuu argachuu malees wanta dabalatu qaba. Wanti barreessaan Faarfannaa 119 geggeessaa hafuuraatiin barreesse, dhugaa Kitaaba Qulqulluu jaallachuun maal jechuu akka taʼe hubachuuf akkamitti akka nu gargaaru hubadhaa. (Faarfannaa 119:97-100 dubbisi.) Guyyaa keessatti yaadawwan Kitaaba Qulqulluu dubbisne irratti xiinxaluuf yeroo ni ramadnaa? Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuun akkamitti akka nu fayyade yommuu xiinxallu, jaalalli dhugaa Kitaaba Qulqulluutiif qabnu guddachaa deema.

12 Faarfatichi itti fufuudhaan akkana jedheera: “Wanti ati jette attam anatti miyaaʼa! Isa dammi afaan kootti miyaaʼu caalaa anatti in miyaaʼa.” (Far. 119:103) Haaluma wal fakkaatuun, nyaata hafuuraa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee fi jaarmiyaan Waaqayyoo nuuf dhiheessu akka nyaata miʼaawaatti nyaachuu dandeenya. Nyaata hafuuraa sirriitti alanfannee nyaachuun keenya, “dubbii” dhugaa “nama gammachiisu” yaadachuu fi namoota kaan ittiin gargaaruuf fayyadamuuf nu dandeessisa.—Lal. 12:10.

13. Ermiyaas dhugaa Kitaaba Qulqulluu akka jaallatu kan isa gargaare maali dha? Kun hoo isa irratti jijjiirama akkamii fide?

13 Ermiyaas raajichi dhugaa Kitaaba Qulqulluu ni jaallata ture. Dubbiin Waaqayyoo garaa isaa irratti jijjiirama akkamii akka fide hubadhaa. “Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, ani kan kee tiʼo, dubbii kee yommuun argadhe, akka nama buddeena nyaatuutti isa nan nyaadhe, innis garaa koo gammachuu fi qannoodhaan in guute.” (Er. 15:16) Ermiyaas dubbii Waaqayyoo isa gatii guddaa qabu fakkeenyaan kan nyaatee fi kan bulleesse irratti xiinxaluudhaani. Karaa kanaan dinqisiifannaa guddaa mirga maqaa Waaqayyootiin waamamuuf argateef qabu guddifachuu dandaʼeera. Jaalalli dhugaa Kitaaba Qulqulluutiif qabnu, mirga addaa maqaa Waaqayyootiin waamamuuf qabnu akka hubannuu fi guyyoota dhumaa kanatti waaʼee Mootummaa isaa lallabuuf nu kakaasaa?

Obboleettii Kitaaba Qulqulluu dubbisaa fi irratti xiinxalaa jirtu

Dhugaa Kitaaba Qulqulluutiif jaalala akka qabdan argisiisaa (Keeyyata 14 ilaali)

14. Jaalala dhugaa Kitaaba Qulqulluutiif qabnu guddifachuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan dubbisuu malees, jaalala dhugaa Kitaaba Qulqulluutiif qabnu caalaatti guddifachuu kan dandeenyu akkamitti? Walgaʼiiwwan gumii irratti yeroo hunda argamuudhaan, jaalala dhugaa Kitaaba Qulqulluutiif qabnu guddifachuu dandeenya. Masaraa Eegumsaatti fayyadamnee torban torbaniin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun keenya, karaa barumsa itti argannu keessaa isa guddaa dha. Barumsa qoʼatamaa jiru sirriitti hubachuuf, tokkoon tokkoon Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa akka gaariitti qophaaʼuu qabna. Karaan kana gochuu itti dandeenyu tokko, caqasa Kitaaba Qulqulluu kenname tokko tokkoon baasnee dubbisuu dha. Yeroo ammaatti, Masaraa Eegumsaa weeb saayitii jw.org/om irraa garagalfachuun ykn appilikeeshinii JW Library irraa afaan hedduutiin argachuun ni dandaʼama. Meeshaaleen elektirooniksii tokko tokko, caqasawwan mata duree qoʼannaa keessatti kennaman hunda salphaatti argachuuf nu gargaaru. Mala kamitti iyyuu kan fayyadamnu yoo taʼe, caqasa kenname hunda of eeggannoodhaan dubbisuunii fi irratti xiinxaluun, jaalala dhugaa Kitaaba Qulqulluutiif qabnu nuuf guddisa.—Faarfannaa 1:2 dubbisi.

JAALALA OBBOLOOTA KEENYAAF QABNU

15, 16. (a) Akka Yohaannis 13:34, 35 irratti ibsametti, dirqama akkamiitu nu irra jira? (b) Jaalalli obboloota keenyaaf qabnu, jaalala Waaqayyoof qabnuu fi jaalala Kitaaba Qulqulluutiif qabnuu wajjin kan wal qabatu akkamitti?

15 Yesuus galgala duʼa isaa dura turetti barattoota isaatiin akkana jedhee ture: “Akka isin wal jaallattaniif ajaja haaraan isiniif kenna; akkuma ani isin jaalladhe, isinis wal jaalladhaa. Isin yoo jaalala waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.”—Yoh. 13:34, 35.

16 Jaalalli obboloota keenyaaf qabnu, jaalala Yihowaadhaaf qabnuu wajjin kan wal qabate dha. Kanaaf, lamaan isaanii wal irraa adda baasnee ilaaluu hin dandeenyu. Yohaannis ergamaan, “Namni obboleessa isaa isa ijaan argu hin jaallanne, Waaqayyo isa ijaan hin argine jaallachuu hin dandaʼu” jedhee barreesseera. (1 Yoh. 4:20) Kana malees, jaalalli Yihowaa fi jaalalli obboloota keenyaaf qabnu jaalala Kitaaba Qulqulluutiif qabnuu wajjin kan wal qabate dha. Akkas kan jennu maaliifi? Jaalalli Kitaaba Qulqulluutiif qabnu, ajaja Kitaaba Qulqulluu Waaqayyoo fi obboloota keenya akka jaallannu nuuf kennameef garaadhaa akka ajajamu kan nu kakaasu waan taʼeefi.—1 Phe. 1:22; 1 Yoh. 4:21.

Obboleettii tokko mana obboleettii maanguddoo tokko keessatti miʼa suphaa jirtu

Obbolootaaf jaalala akka qabdan argisiisaa (Keeyyata 17 ilaali)

17. Karaawwan jaalala itti argisiisuu dandeenyu tokko tokko kamfaʼi?

17 Tasalonqee Isa Duraa 4:9, 10 dubbisi. Karaawwan gumii keenya keessatti jaalala keenya itti argisiisuu dandeenyu tokko tokko kamfaʼi? Obboloonni keenya maanguddoota taʼan gara walgaʼii Kiristiyaanaa deemuuf geejjibni isaan barbaachisa taʼa. Obboleettiin abbaan manaa ishii irraa duʼe manni ishii akka suphamuuf barbaaddi taʼa. (Yaq. 1:27) Dargaggootas taʼan maanguddoota, obboloonni abdii kutatan ykn dhiphatan ykn qorumsi isaan irra gaʼaa jiru xiyyeeffannaa akka isaaniif kenninuu fi akka isaan jajjabeessinu barbaadu. (Fak. 12:25; Qol. 4:11) Jechaanis taʼe gochaan, “warra amantiidhaan nutti firoomaniif” garaadhaa akka isaaniif yaannu yommuu argisiisnu, dhugumaan akka isaan jaallannu mirkaneessina.—Gal. 6:10.

18. Namoota hidhata amantii keenyaa taʼanii wajjin wal dhabiinsi xixinnoo uumamuuf furmaata kennuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

18 Kitaabni Qulqulluun ‘guyyoonni dhumaa’ sirna hamaa kun, ofittummaa fi sassataan addaan baafamee akka beekamu raajii dubbateera. (2 Xim. 3:1, 2) Kiristiyaanota waan taaneef, jaalala Waaqayyoof, dhugaa Kitaaba Qulqulluutii fi walii keenyaaf qabnu guddifachuuf carraaqqii guddaa gochuu qabna. Yeroo tokko tokko namoota hidhata amantii keenyaa taʼanii wajjin wal dhabiinsi xixinnoon uumamuu dandaʼa taʼa. Haa taʼu malee, jaalalli wal dhabiinsa gidduu keenyatti uumame karaa jaalala qabuun furmaata akka kenninu waan nu kakaasuuf miseensota gumii hundaaf eebba argamsiisa! (Efe. 4:32; Qol. 3:14) Kanaaf, jaalalli keenya akka qabbanaaʼu matumaa heyyamuu hin qabnu! Kanaa mannaa, Yihowaadhaaf, Dubbii isaatii fi obboloota keenyaaf jaalala cimaa qabaachuu keenya itti haa fufunu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi