Qabeenya Isa Dhugaa Barbaadaa
“Qabeenya jalʼinaa addunyaa kanaatiin ofii keessaniif michoota horadhaa.”—LUQ. 16:9.
1, 2. Sirna kana keessatti, yeroo hunda hiyyeessonni kan jiraatan maaliifi?
SIRNI dinagdee yeroo ammaa jiru hamaa fi kan nama wal caalchisu dha. Dargaggoota hedduudhaaf hojii argachuun baayʼee rakkisaa dha. Baayʼeen isaanii biyyoota sooreyyii taʼan dhaqanii jiraachuuf jecha lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilu. Biyyoota sooreyyii jedhamanitti illee hiyyummaan gar malee babalʼateera. Garaa garummaan sooressaa fi hiyyeessa gidduu jiru balʼachaa jira. Akka dhiheenya kana tilmaametti, sooreyyiin dhibbeentaa 1 taʼan qabeenya namoonni dhibbeentaa 99 hafan wajjin qixxee taʼu qabaachuu dandaʼu. Lakkoofsa kana mirkaneessuun rakkisaa taʼu iyyuu, namoonni biliyoonaan lakkaaʼaman gar malee hiyyeeyyii yommuu taʼan, kaan immoo qabeenya dhaloota hedduudhaaf darbuu dandaʼu qabu. Yesuus, ‘Hiyyeeyyiin yeroo hunda isinii wajjin jiru’ yommuu jedhu dhugaa kana hubatee ture. (Mar. 14:7) Wal caalmaan akkasii kan jiraate maaliifi?
2 Yesuus sirna dinagdee yeroo ammaatti jiru hanga Mootummaan Waaqayyoo dhufutti akka hin jijjiiramne hubatee ture. Sirna siyaasaa fi amantii dabalatee, sirni daldalaa sassataa taʼe, ‘daldaltoota’ Mulʼata 18:3 irratti ibsaman kan argisiisu siʼa taʼu, kutaa addunyaa Seexanaa ti. Sabni Waaqayyoo siyaasaa fi amantii sobaa irraa guutummaatti fagaachuu kan dandaʼan taʼus, harki caalaan isaanii garuu sirna daldalaa isa kutaa addunyaa Seexanaa taʼe irraa guutummaatti fagaachuu hin dandeenye.
3. Gaaffiiwwan kamfaa irratti mariʼanna?
3 Kiristiyaanota waan taaneef, ilaalcha sirna daldalaa yeroo ammaa jiruuf qabnu qoruuf gaaffilee armaan gadii of gaafachuun keenya gaarii dha: ‘Qabeenya koo karaa Waaqayyoof amanamaa taʼuu koo argisiisuun fayyadamuu kanan dandaʼu akkamitti? Hirmaannaa sirna daldalaa irratti qabu xiqqeessuu kanan dandaʼu akkamitti? Haala rakkisaa kana keessatti sabni Waaqayyoo guutummaatti akka isatti amanaman muuxannoo isa kamtu argisiisa?’
SEENAA BULCHAA ISA JALʼAA
4, 5. (a) Bulchaan Yesuus fakkeenya isaa keessatti caqase haala akkamiitu isa mudate? (b) Yesuus duuka buutota isaatiif gorsa akkamii kenne?
4 Luqaas 16:1-9 dubbisi. Fakkeenyi Yesuus waaʼee bulchaa jalʼaa dubbate gadi fageessinee akka yaannu nu taasisa. Bulchaan sun qabeenya gooftaa isaa bittinsaa akka jiru yommuu himatame, aango isaa yommuu dhabutti akka isa gargaaraniif ‘michoota horachuuf’ “ogummaadhaan” tarkaanfii fudhate.a Yesuus, barattoonni isaa addunyaa kana keessa jiraachuuf jalʼinaan tarkaanfii akka fudhatan jajjabeessuu isaa hin ture. Yesuus amalli kun kan “ilmaan sirna kanaa” taʼu isaa kan ibse siʼa taʼu, fakkeenya kanan kan fayyadame garuu barumsa tokko kennuuf ture.
5 Yesuus akkuma bulchaa haalli rakkisaan isa mudatee ture sanaa, duuka buutota isaa keessaa baayʼeen isaanii sirna daldalaa namoota wal caalchisuu keessa jiraachuu akka qaban beeka ture. Kanaaf akkana jedhee isaan gorse: “Yommuu qabeenyi kun dhumu isaan [Yihowaa fi Yesuus] bakka jireenyaa bara baraatti akka isin simataniif, qabeenya jalʼinaa addunyaa kanaatiin ofii keessaniif michoota horadhaa.” Gorsa inni kenne kana irraa barumsa akkamii arganna?
6. Sirni daldalaa yeroo ammaatti jiru kutaa kaayyoo Waaqayyoo akka hin turre akkamitti beekna?
6 Yesuus qabeenyaan ‘jalʼaa’ jedhee kan waame maaliif akka taʼe ibsuu baatus, Kitaabni Qulqulluun daldalli kutaa kaayyoo Waaqayyoo akka hin turre ifatti dubbata. Yihowaan Addaamii fi Hewwaaniif baayʼinaan wanta isaan barbaachisu Eeden keessatti isaaniif kennee ture. (Uma. 2:15, 16) Yeroo boodas, yeroo hafuurri qulqulluun gumii dibamtootaa jaarraa jalqabaatti ture irratti hojjechuu jalqabu, “isaan keessaa namni tokko illee wanti inni qabu kan isaa akka taʼe godhee hin dubbatu ture; kanaa mannaa wanta qaban hunda waliin itti fayyadamu turan.” (HoE. 4:32) Isaayaas raajichi yeroo ilmaan namootaa hundi qabeenya lafaatti tola itti fayyadaman akka dhufu dubbateera. (Isa. 25:6-9; 65:21, 22) Hamma yeroo sanaatti garuu, duuka buutonni Yesuus karaa Waaqayyoon gammachiisuun jiraachaa, “qabeenya jalʼinaa” addunyaa kanaatti fayyadamuuf “ogummaa” isaan barbaachisa.
QABEENYA JALʼINAA OGUMMAADHAAN ITTI FAYYADAMUU
7. Luqaas 16:10-13 irra gorsa akkamiitu jira?
7 Luqaas 16:10-13 dubbisi. Bulchaan fakkeenya Yesuus keessatti caqasame, michoota kan horate faayidaa mataa isaatiif jedhee ti. Haa taʼu malee, Yesuus duuka buutonni isaa karaa ofittummaa irraa walaba taʼeen samii irratti michoota akka horatan gorseera. Lakkoofsonni fakkeenya sana booda jiran, ‘qabeenya jalʼinaa’ karaa Waaqayyoof amanamaa taʼuu keenya argisiisuun fayyadamuu wajjin kan wal qabate taʼuu isaa ibsu. Wanti Yesuus jedhe qabeenya sana yoo arganne ‘amanamoo taʼuu’ ykn toʼachuu akka dandeenyu dubbachuu isaa ture. Akkamitti kana gochuu dandeenya?
8, 9. Obboloonni tokko tokko akkaataa isaan qabeenya jalʼinaatiin itti fayyadamaniin amanamoo taʼuu isaanii kan argisiisan akkamitti? Fakkeenya kenni.
8 Qabeenya keenyaan amanamoo akka taane kan mirkaneessinu karaa ifaan, raajii Yesuus hojii lallabaa addunyaa maratti akka geggeeffamu deggeruuf buusii qarshii gochuu dha. (Mat. 24:14) Intalli xinnoon biyya Hindiitti argamtu tokko ashaangulliitii illee bitachuu dhiistee, saanduqa qarshii xinnoo keessatti suutuma suuta saantima walitti kuufatti turte. Saanduqichi yommuu guutu, qarshii isaa hojii lallabaatiif akka oolu kennite. Obboleessi biyya Hindii lafa qonnaa kokonaatii qabu tokko waajjira hiikkaa Maalaayaalaam fagootti argamuuf kokonaatii hedduu buusii godhee kenna; waajjirri sun kokonaatii bituun waan isa barbaachisuuf, buusii inni kennu kun buusii qarshii kennuu isaa irra caala ture. Kun ogummaa dha. Haaluma wal fakkaatuun, obboloonni Giriikii yeroo hunda zayitii ejersaa, chiizii fi nyaatawwan kan biraa maatii Betʼeliif buusii godhu.
9 Obboleessi lammii Sirii Laankaa yeroo ammaatti biyya alaa jiraatu tokko, gamoon isaa biyya isaa jiruu walgaʼii gumii fi walgaʼii guguddaadhaaf, akkasumas tajaajiltoonni yeroo guutuu akka keessa jiraataniif kenneera. Kunis obboleessaaf qarshii hedduu aarsaa gochuu kan isa gaafatu taʼus, babalʼistoota biyya keessaa qarshii hin qabneef gargaarsa guddaa dha. Biyyoota hojichi itti daangeffametti, obboloonni mana isaanii akka Galma Mootummaatti itti fayyadamu. Kun immoo qajeelchitoonnii fi obboloonni qarshii muraasa qaban bakka walgaʼii baasii hedduu hin gaafanne akka argatan taasiseera.
10. Arjummaadhaan yommuu kenninu eebbawwan akkamii arganna?
10 Fakkeenyonni kun sabni Waaqayyoo ‘wanta xinnoo irratti amanamoo’ akka taʼan argisiisu. (Luq. 16:10) Michoonni Yihowaa kun aarsaa akkasii gochuu isaaniitiin maaltu isaanitti dhagaʼama? Arjaa taʼuun karaa itti qabeenya “dhugaa” argatan akka taʼe beeku. (Luq. 16:11) Obboleettiin yeroo hunda hojii Mootummichaaf buusii gootu eebba argatte yommuu dubbattu akkana jetteetti: “Qabeenya arjoomuun koo, waggoota dheeraadhaaf keessa kootti gammachuun kanaan dura argadhee hin beekne akkan argadhu na taasiseera. Caalaatti arjoomaa yommuun deemu, ilaalchi ani namootaaf qabu caalaatti fooyyaʼaa akka adeeme hubadheera. Caalaatti namoota kan biraatiif dhiifama gochuu fi obsuu, akkasumas yommuu namoonni na mufachiisan dhiisuu fi gorsa fudhachuu akkan dandaʼu na gargaareera.” Namoonni hedduun arjummaan dhuunfaatti akka nama fayyadu hubataniiru.—Far. 112:5; Fak. 22:9.
11. (a) Arjummaadhaan kennuun keenya “ogummaa” akka qabnu kan argisiisu akkamitti? (b) Saba Yihowaa gidduutti karaa wal qixxee taʼeen qarshiin akkamiiti hojii irra oolaa jira? (Suuraa jalqaba irra jiru ilaali.)
11 Karaan “ogummaa” akka qabnu itti argisiisnu inni biraan immoo, qabeenya keenya hojii Mootummichaa babalʼisuuf itti fayyadamuu dha. Kunis qabeenya keenyatti fayyadamnee namoota kaan akka gargaaru nu taasisa. Namoonni qabeenya addunyaa kanaa qabanii fi tajaajila yeroo guutuu irratti hirmaachuu ykn biyya alaa deemuu hin dandeenye, qarshiin isaan buusii godhan obboloonni kaan akka tajaajilan kan gargaaru taʼuu isaa beekuun isaanii isaan gammachiisa. (Fak. 19:17) Buusiin fedhiidhaan godhamu, namoonni barreeffama akka argatan, akkasumas hojii lallabaa biyyoota gar malee hiyyeeyyii taʼan garuu immoo gama hafuuraatiin guddina argisiisaa jiran ni gargaara. Waggoota hedduudhaaf biyyoota akka Koongoo, Maadaagaaskaarii fi Ruwaandaa keessatti, obboloonni yeroo baayʼee maatii isaaniitiif nyaataa bituu ykn Kitaaba Qulqulluu bitachuu keessaa tokko filachuu qabu turan; gatiin Kitaaba Qulqulluu immoo yeroo tokko tokko miindaa torban tokkoo ykn jiʼa tokkoo wajjin qixxee dha. Yeroo ammaatti, jaarmiyaan Yihowaa buusii namoonni hedduun godhan, ‘wal qixxummaadhaan’ hojii irra oolchuuf yaalii gochuudhaan miseensota maatichaa hundaafis taʼe, barattoota Kitaaba Qulqulluu karaa hafuuraa dheebotaniif Kitaabni Qulqulluun akka hiikamuu fi akka raabsamu gochaa jira. (2 Qorontos 8:13-15 dubbisi.) Kanaaf, warri kennanis taʼe warri fudhatan michoota Yihowaa taʼuu dandaʼaniiru.
HIRMAANNAA “HOJII DALDALAA” KEESSATTI GOONU XIQQEESSUU
12. Abrahaam Waaqayyootti akka amanamu kan argisiise akkamitti?
12 Karaan Yihowaatti michoomuu dandeenyu kan biraan immoo, hirmaannaa hojii daldalaa addunyaa keessatti goonu xiqqeessuu fi haala keenya qabeenya “dhugaa” barbaaduuf itti fayyadamuu dha. Abrahaam inni bara duriitti jiraatee fi nama amantii ture, ajaja magaalaa Ur ishii badhaatuu turte gadhiisee dunkaana keessa akka jiraatu isaaf kennameef ajajamuudhaan, michuu Yihowaa taʼuu akka barbaadu argisiiseera. (Ibr. 11:8-10) Inni qabeenyatti utuu hin taʼin, yeroo hunda Waaqayyotti amanama ture. (Uma. 14:22, 23) Yesuus dargaggeessi sooressi tokko amantii akkasii akka qabaatu isa jajjabeessuudhaan akkana jedhee ture: “Guutuu taʼuu yoo barbaadde, dhaqi wanta qabdu gurgurii hiyyeeyyiidhaaf kenni; samii irrattis qabeenya guddaa ni argatta; sana booda kottuu duuka buutuu koo taʼi.” (Mat. 19:21) Namichi sun amantii kan akka Abrahaam hin qabu ture; warri kaan garuu guutummaatti Waaqayyotti akka amanaman argisiisaniiru.
13. (a) Phaawulos, Ximotewosiif gorsa akkamii kenne? (b) Yeroo harʼaatti gorsa Phaawulos akkamitti hojii irra oolchina?
13 Ximotewosis nama amantii ture. Phaawulos, Ximotewosiin “loltuu Kiristoos Yesuus isa gaarii taʼe” jedhee erga isa waamee booda akkana isaan jedhe: “Namni loltuu taʼee tajaajilu kam iyyuu isa loltuu godhee isa galmeesse biratti fudhatama argachuu waan barbaaduuf, buʼaa argachuuf jedhee hojii daldalaa keessa hin seenu.” (2 Xim. 2:3, 4) Tajaajiltoota yeroo guutuu miliyoona tokko ol taʼan dabalatee, duuka buutonni Yesuus yeroo harʼaatti argaman hamma haalli isaanii isaaniif heyyame gorsa Phaawulos hojii irra oolchu. Dhiibbaa beeksisa daldalaa fi addunyaa naannoo isaanii mormuudhaan, dhugaa buʼuuraa, “Inni liqeeffatu . . . abbaa liqiitiif hojjetaa [“garba,” NW] dha” jedhu yaadatu. (Fak. 22:7) Seexanni yeroo keenyaa fi humna keenya hundaa daldala addunyaatiif garboota taane akka balleessinu gochuu caalaa waan barbaadu hin qabu. Murtoowwan tokko tokko waggoota hedduudhaaf idaadhaan akka hidhamnu nu gochuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko idaa manaa kaffaluuf, konkolaataa bitachuuf, barumsaaf barachuuf fi cidha guddaa qopheessuuf jedhanii liqii guddaa keessa seenu. Jireenya keenya salphaa yoo goone, idaa fi baasii keenyas yoo hirʼisne ogummaa akka qabnu argisiisna. Karaa kanaan sirna daldalaa yeroo harʼaatti jiruuf garboota taʼuu mannaa, Waaqayyoon tajaajiluuf bilisa of goona.—1 Xim. 6:10.
14. Kutannoo akkamiitu barbaachisa? Fakkeenya kenni.
14 Jireenya keenya salphaa gochuuf, Mootummaa Waaqayyoof dursa kennuu qabna. Hiriyoonni gaaʼelaa tokko hojii daldalaa buʼaa guddaa argamsiisu qabu turan. Haa taʼu malee, fedhiin isaan tajaajila yeroo guutuutti deebiʼuuf qaban, hojii daldalaa, bidiruu fi miʼoota isaanii adda addaa akka gurguran isaan dirqisiiseera. Achiis hojii ijaarsaa waajjira muummee Waarwiik, Niiwu Yoorki jiru irratti hirmaachuuf fedhiidhaan of dhiheessaniiru. Eebbi addaa isaan argatan immoo, intala isaanii fi soddaa isaanii wajjin, akkasumas torban muraasaaf abbaa fi haadha abbaa manaa intala isaanii hojii ijaarsaa Waarwiik keessatti hirmaatanii turanii wajjin Betʼel keessa tajaajiluu dandaʼuu isaanii ti. Obboleettiin qajeelchitu taatee fi Koloraadoo Yuunaayitid Isteetis keessa jiraattu mana baankii keessaa hojii saʼaatii muraasaaf hojjettu argattee turte. Namoonni ishii wajjin hojjetan hojii ishiitti waan gammadaniif, hojii guyyaa guutuu mindaa ishii dachaa sadii argamsiisu akka hojjettu ishii gaafatan. Haa taʼu malee, hojichi xiyyeeffannaa ishiin tajaajilaaf kennitu waan hirʼisuuf, afeerraa kana utuu hin fudhatin hafteetti. Wantoonni olitti ibsaman aarsaawwan lakkoofsa hin qabne tajaajiltoonni Yihowaa godhan keessaa muraasa isaanii ti. Kutannoon Mootummicha dursuuf godhamu akkasii, wanta sirni daldalaa yeroo ammaa argamsiisu caalaa, michooma Waaqayyoo wajjin qabnuu fi qabeenya hafuuraatiif bakka guddaa akka kenninu argisiisa.
YEROO QABEENYI DHUMU
15. Qabeenyi gammachuu guddaa argamsiisu isa kami dha?
15 Qabeenya horachuun eebba Waaqayyoo akka arganne argisiisa jechuu miti. Yihowaan kan eebbisu namoota “hojii gaariidhaan badhaadhota” taʼani dha. (1 Ximotewos 6:17-19 dubbisi.) Fakkeenyaaf, Luuchiyaanb Albaaniyaa keessatti tajaajiltoonni akka barbaadaman yommuu barte, waan ittiin of gargaartu utuu hin qabaatin Yihowaatti amanamuudhaan bara 1993tti biyya Xaaliyaanii gadhiistee deemte. Afaan Albaaniyaa akka gaariitti kan baratte siʼa taʼu, namoonni 60 ol taʼan Yihowaadhaaf akka of murteessan gargaarteetti. Saba Waaqayyoo keessaa harki caalaan isaanii naannoo caalaatti buʼa qabeeyyii taʼan akkasiitti tajaajiluu baatan iyyuu, warri kaan karaa jireenyaa akka argatanii fi akka achuma turan gargaaruuf wanti nuyi goonu kam iyyuu, nutis taane isaan bara baraaf kan dinqisiifannu dha.—Mat. 6:20.
16. (a) Sirna daldalaa yeroo ammaatti jiru maaltu isa eeggata? (b) Waan gara fuulduraatti taʼu baruun keenya ilaalcha qabeenyaaf qabnu akkamitti tuqa?
16 Yesuus, “Yommuu qabeenyi [jalʼinaa] kun dhumu” jedhe malee ‘yoo dhume’ hin jenne. (Luq. 16:9) Baankii fi dinagdeen bara dhumaa kana keessa kufan, yeroo gabaabaa keessatti biyya lafaa kana irratti waan taʼuuf jiru wajjin yommuu madaalamu baayʼee xiqqoo dha. Guutummaan sirna Seexanaa, jechuunis sirni siyaasaa, amantii fi daldalaa kufuun isaanii waan hin oolle dha. Raajonni Hisqiʼelii fi Sefaaniyaan warqee fi meetiin, jaarraawwan hedduudhaaf gatii guddaa qaban waan gatii hin qabne akka taʼan dubbataniiru. (His. 7:19; Sef. 1:18) Addunyaa kana keessatti yommuu dulloomnu, “qabeenya jalʼinaa” addunyaa kanaa kuufachuuf jennee, qabeenya isa dhugaa aarsaa akka goone yoo hubanne maaltu nutti dhagaʼama? Akkuma namicha isa jireenya isaa guutuu qarshii kuufachuuf hojjetaa turee, dhuma irratti garuu qarshii sobaa taʼuu isaa hubatee nutti dhagaʼama. (Fak. 18:11) Eeyyee, qabeenyi akkasii dhuma irratti baduun isaa hin oolu; kanaaf “michoota” samii irraa horachuuf carraan isaa nu darbuu hin qabu. Mootummaa Yihowaa dursuuf wanti nuyi goonu kam iyyuu karaa hafuuraa qabeenya guddaa nuuf argamsiisa.
17, 18. Michoonni Waaqayyoo maalfaa eeggatu?
17 Yommuu Mootummaan Waaqayyoo dhufu, kiraayii fi liqeeffachuun ni dhaabatu, nyaanni tola taʼuu isaa irra iyyuu ni baayʼata, yaalii fayyaatiif qarshii baasuun hin jiraatu. Maatiin Yihowaa lafa irra jiraatan wanti lafti kun kennuu dandeessuun gammadu. Warqeen, meetiinii fi calleewwan garaa garaa bareedina qofaaf malee, qarshiif ykn qabeenya kuufachuuf hin oolan. Qodaawwan muka, dhagaa fi sibilaa qulqullina guddaa qaban mana ijaarrachuuf tola argachuun ni dandaʼama. Namoonni qarshii argachuuf utuu hin taʼin gammachuudhaan wal gargaaru. Qabeenyi lafaa namoota hunda akka wal gaʼu gochuuf sirni haaraan hojii irra ni oola.
18 Kun namoota michoota samii irraa horataniif kennaa gatii guddaa qaban keessaa muraasa. Waaqeffattoonni Yihowaa lafa irra jiraatan yommuu sagalee Yesuus armaan gadii dhagaʼan baayʼee gammadu: “Isin warri Abbaan koo eebbise kottaa; Mootummaa isa yeroo addunyaan hundeeffamee jalqabee isiniif qophaaʼe sana dhaalaa.”—Mat. 25:34.
a Yesuus himanni kun sirrii taʼuu isaa ilaalchisee wanta dubbate hin qabu. Jechi Afaan Giriikii ‘himata’ jedhamee Luqaas 16:1 irratti ibsame, maqaa bulchaa sanaa balleessuuf wanta dubbatame taʼuus ni dandaʼa. Taʼus, Yesuus kan xiyyeeffate tarkaanfii bulchaan sun fudhate irratti malee, sababii inni hojii irraa itti ariʼame irratti hin turre.
b Seenaan jireenyaa Luuchiyaa Muusaaneet Dammaqaa! Fulbaana 2003, ful. 12-16 irratti argama. (Amaariffa)