Baafata Mata Duree
FULBAANA 25, 2017–ONKOLOOLESSA 1, 2017
3 Obsaan Eeguuf Fedhii Qabduu?
ONKOLOOLESSA 2-8, 2017
8 ‘Nagaan Waaqayyoo Hubannaa Hundumaa Irra ni Caala’
Mata dureen inni jalqabaa Yihowaa eeggachuuf fedhii qabaachuu kan qabnu maaliif akka taʼe ibsa. Kana malees, fakkeenyi dhiirotaa fi dubartoota amanamoo eeggachuuf fedhii qabanii kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe ilaalla. Mata dureen inni lammaffaan immoo, Yihowaan wantoota nuti matumaa hin tilmaamne gochuudhaan wantoota hin yaadamne kan raawwatu akkamitti akka taʼe addeessa. Kun immoo nuuf jedhee hamma tarkaanfii fudhatutti yeroo obsaan isa eeggannu kanatti amanannaa isa irratti qabnu nuu cimsa.
13 Seenaa Jireenyaa—Qorumsa Keessatti Jabaatanii Dhaabachuun Eebba Argamsiisa
ONKOLOOLESSA 9-15, 2017
17 Namummaa Moofaa Of Irraa Baasnee Gatuu fi Of Irraa Fageessuu kan Dandeenyu Akkamitti?
ONKOLOOLESSA 16-22, 2017
22 Namummaa Haaraa Uffachuu fi Akkuma Uffannetti Itti Fufuu kan Dandeenyu Akkamitti?
Mata dureen inni jalqabaa namummaa moofaa of irraa baasnee gatuun maal jechuu akka taʼee fi kana gochuun keenya ariifachiisaa kan taʼe maaliif akka taʼe ibsa. Kana malees, namummaa moofaa of irraa baasnee gatuuf maal gochuu akka qabnu addeessa. Mata dureen inni lammaffaan immoo, waaʼee amalawwan namummaa haaraa taʼan hedduu dubbata; akkasumas amalawwan kana jireenyaa fi tajaajila irratti argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.