Guyyaa Hundumaa Yihowaa Wajjin Hojjedhaa
“Nuti warra Waaqayyoo wajjin hojjennu dha.”—1 QOR. 3:9.
1. Yihowaa wajjin hojjechuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?
YIHOWAAN ilmaan namootaa erga uumee booda, isaa wajjin akka hojjetan barbaada ture. Yeroo ammaatti ilmaan namootaa mudaa kan qaban taʼus, namoonni amanamoon amma illee guyyaa hundumaa Yihowaa wajjin hojjechuu ni dandaʼu. Fakkeenyaaf, misiraachoo Mootummaa isaa lallabuu fi barattoota gochuudhaan, ‘Waaqayyoo wajjin hojjechuu’ dandeenya. (1 Qor. 3:5-9) Hojii Waaqni inni hundumaa dandaʼu iddoo guddaa kennuuf kana irratti isaa wajjin hojjechuun mirga guddaa dha! Taʼus, Yihowaa wajjin kan hojjennu lallabuu fi hojii barattoota gochuu irratti hirmaachuudhaan qofa miti. Mata duree kana keessatti, karaawwan kana gochuu itti dandeenyu kan biroo ilaalla: Isaanis maatii keenyaa fi obboloota keenya gargaaruu, keessummoota simachuu, hojii tiʼookraasii irratti fedhiidhaan hirmaachuu fi tajaajila keenya balʼifachuu dha.—Qol. 3:23.
2. Hojii kaayyoo Yihowaa galmaan gaʼuuf hojjennu keessatti, wanta namoonni kaan hojjetan kan keenyaa wajjin wal bira qabnee ilaaluu hin qabnu kan jennu maaliifi?
2 Yeroo mata duree kana qoʼannutti, wanta warri kaan Yihowaadhaaf gochuu dandaʼan wanta isin isaaf gochuu dandeessanii wajjin wal bira qabdanii hin madaalinaa. Umuriin, haalli fayyaa, haalli keessa jiranii fi dandeettiin namootaa garaa gara taʼuu isaa yaadadhaa. Phaawulos ergamaan geggeessaa hafuuraatiin akkana jedheera: “Namni hundi hojii ofii isaa haa qoru; achiis nama kaanii wajjin utuu wal bira of hin qabin, waaʼee ofii isaa qofa waan ittiin gammadu argata.”—Gal. 6:4.
MAATII KEESSANII FI OBBOLOOTA KEESSAN GARGAARAA
3. Namni maatii isaa kunuunsu hundi Waaqayyoo wajjin waltaʼiinsaan hojjechaa jira jechuun kan dandaʼamu maaliifi?
3 Yihowaan tajaajiltoonni isaa maatii isaaniitiif kunuunsa akka godhan barbaada. Fakkeenyaaf, qarshii wanta maatii keessaniif barbaachisu guutuuf isin fayyadu argachuuf hojjechuu qabdu taʼa. Haadhotii hedduun daaʼimman isaaniitiif kunuunsa gochuuf mana oolu. Gaʼeessonni tokko tokko immoo, warra isaanii dulloomanii fi dhukkubsatan kunuunsuu qabu taʼa. Akkas gochuun keenya barbaachisaa dha. Dubbiin Waaqayyoo akkana jedha: “Namni warra kan isaa taʼaniif, keessummaa immoo miseensota maatii isaatiif wanta barbaachisu hin dhiheessine, amantii kan ganee fi nama amantii hin qabne irra kan hammaatu dha.” (1 Xim. 5:8) Itti gaafatamummaan akkasii kan isin irra jiru yoo taʼe, yeroo sochiiwwan tiʼookraasii irratti dabarsuu feetan ramaduu hin dandeessan taʼa. Taʼus abdii hin kutatinaa! Yihowaan wanta maatii keessaniif barbaachisu yommuu dhiheessitan ni gammada.—1 Qor. 10:31.
4. Warri fedhii isaanii caalaa hojii tiʼookraasiitiif dursa kan kennan akkamitti? Kun hoo buʼaa maalii qaba?
4 Warri Kiristiyaana taʼan ijoolleen isaanii galmawwan hafuuraa akka baafatan kan gargaaran yoo taʼe, Yihowaa wajjin hojjechaa akka jiran argisiisaa jiru jechuu dha. Warri kana godhan hedduun, yeroo booda ijoolleen isaanii iddoo fagoo dhaqanii tajaajila yeroo guutuu irratti yommuu hirmaatan arguu dandaʼaniiru. Tokko tokko misiyoonota taʼanii tajaajilu; kaan immoo bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisanitti qajeelchitoota taʼanii tajaajilu; kaanis Betʼel keessa tajaajilu. Iddoo fagoo dhaquun isaanii akka garaa isaanii maatii isaanii wajjin akka wal hin argine gochuu dandaʼa taʼa. Haa taʼu malee, warri fedhii isaanii aarsaa godhan, ijoolleen isaanii tajaajila isaaniitti jabaatanii akka itti fufan ni jajjabeessu. Maaliif? Ijoolleen isaanii hojii Mootummichaatiif dursa kennaa akka jiran beekuun isaanii gammachuu guddaa isaaniif argamsiisa. (3 Yoh. 4) Tarii warri hedduun akkuma Haannaa ishii Ilma ishii Saamuʼeliin Yihowaadhaaf akka ‘kennite’ dubbatte isaanitti dhagaʼama taʼa. Warri akkasii gama kanaan Yihowaa wajjin hojjechuun isaanii mirga guddaa akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Wanti kana irra wayyu akka hin jirres isaanitti dhagaʼama.—1 Sam. 1:28.
5. Obboloota miseensota gumii kee taʼaniif gargaarsa qabatamaa taʼe kennuu kan dandeessu akkamitti taʼuu dandaʼa? (Suuraa jalqaba irra jiru ilaali.)
5 Itti gaafatamummaan maatii kan sitti hin baayʼanne yoo taʼe, obboloota kee dhukkubsatan ykn dullooman ykn deggersi kan biraan isaan barbaachisu gargaaruu ni dandeessaa? Obboloota gumii kee keessa jiran keessaa warra gargaarsi isaan barbaachisu hubachuuf maaliif yaalii hin gootu? Tarii obboleettii haadha ykn abbaa ishii dullooman kunuunsitu, yommuu ishiin dhimmoota kan biroo raawwatutti warra ishii wajjin taʼuu ni dandeessa. Yookiin warra gargaarsi isaan barbaachisu gara gumii isaan fudhattee deemuudhaan, gabaa deemtee miʼa isaaniif bituudhaan, isaaniif ergamuudhaan ykn nama mana yaalaa ciisee jiru gaafachuudhaan gargaarsa gochuu dandeessa taʼa. Akkas gochuudhaan, kadhannaan isaanii deebii akka argatu gochuu irratti Yihowaa wajjin hojjechuu dandeessa.—1 Qorontos 10:24 dubbisi.
KEESSUMMOOTA SIMADHAA
6. Keessummoota simachuun maalfaa dabalata?
6 Namoonni Waaqayyoo wajjin hojjetan keessummoota kan simatan taʼuu isaaniitiin beekamu. Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti yaanni “keessummoota simachuu” jedhamee hiikame, “warra ormaatti gaarummaa argisiisuu” jechuu dha. (Ibr. 13:2; milj.) Dubbiin Waaqayyoo seenaawwan jaalala akkasii akka argisiisnu nu barsiisan qabateera. (Uma. 18:1-5) Namoota ‘amantiidhaan nutti firoomaniifis’ taʼe, namoota kaan yeroo hunda gargaaruuf carraa barbaaduu dandeenya; barbaaduus qabna.—Gal. 6:10.
7. Obboloota tajaajila yeroo guutuu keessa jiranii fi gara gumii keessan dhufan keessummeessuu irratti yaaduu kan qabdan maaliifi?
7 Tajaajiltoota yeroo guutuu keessummeessuudhaan Waaqayyoo wajjin akka hojjettan argisiisuu ni dandeessuu? (3 Yohaannis 5, 8 dubbisi.) Yeroowwan akkasii kun, yeroo baayʼee wal ‘jajjabeessuuf’ carraa nuu kennu. (Rom. 1:11, 12) Mee muuxannoo Oolaaf haa ilaallu. Oolaaf waggoota kudhaniin lakkaaʼaman dura, gumii isaanii keessatti namni daawwataa ol aanaa aanaa qeenxee taʼe mana isaatti simachuu dandaʼu tokko illee akka hin turre yaadata. Oolaaf inni dargaggeessa ture daawwataan ol aanaa aanaa sun mana isaanii akka buufatuuf warra isaa isaan Dhugaa Baatota hin taane gaafate. Isaanis tole kan jedhan taʼus, Oolaaf siree isaa isaaf gadhiisee soofaa irra ciisuu qaba ture. Akkas gochuun isaa garuu kan nama gaabbisiisu hin turre. Oolaaf akkana jechuudhaan waan yaadatu dubbata: “Torban baayʼee gaarii taʼe ture! Anii fi daawwataan ol aanaa aanaa sun yeroo hunda ganamaan kaanee utuu ciree nyaannuu dhimmoota adda addaa irratti maree nama gammachiisu goona turre. Jajjabinni ani argadhe fedhii tajaajila yeroo guutuu keessa seenuuf qabu naaf guddiseera.” Oolaaf waggoottan 40 ol taʼaniif misiyoonii taʼee bakkawwan adda addaatti tajaajileera.
8. Jalqaba irratti buʼaa kan hin qabne fakkaatu illee gaarummaa argisiisuuf sababii akkamii qabna? Fakkeenyaan ibsi.
8 Jalqaba irratti carraaqqiin keessan kan hin dinqisiifamne taʼu illee, karaawwan warra orma taʼanitti jaalala argisiisuu itti dandeessan hedduun jiru. Muuxannoo kana akka fakkeenyaatti fudhadhaa. Babalʼistuun Ispeen keessa jiraattu tokko qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu utuu geggeessaa jirtuu, Yeesiikaa ishiin Ikuwaadorii dhuftee fi qoʼattuu ishii taate booʼuu jalqabde. Babalʼistuun sunis maaliif akka boossu ishii gaafatte. Yeesiikaan biyya kanatti godaanuu ishii dura baayʼee hiyyeettii waan turteef gaaf tokko nyaata dhabdee akka turte ishiitti himte. Wanti ishiin intala ishiitiif kennuu dandeessu bishaan qofa ture. Yeesiikaan intala ishii raffisuuf uruursaa, Waaqayyo akka ishii gargaaru kadhannaa dhiheessite. Utuma baayʼee hin turin Dhugaa Baatonni lama mana ishii dhufan; Yeesiikaan garuu karaa gaarummaa hin qabneen isaanitti dubbachuudhaan, barreeffama obboleettonni sun ishiidhaaf kennan ni ciccirte. “Nyaanni isin intala kootiif akkan kennu barbaaddan kana dhaa?” jettee isaan gaafatte. Obboleettonni ishii jajjabeessuuf yaalanii kan turan taʼus, utuu isaaniif hin milkaaʼin hafeera. Boodas, zanbiilii nyaata qabate balbala ishii irra kaaʼaniif. Yeesiikaan gaarummaa isaan ishiitti argisiisaniin garaan ishii tuqamee akka turee fi Waaqayyo kadhannaa ishiitiif deebii kennuu isaa utuu hin hubatin waan hafteef gadditee akka turte ni yaadatte. Amma garuu Yihowaa tajaajiluuf murteessiteetti. Arjummaan obboleettonni kun argisiisan buʼaa gaarii argamsiiseera!—Lal. 11:1, 6.
HOJIIWWAN TIʼOOKRAASII IRRATTI HIRMAACHUUF FEDHIIDHAAN OF DHIHEESSUU
9, 10. (a) Haalawwan sabni Waaqayyoo bara durii turan fedhiidhaan of dhiheessuun isaanii itti barbaachisee ture tokko tokko kamfaʼi? (b) Yeroo harʼaatti dhiironni fedhiidhaan of dhiheessan gumii keessatti hojiiwwan barbaachisoo taʼan kamfaa raawwatu?
9 Seenaa Israaʼelootaa durii keessatti haalawwan adda addaa irratti namoonni fedhiidhaan of dhiheessan barbaachisanii turan. (Bau. 36:2; 1 Sen. 29:5; Nah. 11:2) Yeroo harʼaattis, obboloota kee gargaaruuf yeroo kee, qabeenya kee fi dandeettii kee fedhiidhaan kennuuf carraa hedduu qabda. Akkasumas fedhiidhaan of dhiheessuu keetiin gammachuu guddaa fi eebba hedduu argachuu dandeessa.
10 Dubbiin Waaqayyoo dhiirota gumii keessa jiran mirgawwan tajaajilaa adda addaa argachuu fi ilaaltota ol aanaa taʼuuf carraaquudhaan Yihowaa wajjin akka hojjetan isaan jajjabeessa. (1 Xim. 3:1, 8, 9; 1 Phe. 5:2, 3) Obboloonni akkas godhan warra kaan hojiidhaanis taʼe, karaa hafuuraa gargaaruu akka barbaadan argisiisu. (HoE. 6:1-4) Jaarsoliin gumii, keessummeessaa taatee ykn kutaa barreeffamaa keessatti, naannoo tajaajilaa qindeessuu irratti, hojii Galma Walgaʼii suphuu irratti akka tajaajiltu si gaafataniiruu? Obboloonni hojiiwwan kana hojjetan warra kaan gargaaruun hojii baayʼee gammachiisaa taʼe akka taʼe sitti himu.
Hojiiwwan tiʼookraasii irratti fedhiidhaan hirmaachuun michoota haaraa horachuuf carraa hedduu nu bana (Keeyyata 11 ilaali)
11. Obboleettiin tokko michoota yeroo hojiiwwan tiʼookraasii irratti hirmaachaa turetti horatte irraa faayidaa kan argate akkamitti?
11 Namoonni hojiiwwan tiʼookraasii irratti fedhiidhaan of dhiheessan yeroo baayʼee michoota haaraa argatu. Mee haala obboleettii keenya Marjee akka fakkeenyaatti haa ilaallu; waggoota 18iif hojii Galma Walgaʼii ijaaruu irratti hirmaachaa jirti. Waggoota kanatti, dursa fudhattee obboleettota shamarran taʼan hedduudhaaf leenjii kennuu dandeesseetti. Kana malees, hojii ijaarsaa irratti hirmaachuun karaa hafuuraatiin wal jajjabeessuuf carraa baayʼee gaarii taʼe akka taʼetti ilaalti. (Rom. 1:12) Jireenya ishii keessatti yeroo haalli rakkisaa taʼe ishii mudatetti, michoota yeroo hojii ijaarsaa irratti horatte irraa jajjabina argachuu dandeesseetti. Ati hoo hojii ijaarsaa irratti hirmaachuuf fedhiidhaan of dhiheessitee beektaa? Dandeettii qabaatus qabaachuu baatus, fedhiidhaan of dhiheessuu ni dandeessaa?
12. Yeroo balaan gaʼutti gargaarsa akkamii gochuu dandeessa?
12 Yeroo balaan gaʼutti, sabni Waaqayyoo obboloota isaaniitiif gargaarsa qabatamaa gochuudhaan Waaqayyoo wajjin hojjechuuf carraa argatu. Fakkeenyaaf, namoota miidhamaniif qarshii kennuudhaan gargaarsa godhu. (Yoh. 13:34, 35; HoE. 11:27-30) Karaa biraatiin immoo, qulqulleessuudhaan ykn deebisanii ijaaruu irratti hirmaachuudhaan gargaarsa hojiidhaan mulʼatu godhu. Obboleettiin keenya Gabriʼeelaa ishiin Poolaandi keessa jiraattu lolaa cimaan yeroo mana ishii jigsetti, obboloonni gumii ollaa jiran ishii gargaaruuf dhufuu isaanii yommuu argitu baayʼee gammadde. Akkana jetteetti: “Wantan dhabe ilaalchisee homaa dubbachuu hin barbaadu; Isaan miʼawwan qarshiidhaan bitamuu dandaʼani dha. Kanaa mannaa wantoota hedduu argadheen isinitti himuu barbaada. Haalli kun miseensa gumii Kiristiyaanaa taʼuun mirga addaa akka taʼee fi madda gammachuu akka taʼe mirkaneeffachuuf na gargaareera.” Obboloonni balaan erga gaʼe booda gargaarsa argatan kaanis miiruma akkasii qabu. Warri gargaarsa akkasii kennuudhaan Yihowaa wajjin hojjetanis gammachuu guddaa argataniiru.—Hojii Ergamootaa 20:35; 2 Qorontos 9:6, 7 dubbisi.
13. Fedhiidhaan of dhiheessuun walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu kan cimsu akkamitti? Fakkeenya tokko dubbadhu.
13 Istiifaanii fi babalʼistoonni kaan obboloota godaantota gara Yunaayitid Isteetis dhufan gargaaruu irratti Waaqayyoo wajjin hojjechuun isaanii isaan gammachiiseera. Obboloonni kun godaantonni sun manaa fi miʼoota manaa akka argatan gochuudhaan isaan gargaaraniiru. Istiifaaniin akkana jetteetti, “Obboloonni kun jaalala obbolummaa addunyaa maratti argamu ilaalanii gammaduun isaanii fi dinqisiifachuun isaanii nuunis baayʼee nu gammachiiseera.” Itti dabaluudhaan akkana jetteetti: “Maatiiwwan achii dhufan akka nuti isaan gargaarre isaanitti dhagaʼama, dhugaan isaa garuu caalaatti kan nu gargaaran isaani. Jaalalli, tokkummaan, amantiinii fi Yihowaatti amanamuun, isaan irraa argine jaalala Yihowaadhaaf qabnu nuuf cimseera; akkasumas wanta jaarmiyaa isaa irraa argannu kam iyyuu caalaatti akka dinqisiifannu godheera.”
TAJAAJILA KEESSAN BALʼIFADHAA
14, 15. (a) Isaayaas raajichi ilaalcha akkamii akka qabu argisiise? (b) Labsitoonni Mootummichaa yeroo harʼaa jiran, ilaalcha Isaayaas wajjin wal fakkaatu akka qaban argisiisuu kan dandaʼan akkamitti?
14 Caalaatti Yihowaa wajjin hojjechuu ni barbaaddaa? Jaarmiyicha keessatti iddoo hojjetoonni caalaatti barbaachisan deemtee tajaajiluuf fedhii qabdaa? Dhugaa dha, tajaajiltoonni Waaqayyoo arjummaa isaanii argisiisuuf jecha iddoo fagoo deemuun isaanii dirqama miti. Haa taʼu malee, obboloonni tokko tokko akkas gochuu ni dandaʼu. Obboloonni akkasii ilaalcha Isaayaas raajichaa wajjin wal fakkaatu qabu. Yeroo Yihowaan “Eenyunan erga? Eenyutus ergaa nuuf dhaqa?” jedhee gaafatu, Isaayaas “Kunoo, ani jira, ana ergi!” jedhee deebise. (Isa. 6:8) Ati hoo Jaarmiyaa Yihowaa keessatti gargaarsa gochuuf fedhii fi humna qabdaa? Karaawwan kamiin gargaarsa gochuu dandeessa?
15 Yesuus hojii lallabaa fi barattoota gochuu ilaalchisee akkana jedheera: “Midhaan sassaabamu baayʼee dha, hojjettoonni garuu muraasa. Kanaaf Gooftaan makarichaa, hojjettoota gara makara isaatti akka ergu kadhadhaa.” (Mat. 9:37, 38) Tarii qajeelchaa taate iddoo gargaarsi caalaatti barbaachisutti tajaajiluu ni dandeessaa? Yookiin immoo namni kan biraan akkas akka godhu isa gargaaruu ni dandeessaa? Obboloonni hedduun iddoo ykn naannoo hojjettoonni makarichaa caalaatti barbaachisan deemanii tajaajiluun karaa gaarii Waaqayyoo fi namoota akka jaallatan itti argisiisan akka taʼe isaanitti dhagaʼameera. Karaan dabalataa tajaajila kee balʼisuu ykn guddisuu itti dandeessu hoo jiraa? Akkas gochuudhaan gammachuu guddaa argachuu dandeenya.
16, 17. Wanta Yihowaadhaaf hojjettu balʼifachuu yoo barbaadde carraawwan dabalataa akkamii qabda?
16 Betʼel keessatti ykn hojii ijaarsaa irratti yeroo muraasaaf ykn torban keessatti guyyoota muraasa deddeebitee gargaarsa gochuuf fedhii qabdaa? Obboloonni bakka ramadaman kam iyyuu deemuu dandaʼan ykn hojii isaaniif kenname kam iyyuu raawwachuudhaan Yihowaa tajaajilan yeroo hunda ni barbaachisu. Tarii kun, hojii kaan irratti dandeettii ykn muuxannoo kan qaban taʼus, iddoo caalaatti barbaadamanitti tajaajiluu kan dabalatu taʼuu dandaʼa. Yihowaan namoota fedhii isaanii aarsaa gochuudhaan iddoo caalaatti barbaachisanitti ramadamanii tajaajiluuf of dhiheessan baayʼee dinqisiifata.—Far. 110:3.
17 Tajaajila qulqulluu dhiheessuu irratti gaʼumsa kee fooyyeffachuuf leenjiiwwan dabalataa fudhachuuf fedhii qabdaa? Akkas taanaan, Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa galtee barachuuf ulaagaa barbaachisu guutuu dandeessa taʼa. Manni barumsaa kun obboloota karaa hafuuraa cimoo taʼanii fi tajaajila yeroo guutuu keessatti hirmaachaa jiran hojiiwwan tiʼookraasii irratti caalaatti akka hirmaatan isaan leenjisa. Obboloonni mana barumsaa kana irratti barachuu barbaadan, erga eebbifamanii booda hojii kam iyyuu fudhachuuf fedhii qabaachuu qabu. Ati hoo carraa kanatti fayyadamtee caalaatti Yihowaadhaaf hojjechuuf fedhii qabdaa?—1 Qor. 9:23.
18. Yihowaa wajjin guyyaa hundumaa hojjechuu keetiin faayidaa akkamii argatta?
18 Saba Yihowaa waan taaneef, arjummaa, gaarummaa, garraamummaa fi jaalala argisiisuuf kakaana; guyyaa hundumaas waaʼee namootaa ni yaadna. Kana kan goonu yoo taʼe, nagaa fi gammachuu arganna. (Gal. 5:22, 23) Haalli keessatti argamtu maal iyyuu yoo taʼe, arjummaa Yihowaa hordofuudhaanii fi isaa wajjin hojjechuudhaan gammachuu argachuu ni dandeenya!—Fak. 3:9, 10.