LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w18 Muddee ful. 9
  • Ni Yaadattaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ni Yaadattaa?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Karaawwan Kiristiyaanonni maanguddoota taʼan warra kaan itti gargaaruu dandaʼan tokko tokko kamfaʼi?
  • Ni Yaadattaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
  • Yihowaan Namaaf ni Yaada
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
  • “Fuulleettan Isa Morme”
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
  • Hiriyaa Gaaʼelaa Ogummaadhaan Filadhaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
w18 Muddee ful. 9

Ni Yaadattaa?

Barruulee Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti baʼan akka gaariitti dubbisteettaa? Mee gaaffiiwwan kanaa gadii deebisuuf yaali:

Ragaan Kitaaba Qulqulluu Waaqayyo akka nuuf gaddu argisiisu isa kami dha?

Israaʼeloonni garbummaa Gibxii jala yeroo turanitti, Waaqayyo rakkina isaanii hubatee akkasumas isaaniif gaddee ture. (Bau. 3:7; Isa. 63:9) Nutis akka bifa Waaqayyootti waan uumamneef namaaf gadduu ni dandeenya. Yeroo nuti jaalala isaa argachuun akka nuuf hin malle nutti dhagaʼamutti illee inni nuuf ni gadda.—wp18.3, ful. 8-9.

Barumsi Yesuus namoonni halaalatti jibbuu akka moʼan kan isaan gargaare akkamitti?

Yihudoonni bara Yesuusitti turan hedduun halaalatti namoota jibbu turan. Kiristoos gad of qabuun barbaachisaa akka taʼe ibseera akkasumas sanyiidhaan boonuu balaaleffateera. Duuka buutonni isaa akka obbolootaatti akka wal ilaalan isaan gorseera.—w18.06, ful. 9-10.

Sababii Waaqayyo Museen Biyyattii Abdachiifamtetti akka hin galle dhowwe irraa maal baranna?

Museen Yihowaa wajjin hariiroo cimaa qaba ture. (Kes. 34:10) Adeemsi waggaa 40f lafa onaa keessatti gochaa turan xumuramuu jala yommuu gaʼutti, bishaan dhabamuu isaatiin kan kaʼe sabichi ammas ni gungume. Waaqayyo kattaatti akka dubbatu Museetti hime. Haa taʼu malee, Museen katticha ni rukute. Yihowaan kan aare Museen qajeelfama isaa waan hin hordofneef ykn dinqii raawwatameef Waaqayyoof ulfina waan hin kennineef taʼuu dandaʼa. (Lak. 20:6-12) Kun Yihowaadhaaf ajajamuu fi isaaf ulfina fiduun barbaachisaa taʼuu isaa nu barsiisuu qaba.—w18.07, ful. 13-14.

Wanta alaan mulʼatu ilaallee yoo murteessine salphaadhumatti dogoggoruu kan dandeenyu akkamitti?

Kallattiiwwan wantoonni alaan mulʼatan namoota hedduu irratti dhiibbaa itti godhan sadii jiru: isaanis, sanyii ykn qomoo, haala dinagdee fi umurii dha. Akka Waaqayyo inni hin loogne ilaalutti namoota ilaaluun keenya barbaachisaa dha! (HoE. 10:34, 35)—w18.08, ful. 8-12.

Karaawwan Kiristiyaanonni maanguddoota taʼan warra kaan itti gargaaruu dandaʼan tokko tokko kamfaʼi?

Kiristiyaanni maanguddoon hojii isaa irratti jijjiiramni godhame tokko Waaqayyo duratti iddoo guddaa qabaachuu fi warra kaan gargaaruu irratti waan hedduu hojjechuu isaa itti fufuu dandaʼa. Hiriyaa gaaʼelaa dhugaa baatuu hin taane gargaaruu, warra qabbanaaʼan gargaaruu, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessuu fi tajaajila isaa balʼifachuu dandaʼa.—w18.09, ful. 8-11.

Kiristiyaanonni Meeshaalee Buʼuuraa Barsiisuuf Itti Fayyadaman akkamii qabu?

Kaardiiwwan teessoo fi waraqaan afeerrii jiru. Tiraaktonni akka gaariitti qophaaʼan saddeet akkasumas barruun Masaraan Eegumsaa fi Dammaqaa! jiru. Meeshaaleen kun birooshuroota muraasa, kitaabota ittiin qoʼachiisnu lama akkasumas viidiyoo Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuu kan Qabnu Maaliifi? jedhamu dabalatee viidiyoowwan gaggaariin afur jiru.—w18.10, ful. 16.

Akkuma Fakkeenya 23:23 irratti gorfamne Kiristiyaanni tokko ‘dhugaa bitachuu,’ (NW) kan dandaʼu akkamitti?

Dhugaadhaaf qarshii hin kaffallu. Haa taʼu malee, dhugaa kana bitachuuf, yeroo ramaduu fi carraaqqii gochuu nu barbaachisa.—w18.11, ful. 4.

Akkaataa Hoseʼaan haadha manaa isaa Gomer itti qabe irraa maal barachuu dandeenya?

Gomer irra deddeebitee ejja kan raawwatte taʼus, Hoseʼaan dhiifama ishiidhaaf gochuudhaan ishii wajjin jiraachuu isaa itti fufeera. Hiriyaan gaaʼelaa Kiristiyaana tokkoo ejja yoo raawwate, hiriyaan gaaʼelaa inni amanamaa taʼe dhiifama gochuu ni dandaʼa. Inni ykn ishiin deebiʼanii saalqunnamtii raawwachuu isaanii yoo itti fufan, hiikuudhaaf deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qaban.—w18.12, ful. 13.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi