LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp19 Lakk. 1 ful. 4-5
  • Maqaan Waaqayyoo Eenyu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Maqaan Waaqayyoo Eenyu?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • MAQAAN WAAQAYYOO BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?
  • MAQAAN KUN HIIKA MAALII QABA?
  • Maqaa Waaqayyoo
    Dammaqaa!—2017
  • Maqaa Yihowaa Isa Guddaadhaaf Ulfina Kennaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Barbaachisummaa Maqaa Waaqayyoofi-Hiikasaa
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Maqaa Waaqayyoo Beektaa? Itti Hoo Ni Fayyadamtaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
wp19 Lakk. 1 ful. 4-5

Maqaan Waaqayyoo Eenyu?

Nama tokko wajjin wal baruuf yommuu yaaltu tarii jalqabarratti, “Maqaan kee eenyu?” jettee gaafatta taʼa. Gaaffii kana utuu Waaqayyoon gaafattee maal jedhee siif deebisa?

“Ani Yihowaa dha, maqaan koos isa kana.”—Isaayyaas 42:8.

Maqaan kun siif haaraadhaa? Hiiktonni Kitaaba Qulqulluu hedduun maqaa Waaqayyoo darbee darbee qofa waan itti fayyadamaniif ykn guutummaatti waan itti hin fayyadamneef haaraa sitti taʼuu dandaʼa. Yeroo baayʼee maqaa ulfinaa “GOOFTAA” ykn “Waaqayyo” jedhuun bakka buusu. Taʼus maqaan Waaqayyoo afaan jalqaba Kitaabni Qulqulluun ittiin barreeffame keessatti gara al 7,000 argama. Maqaan kun qubee Afaan Ibrootaa dubbifamoo taʼanii fi YHWH jedhaniin bakka buʼan afur kan qabu yeroo taʼu, Afaan Oromootiin “Yihowaa” jedhamee hiikamuudhaan beekama.

Maqaa Waaqayyoo Maraa Kitaabaa Galaana Duʼaa keessatti argamu

Dh.K.B. jaarraa tokkoffaa, AFAAN IBROOTAA

Maqaa Waaqayyoo hiika Kitaaba Qulqulluu Afaan Ingiliffaa Tiindal keessatti argamu

Hiika Tiindal 1530, INGILIFFA

Maqaa Waaqayyoo hiika Kitaaba Qulqulluu Afaan Ispeen Reenaa Vaaleeraa jedhamu keessatti argamu

Hiika Reenaa Vaaleeraa 1602, AFAAN ISPEEN

Maqaa Waaqayyoo hiika Kitaaba Qulqulluu Afaan Chaayinaa Yuuniyeen jedhamu keessatti argamu

Hiika Yuuniyeen 1919, AFAAN CHAAYINAA

Maqaan Waaqayyoo guutummaa Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa fi hiikawwan hedduu keessatti ni argama

MAQAAN WAAQAYYOO BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

Maqaan kun Waaqayyoof barbaachisaadha. Namni kamiyyuu Waaqayyoof maqaa baasuu hin dandaʼu; maqaa kana kan ofii isaatiif filate isumadha. Yihowaan, “Bara baraaf maqaan koo isa kana; dhalootaa hamma dhalootaattis kanaan nan yaadatama” jedheera. (Baʼuu 3:15) Maqaan Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti, maqaawwan ulfinaa isaa kan akka Hundumaa kan Dandaʼu, Abbaa, Gooftaa ykn Waaqayyo jedhamanii fi maqaawwan namootaa kan akka Abrahaam, Musee, Daawit ykn Yesuus caalaa baayʼinaan argama. Kana malees, Yihowaan maqaansaa akka beekamu barbaada. Kitaabni Qulqulluun, “Ati inni maqaan kee Yihowaa taʼe, guutummaa lafaa irratti kophaa kee Isa Hundaa Olii taʼuu kee namoonni haa beekan” jedha.—Faarfannaa 83:18.

Maqaan kun Yesuusiif barbaachisaadha. Kadhannaa Abbaa ykn Kadhannaa Gooftaa jedhamee isa beekamu keessatti, Yesuus duuka buutonnisaa “Maqaan kee haa qulqullaaʼu” jedhanii akka kadhatan isaan barsiiseera. (Maatewos 6:9) Yesuusis, “Yaa Abbaa, maqaa keetiif ulfina kenni” jedhee Waaqayyotti kadhannaa dhiheesseera. (Yohaannis 12:28) Yesuus jireenyasaa keessatti hundumaa caalaa maqaa Waaqayyootiif ulfina kenneera, kanaan kan kaʼes, “Maqaa kee isaanitti beeksiseera; gara fuulduraattis nan beeksisa” jechuu dandaʼeera.—Yohaannis 17:26.

Maqaan kun warra Waaqayyoon beekaniif barbaachisaadha. Sabni Waaqayyoo bara durii jiraatan eegumsaa fi fayyina argachuunsaanii maqaa Waaqayyoo isa adda taʼe wajjin akka wal qabate hubatanii turan. “Maqaan Yihowaa masaraa cimaa dha. Namni qajeelaan achitti fiigee eegumsa argata.” (Fakkeenya 18:10) “Namni maqaa Yihowaa waammatu hundi ni fayya.” (Yooʼel 2:32) Kitaabni Qulqulluun maqaan Waaqayyoo namoota isa tajaajilan adda baasee akka beeksisu dubbata. “Namoonni hundi tokkoon tokkoon isaanii maqaa waaqa isaaniitiin ni deddeebiʼu, nuti garuu baraa hamma bara baraatti maqaa Waaqa keenya Yihowaatiin ni deddeebina.”—Miikiyaas 4:5; Hojii Ergamootaa 15:14.

MAQAAN KUN HIIKA MAALII QABA?

Maqaan kun hunda caalaa Waaqayyoon adda baasee beeksisa. Hayyoonni hedduun maqaan Yihowaa jedhu, “Akka Taʼu Godha” jechuu akka taʼe irratti walii galu. Yihowaan waaʼee ofiisaa Museedhaan, “Wantan Taʼuu Filadhu Nan Taʼa” yeroo jedhetti hiika maqaansaa qabu ifa godheera. (Baʼuu 3:14) Kanaafuu, maqaan Waaqayyoo, inni Uumaa wanta hunda gara jireenyaatti fide taʼuusaa argisiisuu caalaa waan ibsu qaba. Maqaansaa dandeettii inni kaayyoosaa galmaan gaʼuuf innis taʼe uumamnisaa wanta barbaachisu hunda akka taʼan gochuuf qabu argisiisa. Maqaawwan ulfinaa taayitaa ykn humna Waaqayyoo argisiisuu kan dandaʼan taʼus, eenyummaasaa fi wanta inni taʼuu dandaʼu hundumaa kan argisiisu maqaasaa isa Yihowaa jedhamu qofadha.

Maqaan kun jaalala Waaqayyo nuuf qabu argisiisa. Hiikni maqaa Waaqayyoo, jaalala inni nuun dabalatee uumama isaatiif qabu argisiisa. Kana malees, Waaqayyo maqaansaa akka beekamu gochuunsaa, akka isa beeknu akka barbaadu argisiisa. Utuu nuti isa hin gaafatin dursa fudhatee maqaasaa kan nutti hime isadha. Dhugumayyuu Waaqayyo akka qaama waaʼeesaa beekuun hin dandaʼamnee fi nurraa fagoo taʼeetti utuu hin taʼin, akka qaama isatti dhihaachuu dandeenyu tokkootti akka isa ilaallu barbaada.—Faarfannaa 73:28.

Maqaa Waaqayyootti fayyadamuun jaalala isaaf qabnu argisiisa. Kana fakkeenyaan ibsuuf, namni michuu godhachuu barbaaddu tokko maqaa keetiin akka si waamu gaafatte haa jennu. Namichi kun irra deddeebiʼee maqaa keetti fayyadamuu yoo dide maaltu sitti dhagaʼama? Yeroo booda, namichi kun dhugumaan sitti michoomuu kan barbaadu taʼuusaa shakkuun kee hin oolu. Waaqayyo wajjin haala wal qabateenis haallisaa akkasuma. Yihowaan maqaasaa namootatti himeera; maqaa kanatti akka fayyadamnus nu jajjabeesseera. Maqaa kanatti yommuu fayyadamnu, isatti dhihaachuu akka barbaannu Yihowaatti argisiisna. Kana malees, inni ‘warra maqaa isaa irratti xiinxalan [ykn, “maqaa isaatiif iddoo guddaa kennan,” miiljalee]’ ni hubata.—Miilkiyaas 3:16.

Maqaa Waaqayyoo barachuun, isa beekuuf tarkaanfii isa jalqabaati. Haa taʼu malee, wanti gochuu qabnu kan biraanis jira. Qaama maqaa kana duuba jiru beekuu nu barbaachisa. Amaloonnisaa maalfaa akka taʼan barachuu qabna.

MAQAAN WAAQAYYOO EENYU? Maqaan Waaqayyoo Yihowaadha. Maqaan kun Waaqayyo qaama kaayyoosaa galmaan gaʼuu dandaʼu taʼuusaa adda baasee beeksisa

WAAQAYYOON EENYUTU UUME?

Gaaffiin kun gaaffii namoonni baayʼeen gaafatanidha. Tarii atis gaaffii akkasii gaafattee beekta taʼa. Gaaffiin kun akkasitti kaaʼamuu dandaʼa: Hawaa fi wantoonni isa keessatti argaman hundi jalqaba ykn uumaa kan qaban erga taʼee, Waaqayyoon hoo eenyutu uume?

Saayintistoonni wantoonni hawaa keessa jiran jalqaba akka qaban irratti walii galu. Yaada buʼuuraa kana wajjin haala wal simuun caqasni Kitaaba Qulqulluu inni jalqabaa, “Jalqaba irratti Waaqayyo samiiwwanii fi lafa uume” jedha.—Uumama 1:1.

Hawaan ofuma isaatiin of uumuu hin dandaʼu; wanta hin jirrerraa dhufuu hin dandaʼu. Wanti hin jirre wanta jiru argamsiisuu hin dandaʼu. Hawaan jiraachuusaa dura homtuu hin jiru utuu taʼee, yeroo harʼaa hawaan hin jiraatu ture. Guutummaatti hubachuun kan nutti ulfaatu taʼus, qaamni hafuuraa barabaraaf jiraatuu fi wantoonni kun akka jiraatan godhe jiraachuu qaba. Wantoonni kun akka jiraatan kan godhe Yihowaa isa humna guddaa qabuu fi qaama hafuuraa ogeessa taʼedha. —Yohaannis 4:24.

Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyoon ilaalchisee, “Gaaronni dhalachuu isaanii dura yookiin lafaa fi lafa oomisha kennitu uumuu kee dura, bara baraa hamma bara baraatti ati Waaqa dha” jedha. (Faarfannaa 90:2) Kanaafuu Waaqayyo yeroo hundumaa jira. “Jalqaba irratti” hawaa kan uumes isadha.—Mulʼata 4:11.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi