LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w19 Amajjii ful. 31
  • Miseensa Qaama Ol Aanaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Miseensa Qaama Ol Aanaa Haaraa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Miseensa Qaama Olaanaa Haaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Obboloota Dhiheenya Kana Miseensota Qaama Olaanaa Taʼan Lama
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Qaamni Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa Maalidha?
    Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
  • Walgaʼii Seena Qabeessa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
w19 Amajjii ful. 31
Keeneez Kuukii fi haadha manaa isaa Jaamee

Keeneez Kuukii fi haadha manaa isaa Jaamee

Miseensa Qaama Ol Aanaa Haaraa

AMAJJII 24, 2018 Roobii ganama miseensonni maatii Betʼel Yunaayitid Isteetisii fi Kaanaadaa beeksisa addaa “Obboleessi keenya Keeneez Kuuk miseensa Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa Taʼeera” jedhu dhagaʼan.

Obboleessi keenya Kuuk dhalatee kan guddate kibba giddu galeessa Pensilvaaniyaa Yunaayitid Isteetisitti dha. Dhugaa kan dhagaʼe mana barumsa sadarkaa lammaffaa xumuruu isaa yeroo muraasa dura hiriyaa wajjin baratu irraa siʼa taʼu Waxabajjii 7, 1980⁠tti of murteessuudhaan cuuphameera. Fulbaana 1, 1982⁠tti qajeelchaa yeroo hundaa taʼuudhaan tajaajila yeroo guutuu jalqabe. Waggaa lamaaf qajeelchaa taʼee erga tajaajilee booda gara Betʼel isa Woolkiil, Niiwu Yoorkitti argamutti kan afeerame siʼa taʼu, Onkoloolessa 12, 1984⁠tti hojii jalqabe.

Waggoota 25 sana booda turanitti Obboleessi keenya Kuuk kutaa Maxxansaa fi Waajjiroota Betʼel dabalatee iddoo baayʼeerra hojjeteera. Bara 1996 obboleettii Jaamee jedhamtu wajjin gaaʼela kan godhatan siʼa taʼu, ishiinis Betʼel isa Woolkiiltti argamu keessatti isaa wajjin tajaajiluu jalqabdeetti. Muddee 2009 obboleessi keenya Kuukii fi haati manaa isaa gara Wiirtuu Barumsaa Masaraa Eegumsaa Paatarsan, Niiwu Yoorkitti argamutti kan jijjiiraman siʼa taʼu, obboleessi keenya Kuuk Kutaa Xalayaatti ramadame. Achiis Ebla 2016 gara Woolkiilitti erga jijjiiramanii utuma baayʼee hin turin, gara Biruukiliin, Niwuu Yoorkitti jijjiiraman. Jiʼa shan booda, gara waajjira muummee Waarwiik, Niiwu Yoorkitti galan. Amajjii 2017, obboleessi keenya Kuuk gargaaraa Koree Barreeffamaa Qaama Ol Aanaa taʼee muudame.

Qaamni Ol Aanaan yeroo ammaa obboloota dibamoo saddeet of keessaa qaba:

Keeneez Kuuk; Saamuʼel Hardi; Jeefrii Jaaksan; Isteefan Leet; Geerit Loosh; Antoonii Mooriis 3⁠ffaa; Maarki Saandarsan; Deevid Ispileen

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi