LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 1/12 ful. 3
  • Saanduqa Gaaffii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Saanduqa Gaaffii
  • Tajaajila Mootummaa—2012
Tajaajila Mootummaa—2012
km 1/12 ful. 3

Saanduqa Gaaffii

◼ Kiristiyaanonni, dhaqna qabaafi hoodaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabu?

Dhaqna qabaan dhiirotaa, “milikkita” saba Waaqayyoo warra Seera Musee jala jiran addaan baasee beeksisu ture; Kiristiyaanotaaf garuu ‘waan barbaachisaa’ isaanirraa eegamu miti. (Uma. 17:11; HoE. 15:⁠1, 2, 28, 29; Gal. 5:⁠6) Kanaaf, yeroo ammaatti dhaqna qabachuunis taʼe qabachuu dhiisuun Waaqayyo duratti jijjiirama hin fidu. (1 Qor. 7:​18-20) Warri, ilmasaanii dhaqna qabsiisuu yoo yaadan, kana kan godhan maaliif akka taʼe qoruunsaanii barbaachisaadha. Namoonni biyya lafaa hedduun, mucichi dhaqna qabamuunsaa gaʼeessummaatti ceʼuusaafi miseensa qomoo sanaa taʼuusaa argisiisa jedhanii yaaduudhaan ykn ulfina argachuuf jecha cidha ni qopheessu. Haataʼu malee Yesus, Kiristiyaanonni dhugaan ‘kan biyya lafaa akka hin taane’ dubbateera. (Yoh. 17:14) Kana malees, fedhiin keenya Yihowaadhaaf ulfina kennuu waan taʼeef, kooruufi ulfina walirraa fudhachuu hin barbaannu. (Yoh. 5:44) Qorannoowwan godhaman dhaqna qabaan fayyaadhaaf akka gargaaru waan argisiisaniif, biyyoota tokko tokkotti fayyaadhaaf jecha dhiira dhaqna qabuun baramaadha. Warri mucichaa sababiinsaanii kana yoo taʼe, fakkeenya Caaffata Qulqullaaʼoo hordofuudhaan mucichi erga dhalatee guyyoota muraasa booda, jechuunis yeroo salphaa taʼetti dhaqna qabsiisuunsaanii gaarii taʼa.​—⁠Lew. 12:⁠3.

Dhaqna qabaan durbaa garuu Macaafa Qulqulluu keessatti kan hin caqasamne taʼuusaarrayyuu, sabni Waaqayyoo warri amanamoo taʼan kana akka godhan wanti ibsame hin jiru. Yeroo harʼaatti akkaataan itti durba dhaqna qabaniifi baayʼinni gocha kanaa naannoo addaddaatti garaagara taʼus, yeroo baayʼee gochi kun qaama saalaa durbaa muruu kan dabalatudha. Jaartiin hojii akkasii hojjechuudhaan galii argatan tokko, gocha kana raawwachuusaaniitiif sababa addaddaa dhiheessu taʼa. Haataʼu malee, gochi kun gama fayyaatiin faayidaa argamsiisa jechuun akka hin dandaʼamne beekamaadha. Kanaa mannaa, yeroo baayʼee dhukkuba hin fayyine dabalatee dhukkuba cimaadhaaf, dhala dhabuudhaafi yeroo tokko tokkommoo garmalee dhiiguu ykn madaaʼuusaatiin kan kaʼe duʼaaf saaxiluu dandaʼa. Shamarran duʼarraa oolanillee, akkuma intala erga dhaqna qabattee waggoota muraasa booda, “Yommuun waaʼeesaa yaadu, keessa kootti akkan duʼe natti dhagaʼama” jette tokkoo isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa.

Gochi kun barbaachisummaa kan hin qabne taʼuusaarrayyuu balaa akkasii waan geessisuuf, nama tokko miidhuu ykn garmalee dhiphisuu wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu kan akka Filiphisiiyus 2:4; 4:5⁠fi Qolosaayis 3:12⁠rra jiranii wajjinis guutummaatti kan wal faallessudha. Durba dhaqan qabuun gocha Kiristiyaanonni raawwachuu hin qabnedha. Barruun Dammaqaa! Waxabajjii 22, 1985 (Ingiliffa), akkasumas Onkoloolessa 1993 (Amaariffa) dhimma kana ilaalchisee yaada balʼaa qabateera.

Haaluma wal fakkaatuun, hawaasawwan tokko tokko hoodawwan daʼumsa, duʼa, lakkuu, laguu dubartiifi wantoota gara biraa wajjin wal qabatan qabu. Seerawwan wantoota tokko tokko harkaan akka hin tuqne, akka hin nyaanne ykn akka hin dhugne, akka hin ilaalle, uffata taʼe tokko akka hin uffanne, karaa taʼe tokkoon akka hin dabarre ykn yeroo taʼe tokkotti wanta tokko akka hin raawwanneefi k.k.f. dhowwan jiru. Dubbiin Waaqayyoo Kiristiyaanni tokko hoodawwan akkasii akka hordofu waan hin ajajneef, gochawwan kun wantoota ‘jireenya keessan isa abboota keessanirraa isinitti darbeefi waaʼee hin baafne,’ akkasumas ‘gowwoomsaa waan tokko of keessaa hin qabneefi barsiisa amala namaa’ jedhaman keessaa tokko akka taʼan ilaaluu dandeenya. (1 Phe. 1:18; Qol. 2:⁠8) Kiristiyaanonni yeroo ammaatti argaman, gama kanaan gorsa Galaatiyaa 4:​9-11⁠rra jiru hojiirra oolchuu qabu. Kanaaf, Kiristiyaanonni dhugaan, ‘Hoodawwan gorsa Yihowaa isa mudaa hin qabnee wajjin wal faallessan akkasii hordofaan jiraa?’ jedhanii of gaafachuunsaanii barbaachisaadha.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi