LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 1/12 ful. 6
  • Akkaataa Dhiheenyaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Akkaataa Dhiheenyaa
  • Tajaajila Mootummaa—2012
Tajaajila Mootummaa—2012
km 1/12 ful. 6

Akkaataa Dhiheenyaa

Jiʼa Jiʼaan, Sanbadduraa Isa Jalqabaatti Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru

“Namoonni lammiifi amantii garaagaraa qaban guyyaa guyyaadhaan kadhannaa ni dhiheessu. Waaqayyo kadhannaawwan hunda kan dhagaʼuufi deebii kan kennu sitti fakkaataa?” Hanga deebii kennutti eegi. Achiis, Masaraa Eegumsaa Onkoloolessaa-Muddee 2011 kenniifiitii, yaada mataduree xiqqaa isa jalqabaa fuula 24⁠rra jirurratti mariʼadhaa. Yoo xinnaate caqasa tokko dubbisiif. Barruulee kana erga kenniteefii booda, guyyaa gaaffii itti aanu deebisuuf deebitee itti dhaqxu beellama qabadhu.

Onkoloolessaa-Muddee

“Ijoollee xixinnoo waaʼee Waaqayyoo barsiisuu qabnamoo, hamma guddatanii amantii mataasaanii filatanitti eeguu qabna jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Macaafni Qulqulluun abbootiin maal akka godhan akka ajaju hubadhu. [Efesoon 6:4 dubbisiif.] Barruun kun, warri ijoolleesaanii waaʼee Waaqayyoo akkamitti barsiisuu akka dandaʼan yaada kenna.”

Dammaqaa! Guraandhala

“Yeroo harʼaa namoonni hedduun intarneetiidhaan wal qunnamuun isaan gammachiisa. Haala kanaan wal qunnamuun miidhaa kan qabu sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Macaafni Qulqulluun seerawwan buʼuuraa karaa miidhaa hin geessisneen intarneetiitti fayyadamuuf nu gargaaran qabateera. [Fuula 6-9 baasiitii, gaaffiiwwan achirra jiran keessaa isa tokkorratti mariʼadhaa; akkasumas caqasa tokko dubbisiitii irratti mariʼadhaa.] Barruun kun balaawwan yeroo intarneetiidhaan namootaa wajjin wal qunnamtu si mudachuu dandaʼan beekuufi irraa fagaachuuf si gargaara.”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi