LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 1/12 ful. 6
  • Beeksisa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Beeksisa
  • Tajaajila Mootummaa—2012
Tajaajila Mootummaa—2012
km 1/12 ful. 6

Beeksisa

◼ Barreeffamoota raabsaman, Amajjii: Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? Guyyuma jalqabaatti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqii godhaa. Guraandhala: Gammachuu Maatii. Bitootessa: Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? Guyyuma jalqabaatti qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf carraaqqii godhaa. Ebla: Barruulee Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! Nama fedhii qabu yoo argattan, tiraaktii Dhugaasaa Beekuu Barbaaddaa? jedhamu kennaafiitii qayyabannaa jalqabsiisuuf carraaqqii godhaa.

◼ Keessumaa magaalota keessatti namoota naannoo gara biraatii dhufaniifi barreeffamoota afaan ofiisaaniitiin qophaaʼan dubbisuu barbaadan ni arganna. Kanaafuu, fakkeenyaaf naannoowwan caalaatti Amaariffi itti dubbatamuttillee, namoota qooqasaaniitiin dubbisuu barbaadan akka qalbeeffattaniifi afaan kan biraatiinis barreeffama akka qabattan isin jajjabeessina. Yookiinimmoo, namoonni naannoo keessanii hedduun qooqa lama kan dubbatan yoo taʼe, afaan lamaaniinuu barreeffamoota qabachuudhaan kan barbaadan akka filatan godhaa. Ilaaltonni olaanaa tajaajilaa barreeffamoota barbaachisan afaan addaddaatiin fakkeenyaaf, tiraaktota afaan Ingiliffaa, afaan Chaayinaa, afaan Oromoo, afaan Sidaamaa, Tigriffaafi afaan Walaayittaatiin akka ajajan isaan gaafanna. Kitaabni Barumsa Macaafa Qulqulluufi kitaabni Seenaa Macaafa Qulqulluus afaanota kanaan ni argamu. Kana malees, kitaaba Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu (OA) fi Lafarra Jannata Keessa Bara Baraan Jiraachuu Ni Dandeessa (TI); Bara Baraaf Gammachuudhaan Lafarra Jiraadhu (OA, DM, TI fi WL); Daandii Jireenya Barabaraatti Geessu (TI fi WL); Waaqayyoo Nurraa Maal Barbaada? (TI fi WL); Jaallee Waaqayyoo (DM fi WL); Ekeraa Namoota Duʼanii (OA, DM, TI fi WL); Maqaa Waaqayyoo (TI); Sillaasee (WL); akkasumas Dhugaa Baatota Yihowaa Addunyaa Maratti Qaama Tokko Taʼuudhaan Fedha Yihowaa Raawwatan (TI). Barreeffamoota addaddaa qabachuun keessan tajaajila keessan caalaatti buʼa qabeessa akka godhu ni abdanna.

◼ Guraandhalaa kaasee, haasaan sabaa haaraan ilaaltonni olaanaa aanaa dhiheessan matadureensaa “Yihowaatti Ni Amanamtuu?” kan jedhu taʼa.

◼ BARREEFFAMOOTA HAARAA NU HARKA JIRAN: Ingiliffa: Indeeksii 2001-2010; CDwwan faarfannaawwan sagaleedhaan waraabaman qabatan, Lakk. 3fi 4.

◼ BARREEFFAMOOTA AMMAS NUU ERGAMAN: Amaariffa: Raajii Daaniʼel.

◼ Namoota ijisaanii dadhabe gargaaruuf, Masaraa Eegumsaa Amajjii 15, 2012⁠tii kaasee, maxxansi qayyabannaa qubeensaa gurguddaa taʼe weebsaayitii jw.org jedhamurraa daawun loodii godhamuu akka dandaʼu yeroo isin beeksisnu gammachuutu nutti dhagaʼama.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi