Sagantaa Torban Guraandhala 6 Jalqabu
TORBAN GURAANDHALA 6 JALQABU
Faarfannaa 10fi Kadhannaa
□ Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Gumii:
wp08 2/1 ful. 29 (Daq. 25)
□ Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasii:
Dubbisa M.Q.: Isa. 47-51 (Daq. 10)
Lakk. 1: Isa. 51:1-11 (Daq. 4 ykn isaa gadi)
Lakk. 2: Leenjii Caaffata Qulqullaaʼoorratti Hundaaʼeefi Maatii Qoqqoodame Keessatti Ijoolleedhaaf Kennamu—fy ful. 133-134, key. 12-15 (Daq. 5)
Lakk. 3: Waaqni Jaalalaa Nama Kamiyyuu Maaliif Balleessa?—2 Tas. 1:6-9 (Daq. 5)
□ Walgaʼii Tajaajilaa:
Daq. 3: Beeksisa.
Daq. 10: Waaʼee Neetwarkii Hawaasaa Wantan Beekuu Qabu—Kutaa 2. Dammaqaa! Hagayya 2011 fuula 10-13 (Amaariffa) fi Guraandhala 2012 fuula 8-9rratti (Amaariffa) hundaaʼee haasaadhaan kan dhihaatu.
Daq. 15: “‘Nama Hundumaaf’ Lallabaa” Gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu. Kaayyoo birooshuroota hundumaa isa miiltoo Tajaajila Mootummaa kanaarratti ibsamerratti mariʼadhaa. Achiis, birooshura namoota naannoo tajaajilaa keessanitti argaman fayyadu lama filadhaa. Birooshuroota lamaanirratti erga mariʼattanii booda, hojiin argisiisni akkamitti akka raabsaman argisiisu akka dhihaatu godhi.
Daq. 7: Yaadawwan Jiʼa Guraandhalaatti Barruulee Raabsuuf Gargaaran. Mareedhaan kan dhihaatu. Daqiiqaa tokkoo hanga lamaa fudhadhuutii matadureewwan namoota naannoo keessanii hawwatan muraasa ibsi. Achiis, matadureewwan qola Masaraa Eegumsaa jalatti baʼan fayyadamuudhaan, dhaggeeffattoonni gaaffii fedhii namaa kakaasu akkamii gaafachuufi caqasa kam dubbisuu akka yaadan gaafadhu. Matadureewwan qola Dammaqaa! jala jiranii wajjin haala wal qabateenis akkasuma godhi. Barruuleen lamaanuu akkamitti akka raabsaman hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.
Faarfannaa 44fi Kadhannaa