Dhibee Fayyaa Akka Tasaa Uumamuuf Of Qopheessiteettaa?
Dhibeen fayyaa akkuma tasaa uumamuu dandaʼa. (Yaq. 4:14) Kanaafuu, namni hubataa taʼe hamma dandaʼametti dursee ni qophaaʼa. (Fak. 22:3) Yaalii fayyaa sii godhamuufi akkamitti akka sii godhamu murteessitee, barreeffamaan keesseettaa? DVD Tiraanisfiiwuushin-Ooltarneetiivsi—Dookmantarii Siiriis jedhamurratti, matadureen Tiraanisfiiwuushin-Ooltarneetiiv Halzi Keer—Miitiingi Peeshanti Niidsi eendi Raayitis jedhamu si gargaaruuf kan qophaaʼedha. Viidiyoo kana erga ilaaltee booda, gaaffiiwwan asii gadi jiran deebisuuf yaali. Viidiyoon kun yommuu yaaliin dhaqna baqaqsanii hodhuu godhamu hamma tokko waan argisiisuuf, warri, ijoolleensaanii xixinnoon ilaaluu akka qabaniifi akka hin qabne itti yaadanii murteessuu qabu.
(1) Ogeessonni fayyaa tokko tokko yaalii fayyaa dhiiga kennuudhaan godhan irra deebiʼanii kan gamaaggaman maaliifi? (2) Baqaqsanii hodhuu ciccimaa dhiiga malee raawwataman sadii caqasi. (3) Doktooronni kumaatamni qaama baqaqsanii hodhan, dhiiga utuu hin kennin yaalii fayyaa gochuuf fedhii kan qabaatan maaliifi? (4) Dhiigatti fayyadamuu ilaalchisee, qoʼannoowwan dhiheenya kana mana yaalaatti godhaman maal argisiisu? (5) Balaawwan dhiiga fudhachuu wajjin wal qabatan maalfaʼi? (6) Ogeeyyiin fayyaa hedduun, faayidaa malawwan dhiiga malee yaalii gochuuf dandeessisan qaban ilaalchisee murtoo maaliirra gaʼaniiru? (7) Dhukkuba hirʼina dhiigaa kan fidu maalidha? Rakkina kana sirreessuuf maal gochuutu dandaʼama? (8) Qaama nama dhukkubsate tokkoo keessatti, seelii dhiiga diimaa baayʼisuun kan dandaʼamu akkamitti? (9) Yeroo qaamni baqaqfamutti malawwan dhiigni baayʼeen akka hin dhangalaane gochuuf gargaaran kamfaʼi? (10) Yaaliin fayyaa malawwan bakka dhiigaa kennamaniin godhamu ijoolleef ykn namoota balaawwan akka tasaa isaanirra gaʼaniifis kan hojjetudhaa? (11) Amalawwan yaalii gaarii taʼe kennuuf akka qajeelfamaatti gargaaran gurguddaa keessaa inni tokko maalidha?
Yaaliiwwan viidiyoo sanarratti argine keessaa tokko tokko fudhachuufi dhiisuun dhageettii yaada garaa keenyaarratti hundoofnee kan murteessinu waan taʼeef, yaalii fayyaa fudhattuufi hin fudhanne murteessuuf hamma rakkinni uumamutti hin eegin. Kitaabni “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa” jedhamu boqonnaan 7fi barreeffamoonni akka ragaatti caqasaman, akkasumas miiltoon Tajaajila Mootummaa Sadaasa 2006 wanta baratterratti hundooftee murtoo mataakee akka gootu si gargaaru. Kaardii Qajeelfama Yaalii Fayyaa isa obboloota cuuphamaniif qophaaʼerratti filannaakee guuti; kaardii kanas yeroo hundumaa qabadhu.
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 5rra jiru]
Yaalii fayyaa sii godhamuufi akkamitti akka sii godhamu murteessitee barreeffamaan keesseettaa?